Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.6.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Luke
Luke
16
GAX
BSB
A
a
Luke 16
16
Luke
The journey to Jerusalem
Guji Oromo Bible
Abraham
, person
Lazarus
, person
Moses
, person
John
, person
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Yesuus barattoota ifiitiin, «Namichi dureessi tokko, toowataa mana isaa toowatu qabaayyu. Toowataan kun akka karra isaa balleessaaru dureessichatti himane.
BSB
BSB:
Jesus also said to His disciples,
“There was a rich man whose manager was accused of wasting his possessions.
2
GAX
Maarre namichi dureessichi toowataa san waamee, ‹Marroo teeti wonni ani dhage'u kun maan? Ati haganaa achi toowataa kiyyaa waan hin teeneef, herrega toowatumma'aan itti hujje natti kenni› jedheen.
BSB
BSB:
So he called him in to ask, ‘What is this I hear about you? Turn in an account of your management, for you cannot be manager any longer.’
3
GAX
Toowataan sun gadhaa ifii keessatti, ‹Amma goottaan kiyya toowatummaa tana na irraa fuudhaara, maan godhu naa woyya? Hin qotadha'atti hin dande'u, hin kadhadha'atti hin fokkifadha.
BSB
BSB:
The manager said to himself, ‘What shall I do, now that my master is taking away my position? I am too weak to dig and too ashamed to beg.
4
GAX
Yennaa toowatummaa irraa ari'ame akka namooti gara mana ifii na fudhatanuuf, ani waan godhu hin beeka!› jedhe.
BSB
BSB:
I know what I will do so that after my removal from management, people will welcome me into their homes.’
5
GAX
Achiin duuba worra liqaa goottaa isaa qabu tokko tokkoon waamee, ka duraatiin, ‹Liqaa goottaa kiyyaa meeqa ifi irraa qadda?› jennaan,
BSB
BSB:
And he called in each one of his master’s debtors. ‘How much do you owe my master?’ he asked the first.
6
GAX
namichi deebisee, ‹Zayitii ejersaa okkotee dhibba› jedhe. Maarre toowataan, ‹Galmee keeti hoo'o; ariifadhuu shantama jedhii barreessi›.
BSB
BSB:
‘A hundred measures of olive oil,’ he answered. ‘Take your bill,’ said the manager, ‘sit down quickly, and write fifty.’
7
GAX
Ammalle toowataan, nama liqaa goottaa isaa qabu dhibi'iin, ‹Liqaa gootta'aa meeqa qadda?› jedhee gaafate. Namichille deebisee, ‹Qamadii daawullaa shantama› jedhe. Toowataan, ‹Galmee keeti hoo'o; dhibba saddeeti jedhii barreessi› jedheen.
BSB
BSB:
Then he asked another, ‘And how much do you owe?’ ‘A hundred measures of wheat,’ he replied. ‘Take your bill and write eighty,’ he told him.
8
GAX
Goottaan, toowataa hin addatanne san mala inni dhowateef jaje. Kun ijoolleen lafa tanaa ijoollee ifaa caalaa worra isaan fakkaatu woliin wolitti dhikeenna qabanuun malaameyyii akka te'ane mudhisa.
BSB
BSB:
The master commended the dishonest manager because he had acted shrewdly. For the sons of this age are more shrewd in dealing with their own kind than are the sons of light.
9
GAX
Ani isinitti hima, yennaa karri teessan hobbaate, akka isaan gara mana bara baraan itti leetanuu isin fudhatanu, karra dabaa ta lafa tanaatiin fira baafadha'a!
BSB
BSB:
I tell you, use worldly wealth to make friends for yourselves so that when it is gone, they will welcome you into eternal dwellings.
10
GAX
«Nami waan diqqo'oon addatamaa te'e waan guddoolle'een addatamaa hin te'a. Nami waan diqqo'oon hin addatanne, waan guddoolle'een hin addatamu.
BSB
BSB:
Whoever is faithful with very little will also be faithful with much, and whoever is dishonest with very little will also be dishonest with much.
11
GAX
Yoo isin karra biyya lafaa tanaan hin addatamin, eentu addatee karra dhuga'aa isinitti kenna ree?
BSB
BSB:
So if you have not been faithful with worldly wealth, who will entrust you with true riches?
12
GAX
Isin karra worra dhibi'iitiin yoo hin addatamin, karra isiniif teetu eentu isiniif kenna ree?
BSB
BSB:
And if you have not been faithful with the belongings of another, who will give you belongings of your own?
13
GAX
«Nami tokko garba goottaa lamaa te'iisaaf hin dande'u, tokkocha jibbee, kaan hin jaalata; yookiin tokkocha ulfeessee kaan hin tuffata. Akkasuma Waaqaa fi beesee tajaajiliisaaf hin dandeettanu» jedhe.
BSB
BSB:
No servant can serve two masters. Either he will hate the one and love the other, or he will be devoted to the one and despise the other. You cannot serve both God and money.”
14
GAX
Fariisaayoti worri beesee jaalatanu yennaa waan Yesuus dubbate kana dhage'ane isa ceeggatane.
BSB
BSB:
The Pharisees, who were lovers of money, heard all of this and were scoffing at Jesus.
15
GAX
Yesuus ammoo isaaniin, «Isin yennaa maraa balchoota ifi gootanee ilaaltan, Waaqi ammoo waan gadhaa keessan keessa jiru dhagga, wonni nama duratti ulfaataa fakkaatee mudhatu, Waaqa duratti tuffatama'a.
BSB
BSB:
So He said to them,
“You are the ones who justify yourselves before men, but God knows your hearts. For what is prized among men is detestable before God.
