Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.8.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Exod
Exodus
17
GAX
BSB
A
a
Exodus 17
17
Exodus
The sea crossing and the wilderness
Guji Oromo Bible
Moses
, person
Amalek
, place
Israel
, person
Joshua
, person
Aaron
, person
Hur
, person
Rephidim
, place
Egypt
, place
5 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Kolbaan Israa'elii marti akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje goomolee «Siin» jedhantuu ka'anee, addee takka irraa gara addee takkaa adoo deddeemanuu, lafa «Refiidiim» jedhantu qubatane; addee san ammoo bisaan unanu hin jiru.
BSB
BSB:
Then the whole congregation of Israel left the Desert of Sin, moving from place to place as the LORD commanded. They camped at Rephidim, but there was no water for the people to drink.
2
GAX
Tanaaf isaan «Bisaan unnu nuuf kenni» jedhanee Muuse'etti moromaa kaasane. Muuseen deebisee, «Isin maaf moromaa natti kaachan? Mootii Waan Maraalle maaf haga ilaaltan?» jedhe.
BSB
BSB:
So the people contended with Moses, “Give us water to drink.” “Why do you contend with me?” Moses replied. “Why do you test the LORD?”
3
GAX
Kolbaan ammoo akka malee dheebottee, «Nuuti, ijoolleen teennaa fi horiin keenna dheebu'uun akka dhumannuuf ati biyya Gibxi'ii keessaa nu baattee?» jedhanee Muuse'een wol dhabane.
BSB
BSB:
But the people thirsted for water there, and they grumbled against Moses: “Why have you brought us out of Egypt—to make us and our children and livestock die of thirst?”
4
GAX
Achiin duuba Muuseen, «Ani kolbaa tana maan godha? Kunoo isaan dhaka'aan na tumiisaaf qopheeffataneeran» jedhee, gara Mootii Waan Maraa iyye.
BSB
BSB:
Then Moses cried out to the LORD, “What should I do with these people? A little more and they will stone me!”
5
GAX
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Sooressitoota kolbaa Israa'elii keessaa garii fudhadhuutii, ulee teeti ta laga Nayiliitiin dhoottelle qabadhuutii, kolba'aan dura deemi.
BSB
BSB:
And the LORD said to Moses, “Walk on ahead of the people and take some of the elders of Israel with you. Take along in your hand the staff with which you struck the Nile, and go.
6
GAX
Anille gaara Siina'aatitti rassaa irra si dura hin dhaabbadha; ati rassaa san hin dhootta; akka kolbaan untuuf, bisaan rassaa san keessaa hin burqa» jedhe. Muuseelle sooressitoota Israa'elii duratti akkasuma godhe.
BSB
BSB:
Behold, I will stand there before you by the rock at Horeb. And when you strike the rock, water will come out of it for the people to drink.” So Moses did this in the sight of the elders of Israel.
7
GAX
Israa'elooti, «Mootiin Waan Maraa nu woliin jira moo hin jiru?» jedhanee, moromaa waan kaasaneef, Muuseen maqaa addee sanii, «Mariibaa» jedhee moggaase; Mootii Waan Maraalle haga waan ilaalaneef, inni maqaa addee sanii, «Maasaa» jedhee moggaase.
BSB
BSB:
He named the place Massah and Meribah because the Israelites quarreled, and because they tested the LORD, saying, “Is the LORD among us or not?”
8
GAX
Amaaleqooti Refiidiim dhuttee Israa'eloota lolte.
BSB
BSB:
After this, the Amalekites came and attacked the Israelites at Rephidim.
9
GAX
Muuseelle Iyaasu'uun, «Namoota keenna keessaa filiitii dhaqii Amaaleqoota loli. Anille ulee Waaqi akka ani bilbaasa ittiin hojjadhuuf naaf kenne qabadhee kooba gubbaa hin dhaabbadha» jedhe.
BSB
BSB:
So Moses said to Joshua, “Choose some of our men and go out to fight the Amalekites. Tomorrow I will stand on the hilltop with the staff of God in my hand.”
10
GAX
Iyaasuulle akkuma Muuseen isa ajaje dhaqee Amaaleqoota lole; Muuseen, Aaronii fi Huur kooba gubba'atti ol bayane.
BSB
BSB:
Joshua did as Moses had instructed him and fought against the Amalekites, while Moses, Aaron, and Hur went up to the top of the hill.
11
GAX
Yennaa Muuseen harka ifii ol kaase, Israa'elooti injifataa turte; yennaa inni harka ifii gad buufate ammoo Amaaleqooti injifataa turte.
BSB
BSB:
As long as Moses held up his hands, Israel prevailed; but when he lowered them, Amalek prevailed.
12
GAX
Harki Muuse'ee yennaa dadhabu, Aaronii fi Huur dhakaa fidanee isa jala keyane; innille irra tee'e. Tokko gara middaatiin, kuun gara bita'aatiin haga aduun seentutti, harki isaa akka gad hin buune kiphane.
BSB
BSB:
When Moses’ hands grew heavy, they took a stone and put it under him, and he sat on it. Then Aaron and Hur held his hands up, one on each side, so that his hands remained steady until the sun went down.
13
GAX
Akka kanaan Iyaasuun shallaaga'aan Amaaleqoota injifate.
BSB
BSB:
So Joshua overwhelmed Amalek and his army with the sword.
14
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Yennaa maraaf qaabbii akka teetu dabarsii injifannoo tanaa kitaaba maramaa kana irratti barreessi. Anille Amaaleqoota ijjumaa lafa irraa akka balleessu Iyaasu'utti himi» jedhe.
BSB
BSB:
Then the LORD said to Moses, “Write this on a scroll as a reminder and recite it to Joshua, because I will utterly blot out the memory of Amalek from under heaven.”
15
GAX
Muuseen addee ciinca'aa ijaaree, «Mootiin Waan Maraa baandiraa kiyya» jedhee moggaase.
BSB
BSB:
And Moses built an altar and named it The LORD Is My Banner.
16
GAX
Itti dabaleelle, «Harki kiyya gara barcumaa mootumma'aa ka Mootii Waan Maraa waan diriirfameeruuf, Mootiin Waan Maraa dhalootaa haga dhalootaatitti Amaaleqoota hin lola» jedhe.
BSB
BSB:
“Indeed,” he said, “a hand was lifted up toward the throne of the LORD. The LORD will war against Amalek from generation to generation.”
Chapter complete
You’ve read Exodus 17
Chapter 17 of 40 in Exodus
Up next
Exodus 18
Read Exodus 18
Back to Exodus 16
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Exodus 17
A question this chapter raises
Did Moses write the first five books?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Exodus 16
Exodus 17
Exodus 18