Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.2.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Amos
Amos
5
GAX
BSB
A
a
Amos 5
5
Amos
Messages to Israel
Guji Oromo Bible
Israel
, person
Joseph
, person
Bethel
, place
Damascus
, place
Gilgal
, place
Beersheba
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Ee kolbaa Israa'elii wolaloo gaddaa ta ani marroo teessaniif dubbadhu tana dhage'a'a:
BSB
BSB:
Hear this word, O house of Israel, this lamentation I take up against you:
2
GAX
Israa'eliin akka durraa jiddeerti; deebiteelle hin kaatu; lafuma ifii keessatti gatante; nami isii ol kaasulle hin jiru.
BSB
BSB:
“Fallen is Virgin Israel, never to rise again. She lies abandoned on her land, with no one to raise her up.”
3
GAX
Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Qachaan guddichi Israa'elii ka loltoota kuma duula baase, isaan keessaa loltoota dhibba qofatti isaaf hafa. Qachaan loltoota dhibba duula baase, isaan keessaa loltoota kudhan qofatti isaaf hafa» jedha.
BSB
BSB:
This is what the Lord GOD says: “The city that marches out a thousand strong will have but a hundred left, and the one that marches out a hundred strong will have but ten left in the house of Israel.”
4
GAX
Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiin, «Ana barbaadadha'aatii, jiru'uun jiraadha'a!
BSB
BSB:
For this is what the LORD says to the house of Israel: “Seek Me and live!
5
GAX
Giilgal dhugumaan waan booji'antuuf, Bet'elille waan woy hin baaneef, Bet'el hin barbaadina'a; Giilgal hin dhaqina'a Bersheebaalle hin dhaqina'a» jedha.
BSB
BSB:
Do not seek Bethel or go to Gilgal; do not journey to Beersheba, for Gilgal will surely go into exile, and Bethel will come to nothing.
6
GAX
Mootii Waan Maraa barbaadadha'aatii jiru'uun jiraadha'a; yoo akkas hin te'in inni kolbaa Israa'elii akka ibiddaa luxub hin godha; worra Bet'eliille ibiddi hin fixa; nami isa irraa dhaanfulle hin jiru.
BSB
BSB:
Seek the LORD and live, or He will sweep like fire through the house of Joseph; it will devour everything, with no one at Bethel to extinguish it.
7
GAX
Worri haqa gara hadha'aatitti jijjiirtanu, dhugaalle ka lafatti gattanu isiniif aanne'e!
BSB
BSB:
There are those who turn justice into wormwood and cast righteousness to the ground.
8
GAX
Urjoota, «Torbii» jedhamanu ka dade, urjoota, «Sadee» jedhamanulle ka dade, dukkana gara ifa guyya'aa, guyyaalle dukkaneessee gara halkanii ka jijjiiru, bisaan abbaaya'aa waamee, lafa irra akka lola'u ka godhu, maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti!
BSB
BSB:
He who made the Pleiades and Orion, who turns darkness into dawn and darkens day into night, who summons the waters of the sea and pours them over the face of the earth—the LORD is His name—
9
GAX
Inni kushee jadduu hin bobeessa; qachaa guddaa dalleenni dhaka'aa jabaan itti ijaarame irralle'etti badii hin fida.
BSB
BSB:
He flashes destruction on the strong, so that fury comes upon the stronghold.
10
GAX
Isin badhinna mura'aatitti nama dhuga'aaf falmu jibbitan; nama dhugaa dubbatu tuffattan.
BSB
BSB:
There are those who hate the one who reproves in the gate and despise him who speaks with integrity.
11
GAX
Isin worra hiyyeeyyii cunqursitan; hunnaan akka isaan midhaan kennanu gootan. Tanaaf, isin dhakaa bocameen mana ijaarrattanulle, achi keessa hin leetanu. Isin muka woyni'ii ka isin gammachiisu dhaabattanulle, daadhii woyni'ii irraa hin untanu.
BSB
BSB:
Therefore, because you trample on the poor and exact from him a tax of grain, you will never live in the stone houses you have built; you will never drink the wine from the lush vineyards you have planted.
12
GAX
Yakkaan teessan attam bacaa akka teetee fi cubbuun teessan attam attam guddoo akka teete ani hin beeka. Isin worra balchaa cunqursitanee, safuu irraa fudhattanee, worri hiyyeeyyiin badhinna kora mura'aatitti haqa akka hin dhagganne gootan.
BSB
BSB:
For I know that your transgressions are many and your sins are numerous. You oppress the righteous by taking bribes; you deprive the poor of justice in the gate.
13
GAX
Tanaaf barri hamaa waan te'eef, yennaa akkasiititti nami qalbeeffataan cadhi hin jedha.
BSB
BSB:
Therefore, the prudent keep silent in such times, for the days are evil.
