Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v1.39.3
Skip to content
Opened
Today
Ask
Read
Journey
More
Hag
Haggai
2
GAX
BSB
A
a
Haggai 2
2
Haggai
The glory to come
Guji Oromo Bible
Haggai
, person
Zerubbabel
, person
Judah
, person
Joshua
, person
Jehozadak
, person
Shealtiel
, person
Egypt
, place
Darius
, person
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a torbeesso'oo keessatti, guyyaa diddamii tokkeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa karaa Haagee raagichaatiin dubbatee,
BSB
BSB:
On the twenty-first day of the seventh month, the word of the LORD came through Haggai the prophet, saying:
2
GAX
«Ilma She'altii'elii Zarubaabelii bulchaa Yihuda'aa, ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha gudda'aatii fi kolbaa boojuu irraa deebiteen,
BSB
BSB:
“Speak to Zerubbabel son of Shealtiel, governor of Judah, and to Joshua son of Jehozadak, the high priest, and also to the remnant of the people. Ask them,
3
GAX
‹Isin keessaa ulfinna Galma Waaqaa ka durii nami dhaggeeru jiraa? Amma inni maan isinitti fakkaata ree? Inni akka waan ijjumaa hin jirree tokkootii motii?
BSB
BSB:
‘Who is left among you who saw this house in its former glory? How does it look to you now? Does it not appear to you like nothing in comparison?’
4
GAX
Amma ammoo Zarubaabel, jabaadhu! Ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha gudda'a, jabaadhu! Kolbaan biyya keessa jirtanu marti, ani isin woliin waan jiruuf, jabaadha'aa ijaara'a!› jedhi.
BSB
BSB:
But now be strong, O Zerubbabel, declares the LORD. Be strong, O Joshua son of Jehozadak, the high priest. And be strong, all you people of the land, declares the LORD. Work! For I am with you, declares the LORD of Hosts.
5
GAX
Biyya Gibxi'iitii yennaa baatane, ‹Ani isin woliin hin jiraadha› jedhee, akkuma waadaa isinii gale, ammalle Ayyaanni kiyya isin woliin waan jiruuf hin sodaatina'a.
BSB
BSB:
This is the promise I made to you when you came out of Egypt. And My Spirit remains among you; do not be afraid.”
6
GAX
«Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Yennaa gabaadduu keessatti ol-gubba'aa fi lafa, abbaaya'aa fi lafa bisaan irra hin jirre ammalle hin tachoosa.
BSB
BSB:
For this is what the LORD of Hosts says: “Once more, in a little while, I will shake the heavens and the earth, the sea and the dry land.
7
GAX
Gosa biyya adda addaa duudii hin tachoosa; karri isaanii duudiille akka as dhuttu hin godha; ani Galma Waaqaa kana ulfinnaan hin guuta.
BSB
BSB:
I will shake all the nations, and they will come with all their treasures, and I will fill this house with glory, says the LORD of Hosts.
8
GAX
Worqi'ii fi meetiin biyya lafaa duudiin tiyya.
BSB
BSB:
The silver is Mine, and the gold is Mine, declares the LORD of Hosts.
9
GAX
Ulfinni Galma Waaqaa haareya kanaa ka durii hin caala; anille achitti kolbaa tiyyaaf nageya guutuu hin kenna› jedha» jedhii itti himi.
BSB
BSB:
The latter glory of this house will be greater than the former, says the LORD of Hosts. And in this place I will provide peace, declares the LORD of Hosts.”
10
GAX
Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a sagaleesso'oo keessatti guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa, karaa Haagee raagichaatiin ammalle dubbatee,
BSB
BSB:
On the twenty-fourth day of the ninth month, in the second year of Darius, the word of the LORD came to Haggai the prophet, saying,
11
GAX
«Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Me waan seerri jedhu hayyoota gaafadha'a!
BSB
BSB:
“This is what the LORD of Hosts says: ‘Ask the priests for a ruling.
12
GAX
Nami tokko foon woyyoome addee ciinca'aa irraa fuudhee woya'aan maree yoo qabate, maraan sunille daabboo yookiin ittoo, daadhii woyni'ii yookiin zayitii, yookiin sagalee dhibii yoo tuxxe, sagaleen tun duudiin tanaan hin woyyoontii?› jedha» jedhe. Hayyooti deebisanee, «Waawwo'o» jedhane.
BSB
BSB:
If a man carries consecrated meat in the fold of his garment, and it touches bread, stew, wine, oil, or any other food, does that item become holy?’” “No,” replied the priests.
