Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.13.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Hos
Hosea
4
GAX
BSB
A
a
Hosea 4
4
Hosea
God's case against Israel
Guji Oromo Bible
Israel
, person
Judah
, person
Ephraim
, person
Gilgal
, place
Beth-aven
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Ee kolbaa Israa'elii, Mootiin Waan Maraa isin worra lafa tana keessa leetanu woliin dubbii waan qabuuf, jecha isaa dhage'a'a: «Addatamummaan hin jirtu; jaalalli bara baraa hin jiru; ana Waaqa beekuun lafa teessan keessa hin jirtu.
BSB
BSB:
Hear the word of the LORD, O children of Israel, for the LORD has a case against the people of the land: “There is no truth, no loving devotion, and no knowledge of God in the land!
2
GAX
Abaarsa, dhara, ijjeechaa, hannaa fi gaarayyeeffata qofatti achi jira; wolii galtee mara diigan; dhiiga dhangalaasiis isaanii bacateera.
BSB
BSB:
Cursing and lying, murder and stealing, and adultery are rampant; one act of bloodshed follows another.
3
GAX
Sababa kanaaf, oolaan lafatti bu'a; wonni isii irra le'u marti hin du'an; bineensotii fi sinbirrooti, qurxummiin abbaaya'aalle hin dhumatan.
BSB
BSB:
Therefore the land mourns, and all who dwell in it will waste away with the beasts of the field and the birds of the air; even the fish of the sea disappear.
4
GAX
«Kolbaan teeti akkuma worra hayyoota himatuu san waan teeteef, nami dubbii hin kaasin; nami nama dhibii himatu hin jiraatin.
BSB
BSB:
But let no man contend; let no man offer reproof; for your people are like those who contend with a priest.
5
GAX
Isin halkanii fi guyyaa gufattan; raagotille isin woliin gufatan. Tanaaf, ani biyya teessan Israa'el hin balleessa.
BSB
BSB:
You will stumble by day, and the prophet will stumble with you by night; so I will destroy your mother—
6
GAX
Kolbaan tiyya beekkumsa dhabiisaan baddeerti; isin beekkumsa waan jibbitaneef, anille akka isin hayyoota naaf hin teene isin jibbe; isin seera ana Waaqa keessanii waan deetaneef, anille ijoollee teessan hin dedha.
BSB
BSB:
My people are destroyed for lack of knowledge. Because you have rejected knowledge, I will also reject you as My priests. Since you have forgotten the law of your God, I will also forget your children.
7
GAX
«Akkuma hayyooti bacatte, cubbuun isaan na irratti hujanulle bacatte; ani ulfinna isaanii salphinnatti hin jijjiira.
BSB
BSB:
The more they multiplied, the more they sinned against Me; they exchanged their Glory for a thing of disgrace.
8
GAX
Isaan kennansa kolbaan tiyya sababa cubbu'uutiif kennitu nyaatan; akka kolbaan yakkaa baceessitee hujju fedhan.
BSB
BSB:
They feed on the sins of My people and set their hearts on iniquity.
9
GAX
Hayyootille akkuma kolba'aa ti; ani isaan lachuu hin adaba; hujii isaaniitiif gatii isaaniif hin kaffala.
BSB
BSB:
And it shall be like people, like priest. I will punish both of them for their ways and repay them for their deeds.
10
GAX
Isaan hin nyaatan, ammoo hin quufanu; hin sagaagalan, ammoo hin horanu; isaan ana Mootii Waan Maraa lakkisanee,
BSB
BSB:
They will eat but not be satisfied; they will be promiscuous but not multiply. For they have abandoned the LORD to give themselves
11
GAX
sagaagalaaf, daadhii woyni'ii ta baatee fi ta hin bayin, ta hubantii kolbaa tiyya irraa fudhatteef ifi kennane.
BSB
BSB:
to promiscuity, wine, and new wine, which take away understanding.
12
GAX
Kolbaan tiyya waaqota muka irraa hujame irraa gorsa gaafatti. Uleen mukaa deebii isaaniif kenniti. Ayyaanni sagaagalaa karaa irraa isaan gorsa; isaan Waaqa ifiitiif hin addatamanu.
BSB
BSB:
My people consult their wooden idols, and their divining rods inform them. For a spirit of prostitution leads them astray and they have played the harlot against their God.
13
GAX
Isaan qaccee gaarotaa irratti ciincaa ciincessan; koobota irratti, qilxaa jalatti, muka dafee guddatuu fi daandii jalatti, gaaddisi isaanii waan toluuf, kennansa gubamu dhikeessan. «Tanaaf, ijoolleen durraa teessan sagaagalti; niitoti ilmaan teessaniille gaarayyeeffatti.
BSB
BSB:
They sacrifice on the mountaintops and burn offerings on the hills, under oak, poplar, and terebinth, because their shade is pleasant. And so your daughters turn to prostitution and your daughters-in-law to adultery.
14
GAX
Ijoolleen durraa teessan yennaa sagaagaltu, niitoti ilmaan teessaniille yennaa gaarayyeeffattu, ani isaan hin adabu; sababille, dhiirtinuu sagaagaltoota gula deemaa, galma waaqota dharaatitti woliin ciincaa dhikeessan; kolbaan hubantii hin qanne hin baddi.
BSB
BSB:
I will not punish your daughters when they prostitute themselves, nor your daughters-in-law when they commit adultery. For the men themselves go off with prostitutes and offer sacrifices with shrine prostitutes. So a people without understanding will come to ruin.
15
GAX
«Ee, Israa'el, ati gaarayyeeffattulle, Yihudaan akka keeti hin te'in. Giilgal hin dhaqina'a; gara Bet-Aweenii ol hin bayina'a. ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee› jettaneelle hin kakatina'a.
BSB
BSB:
Though you prostitute yourself, O Israel, may Judah avoid such guilt! Do not journey to Gilgal, do not go up to Beth-aven, and do not swear on oath, ‘As surely as the LORD lives!’
16
GAX
Kolbaan Israa'elii akka goronsa jallichaa teeteerti. Mootiin Waan Maraa akka hoolota diida dansaa keessaa attam isaan tissa ree?
BSB
BSB:
For Israel is as obstinate as a stubborn heifer. Can the LORD now shepherd them like lambs in an open meadow?
17
GAX
Kolbaan Israa'elii waaqota dharaatiin wolitti hidhanteerti. Itti lakkisa'a.
BSB
BSB:
Ephraim is joined to idols; leave him alone!
18
GAX
Yennaa untoo ifii fixatanulle, sagaagala ifiititti ka'an; bulchitooti isaanii salphinna kana guddoo jaalatan.
BSB
BSB:
When their liquor is gone, they turn to prostitution; their rulers dearly love disgrace.
19
GAX
Hobonbolattiin haxoottee isaan fudhattee hin ideenti; ciincaan isaanii salphinna isaanitti hin fida.
BSB
BSB:
The whirlwind has wrapped them in its wings, and their sacrifices will bring them shame.
Chapter complete
You’ve read Hosea 4
Chapter 4 of 14 in Hosea
Up next
Hosea 5
Read Hosea 5
Back to Hosea 3
Go Deeper
Commentary
What the commentators say on Hosea 4
Ask Study Help
Ask anything about Hosea 4
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Hosea 3
Hosea 4
Hosea 5