Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v1.36.0
Skip to content
Opened
Today
Ask
Read
Journey
More
Gen
Genesis
6
GAX
BSB
A
a
Genesis 6
6
Genesis
The flood and the nations
Guji Oromo Bible
Noah
, person
Shem
, person
Japheth
, person
Ham
, person
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Yennaa namooti biyya lafaa irratti heddatuu jalqabanetti, ijoolleen durraalle isaaniif dhalatane.
BSB
BSB:
Now when men began to multiply on the face of the earth and daughters were born to them,
2
GAX
Worri «Ilmaan Waaqaa» jedhamanu ijoolleen durraa sun dadansaa akka teete yennaa dhaggane, isaan keessaa akkuma filatanetti niitii fuudhane.
BSB
BSB:
the sons of God saw that the daughters of men were beautiful, and they took as wives whomever they chose.
3
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Namooti ka du'anu waan te'aneef, Ayyaanni Kiyya ka jiruu kennu isaan woliin haga bara baraa hin le'u; isaan woggaa dhibbaa fi diddama qofa le'an» jedhe.
BSB
BSB:
So the LORD said, “My Spirit will not contend with man forever, for he is mortal; his days shall be 120 years.”
4
GAX
Bara sanii fi bara saniin duuba, ijoolleen durraa ta namaatii fi worri, «Ilmaan Waaqaa» jedhamanu wolitti makamaneen worri dhalatane worri bineeyyiin jiraniiyyu; isaan bara durii namoota janna hunnaan nama caalanuu fi worra beekkamane.
BSB
BSB:
The Nephilim were on the earth in those days—and afterward as well—when the sons of God had relations with the daughters of men. And they bore them children who became the mighty men of old, men of renown.
5
GAX
Mootiin Waan Maraa hammeenni namaa lafa irratti attam akka bacate, yaadi isaanii yennaa mara marroo hammeennaa akka te'e dhagge.
BSB
BSB:
Then the LORD saw that the wickedness of man was great upon the earth, and that every inclination of the thoughts of his heart was altogether evil all the time.
6
GAX
Mootiin Waan Maraa lafa irratti nama daduu isaatitti gaddee, guddoo gaabbe.
BSB
BSB:
And the LORD regretted that He had made man on the earth, and He was grieved in His heart.
7
GAX
Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Isaan daduu kiyyatti waan gaddeef, namoota, horii, bineensota, waan lafa irra munyuuquu fi sinbirroota lafa irraa haxowee hin balleessa» jedhe.
BSB
BSB:
So the LORD said, “I will blot out man, whom I have created, from the face of the earth—every man and beast and crawling creature and bird of the air—for I am grieved that I have made them.”
8
GAX
Nohi ammoo Mootii Waan Maraa duratti fudhatama dhaggate.
BSB
BSB:
Noah, however, found favor in the eyes of the LORD.
9
GAX
Nohi dhaloota san keessatti nama balchaa, ka komii hin qannee fi ka Waaqa woliin ideeme.
BSB
BSB:
This is the account of Noah. Noah was a righteous man, blameless in his generation; Noah walked with God.
10
GAX
Ilmaan Nohi uumate sadiin Sheem, Kaamii fi Yaafet.
BSB
BSB:
And Noah had three sons: Shem, Ham, and Japheth.
11
GAX
Yennaa san kolbaan lafa irraa duudiin Waaqa duratti hamoolee teete; lattille hunnaan wolitti ka'iisaan guutante.
BSB
BSB:
Now the earth was corrupt in the sight of God, and full of violence.
12
GAX
Waaqi biyya lafaa ilaalee, kolbaan marti hammeennaan akka le'iisatti jirtu dhagge.
BSB
BSB:
And God looked upon the earth and saw that it was corrupt; for all living creatures on the earth had corrupted their ways.
13
GAX
Waaqi Nohiin, «Latti hunnaan wolitti ka'iisaan waan guutanteef, ani isaan mara lafa irraa balleessiisaaf murteeffadheera.
BSB
BSB:
Then God said to Noah, “The end of all living creatures has come before Me, because through them the earth is full of violence. Now behold, I will destroy both them and the earth.
14
GAX
Ati muka dansaa irraa hoboloo guddittii huji; keessa isi'iititti kolloo kolloo baasi! Keessaa fi duuballe'een leyyaa lafa keessaa dhaggamuun duuchi!
BSB
BSB:
Make for yourself an ark of gopher wood; make rooms in the ark and coat it with pitch inside and out.
15
GAX
Dheerinna isi'ii meetira dhibba tokkoo fi soddomii sad, badhinna isi'ii meetira diddamii lama, hojjaa meetira kudhanii sad godhi.
BSB
BSB:
And this is how you are to build it: The ark is to be 300 cubits long, 50 cubits wide, and 30 cubits high.
16
GAX
Hoboloo guddittii san heellichoo itti godhi; heellichoo oddu'utti saantimeetira afurtamii afur addee duwwaa lakkisi; cinaa irratti balbala godhi. Hoboloo san hojjaa isi'ii jala, jiddu'uu fi gubbaa tolchii addee saditti gargar qoodi!
BSB
BSB:
You are to make a roof for the ark, finish its walls a cubit from the top, place a door in the side of the ark, and build lower, middle, and upper decks.
17
GAX
Ani kunoo, gubba'aan jalatti waan lubbuu qabu mara lafa irraa balleessiisaaf, bisaan badi'ii hin fida; wonni lafa irratti lubbuu qabu marti hin bada.
BSB
BSB:
And behold, I will bring floodwaters upon the earth to destroy every creature under the heavens that has the breath of life. Everything on the earth will perish.
18
GAX
Ani ammoo si woliin gondooroo hin gondooradha; atii fi niitiin teeti, ilmaan teetii fi niitoleen ilmaan teetii gara hoboloo gudditti'ii seena'a.
BSB
BSB:
But I will establish My covenant with you, and you will enter the ark—you and your sons and your wife and your sons’ wives with you.
19
GAX
Waan lubbuu qabu maralle, si woliin jiru'uun akka jiraatanu, gosuma gosa keessaa, lama lama tolchii, kormaa fi dhalaa gara hoboloo guddittii sanii seensisi.
BSB
BSB:
And you are to bring two of every living creature into the ark—male and female—to keep them alive with you.
20
GAX
Sinbirroota akkuma gosa gosa isaaniitiin, horii akkuma gosa gosa isaaniitiin, wonni lafa irra lowu akkuma gosa gosa isaaniitiin, gosi martinuu lama lama te'anee, jiru'uun jiraatiisaaf gara keeti dhufanuu ti.
BSB
BSB:
Two of every kind of bird and animal and crawling creature will come to you to be kept alive.
21
GAX
Ammalle sagalee adda addaa ta atii fi wonni lubbuu qabanu kun marti nyaattanu hoboloo guddittii keessatti tuuli» jedhe.
BSB
BSB:
You are also to take for yourself every kind of food that is eaten and gather it as food for yourselves and for the animals.”
22
GAX
Nohi akkuma Waaqi isa ajajetti kana mara huje.
BSB
BSB:
So Noah did everything precisely as God had commanded him.
Chapter complete
You’ve read Genesis 6
Chapter 6 of 50 in Genesis
Up next
Genesis 7
Read Genesis 7
Listen
Back to Genesis 5
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Genesis 6
A question this chapter raises
Was Noah’s flood global?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Genesis 5
Genesis 6
Genesis 7