Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.2.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Gen
Genesis
50
GAX
BSB
A
a
Genesis 50
50
Genesis
Joseph
Guji Oromo Bible
Joseph
, person
Egypt
, place
Israel
, person
Pharaoh
, person
Abraham
, person
Jordan
, place
Canaan
, place
Atad
, place
8 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Yennaa Yaaqoob du'e, Yoseef fuula abbaa ifii irratti jigee itti bowee sunqate.
BSB
BSB:
Then Joseph fell upon his father’s face, wept over him, and kissed him.
2
GAX
Achiin duuba Yoseef tajaajiltoota ifii ogeeyyii qorsaa, akka reeffa abbaa isaa qorsaan sukkuumanee gossanu ajaje. Maarre ogeeyyiin qorsaalle akkuma Yoseef ajaje godhane.
BSB
BSB:
And Joseph directed the physicians in his service to embalm his father Israel. So they embalmed him,
3
GAX
Reeffa qorsaan sukkuumanee gossuun, guyyaa afurtama waan fudhatuuf, isaan guyyaa afurtamatti hobbaasane. Worri Gibxi'iille guyyaa torbaatama isaaf bowe.
BSB
BSB:
taking the forty days required to complete the embalming. And the Egyptians mourned for him seventy days.
4
GAX
Isaan yennaa nageeffatane, Yoseef qondaaltota mootichaatiin, «Ani yoo isin duratti fudhatama dhaggadhe, maganne'ee mootichaan,
BSB
BSB:
When the days of mourning had passed, Joseph said to Pharaoh’s court, “If I have found favor in your eyes, please tell Pharaoh that
5
GAX
‹Abbaan kiyya yennaa du'a geyeeru, addee awwaalaa ta inni ifiif qopheeffate, lafa Kana'aanii keessatti akka ani isa awwaalu na kakachiiseera; tanaaf maganne'ee, dhaqee abbaa kiyya awwaaladhee deebi'a› jedha'aatii naaf hima'a» jedhe.
BSB
BSB:
my father made me swear an oath when he said, ‘I am about to die. You must bury me in the tomb that I dug for myself in the land of Canaan.’ Now let me go and bury my father, and then return.”
6
GAX
Mootichi deebisee, «Akkuma inni si Kakachiise, dhaqiitii abbaa keeti awwaali» jedheen.
BSB
BSB:
Pharaoh replied, “Go up and bury your father, as he made you swear to do.”
7
GAX
Maarre Yoseef abbaa ifii awwaaliisaaf dhaqe. Qondaaltoti mootichaa marti, jaarsoleen mana mootummaa isa keessa jiranuu fi jaarsoleen lafa Gibxi'ii marti Yoseef woliin dhaqane.
BSB
BSB:
Then Joseph went to bury his father, and all the servants of Pharaoh accompanied him—the elders of Pharaoh’s household and all the elders of the land of Egypt—
8
GAX
Akkasuma maatiin Yoseefii, obboleeyyan isaatii fi maatiin abbaa isaa duudiin isa woliin dhaqane. Ijoollee didiqqoo, re'ee, hoole'ee fi loon isaanii qofatti lafa Gooshenii keessatti hafe.
BSB
BSB:
along with all of Joseph’s household, and his brothers, and his father’s household. Only their children and flocks and herds were left in Goshen.
9
GAX
Worri garreettaa fardaatii fi abbootiin fardaalle isa woliin dhaqane. Gobbuun sun akka malee guddo'o.
BSB
BSB:
Chariots and horsemen alike went up with him, and it was an exceedingly large procession.
10
GAX
Isaan laga Yordaanosiitiin gama eeddummee Axaadii bira yennaa geyane, abbaa ifiitiif wiiccifatanee bowane; Yoseef achitti guyyaa torba abbaa ifiitiif boochise.
BSB
BSB:
When they reached the threshing floor of Atad, which is across the Jordan, they lamented and wailed loudly, and Joseph mourned for his father seven days.
11
GAX
Worri lafa Kana'aanii keessa le'anu bowicha namoota eeddummee Axaadii biraa dhagganee, «Worri Gibxi'ii bowiisa guddaa bowiisatti jiran!» jedhanee, maqaa addee sanii, «Abeel-Miizraayim» jedhanee baasane; hiikkaan afaan Ibrootaatiin, «Bowa worra Gibxi'ii» jechu'u. Addeen sun laga Yordaanosiitiin gamatti dhagganti.
BSB
BSB:
When the Canaanites of the land saw the mourning at the threshing floor of Atad, they said, “This is a solemn ceremony of mourning by the Egyptians.” Thus the place across the Jordan is called Abel-mizraim.
12
GAX
Maarre ilmaan Yaaqoobii akkuma inni isaan ajaje godhane;
BSB
BSB:
So Jacob’s sons did as he had charged them.
13
GAX
ilmaan isaa reeffa isaa lafa Kana'aaniititti geessanee, goda awwaalaa ta fichaa Makfela'aa keessatti, ta Mamree irraa gara aduun baatu jirtutti awwaalane. Goda awwaalaa tana Abrahaam addee awwaalaa akka teetuuf Efronii namicha biyya Heetii irraa bitate.
