Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.14.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Exod
Exodus
22
GAX
BSB
A
a
Exodus 22
22
Exodus
The covenant at Sinai
Guji Oromo Bible
Egypt
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
«Nami tokko qotiyyoo tokko yookiin hoolee hatee yoo qalate yookiin yoo gurgurate, qooda qotiyyoo tokko sanii qotiyyoo shan, qooda hoolee takkattii sanii hoolee afur kaffaluu ti.
BSB
BSB:
“If a man steals an ox or a sheep and slaughters or sells it, he must repay five oxen for an ox and four sheep for a sheep.
2
GAX
Hattichi tokko balbala cassee adoo seenuu qabamee tumamee, yoo du'e, dhiiga isaa ka dhangalaafameef gumaan hin jiru.
BSB
BSB:
If a thief is caught breaking in and is beaten to death, no one shall be guilty of bloodshed.
3
GAX
Aduun baateen duuba yoo ijjeefame garuu, ka ijjeese sun yakkaamessa hin te'a. «Hattichi qabame sun waan hate san kaffaluu qaba; inni womaa yoo hin qabaanne teete ammoo, waan hate san kaffaliisaaf inninuu gurguramuu ti.
BSB
BSB:
But if it happens after sunrise, there is guilt for his bloodshed. A thief must make full restitution; if he has nothing, he himself shall be sold for his theft.
4
GAX
«Horiin inni hate sun kormi yookiin hooleen yookiin harreen lubbu'uun adoo jiranuu harka isaatitti yoo dhaggamane, waan tokkoof dachaa lama kaffaluu ti.
BSB
BSB:
If what was stolen is actually found alive in his possession—whether ox or donkey or sheep—he must pay back double.
5
GAX
«Nami tokko horii ifii fichaa keessa yookiin oorruu woyni'ii keessa akka dheedanu gad lakkisee, midhaan nama dhibi'ii yoo nyaatane, fichaa ifii dansaa irraa yookiin oorruu woynii ifii dansaa irraa nama saniif kaffaluu ti.
BSB
BSB:
If a man grazes his livestock in a field or vineyard and allows them to stray so that they graze in someone else’s field, he must make restitution from the best of his own field or vineyard.
6
GAX
«Ibiddi tokko ka'ee daggala qabatee, tuulaa midhaanii yookiin midhaan fichaa keessaa yoo nyaate, nami ibidda qassiise sun gatii midhaan sanii guutuu kaffaluu ti.
BSB
BSB:
If a fire breaks out and spreads to thornbushes so that it consumes stacked or standing grain, or the whole field, the one who started the fire must make full restitution.
7
GAX
«Nami tokko beesee yookiin meya ifii akka isaaf massu namatti kennatee, mana nama sanii keessaa hattuun yoo hatte, hatichi sun yoo qabame dachaa lama kaffaluu ti.
BSB
BSB:
If a man gives his neighbor money or goods for safekeeping and they are stolen from the neighbor’s house, the thief, if caught, must pay back double.
8
GAX
Hattichi sun yoo dhabame ammoo, abbaan manaa meya nama sanii akka hatee hin jirre kakatiisaaf, abbootii mura'aa dura dhikaatuu ti.
BSB
BSB:
If the thief is not found, the owner of the house must appear before the judges to determine whether he has taken his neighbor’s property.
9
GAX
«Nami tokko qotiyyoo tokko, harree takka, hoolee takka, woyaa yookiin qabeenna te'e maraayyuu seera malee qabateeruun, ka dhibiin, ‹Kun kiyya› jedhee, moromaan yoo kaate, worri wol morome sun lamaanuu haajaa san abbootiin mura'aa dura dhikeessanuu ti; nami abbootiin mura'aa yakkaa itti murte sun nama saniif dachaa lama kaffaluu ti.
BSB
BSB:
In all cases of illegal possession of an ox, a donkey, a sheep, a garment, or any lost item that someone claims, ‘This is mine,’ both parties shall bring their cases before the judges. The one whom the judges find guilty must pay back double to his neighbor.
10
GAX
«Nami tokko harree takka, qotiyyoo tokko, hoolee takka yookiin horii dhibiille nama bira keyateeruun horiin sun yoo du'e yookiin yoo miidhame yookiin nami adoo hin dhaggin yoo fudhatame,
BSB
BSB:
If a man gives a donkey, an ox, a sheep, or any other animal to be cared for by his neighbor, but it dies or is injured or stolen while no one is watching,
11
GAX
nami horii bira keyatane sun horii nama sanii akka fudhatee hin jirre abbootii mura'aa duratti kakatuu ti; abbaan hori'ii sunille yaada kana fudhatuu qaba; kaffaltiin hin jiraatin.
BSB
BSB:
an oath before the LORD shall be made between the parties to determine whether or not the man has taken his neighbor’s property. The owner must accept the oath and require no restitution.
12
GAX
Horiin sun nama bira keyatane san biraa yoo hatamee jiraate ammoo nami sun kaffaluu ti.
BSB
BSB:
But if the animal was actually stolen from the neighbor, he must make restitution to the owner.
13
GAX
Horii san bineensi yoo nyaatee jiraate, mirkaneessiisaaf, raqa bineensi nyaatee hafe san dhikeessuu ti; horii nyaatameef kaffaltiin hin jiraatin.
BSB
BSB:
If the animal was torn to pieces, he shall bring it as evidence; he need not make restitution for the torn carcass.
