Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.13.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Exod
Exodus
20
GAX
BSB
A
a
Exodus 20
20
Exodus
The covenant at Sinai
Guji Oromo Bible
Moses
, person
Israel
, person
Egypt
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Waaqi jechoota asii gad jiru kana mara dubbate:
BSB
BSB:
And God spoke all these words:
2
GAX
«Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti, ka lafa garbumma'aa, biyya Gibxi'ii keessaa si baase.
BSB
BSB:
“I am the LORD your God, who brought you out of the land of Egypt, out of the house of slavery.
3
GAX
«Ana malee waaqota dhibii hin waaqonfatin.
BSB
BSB:
You shall have no other gods before Me.
4
GAX
«Bifa waan ol-gubbaa jiruutiin yookiin waan lafa irra jiruutiin yookiin waan bisaan keessa jiruutiin, bifa waan tokkootille'een waaqa dharaa hin hujatin.
BSB
BSB:
You shall not make for yourself an idol in the form of anything in the heavens above, on the earth below, or in the waters beneath.
5
GAX
Isaaniif hin sagadin; isaan hin waaqonfatinille'e. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa hinaatticha waan te'eef, worra na jibbu sababa cubbuu abbootii isaaniitiif, ijoollee isaanii haga dhaloota sadiitii fi afuriititti hin adaba.
BSB
BSB:
You shall not bow down to them or worship them; for I, the LORD your God, am a jealous God, visiting the iniquity of the fathers on their children to the third and fourth generations of those who hate Me,
6
GAX
Worra na jaalatuu fi worra ajaja kiyya eegatu ammoo dhaloota isaanii haga dhaloota kumaatitti jaalala kiyya ka bara baraa isaanitti hin mudhisa.
BSB
BSB:
but showing loving devotion to a thousand generations of those who love Me and keep My commandments.
7
GAX
«Ani Mootiin Waan Maraa nama maqaa kiyya akkasumaan dhowu adabu malee waan hin lakkinneef, maqaa kiyya akkasumaan hin dhowin.
BSB
BSB:
You shall not take the name of the LORD your God in vain, for the LORD will not leave anyone unpunished who takes His name in vain.
8
GAX
«Guyyaa Sanbataa woyyoonsiisaaf qaabadhu!
BSB
BSB:
Remember the Sabbath day by keeping it holy.
9
GAX
Guyyaa jaa elowiitii hujii teeti mara hujadhu.
BSB
BSB:
Six days you shall labor and do all your work,
10
GAX
Guyyaan torbeesso'oo ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif guyyaa fooraa ti; guyyaa san ati, ijoolleen teeti ta dhiiraatii fi ta durraa, tajaajiltooti teeti ta dhiiraatii fi ta durraa, horiin keetii fi nami alagaan si bira jiru marti hujii tokkolle hin hujin.
BSB
BSB:
but the seventh day is a Sabbath to the LORD your God, on which you must not do any work—neither you, nor your son or daughter, nor your manservant or maidservant or livestock, nor the foreigner within your gates.
11
GAX
Ani Mootiin Waan Maraa guyyaa jaa keessatti ol-gubbaa, lafa, abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru mara dade; guyyaa torbeesso'oo ammoo foorfadhe; tanaaf ani Mootiin Waan Maraa guyyaa Sanbataa eebbisee woyyoonse.
BSB
BSB:
For in six days the LORD made the heavens and the earth and the sea and all that is in them, but on the seventh day He rested. Therefore the LORD blessed the Sabbath day and set it apart as holy.
12
GAX
«Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'iif kennu keessatti bara dheeraa akka leetu, abba'aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.
BSB
BSB:
Honor your father and mother, so that your days may be long in the land that the LORD your God is giving you.
13
GAX
«Hin ijjeesin;
BSB
BSB:
You shall not murder.
14
GAX
«Hin gaarayyeeffatin;
BSB
BSB:
You shall not commit adultery.
15
GAX
«Hin hatin;
BSB
BSB:
You shall not steal.