13
GAX
Haageen ammalle, «Nami reeffa tuqiisaan battowe tokko, sagalee tana keessaa takkaa yoo tuqe, sagaleen tuqante sun hin battoottii?» jedhee isaan gaafate. Hayyootille, «Ee, hin battootti!» jedhanee deebisane.
BSB
BSB:
So Haggai asked, “If one who is defiled by contact with a corpse touches any of these, does it become defiled?” “Yes, it becomes defiled,” the priests answered.
14
GAX
Achiin duuba Haageen, «Kolbaan tun duudiin akkuma san; tanaaf hujii isaan hujjanuu fi wonni isaan addee ciinca'aa irratti dhiyeessanu ka battowe; tana Mootii Waan Maraatitti dubbate» jedhe.
BSB
BSB:
Then Haggai replied, “So it is with this people and this nation before Me, declares the LORD, and so it is with every work of their hands; whatever they offer there is defiled.
15
GAX
Mootiin Waan Maraa, «Waan isin irratti te'e hin hubattanuu? Galma Waaqaa deebittanee ijaariisa adoo hin jalqabin dura,
BSB
BSB:
Now consider carefully from this day forward: Before one stone was placed on another in the temple of the LORD,
16
GAX
midhaan kiiloo dhibba lama dhaggatiisaaf, gara tuulaa midhaanii dhaxxane, ammoo midhaan kiiloo dhibba tokko qofa dhaggatane; daadhii woyni'ii litirii dhibba tokko dhaggatiisaaf addee midhaan woyni'ii itti cunfanu dhaxxane, ammoo daadhii woyni'ii litirii afurtama qofa dhaggattane.
BSB
BSB:
from that time, when one came expecting a heap of twenty ephahs of grain, there were but ten. When one came to the winepress to draw out fifty baths, there were but twenty.
17
GAX
Ani isinii fi waan isin itti eloottane mara gugguufaa, dhukkuba midhaanii ka adda addaatii fi dhakaa bokkeyaatiin dhowe; isin ammoo ammalle cubbuu irraa hin deebine.
BSB
BSB:
I struck you—all the work of your hands—with blight, mildew, and hail, but you did not turn to Me, declares the LORD.
18
GAX
Ji'a sagaleesso'oo keessatti adha guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, guyyaa hundeen Galma Waaqaa hundeeffamee jalqaba'aatii me hubadha'a.
BSB
BSB:
Consider carefully from this day forward—from the twenty-fourth day of the ninth month, the day the foundation of the LORD’s temple was laid—consider carefully:
19
GAX
Midhaan sanyi'ii gootaraa keessa yoo hin jiraatin, muki woyni'ii, muki harru'uu, muki roomaaniitii fi muki ejersaa yoo haga ammaa midhaan hin buusin, ani guyyaa adhaatii jalqabee isin hin eebbisa» jedhe.
BSB
BSB:
Is there still seed in the barn? The vine, the fig, the pomegranate, and the olive tree have not yet yielded fruit. But from this day on, I will bless you.”
20
GAX
Ji'uma san keessatti guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa yennaa lammeesso'oo Haage'etti dubbatee,
BSB
BSB:
For the second time that day, the twenty-fourth day of the month, the word of the LORD came to Haggai, saying,
21
GAX
«Zarubaabelii bulchaa Yihuda'aatiin, ‹Ani ol-gubba'aa fi lafa hin tachoosa;
BSB
BSB:
“Tell Zerubbabel governor of Judah that I am about to shake the heavens and the earth:
22
GAX
barcumaa moototaa garagaggalcha; hunna mootummoota gosa biyya adda addaa hin balleessa; worra garreettaa fardaan harkifamu oofuu fi garreettaa isaanii garagaggalcha; fardoon isaanii hin dhumatti; abbootiin fardo'oolle wol hin ijjeetti;
BSB
BSB:
I will overturn royal thrones and destroy the power of the kingdoms of the nations. I will overturn chariots and their riders; horses and their riders will fall, each by the sword of his brother.
23
GAX
Guyyaa san ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, si tajaajilaa kiyya ilma She'atii'elii Zarubaabel filadhee akka chaappaa kiyya ka qube'ee si godhadha› jedha» jedhe.
BSB
BSB:
On that day, declares the LORD of Hosts, I will take you, My servant, Zerubbabel son of Shealtiel, declares the LORD, and I will make you like My signet ring, for I have chosen you, declares the LORD of Hosts.”
Chapter complete
You’ve read Haggai 2
Chapter 2 of 2 in Haggai
Up next
Zechariah 1
Read Zechariah 1
Listen
Back to Haggai 1
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Haggai 2
A question this chapter raises
Does Daniel 9 point to the time of the Messiah?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Haggai 1
Haggai 2
Zechariah 1