14
GAX
«Nami tokko horii nama irraa ergifatee, horii sun adoo abbaan hori'ii sun bira hin jiraatin yoo miidhame yookiin yoo du'e, abbaan ergifate sun kaffaluu ti.
BSB
BSB:
If a man borrows an animal from his neighbor and it is injured or dies while its owner is not present, he must make full restitution.
15
GAX
Abbaan hori'ii sun yoo bira jiraate ammoo, abbaan ergifate sun hin kaffalin; horiin sun yoo kireeffamee jiraate, beeseen kira'aaf kaffalante sun gatii horii saniitiif kaffalantuu ti.
BSB
BSB:
If the owner was present, no restitution is required. If the animal was rented, the fee covers the loss.
16
GAX
«Nami tokko durra hin kadhatamin sossobee bantii isi'ii yoo balleesse, maraa isi'ii kennee isii fuudhuu ti.
BSB
BSB:
If a man seduces a virgin who is not pledged in marriage and sleeps with her, he must pay the full dowry for her to be his wife.
17
GAX
Abbaan isi'ii isaaf kenniisa yoo didate, nami sun goronsa banti'ii kennuu ti.
BSB
BSB:
If her father absolutely refuses to give her to him, the man still must pay an amount comparable to the bridal price of a virgin.
18
GAX
«Dubartiin falfaltu ijjeefantuu ti.
BSB
BSB:
You must not allow a sorceress to live.
19
GAX
«Nami horii woliin rafe ijjeefamuu ti.
BSB
BSB:
Whoever lies with an animal must surely be put to death.
20
GAX
«Ana Mootii Waan Maraatiif malee, nami waaqota dhibi'iif ciincaa dhikeessu ijjeefamuu ti.
BSB
BSB:
If anyone sacrifices to any god other than the LORD alone, he must be set apart for destruction.
21
GAX
«Isinille biyya Gibxi'ii keessatti alagaa waan teetaneertanuuf, alagaa hin miidhina'a yookiin hin cunqursina'a.
BSB
BSB:
You must not exploit or oppress a foreign resident, for you yourselves were foreigners in the land of Egypt.
22
GAX
«Haadha hiyyeessaa yookiin ijoollee abba'aa fi haadha hin qanne gad hin qabina'a
BSB
BSB:
You must not mistreat any widow or orphan.
23
GAX
Isin yoo isaan gad qaddanee isaan gara kiyya iyyane, dhugumaan ani iyya isaanii hin dhage'a.
BSB
BSB:
If you do mistreat them, and they cry out to Me in distress, I will surely hear their cry.
24
GAX
Ani isinitti aaree, shallaaga'aan isin hin ijjeesa; niitiin teessan haadha hiyyeessaa hin teeti; ijoolleen teessanille ta abbaa hin qanne hin teeti.
BSB
BSB:
My anger will be kindled, and I will kill you with the sword; then your wives will become widows and your children will be fatherless.
25
GAX
«Kolbaa tiyya keessaa nama hiyyeessaaf beesee yoo liqeessitane, akka nama dhalaan liqeessuu isatti hin te'ina'a; dhala isa hin gaafatina'a.
BSB
BSB:
If you lend money to one of My people among you who is poor, you must not act as a creditor to him; you are not to charge him interest.
26
GAX
Woyaa namaa qaddii yoo qabattane, adoo aduun hin seenin isaaf deebisa'a.
BSB
BSB:
If you take your neighbor’s cloak as collateral, return it to him by sunset,
27
GAX
Wonni inni nafa ifiitiin gollatu tana qofa waan teeteef, maan uffatee rafa ree? Yoo inni gara kiyya iyye, ani mararaa waan te'eef, isaaf hin dhage'a.
BSB
BSB:
because his cloak is the only covering he has for his body. What else will he sleep in? And if he cries out to Me, I will hear, for I am compassionate.
28
GAX
«Waaqa hin faanshessina'a yookiin bulchaa kolbaa teessanii hin abaarina'a.
BSB
BSB:
You must not blaspheme God or curse the ruler of your people.
29
GAX
«Midhaan haammattanee galfattanu keessaa mataa naa kenniisaaf hin rincicina'a. «Ilmaan teessan keessaa angafa naaf kenna'a.
BSB
BSB:
You must not hold back offerings from your granaries or vats. You are to give Me the firstborn of your sons.
30
GAX
Loonii fi hoolee teessan keessalle'ee akkasuma tolcha'a; isaan guyyaa torba haadha ifii woliin turanuu ti; guyyaa saddeetesso'oo ammoo isaan naaf kenna'a.
BSB
BSB:
You shall do likewise with your cattle and your sheep. Let them stay with their mothers for seven days, but on the eighth day you are to give them to Me.
31
GAX
«Isin kolbaa naaf woyyoonte hin teetan; tanaaf foon horii bineensi ijjeesee sare'eef kenna'a malee hin nyaatina'a.
BSB
BSB:
You are to be My holy people. You must not eat the meat of a mauled animal found in the field; you are to throw it to the dogs.
Chapter complete
You’ve read Exodus 22
Chapter 22 of 40 in Exodus
Up next
Exodus 23
Read Exodus 23
Back to Exodus 21
Go Deeper
Commentary
What the commentators say on Exodus 22
Ask Study Help
Ask anything about Exodus 22
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Exodus 21
Exodus 22
Exodus 23