14
GAX
Isin jiru'uun akka jiraattanuuf, waan dansaa malee waan hantuu hin barbaadina'a. Achiin duuba akkuma isin jettanu Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u isin woliin hin jiraata.
BSB
BSB:
Seek good, not evil, so that you may live. And the LORD, the God of Hosts, will be with you, as you have claimed.
15
GAX
Waan hantuu jibba'aatii, waan dansaa jaaladha'a; badhinna kora mura'aatitti haqi akka jiraatu godha'a. Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u kolbaa Israa'elii worra hafeef hin marara fa te'a.
BSB
BSB:
Hate evil and love good; establish justice in the gate. Perhaps the LORD, the God of Hosts, will be gracious to the remnant of Joseph.”
16
GAX
Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, «Karaa mara irratti wiiccifati bowaa, woldeennaa kara'aa mara irratti iyyi farraa hin teeti. Qonnaan bultooti bowaaf, worri boochisulle wiiccifatiisaaf hin waamaman.
BSB
BSB:
Therefore this is what the LORD, the God of Hosts, the Lord, says: “There will be wailing in all the public squares and cries of ‘Alas! Alas!’ in all the streets. The farmer will be summoned to mourn, and the mourners to wail.
17
GAX
Oorruu woyni'ii mara keessatti wiiccifati bowaa hin te'a; ani isin adabiisaaf odduu teessan waan dabaruuf, tun marti isin irratti hin teeti» jedha.
BSB
BSB:
There will be wailing in all the vineyards, for I will pass through your midst,” says the LORD.
18
GAX
Isin worri guyyaa Mootii Waan Maraa halchitanu isiniif aanne'e! Isin maaf guyyaa Mootii Waan Maraa halchitan? Guyyaan sun guyyaa dukkanaa ti malee ifaa moti.
BSB
BSB:
Woe to you who long for the Day of the LORD! What will the Day of the LORD be for you? It will be darkness and not light.
19
GAX
Guyyaan sun akka nama neenqa duraa adoo dheetuu doobba'atti dhufuu, yookiin isa duralle'ee bayee mana ifiititti galee dhaaba manaa yennaa qabatu dhudhuufaan idduu ti.
BSB
BSB:
It will be like a man who flees from a lion, only to encounter a bear, or who enters his house and rests his hand against the wall, only to be bitten by a snake.
20
GAX
Guyyaan Mootii Waan Maraa sun ifa adoo hin te'in, dukkana dimma wililleettiin ifaa keessa hin jirree motii ree?
BSB
BSB:
Will not the Day of the LORD be darkness and not light, even gloom with no brightness in it?
21
GAX
Mootiin Waan Maraa, «Ani jila teessan mara jibbee, tuffadhe; yaa'iin teessanille na hin gammachiittu.
BSB
BSB:
“I hate, I despise your feasts! I cannot stand the stench of your solemn assemblies.
22
GAX
Isin kennansa gubamuu fi kennansa midhaanii naaf dhikeessitanulle, ani hin fudhadhu. Horii gagabbaa kennansa tokkumma'aatiif dhikeessitanulle, ani hin ilaalu.
BSB
BSB:
Even though you offer Me burnt offerings and grain offerings, I will not accept them; for your peace offerings of fattened cattle I will have no regard.
23
GAX
Iyya faaruu teessanii na irraa fageessa'a; ani yoyyoma kiraara guddicha keessanii hin caqasu.
BSB
BSB:
Take away from Me the noise of your songs! I will not listen to the music of your harps.
24
GAX
Ammoo haqi akka bisaan lagaa, balchummaalle akka madda hin gonnee lolaatuu ti.
BSB
BSB:
But let justice roll on like a river, and righteousness like an ever-flowing stream.
25
GAX
«Ee kolbaa Israa'el, woggaa afurtama goomolee keessatti isin ciinca'aa fi kennansa naaf dhikeessitaneertanii ree?
BSB
BSB:
Did you bring Me sacrifices and offerings forty years in the wilderness, O house of Israel?
26
GAX
Waan ifumaaf hujjane, mootii keessan waaqa dharaa, ka, ‹Saakuut› jedhamuu fi waaqa dharaa ka fakkii urji'ii, ka ‹Kiiyoon› jedhamu ba'attan.
BSB
BSB:
You have taken along Sakkuth your king and Kaiwan your star god, the idols you made for yourselves.
27
GAX
Tanaaf ani qachaa Damaasqo'oo irraa fagaattanee akka isin booji'antanu hin godha» jedha; maqaan isaa Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara Dande'u.
BSB
BSB:
Therefore I will send you into exile beyond Damascus,” says the LORD, whose name is the God of Hosts.
Chapter complete
You’ve read Amos 5
Chapter 5 of 9 in Amos
Up next
Amos 6
Read Amos 6
Back to Amos 4
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Amos 5
Ask Study Help
Ask anything about Amos 5
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Amos 4
Amos 5
Amos 6