Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v1.36.0
Skip to content
Opened
Today
Ask
Read
Journey
More
Gen
Genesis
9
GAX
BSB
A
a
Genesis 9
9
Genesis
The flood and the nations
Guji Oromo Bible
Noah
, person
Canaan
, person
Shem
, person
Japheth
, person
Ham
, person
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Waaqi Nohii fi ilmaan isaa eebbisee, «Hora'aa, heddadha'a, lafa guuta'a!
BSB
BSB:
And God blessed Noah and his sons and said to them, “Be fruitful and multiply and fill the earth.
2
GAX
Bineensoti lafa irraa marti, sinbirrooti marti, bineensoti lafa irra lowanu marti, qurxummiin abbaaya'aa marti, isin sodaatanee bararaqanuu ti; isaan harka keessanitti kennamaneeran.
BSB
BSB:
The fear and dread of you will fall on every living creature on the earth, every bird of the air, every creature that crawls on the ground, and all the fish of the sea. They are delivered into your hand.
3
GAX
Wonni jiraatee tacho'u martinuu sagalee isiniif te'anuu ti. Akkuma duri biqiltuu magariisa akka sagalee isiniif te'anu kenne, amma waan kana mara sagalee akka isiniif te'anu kenneera.
BSB
BSB:
Everything that lives and moves will be food for you; just as I gave you the green plants, I now give you all things.
4
GAX
Ammoo jiruun dhiiga keessa waan jirtuuf, foon dhiigi keessa jiru ammalle hin nyaatina'a.
BSB
BSB:
But you must not eat meat with its lifeblood still in it.
5
GAX
Ani lubbuu teessan eegiisaaf, dhiiga keessan harka nama nama san ijjeeseetii fi bineensa nama san ijjeesee irraa hin barbaada.
BSB
BSB:
And surely I will require the life of any man or beast by whose hand your lifeblood is shed. I will demand an accounting from anyone who takes the life of his fellow man:
6
GAX
«Ani Waaqi akka bifa tiyyaatitti, nama waan dadeef, nami dhiiga namaa dhangalaasu dhiigi isaa harka namaatiin hin dhangalaafama.
BSB
BSB:
Whoever sheds the blood of man, by man his blood will be shed; for in His own image God has made mankind.
7
GAX
«Isin hora'a, heddadha'a, bacadha'aa lafa guuta'a!» jedhe.
BSB
BSB:
But as for you, be fruitful and multiply; spread out across the earth and multiply upon it.”
8
GAX
Achiin duuba Waaqi Nohii fi ilmaan isaa ta isa woliin jirtuun,
BSB
BSB:
Then God said to Noah and his sons with him,
9
GAX
«Kunoo ani isinii fi sanyii teessan worra isiniin duubaa woliin gondooroo tiyya hin gondoora;
BSB
BSB:
“Behold, I now establish My covenant with you and your descendants after you,
10
GAX
akkasuma dada lubbuu qabu ka isin woliin jiru mara, sinbirroota mara, horii mara, bineensota mara, waan isin woliin hoboloo guddittii san keessaa bayane mara woliin gondooroo tiyya hin gondoora.
BSB
BSB:
and with every living creature that was with you—the birds, the livestock, and every beast of the earth—every living thing that came out of the ark.
11
GAX
Ani ijjumaa dada lubbuu qabu bisaan badi'iitiin lafa irraa deebi'ee akka hin balleessineef, bisaan badi'ii ijjumaa deebi'ee lafa akka hin balleessine, ani isin woliin gondooroo tiyya hin gondoora.
BSB
BSB:
And I establish My covenant with you: Never again will all life be cut off by the waters of a flood; never again will there be a flood to destroy the earth.”
12
GAX
Gondooroo ani isinii fi dada lubbuu qabu ka isin woliin jiruuf, dhaloota dhufu maralle'ee gondoore tanaaf beessisa kana kenna:
BSB
BSB:
And God said, “This is the sign of the covenant I am making between Me and you and every living creature with you, a covenant for all generations to come:
13
GAX
ani hiituu tiyya duumensa keessa keya; hiituun tunille beessisa Gondooroo anaa fi biyyaa lafaa oddu'utti te'e hin teeti.
BSB
BSB:
I have set My rainbow in the clouds, and it will be a sign of the covenant between Me and the earth.
14
GAX
Yennaa ani gubbaa duumensaan gollee, hiituun duumensa keessaan mudhattu,
BSB
BSB:
Whenever I form clouds over the earth and the rainbow appears in the clouds,
15
GAX
ani gondooroo tiyya ta isinii fi dada lubbuu qabu mara woliin gondoore hin qaabadha; bisaan badi'ii dada lubbuu qabu mara deebi'ee ijjumaa hin balleessu.
