2 GAX Ergaa tana worri nu'uuf dabarsane worra jalqabaa jalqabanee ila ifiitiin dhagganee fi worra dubbii tana lallabane. BSB BSB: just as they were handed down to us by the initial eyewitnesses and servants of the word.
3 GAX Maarre anille, waan mara jalqabaa jalqabee, akka dansaa waan qoradheeruuf, tarre'etti galchee si'iif barreessuun dansaa teetee natti mudhatte. BSB BSB: Therefore, having carefully investigated everything from the beginning, it seemed good also to me to write an orderly account for you, most excellent Theophilus,
4 GAX Wonni ati baratteertu dhugaa akka teete guutattee akka beettuuf, ani tana godhe. BSB BSB: so that you may know the certainty of the things you have been taught.
6 GAX Isaan lamaanuu ajajaa fi seera Gootta'aa maraaf ajajamaa fuula Waaqaa duratti le'ii dansaa le'ane. BSB BSB: Both of them were righteous in the sight of God, walking blamelessly in all the commandments and decrees of the Lord.
7 GAX Elsaabeex maseena waan teeteef, isaan ijoollee hin qabanu. Isaan lamaanuu guddoo dulloomaneeran. BSB BSB: But they had no children, because Elizabeth was barren, and they were both well along in years.
8 GAX Gaafa tokko, badoon hujii hayyumma'aa ta hayyoota gooree Zakaariyaasii waan teeteef, Zakaariyaas fuula Waaqaa duratti hujii hayyummaa ifii hujiisaaf dhikaate. BSB BSB: One day while Zechariah’s division was on duty and he was serving as priest before God,
9 GAX Akka aadaa hayyootaatitti, gara Galma Waaqaa seenee hixaana akka aarsuuf carra'aan filame. BSB BSB: he was chosen by lot, according to the custom of the priesthood, to enter the temple of the Lord and burn incense.
10 GAX Yennaa hixaanni aarfamu san, gumiin alatti daadimatiisatti jirti. BSB BSB: And at the hour of the incense offering, the whole congregation was praying outside.
11 GAX Ergamaan Waaqaa addee hixaanni itti aarfamu gara middaatiin dhaabbatee Zakaariyaasitti mudhate. BSB BSB: Just then an angel of the Lord appeared to Zechariah, standing at the right side of the altar of incense.
12 GAX Zakaariyaas yennaa isa dhagge rifatee sodaate. BSB BSB: When Zechariah saw him, he was startled and gripped with fear.
13 GAX Ergantichi Waaqaa ammoo, «Zakaariyaas hin sodaatin! Waaqi daadimata keeti dhage'eera; niitiin teeti Elsaabeex ilma si'iif hin deetti; maqaa isaalle Yohaannis jettee baatta. BSB BSB: But the angel said to him, “Do not be afraid, Zechariah, because your prayer has been heard. Your wife Elizabeth will bear you a son, and you are to give him the name John.
14 GAX Yennaa inni dhalate ati guddoo hin gammadda; kolbaan hedduulle guddoo gammaddi. BSB BSB: He will be a joy and delight to you, and many will rejoice at his birth,
15 GAX Inni fuula Gootta'aa duratti guddaa hin te'a; daadhii woyni'ii yookiin untoo macheessitu ijjumaa hin unu; gadaamessa haadha ifiitii jalqabee Ayyaana Woyyichaan hin guutama. BSB BSB: for he will be great in the sight of the Lord. He shall never take wine or strong drink, and he will be filled with the Holy Spirit even from his mother’s womb.
16 GAX Kolbaa Israa'elii hedduu gara Waaqa Goottaa isaanii hin deebisa. BSB BSB: Many of the sons of Israel he will turn back to the Lord their God.
18 GAX Zakaariyaas Erganticha Waaqaatiin, «Wonni kun akka teetu attamiin beeka? Anii fi haati manaa tiyyalle dulloonneerra» jedhe. BSB BSB: “How can I be sure of this?” Zechariah asked the angel. “I am an old man, and my wife is well along in years.”
19 GAX Ergantichi Waaqaalle, «Ani Gabri'eel, ka fuula Waaqaa dura dhaabbadhu, oduu gammadaa tana sitti himiisaaf ergamee dhufe. BSB BSB: “I am Gabriel,” replied the angel. “I stand in the presence of God, and I have been sent to speak to you and to bring you this good news.