16
GAX
Seerri Muuse'eetii fi kitaaboti raagotaa haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti hujaa turane. Haga mootummaan Waaqaa odeeffanteen jalqabee nami martinuu itti galiisaaf jabeennaan wodhaaneera.
BSB
BSB:
The Law and the Prophets were proclaimed until John. Since that time, the gospel of the kingdom of God is being preached, and everyone is forcing his way into it.
17
GAX
Ammoo Seera keessaa bixxilleen addee dhidhattu ol-gubba'aa fi latti tartu irra kaso'o.
BSB
BSB:
But it is easier for heaven and earth to pass away than for a single stroke of a pen to drop out of the Law.
18
GAX
«Nami haadha manaa ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu maraa hin gaarayyeeffata. Akkasuma dubartii abbaan manaa lakkise ka fuudhu hin gaarayyeeffata.
BSB
BSB:
Anyone who divorces his wife and marries another woman commits adultery, and he who marries a divorced woman commits adultery.
19
GAX
«Namichi dureessi woyaa dhiillee dansittii, ta gatii guddo'oo uffataa, guyyaa mara qananumma'aan le'u tokko jira.
BSB
BSB:
Now there was a rich man dressed in purple and fine linen, who lived each day in joyous splendor.
20
GAX
Namichi hiyyeessi tokko, ka Alaazar jedhamu, ka nafi isaa duudiin mammadaayeeru balbala namicha dureessichaa dura irkateeraayyu.
BSB
BSB:
And a beggar named Lazarus lay at his gate, covered with sores
21
GAX
Inni waan qorii namicha dureessichaa irraa harca'e nyaatiisaaf halcha. Sareelle dhuttee madaa isaa arraabbatti.
BSB
BSB:
and longing to be fed with the crumbs that fell from the rich man’s table. Even the dogs came and licked his sores.
22
GAX
Namichi hiyyeessi duunaan, ergantooti Waaqaa fuudhanee cinaa Abrahaamii geessane. Namichi dureessichille du'ee awwaalame.
BSB
BSB:
One day the beggar died and was carried by the angels to Abraham’s side. And the rich man also died and was buried.
23
GAX
Inni qilee keessatti rakkataa adoo jiruu, yennaa ol ilaale, fago'otti Abrahaam dhagge; Alaazarille cinaa isaatitti dhagge.
BSB
BSB:
In Hades, where he was in torment, he looked up and saw Abraham from afar, with Lazarus by his side.
24
GAX
Maarre inni Abrahaamiin, ‹Abbaa kiyya Abrahaam naa nayi! Ani bobe'a ibiddaa kana keessatti guddoo waan rakkatiisatti jiruuf, Alaazar qaccee quba ifii bisaan keessa cuuphee akka arraba kiyya naaf qabbaneessu maganne'ee naa ergi› jedhee waammate.
BSB
BSB:
So he cried out, ‘Father Abraham, have mercy on me and send Lazarus to dip the tip of his finger in water and cool my tongue. For I am in agony in this fire.’
25
GAX
«Abrahaam deebisee, ‹Lansa kiyya, ati bara jiruu teeti ta lafaa, waan dansaa dhaggattee akka gammadde qaabadhu; Alaazar ammoo rakkataa ture. Amma inni gammadiisatti jira, ati ammoo guddoo rakkatiisatti jirta.
BSB
BSB:
But Abraham answered, ‘Child, remember that during your lifetime you received your good things, while Lazarus received bad things. But now he is comforted here, while you are in agony.
26
GAX
Tana maraa irratti, akka worri asii gara keessan, worri achiille as gara keenna hin qaxxaamurre, bowwaan guddaan nu wodhakkaa jira› jedheen.
BSB
BSB:
And besides all this, a great chasm has been fixed between us and you, so that even those who wish cannot cross from here to you, nor can anyone cross from there to us.’
27
GAX
Namichi dureessichi ammoo, ‹Abrahaam, yoona akka Alaazar gara mana abbaa kiyyaa ergitu si kadhadha.
BSB
BSB:
‘Then I beg you, father,’ he said, ‘send Lazarus to my father’s house,
28
GAX
Ani obboleeyyan shan waan qabuuf, isaanille as addee rakkinnaa tana akka hin dhunne dhaqee ifi eeggachiisuu ti› jedhe.
BSB
BSB:
for I have five brothers. Let him warn them, so that they will not also end up in this place of torment.’
29
GAX
«Abrahaam deebisee, ‹Isaan Muuse'ee fi raagota qaban, dubbii isaanii dhage'anuu ti› jedhe.
BSB
BSB:
But Abraham replied, ‘They have Moses and the Prophets; let your brothers listen to them.’
30
GAX
Achiin duuba namichi dureessichi, ‹Waawwoo, abbaa kiyya Abrahaam, nami tokko du'aa ka'ee adoo dhaqee isaanitti himee ammoo cubbuu ifii irraa hin deebi'an› jedhe.
BSB
BSB:
‘No, father Abraham,’ he said, ‘but if someone is sent to them from the dead, they will repent.’
31
GAX
Abrahaam ammoo, ‹Isaan Muuse'ee fi raagota dhage'uu yoo dhabane, yoo nami tokko du'aa ka'elle hin dhugeeffatanu› jedheen» jedhe.
BSB
BSB:
Then Abraham said to him, ‘If they do not listen to Moses and the Prophets, they will not be persuaded even if someone rises from the dead.’”
Chapter complete
You’ve read Luke 16
Chapter 16 of 24 in Luke
Up next
Luke 17
Read Luke 17
Back to Luke 15
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Luke 16
A question this chapter raises
If God exists, why is he so hidden?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Luke 15
Luke 16
Luke 17