Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.3.3
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Luke
Luke
14
GAX
BSB
A
a
Luke 14
14
Luke
The journey to Jerusalem
Guji Oromo Bible
Jesus
, person
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Guyyaa Sanbataa tokko, Yesuus sagalee nyaatiisaaf, gara mana sooreyyii Fariisaayota keessaa tokkochaa dhaqe; worri achi jiranu isa gaadiisatti jiraniiyyu.
BSB
BSB:
One Sabbath, Jesus went to eat in the home of a leading Pharisee, and those in attendance were watching Him closely.
2
GAX
Namichi nafi isaa iitoweeru tokko fuula isaa dura jiraayyu.
BSB
BSB:
Right there before Him was a man with dropsy.
3
GAX
Yesuus, «Guyyaa Sanbataatiin fayyisuun seeraa moo seera moti?» jedhee barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota gaafate.
BSB
BSB:
So Jesus asked the experts in the law and the Pharisees,
“Is it lawful to heal on the Sabbath or not?”
4
GAX
Isaan ammoo cadhisane. Yesuus namicha qabee fayyisee galche.
BSB
BSB:
But they remained silent. Then Jesus took hold of the man, healed him, and sent him on his way.
5
GAX
Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Isin keessaa nami tokko, ilmi isaa yookiin qotiyyoon isaa yoo boolla keessa bu'e, yennuma san guyyaa Sanbataatiin ka hin baanne eennu?» jedhe.
BSB
BSB:
And He asked them,
“Which of you whose son or ox falls into a pit on the Sabbath day will not immediately pull him out?”
6
GAX
Isaan ammoo tanaafille deebii kennuu hin dandeenne.
BSB
BSB:
And they were unable to answer these questions.
7
GAX
Yesuus keessumooti addee ulfinnaa filattuun yennaa dhagge, itti mammaakee,
BSB
BSB:
When Jesus noticed how the guests chose the places of honor, He told them a parable:
8
GAX
«Yennaa nami tokko gara jila fuudhaa fi heerumaa si waame, addee ulfinnaa hin tee'in, nami si caalu waamameera fa te'a.
BSB
BSB:
“When you are invited to a wedding banquet, do not sit in the place of honor, in case someone more distinguished than you has been invited.
9
GAX
Abbaan isin lamaanuu waame sun dhufee, ‹Addee tana namicha kanaaf lakkisi› yoo si'iin jedhe, qaanowaa addee namichaaf lakkittee, addee gadee dhaxxee hin teetta.
BSB
BSB:
Then the host who invited both of you will come and tell you, ‘Give this man your seat.’ And in humiliation, you will have to take the last place.
10
GAX
Ati ammoo yennaa waamante, abbaan si waame sun dhufee, ‹Jaala kiyya, as addee tanatti ol dabar› akka si'iin jedhuuf, dhaqiitii addee gadee tee'i. Yennaa san worra waamame san mara duratti ulfinna hin dhaggatta.
BSB
BSB:
But when you are invited, go and sit in the last place, so that your host will come and tell you, ‘Friend, move up to a better place.’ Then you will be honored in front of everyone at the table with you.
11
GAX
Nami ifi guddisu maraa hin diqqaata, nami ifi diqqeessu maraa hin guddata» jedhe.
BSB
BSB:
For everyone who exalts himself will be humbled, and the one who humbles himself will be exalted.”
12
GAX
Achiin duuba Yesuus namicha isa keessummeessu'uuf waameen, «Sagalee guyya'aa yookiin sagalee galgalaa yennaa gootu, jaalolee teeti yookiin obboleeyyan teeti yookiin firoottan keeti yookiin dureeyyii ollaa keetii hin waamin; yoo waante, isaanille deebisanee si waamanee, deebittee hin kaffalta.
BSB
BSB:
Then Jesus said to the man who had invited Him,
“When you host a dinner or a banquet, do not invite your friends or brothers or relatives or rich neighbors. Otherwise, they may invite you in return, and you will be repaid.
13
GAX
Ati ammoo yennaa jila gootu, worra hiyyeessa, worra naafa, worra hokkola'aa fi worra ballaa waami!
BSB
BSB:
But when you host a banquet, invite the poor, the crippled, the lame, and the blind,
14
GAX
Ati hin eebbifanta; isaan waan si'iif deebisanu hin qabanu, Waaqi ammoo guyyaa du'aa ka'a balchoole'eetitti si'iif hin deebisa» jedhe.
BSB
BSB:
and you will be blessed. Since they cannot repay you, you will be repaid at the resurrection of the righteous.”
15
GAX
Keessummoota qori'itti hiiqanee tee'ane keessaa tokkochi, kana yennaa dhage'e Yesuusiin, «Mootummaa Waaqaatitti jilaaf ka tee'u ka badhaadhe!» jedhe.
BSB
BSB:
When one of those reclining with Him heard this, he said to Jesus, “Blessed is everyone who will eat at the feast in the kingdom of God.”
16
GAX
Yesuus isaan, «Namichi tokko jila guddoo godhee keessummoota hedduu waame.
BSB
BSB:
But Jesus replied,
“A certain man prepared a great banquet and invited many guests.
17
GAX
Yennaan jilaa yennaa geette, ‹Wonni maraa qophoweera, kowa'a!› jedhee worra waamametti akka himuuf tajaajilaa ifii itti erge.
BSB
BSB:
When it was time for the banquet, he sent his servant to tell those who had been invited, ‘Come, for everything is now ready.’
18
GAX
Isaan martinuu ammoo waan itti aalatanu himatiisatti ka'ane. Ka matoomaa, ‹Lafa bitadheera, dhaqee ilaalu'uu male; maganne'e na hin kajeelin!› jedheen.