20 GAX Ati ammoo ergaa tiyya ta yennaa te'uu maltetti, te'uu jirtu hin dhugeeffanne. Waan dhugeeffatiisa dhaddeef haga wonni kun teetutti, afaan hin duudda; dubbatiisalle hin dandeettu» jedhee deebise. BSB BSB: And now you will be silent and unable to speak until the day this comes to pass, because you did not believe my words, which will be fulfilled at their proper time.”
21 GAX Kolbaan yennaa san Zakaariyaas eegatiisatti jirtu, inni Galma Waaqaa keessatti turee jennaan maadeffatte. BSB BSB: Meanwhile, the people were waiting for Zechariah and wondering why he took so long in the temple.
22 GAX Inni yennaa gad baye, isaan woliin dubbatiisa dadhabee jennaan, akka inni Galma Waaqaa keessatti mudhii dhaggeeru beekane. Inni dubbatiisa dadhabee harka ifiitiin isaaniif beessisa kenne. BSB BSB: When he came out and was unable to speak to them, they realized he had seen a vision in the temple. He kept making signs to them but remained unable to speak.
23 GAX Yennaan Zakaariyaas Galma Waaqaa keessatti tajaajilu hobbaatee jennaan gara mana ifii deebi'ee gale. BSB BSB: And when the days of his service were complete, he returned home.
24 GAX Eega san adoo hin turin niitiin isaa Elsaabeex ulfoottee, haga ji'a shanii mana ifii keessatti dhokatte. BSB BSB: After these days, his wife Elizabeth became pregnant and for five months remained in seclusion. She declared,
25 GAX Isiin, «Goottaan tana naaf godhee, amma gara duubaatitti ana qaabatee salphinnaa kiyya ka kolbaa oddu'uu na irraa dhoogge» jette. BSB BSB: “The Lord has done this for me. In these days He has shown me favor and taken away my disgrace among the people.”
27 GAX gara durra duuddu'uu ta Maariyaam jedhantuu takka erge. Isiin nama Yoseef jedhamu ka sanyii Mooticha Daawitii keessaa dhalate tokkoof kadhatanteerti. BSB BSB: to a virgin pledged in marriage to a man named Joseph, who was of the house of David. And the virgin’s name was Mary.
28 GAX Ergantichi Waaqaa gara isi'ii dhufee, «Ati ta guddoo badhaateertu; nageenni si'iif te'u; Goottaan si woliin jira!» isi'iin jedhe. BSB BSB: The angel appeared to her and said, “Greetings, you who are highly favored! The Lord is with you.”
29 GAX Maariyaamiin dubbii erganticha Waaqaa mantee «Kun nageya attamiiti?» jettee yaadatte. BSB BSB: Mary was greatly troubled at his words and wondered what kind of greeting this might be.
30 GAX Ergantichi Waaqaa isi'iin, «Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera. BSB BSB: So the angel told her, “Do not be afraid, Mary, for you have found favor with God.
31 GAX Ati ulfoottee ilma hin deetta; maqaa isaalle Yesuus jettaan. BSB BSB: Behold, you will conceive and give birth to a son, and you are to give Him the name Jesus.
32 GAX Inni guddaa hin te'a, Ilma Waaqa Ol Aana'aalle hin jedhama. Goottaan Waaqi akkuma abbaa isaa Daawitii isa hin mootonsa. BSB BSB: He will be great and will be called the Son of the Most High. The Lord God will give Him the throne of His father David,
33 GAX Inni kolbaa Israa'eliitiif haga bara baraa mootii hin te'a, mootummaan isaalle dhuma hin qaddu» jedhe. BSB BSB: and He will reign over the house of Jacob forever. His kingdom will never end!”
35 GAX Ergantichi Waaqaalle deebisee, «Ayyaanni Woyyichi si'itti hin dhufa, hunni Waaqa Ol Aana'aalle si irratti hin buuti. Tanaaf daa'inni woyyichi dhalatu Ilma Waaqaa hin jedhama. BSB BSB: The angel replied, “The Holy Spirit will come upon you, and the power of the Most High will overshadow you. So the Holy One to be born will be called the Son of God.
36 GAX Firri teeti Elsaabeex ta maseente jedhante, guddoo dulloontulle, amma ammoo isiinuu ulfoottee kun ji'a jayeesso'oo ti. BSB BSB: Look, even Elizabeth your relative has conceived a son in her old age, and she who was called barren is in her sixth month.