BSB
BSB:
They carried him to the land of Canaan and buried him in the cave at Machpelah in the field near Mamre, which Abraham had purchased from Ephron the Hittite as a burial site.
14
GAX
Yoseef abbaa ifii awwaaleen duuba, obboleeyyan isaatii fi worra abbaa isaa awwaaliisaaf isa woliin deemaneeranu mara woliin gara biyya Gibxi'ii deebi'e.
BSB
BSB:
After Joseph had buried his father, he returned to Egypt with his brothers and all who had gone with him to bury his father.
15
GAX
Yaaqoob du'een duuba, Obboleeyyan Yoseefii, «Yoseef haluu qabatee, waan hantuu nuuti isa irratti hunye maraaf haluu nu bayinaa?» jedhane.
BSB
BSB:
When Joseph’s brothers saw that their father was dead, they said, “What if Joseph bears a grudge? Then he will surely repay us for all the evil that we did to him.”
16
GAX
Maarre isaan ergaa gara Yoseefii erganee, «Abbaan keeti adoo hin du'in dura nu ajajee,
BSB
BSB:
So they sent word to Joseph, saying, “Before he died, your father commanded,
17
GAX
‹Yakkaa obboleeyyan teetiitii fi balleessaa isaan hujanee si miidhane, isaaniif lakkis› jennee akka sitti hinnu nutti himeera; tanaaf amma nu tajaajiltooti Waaqa abbaa keetii yakkaa nuuti si yakkine mara maganne'ee nuu lakkis!» jedhane. Yoseef yennaa ergaa tana dhage'e bowe.
BSB
BSB:
‘This is what you are to say to Joseph: I beg you, please forgive the transgression and sin of your brothers, for they did you wrong.’ So now, Joseph, please forgive the transgression of the servants of the God of your father.” When their message came to him, Joseph wept.
18
GAX
Achiin duuba obboleeyyan isaalle dhufanee, isa duratti jiganee, «Nuuti garboota teeti» jedhane.
BSB
BSB:
His brothers also came to him, bowed down before him, and said, “We are your slaves!”
19
GAX
Yoseef ammoo, «Hin sodaatina'a! Ani bakka Waaqaa hin bu'u.
BSB
BSB:
But Joseph replied, “Do not be afraid. Am I in the place of God?
20
GAX
Isin hantuu na godhiisaaf mala dhoottane; Waaqi ammoo gara waan dansa'aa jijjiire; inni lubbuu namoota heddu'uu ka ammaa fayyisiisaaf tana godhe.
BSB
BSB:
As for you, what you intended against me for evil, God intended for good, in order to accomplish a day like this—to preserve the lives of many people.
21
GAX
Maarre hin sodaatina'a. Ani isinii fi ijoollee teessaniif waan barbaachisu hin kenna» jedhe. Yoseef gadhi-laafinnaan obboleeyyan ifiititti dubbatee isaan jajjabeesse.
BSB
BSB:
Therefore do not be afraid. I will provide for you and your little ones.” So Joseph reassured his brothers and spoke kindly to them.
22
GAX
Yoseefii fi maatiin abbaa isaa biyya Gibxi'ii keessa turane. Yoseef woggaa dhibbaa fi kudhan le'ee du'e.
BSB
BSB:
Now Joseph and his father’s household remained in Egypt, and Joseph lived to the age of 110.
23
GAX
Yoseef ijoollee Efreemiitii fi ijoollee ijoollee Efreemii dhagge. Akkasuma ijoollee Maakiirii ilma Minaase'eelle akka ijoollee ifiititti laakkowate.
BSB
BSB:
He saw Ephraim’s sons to the third generation, and indeed the sons of Machir son of Manasseh were brought up on Joseph’s knees.
24
GAX
Achiin duuba Yoseef, obboleeyyan ifiitiin, «Ani du'aara. Waaqi ammoo isin woliin hin jiraata. Inni lafa tana keessaa gara lafa Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif waadaa galetti isin hin deebisa» jedhe.
BSB
BSB:
Then Joseph said to his brothers, “I am about to die, but God will surely visit you and bring you up from this land to the land He promised on oath to Abraham, Isaac, and Jacob.”
25
GAX
Maarre Yoseef ilmaan Yaaqoobiitiin, «Waaqi dhugumaan isin woliin hin jiraata; yennaa inni gara lafa sanii isin deebisu, lafee tiyya asii fuutanee akka deentanu naaf kakadha'a» jedhe.
BSB
BSB:
And Joseph made the sons of Israel take an oath and said, “God will surely attend to you, and then you must carry my bones up from this place.”
26
GAX
Yoseef woggaa dhibbaa fi kudhani tti du'e. Isaan reeffa isaa qorsaan sukkuumanee gossanee, biyya Gibxi'ii keessatti saanduqa keessa keyane.
BSB
BSB:
So Joseph died at the age of 110. And they embalmed his body and placed it in a coffin in Egypt.
Chapter complete
You’ve read Genesis 50
Chapter 50 of 50 in Genesis
Up next
Exodus 1
Read Exodus 1
Back to Genesis 49
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Genesis 50
A question this chapter raises
Why did God allow sin into the world at all?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Genesis 49
Genesis 50
Exodus 1