BSB
BSB:
I will remember My covenant between Me and you and every living creature of every kind. Never again will the waters become a flood to destroy all life.
16
GAX
Yennaa hiituun duumensa keessaan mudhattu, ani isii ilaalee, gondooroo haga bara baraa ta anaa fi dada lubbuu qabu ka lafa irra jiru mara oddu'utti gondoore hin qaabadha» jedhe.
BSB
BSB:
And whenever the rainbow appears in the clouds, I will see it and remember the everlasting covenant between God and every living creature of every kind that is on the earth.”
17
GAX
Waaqi Nohiin, «Beessisi gondooro'oo ka ani ifii fi dada lubbuu qabu ka lafa irra jiru mara oddu'utti gondoore hiituu tana» jedhe.
BSB
BSB:
So God said to Noah, “This is the sign of the covenant that I have established between Me and every creature on the earth.”
18
GAX
Nohii fi ilmaan isaa ta hoboloo guddittii keessaa baate Seem, Kaamii fi Yaafet. Kaam abbaa Kana'aanii ti.
BSB
BSB:
The sons of Noah who came out of the ark were Shem, Ham, and Japheth. And Ham was the father of Canaan.
19
GAX
Isaan sadiin kun ilmaan Nohii ti; kolbaan lafa irraa duudiinuu ilmaan sadiin tana irraa dhutte.
BSB
BSB:
These three were the sons of Noah, and from them the whole earth was populated.
20
GAX
Nohi, nama lafa qotu, ka woynii dhaabiisa jalqabe.
BSB
BSB:
Now Noah, a man of the soil, proceeded to plant a vineyard.
21
GAX
Gaafa tokko inni yennaa daadhii woyni'ii unee machowe, qullaa dunkaanii ifii keessa rafe.
BSB
BSB:
But when he drank some of its wine, he became drunk and uncovered himself inside his tent.
22
GAX
Abbaan Kana'aanii, Kaam, abbaa ifii qullaa jiruun dhaggee, alatti obboleeyyan ifii lamatti hime.
BSB
BSB:
And Ham, the father of Canaan, saw his father’s nakedness and told his two brothers outside.
23
GAX
Achiin duuba Seemii fi Yaafet woyaa fuudhanee gurmuu ifii lamaan irra buufatanee, dudda duubaan deemanee nafa abbaa isaanii qullaa san dhossane; fuulli isaanii irraa waan garagaleeruuf, nafa qullaa abbaa ifii san hin dhaggine.
BSB
BSB:
Then Shem and Japheth took a garment and placed it across their shoulders, and walking backward, they covered their father’s nakedness. Their faces were turned away so that they did not see their father’s nakedness.
24
GAX
Nohi machii yennaa bayyanate, waan ilmi isaa maandhichi isa irratti godhe beekee,
BSB
BSB:
When Noah awoke from his drunkenness and learned what his youngest son had done to him,
25
GAX
«Kana'aan ka abaarame te'uu ti; garbicha garboota obboleeyyan ifii te'uu ti» jedhe.
BSB
BSB:
he said, “Cursed be Canaan! A servant of servants shall he be to his brothers.”
26
GAX
Nohi ammalle, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Seemii, leellifamuu ti; Kana'aan garbicha Seemii te'uu ti.
BSB
BSB:
He also declared: “Blessed be the LORD, the God of Shem! May Canaan be the servant of Shem.
27
GAX
Waaqi biyya Yaafetii badhisuu ti! Yaafet dunkaanii Seemii keessa le'uu ti; Kana'aan garbicha Yaafetiille te'uu ti» jedhe.
BSB
BSB:
May God expand the territory of Japheth; may he dwell in the tents of Shem, and may Canaan be his servant.”
28
GAX
Bisaan badi'iitiin duuba Nohi woggaa dhibba sadii fi shantama le'e.
BSB
BSB:
After the flood, Noah lived 350 years.
29
GAX
Inni wolumatti woggaa dhibba sagalii fi shantama le'ee, achiin duuba du'e.
BSB
BSB:
So Noah lived a total of 950 years, and then he died.
Chapter complete
You’ve read Genesis 9
Chapter 9 of 50 in Genesis
Up next
Genesis 10
Read Genesis 10
Listen
Back to Genesis 8
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Genesis 9
A question this chapter raises
Was Noah’s flood global?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Genesis 8
Genesis 9
Genesis 10