Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.3.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Amos
Amos
3
GAX
BSB
A
a
Amos 3
3
Amos
Messages to Israel
Guji Oromo Bible
Israel
, person
Egypt
, place
Samaria
, place
Bethel
, place
Ashdod
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Ee kolbaa Israa'elii, dubbii Mootiin Waan Maraa isin worra biyya Gibxi'ii keessaa baase maratti dubbatu tana dhage'a'a!
BSB
BSB:
Hear this word that the LORD has spoken against you, O children of Israel, against the whole family that I brought up out of the land of Egypt:
2
GAX
Inni, «Ani kolbaa biyya lafaa keessaa isin callaa filadhe; tanaaf cubbuu teessan maraaf ani isin hin adaba» jedheera.
BSB
BSB:
“Only you have I known from all the families of the earth; therefore I will punish you for all your iniquities.”
3
GAX
Nami lama woliin deemiisaaf adoo wolii hin galin karaa hin deemanii?
BSB
BSB:
Can two walk together without agreeing where to go?
4
GAX
Neenqi gongomaa keessatti waan adansee nyaatu adoo hin dhaggin dhangaa hin dhowaa? Neenqi dardarri waan tokko adoo hin qabatin mandhee ifii keessaa hin gurura'aa?
BSB
BSB:
Does a lion roar in the forest when he has no prey? Does a young lion growl in his den if he has caught nothing?
5
GAX
Sinbirreen fonxoroo adoo itti hin afamin lafa irratti tiyyoo keessa hin seentii?
BSB
BSB:
Does a bird land in a snare where no bait has been set? Does a trap spring from the ground when it has nothing to catch?
6
GAX
Tultullaan lolaa qachaa keessatti yennaa afuufamu, kolbaan hin sodaattuu ree? Mootiin Waan Maraa adoo hin eeyyamin wonni hantuun qacha'atti hin dhuttii ree?
BSB
BSB:
If a ram’s horn sounds in a city, do the people not tremble? If calamity comes to a city, has not the LORD caused it?
7
GAX
Dhugumaan Goottaan, Mootiin Waan Maraa dhossaa jirtu tajaajiltoota ifii raagotatti adoo hin mudhisin waan tokkolle hin godhu.
BSB
BSB:
Surely the Lord GOD does nothing without revealing His plan to His servants the prophets.
8
GAX
Neenqa dhangaa dhowe, ka hin sodaanne eennu ree? Mootiin Waan Maraa eega itti dubbatte, ka raaga hin dubbanne eennu ree?
BSB
BSB:
The lion has roared—who will not fear? The Lord GOD has spoken—who will not prophesy?
9
GAX
Kushee jajjadduu Ashidoodiitii fi kushee jajjadduu biyya Gibxi'iititti lallaba'aatii, «Gaara Samaariya'aa irratti wolitti qabama'a; hogaa isii keessaatii fi cunqursaa odduu kolbaa isi'ii jiru ilaala'a» jedha'aan.
BSB
BSB:
Proclaim to the citadels of Ashdod and to the citadels of Egypt: “Assemble on the mountains of Samaria; see the great unrest in the city and the acts of oppression in her midst.”
10
GAX
Mootiin Waan Maraa, «Isaan waan sirrii te'e attam akka hujanu hin beekanu; waan hunnaan nama irratti ka'anee saamaneen mana ifii guutatan» jedha.
BSB
BSB:
“For they know not how to do right,” declares the LORD. “They store up violence and destruction in their citadels.”
11
GAX
Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Diinni lafa hin qabata; kushee jajjadduu teessan diigee mana keessanille hin saama» jedha.
BSB
BSB:
Therefore this is what the Lord GOD says: “An enemy will surround the land; he will pull down your strongholds and plunder your citadels.”
12
GAX
Mootiin Waan Maraa, «Akkuma tisseen afaan neenqaa irraa lafee lukaa lama yookiin gurra ciccitaa callaa buufattu, Israa'elooti Samaariyaa keessatti qaccee taqee ifii irra, Damaasqoo keessattille taqee gaggabaadduu ifii irra tee'anu, akkasuma hin hafan» jedha.
BSB
BSB:
This is what the LORD says: “As the shepherd snatches from the mouth of the lion two legs or a piece of an ear, so the Israelites dwelling in Samaria will be rescued having just the corner of a bed or the cushion of a couch.
13
GAX
Goottaan Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, «Tana dhage'a'aatii sanyii Yaaqoobii irratti dhugaa baya'a.
BSB
BSB:
Hear and testify against the house of Jacob, declares the Lord GOD, the God of Hosts.
14
GAX
Guyyaa ani marroo cubbuu isaaniitiif Israa'eloota adabu, addee ciinca'aa ta Bet'elii hin diiga; gaafoti addee ciinca'aa muramanee lafa harca'an.
BSB
BSB:
On the day I punish Israel for their transgressions, I will visit destruction on the altars of Bethel; the horns of the altar will be cut off, and they will fall to the ground.
15
GAX
Ani mana isaan yennaa gannaatii fi yennaa bonaa keessa tee'anu mara hin diiga; manni ilka arbaatiin seefamee ijaarame marti hin bada; Galmi gugurdaalle barbadeeffamee bada» jedha.
BSB
BSB:
I will tear down the winter house along with the summer house; the houses of ivory will also perish, and the great houses will come to an end,” declares the LORD.
Chapter complete
You’ve read Amos 3
Chapter 3 of 9 in Amos
Up next
Amos 4
Read Amos 4
Back to Amos 2
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Amos 3
Ask Study Help
Ask anything about Amos 3
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Amos 2
Amos 3
Amos 4