37 GAX Waaqaaf wonni hin dande'anne hin jirtu» jedhe. BSB BSB: For no word from God will ever fail.”
39 GAX Eega san adoo hin turin Maariyaam kaatee, gara qachaa biyya Yihudaa koobitti'ii keessaa tokko ariifattee dhaxxe. BSB BSB: In those days Mary got ready and hurried to a town in the hill country of Judah,
40 GAX Isiin mana Zakaariyaasii seentee, Elsaabeex nageya fuute. BSB BSB: where she entered the home of Zechariah and greeted Elizabeth.
41 GAX Elsaabeex nageya Maariyaami'ii yennaa dhageette, annuun gadaamessa isi'ii keessa utaale. Elsaabeex Ayyaana Woyyichaan guutantee, BSB BSB: When Elizabeth heard Mary’s greeting, the baby leaped in her womb, and Elizabeth was filled with the Holy Spirit.
42 GAX qoonqoo ol qabattee, «Ati dubartii mara caalaa ta eebbifante, mucaan ati deettulle ka eebbifame! BSB BSB: In a loud voice she exclaimed, “Blessed are you among women, and blessed is the fruit of your womb!
43 GAX Haati Goottaa kiyyaa gara kiyya dhuttee, akka na dubbittuuf ulfinni akkanaa maaf naa te'e? BSB BSB: And why am I so honored, that the mother of my Lord should come to me?
44 GAX Akkuma qoonqoo nageya fuudhiisa keetii gurri kiyya dhage'een, finni gadaamessa kiyya keessaa gammadee utaale. BSB BSB: For as soon as the sound of your greeting reached my ears, the baby in my womb leaped for joy.
45 GAX Dubbiin Goottaan isi'itti dubbate akka muummottu ta dhugeeffatte ta badhaate» jette. BSB BSB: Blessed is she who has believed that the Lord’s word to her will be fulfilled.”
47 GAX ayyaanni kiyyalle Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada. BSB BSB: and my spirit rejoices in God my Savior!
49 GAX Waaqi dande'aan waan guddoo naaf godhe. Maqaan isaalle woyyicha. BSB BSB: For the Mighty One has done great things for me. Holy is His name.
50 GAX Marartiin isaa worra isa sodaatuuf dhalootaa haga dhalootaa ti. BSB BSB: His mercy extends to those who fear Him, from generation to generation.
51 GAX Inni dandeettuu irree ifii mudhisee, worra kooru yaada gadhaa isaanii woliin firfirse. BSB BSB: He has performed mighty deeds with His arm; He has scattered those who are proud in the thoughts of their hearts.
52 GAX Mootota jajjaba barcumaa mootummaa isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase. BSB BSB: He has brought down rulers from their thrones, but has exalted the humble.
53 GAX Worra beelowe waan dansa'aan quussee, dureeyyii harka duwwaa gad lakkise. BSB BSB: He has filled the hungry with good things, but has sent the rich away empty.
54 GAX Abbootii teenna Abrahaamii fi sanyii isaa maraaf addii haga bara baraa kenne qaabatee, marartii ifiitiin garbicha ifii Israa'el gargaareera» jette. BSB BSB: He has helped His servant Israel, remembering to be merciful,
56 GAX Maariyaam gara ji'a sadii Elsaabeex woliin turtee, achiin duuba gara mana ifii deebite. BSB BSB: Mary stayed with Elizabeth for about three months and then returned home.
57 GAX Elsaabeex yennaan deettu geennaan, ilma deette. BSB BSB: When the time came for Elizabeth to have her child, she gave birth to a son.
58 GAX Ollootaa fi firoottan isi'ii akka Goottaan isi'iif guddoo marare dhagganee, isii woliin gammadane. BSB BSB: Her neighbors and relatives heard that the Lord had shown her great mercy, and they rejoiced with her.
59 GAX Guyyaa saddeetesso'oo annuu haqanqabaa qabiisaaf worri dhufane, annuu maqaa abba'aatiin, Zakaariyaas jedhanee baasiisaaf barbaadane. BSB BSB: On the eighth day, when they came to circumcise the child, they were going to name him after his father Zechariah.
60 GAX Haati isaa ammoo, «Waawwoo! Maqaan isaa Yohaannis jedhamuu qaba» jette. BSB BSB: But his mother replied, “No! He shall be called John.”