16
GAX
«Nama irratti dharaan dhugaa hin bayin;
BSB
BSB:
You shall not bear false witness against your neighbor.
17
GAX
«Mana namaa hin kajeelin; haadha manaa isaa, tajaajilaa isaa, tajaajiltuu isaa, loon isaa, harree isaa, karra isaa mara hin kajeelin» jedhe.
BSB
BSB:
You shall not covet your neighbor’s house. You shall not covet your neighbor’s wife, or his manservant or maidservant, or his ox or donkey, or anything that belongs to your neighbor.”
18
GAX
Kolbaan sun mandiisu'uu fi balaqqeettii yennaa dhaggite, tultullaa afuufamu dhageettee, gaarri aaruun yennaa dhaggite soda'aan hollattee, fagaattee dhaabbattee,
BSB
BSB:
When all the people witnessed the thunder and lightning, the sounding of the ram’s horn, and the mountain enveloped in smoke, they trembled and stood at a distance.
19
GAX
Muuse'een, «Nuuti akka hin duune, Waaqi nu woliin akka dubbatu hin godhin; atinuu nu woliin dubbadhu; nuuti hin caqanna» jette.
BSB
BSB:
“Speak to us yourself and we will listen,” they said to Moses. “But do not let God speak to us, or we will die.”
20
GAX
Muuseen kolbaa saniin, «Hin sodaatina'a! Sodaan Waaqaa isin bira jiraattee, cubbuu hujiisa irraa akka isin eedduuf, Waaqi haga isin ilaaliisaaf dhufeera» jedhe.
BSB
BSB:
“Do not be afraid,” Moses replied. “For God has come to test you, so that the fear of Him may be before you, to keep you from sinning.”
21
GAX
Kolbaan irraa fagaattee dhaabbatteertuun, Muuseen addee Waaqi jiru gara duumensa ciggaa dukkanowaa sanii dhikaate.
BSB
BSB:
And the people stood at a distance as Moses approached the thick darkness where God was.
22
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani ol-gubbaa irraa akka isinitti dubbadhe isinuu dhaggitaneertan;
BSB
BSB:
Then the LORD said to Moses, “This is what you are to tell the Israelites: ‘You have seen for yourselves that I have spoken to you from heaven.
23
GAX
isin ana malee, waaqota meeti'ii fi worqii irraa hujattanee hin waaqonfatina'a.
BSB
BSB:
You are not to make any gods alongside Me; you are not to make for yourselves gods of silver or gold.
24
GAX
« ‹Ati addee ciinca'aa faara irraa naaf hujiitii, isa irratti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa hoolee, re'e'ee fi loon keeti keessaa dhikeessi. Ani addee maqaa kiyya akka itti waamamu godhe san gara keeti dhufee si hin eebbisa.
BSB
BSB:
You are to make for Me an altar of earth, and sacrifice on it your burnt offerings and peace offerings, your sheep and goats and cattle. In every place where I cause My name to be remembered, I will come to you and bless you.
25
GAX
Ati dhaka'aan addee ciinca'aa naaf yoo ijaartu teete, meya ittiin boccu saniin waan batteessituuf, dhakaa bocameen hin ijaarin.
BSB
BSB:
Now if you make an altar of stones for Me, you must not build it with stones shaped by tools; for if you use a chisel on it, you will defile it.
26
GAX
Nafi keeti qullaa akka hin mudhanneef, yaabbannoo irra gara addee ciinca'aa tiyyatti ol hin bayin jedha› jedhiin» jedhe.
BSB
BSB:
And you must not go up to My altar on steps, lest your nakedness be exposed on it.’
Chapter complete
You’ve read Exodus 20
Chapter 20 of 40 in Exodus
Up next
Exodus 21
Read Exodus 21
Back to Exodus 19
Go Deeper
Commentary
What the commentators say on Exodus 20
A question this chapter raises
Isn’t a jealous God insecure?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Exodus 19
Exodus 20
Exodus 21