Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.6.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Hos
Hosea
13
GAX
BSB
A
a
Hosea 13
13
Hosea
God's love will not let go
Guji Oromo Bible
Israel
, person
Ephraim
, person
Egypt
, place
Samaria
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Yennaa kolbaan Efreemii dubbatte, namooti hollatane; isaan Israa'el keessatti saadamane. Ammoo isaan waaqa dharaa Ba'aal waaqonfatiisaan cubbuu hujanee du'ane.
BSB
BSB:
When Ephraim spoke, there was trembling; he was exalted in Israel. But he incurred guilt through Baal, and he died.
2
GAX
Ammalle isaan waaqota dharaa ka nami hujii beeku qarumma'aan huju, meetii ifii irraa hujiisaan ittuma ede'anee cubbuu hujan; waaqoti dharaa sun martinuu hujii nama hujii harkaa beekuu ti. Isaan, «Waaqota dharaa kanaaf ciincaa dhikeessa'a» jedhan. Namooti waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu kana sunqatan.
BSB
BSB:
Now they sin more and more and make for themselves cast images, idols skillfully made from their silver, all of them the work of craftsmen. People say of them, “They offer human sacrifice and kiss the calves!”
3
GAX
Tanaaf, isaan akka hurrii ganamaa ti; akka fixeensa bari'iin dafee bu'uu ti; akka hicaacee eeddummee keessaa qilleensi fudhatuu, akka aara karaa fodda'aatiin bayuu hin te'an.
BSB
BSB:
Therefore they will be like the morning mist, like the early dew that vanishes, like chaff blown from a threshing floor, like smoke through an open window.
4
GAX
Mootiin Waan Maraa, «Ani ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baase; isin ana malee Waaqa dhibii hin beettanu; ana malee fayyisaan hin jiru.
BSB
BSB:
Yet I am the LORD your God ever since the land of Egypt; you know no God but Me, for there is no Savior besides Me.
5
GAX
Ani goomolee keessatti, lafa o'a bobe'a keessatti isin eege.
BSB
BSB:
I knew you in the wilderness, in the land of drought.
6
GAX
Ani yennaa isaan areere, isaan quufane; isaan yennaa quufane, kooranee na dedhane.
BSB
BSB:
When they had pasture, they became satisfied; when they were satisfied, their hearts became proud, and as a result they forgot Me.
7
GAX
Ani akka neenqaa isaanitti hin dhufa; akka qeeransaa karaa cina'atti isaan hin gaada.
BSB
BSB:
So like a lion I will pounce on them; like a leopard I will lurk by the path.
8
GAX
Akka doobbaa ilmoolee jalaa fudhatanee, ani isaan hin dhowa; qoma isaanii cassee bana. Ani akka neenqaa isaan hin nyaadha; bineensi isaan hin bibixxila.
BSB
BSB:
Like a bear robbed of her cubs I will attack them, and I will tear open their chests. There I will devour them like a lion, like a wild beast tearing them apart.
9
GAX
«Ee kolbaa Israa'elii, qarqaaraa keessan ka te'e, na irratti waan kaataneef, hin baddan.
BSB
BSB:
You are destroyed, O Israel, because you are against Me—against your helper.
10
GAX
Isin, ‹Mooti'ii fi qondaaltota nuuf kenni› jettaneertan; akka isin baasuuf, mootiin keessan meet ree? Qachoota keessan mara keessa bulchitooti teessan meet ree?
BSB
BSB:
Where is your king now to save you in all your cities, and the rulers to whom you said, “Give me a king and princes”?
11
GAX
Maarre ani aarii tiyyaan mootii isiniif kennee, mufii tiyyaan achii isa balleesse.
BSB
BSB:
So in My anger I gave you a king, and in My wrath I took him away.
12
GAX
«Yakkaan Efreemii kuufanteerti; cubbuun isaa galmeeffanteerti.
BSB
BSB:
The iniquity of Ephraim is bound up; his sin is stored up.
13
GAX
Akka dubartii deettuu ciniinsuun itti dhutti; inni ammoo mucaa qaro'oo moti. Guyyaan inni dhalatu yennaa gewu, gadaamessa keessaa hin baane.
BSB
BSB:
Labor pains come upon him, but he is an unwise son. When the time arrives, he fails to present himself at the opening of the womb.
14
GAX
Ani hunna addee worri du'e jiruu jalaa isaan hin baasuu ree? Du'a jalalle'ee isaan hin woduu ree? Ee du'a! Balaan keeti meet ree? Ee addee worri du'e jiru! Badiin teeti ta ati fiddu meet ree? Ani haganaa achi kolbaa tana hin mararu.
BSB
BSB:
I will ransom them from the power of Sheol; I will redeem them from Death. Where, O Death, are your plagues? Where, O Sheol, is your sting? Compassion is hidden from My eyes.
15
GAX
Efreem obboleeyyan ifii oddu'utti midhaan yoo baaselle, qilleensi karaa aduun baatuu, Mootii Waan Maraa biraa, goomolee keessaa ka'ee hin dhufa; maddi hin maddu; baleessi hin goga; wonni gatii qabu marti mana kuusa'aa keessaa hin saamanti.
BSB
BSB:
Although he flourishes among his brothers, an east wind will come—a wind from the LORD rising up from the desert. His fountain will fail, and his spring will run dry. The wind will plunder his treasury of every precious article.
16
GAX
Kolbaan Samaariya'aa Waaqa ifii irratti waan kaateef, yakkaa ifiitiif adabamuu qaddi; isaan shallaaga'aan hin du'an; daa'immaan isaanii lafatti dhowanee hin macalaasan; dubartoota isaanii ta ulfaalle gadhaa isaanii hin baqassan» jedha.
BSB
BSB:
Samaria will bear her guilt because she has rebelled against her God. They will fall by the sword; their little ones will be dashed to pieces, and their pregnant women ripped open.
Chapter complete
You’ve read Hosea 13
Chapter 13 of 14 in Hosea
Up next
Hosea 14
Read Hosea 14
Back to Hosea 12
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Hosea 13
Ask Study Help
Ask anything about Hosea 13
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Hosea 12
Hosea 13
Hosea 14