BSB
BSB:
But one after another they all began to make excuses. The first one said, ‘I have bought a field, and I need to go see it. Please excuse me.’
19
GAX
Kuun, ‹Qotiyyoo ximmaadii shan bitadheera, qotiisaa fi qotiisa dhabuu isaanii ilaaliisaaf kunoo kara'atti bayeera; maganne'e na hin kajeelin!› jedheen.
BSB
BSB:
Another said, ‘I have bought five yoke of oxen, and I am going to try them out. Please excuse me.’
20
GAX
Ka dhibiin, ‹Ani waajiba waan te'eef, dhaqqabee hin dhufu› jedheen.
BSB
BSB:
Still another said, ‘I have married a wife, so I cannot come.’
21
GAX
Maarre tajaajilaan galee goottaa ifiititti waan kana hime. Abbaan jilaa aaree tajaajilaa ifiitiin, ‹Ariifadhuu gara karaa gugurda'aatii fi xurree qachaa keessaa dhaqiitii worra hiyyeessa, worra naafa, worra balla'aa fi worra hokkolaa fidi!› jedhe.
BSB
BSB:
The servant returned and reported all this to his master. Then the owner of the house became angry and said to his servant, ‘Go out quickly into the streets and alleys of the city, and bring in the poor, the crippled, the blind, and the lame.’
22
GAX
Tajaajilaan, ‹Gootta'a, waan ati ajajje maraa muummesseera, ammoo ammalle addeen hin jirti!› jedheen.
BSB
BSB:
‘Sir,’ the servant replied, ‘what you ordered has been done, and there is still room.’
23
GAX
Maarre goottaan tajaajila'aan, ‹Gara kara'aatii fi xurre'ee dhaqiitii, akka manni kiyya guutuuf kolbaan akka dhuttu tolchi!
BSB
BSB:
So the master told his servant, ‘Go out to the highways and hedges and compel them to come in, so that my house will be full.
24
GAX
Ani isinitti hima, worra duraan waamame keessaa tokkolle sagalee tiyya ta galgalaa afaaniin hin qabu!› jedhe» jedheen.
BSB
BSB:
For I tell you, not one of those men who were invited will taste my banquet.’”
25
GAX
Gumiin guddoon adoo isa woliin ideentuu, Yesuus itti garagalee,
BSB
BSB:
Now large crowds were traveling with Jesus, and He turned and said to them,
26
GAX
«Nami gara kiyya dhufu, abba'aa fi haadha ifii, haadha manaatii fi ijoollee ifii, obboleeyyanii fi obboleettota ifii, jiruu ifiille na caalaa ka jaalatu yoo te'e, barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u.
BSB
BSB:
“If anyone comes to Me and does not hate his father and mother and wife and children and brothers and sisters—yes, even his own life—he cannot be My disciple.
27
GAX
Fannoo ifii ba'atee ka na hin hordonne, barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u.
BSB
BSB:
And whoever does not carry his cross and follow Me cannot be My disciple.
28
GAX
«Isin keessaa nami mana dhaka'aa ijaaruu barbaadu, duraan dursee beesee ittiin ijaaree fixu akka qabu beekiisaaf, tee'ee ka gatii hin herrenne eennu?
BSB
BSB:
Which of you, wishing to build a tower, does not first sit down and count the cost to see if he has the resources to complete it?
29
GAX
Yoo akkas hin te'in, hundee buusee fixiisa ammoo yoo dadhabe, worri kana dhaggu maraa itti kolla;
BSB
BSB:
Otherwise, if he lays the foundation and is unable to finish the work, everyone who sees it will ridicule him,
30
GAX
‹Ilaa, namichi kun ijaarsa jalqabee fixiisa ammoo dadhabe› jedha.
BSB
BSB:
saying, ‘This man could not finish what he started to build.’
31
GAX
Yookiin mootiin loltoota kuma kudhan qabu, mootii loltoota kuma diddama qabu woliin loliisaaf ka duulu tokko, duraan dursee gad tee'ee ka hin mari'anne kam?
BSB
BSB:
Or what king on his way to war with another king will not first sit down and consider whether he can engage with ten thousand men the one coming against him with twenty thousand?
32
GAX
Yoo hin dandeenne te'e, mootichi isa loliisaaf ka'e sun adoo fagoo jiruu ergantoota ifii itti ergee nageya buusiisaaf hin gaafata.
BSB
BSB:
And if he is unable, he will send a delegation while the other king is still far off, to ask for terms of peace.
33
GAX
Akkasuma, eennulle isin keessaa qabeenna ifii mara ka hin lakkinne barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u» jedhe.
BSB
BSB:
In the same way, any one of you who does not give up everything he has cannot be My disciple.
34
GAX
«Sooddi waan dansa'a, ammoo yoo kuraa ifi keessaa dhabe, attamiin deebi'ee kurowa ree?
BSB
BSB:
Salt is good, but if the salt loses its savor, with what will it be seasoned?
35
GAX
Lafaaf yookiin kosii tuulantuufille hin te'u; alatti hin gatama. Gurra dhage'u ka qabu dhage'uuti!» jedhe.
BSB
BSB:
It is fit neither for the soil nor for the manure pile, and it is thrown out. He who has ears to hear, let him hear.”
Chapter complete
You’ve read Luke 14
Chapter 14 of 24 in Luke
Up next
Luke 15
Read Luke 15
Back to Luke 13
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Luke 14
A question this chapter raises
Did Jesus really tell us to hate our parents?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Luke 13
Luke 14
Luke 15