61 GAX Isaan isi'iin, «Worra keeti keessaa maqaa kanaan ka waamameeru tokkolle hin jiru» jedhane. BSB BSB: They said to her, “There is no one among your relatives who bears this name.”
62 GAX Achiin duuba abbaan isaa eennu jedhee maqaa isaa baasiisaaf akka barbaadu beessisaan gaafatane. BSB BSB: So they made signs to his father to find out what he wanted to name the child.
63 GAX Zakaariyaas waan irratti barreessu gaafatee, «Maqaan isaa Yohaannis» jedhee barreesse. Isaan martinuu waan kana baaseffatane. BSB BSB: Zechariah asked for a tablet and wrote, “His name is John.” And they were all amazed.
64 GAX Yennuma san arrabi isaa hiikamee, dubbatiisa dande'ee, Waaqa galateeffate. BSB BSB: Immediately Zechariah’s mouth was opened and his tongue was released, and he began to speak, praising God.
65 GAX Ollaan marti waan te'e kana sodaate. Oduun waan kanaalle biyya Yihuda'aa goorittii keessatti addee maratti odeeffante. BSB BSB: All their neighbors were filled with awe, and people throughout the hill country of Judea were talking about these events.
66 GAX Dhugumaan hunni Gootta'aa waan isa woliin jirtuuf, worri waan kana dhage'ane martinuu, «Mucaan kun maan te'inna laati?» jedhanee yaadatane. BSB BSB: And all who heard this wondered in their hearts and asked, “What then will this child become?” For the Lord’s hand was with him.
67 GAX Achiin duuba abbaan isaa Ayyaana Woyyichaan guutamee, BSB BSB: Then his father Zechariah was filled with the Holy Spirit and prophesied:
68 GAX «Kolbaa ifii gargaaree, bilisa baasiisaaf waan dhufeef, Goottaan Waaqi Israa'elii galatoomuu! BSB BSB: “Blessed be the Lord, the God of Israel, because He has visited and redeemed His people.
69 GAX Sanyii Daawitii tajaajilaa ifii irraa, fayyisaa jabaa nu'uuf kaaseera. BSB BSB: He has raised up a horn of salvation for us in the house of His servant David,
70 GAX Bara durii, afaan raagota woyyootaatiin dubbatee, BSB BSB: as He spoke through His holy prophets, those of ages past,
71 GAX diinotaa fi harka worra nu jibbuu mara jalaa akka nu fayyisu addii nuuf kenneera. BSB BSB: salvation from our enemies and from the hand of all who hate us,
72 GAX Abbootii teennaaf akka mararu addii kennee fi gondooroo woyyittii ifii qaabate. BSB BSB: to show mercy to our fathers and to remember His holy covenant,
73 GAX Bara le'ii teennaa mara fuula isaa duratti woyyumma'aa fi balchumma'aan, sodaa malee akka isaaf tajaajillu, diinota keenna jalaa akka nu baasu, abbaa keenna Abrahaamiif kakuu gale. BSB BSB: the oath He swore to our father Abraham, to grant us
76 GAX Mucaa kiyya, atille, raagicha Waaqa Ol Aana'aa hin jedhanta, karaa Gootta'aa qopheessiisaaf isa dura hin ideenta. BSB BSB: And you, child, will be called a prophet of the Most High; for you will go on before the Lord to prepare the way for Him,
77 GAX Kolbaan Waaqaa araara cubbu'uu kennamuun, beekkuma fayyinnaa akka dhaggattu hinta. BSB BSB: to give to His people the knowledge of salvation through the forgiveness of their sins,
78 GAX Waaqi keenna marara'aa fi gadhaa laafa'a. Inni aduu fayyinnaa nu'uuf hin baasa. BSB BSB: because of the tender mercy of our God, by which the Dawn will visit us from on high,
79 GAX Inni worra dukkanaa fi gaaddisa du'aa keessa jiru maraaf hin issa; miila keennalle karaa nageyaatitti hin qajeelcha» jedhee raage. BSB BSB: to shine on those who live in darkness and in the shadow of death, to guide our feet into the path of peace.”
80 GAX Mucaan guddatee, Ayyaanalle'een jabaate; haga guyyaan inni kolbaa Israa'eliititti mudhate gewutti goomolee keessa le'e. BSB BSB: And the child grew and became strong in spirit; and he lived in the wilderness until the time of his public appearance to Israel.