Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.6.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Luke
Luke
18
GAX
BSB
A
a
Luke 18
18
Luke
The journey to Jerusalem
Guji Oromo Bible
Jesus
, person
David
, person
Jerusalem
, place
Peter
, person
Jericho
, place
Nazareth
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Achiin duuba Yesuus barattooti isaa yennaa mara akka daadimatanuu fi daadimatiisa akka hin dadhanne barsiisiisaaf mammaassa itti mammaakee:
BSB
BSB:
Then Jesus told them a parable about their need to pray at all times and not lose heart:
2
GAX
«Abbaan mura'aa ka Waaqa hin sodaanne, ka namalle hin ulfeessine tokko qachaa tokko keessa jira.
BSB
BSB:
“In a certain town there was a judge who neither feared God nor respected men.
3
GAX
Haati hiyyeessaa ta yennaa yenna'aan gara isaa deddeebi'aa, ‹Falmataa kiyya irratti muraa qajeelaa naaf muri› jedhaa itti boottu takkalle qachaa san keessa jirti.
BSB
BSB:
And there was a widow in that town who kept appealing to him, ‘Give me justice against my adversary.’
4
GAX
Abbaan mura'aa yennaa hedduu wo godhuu dide; duuba ammoo, ‹Waaqa sodaa yookiin nama ulfeessuu yoo dhabelle,
BSB
BSB:
For a while he refused, but later he said to himself, ‘Though I neither fear God nor respect men,
5
GAX
haati hiyyeessaa tun ittuma waan na rakkittuuf, akka isiin yennaa mara dhufaa na hin hifachiinne isi'iif hin mura› jedhee ifiin dubbate» jedhe.
BSB
BSB:
yet because this widow keeps pestering me, I will give her justice. Otherwise, she will wear me out with her perpetual requests.’”
6
GAX
Goottaan, «Waan abbaan mura'aa jallaamessi sun jedhe dhage'aa!
BSB
BSB:
And the Lord said,
“Listen to the words of the unjust judge.
7
GAX
Waaqille worra isaaf filame ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyuuf hin muruu ree? Isaan qarqaariisaaf hin hancaaraa?
BSB
BSB:
Will not God bring about justice for His elect who cry out to Him day and night? Will He delay in helping them?
8
GAX
Ani isinitti hima, dafee isaaniif hin mura. Te'uu malee, Ilmi Namaa yennaa dhufu dhugeeffannaa lafa irratti hinuma dhaggaa laati?» jedhe.
BSB
BSB:
I tell you, He will promptly carry out justice on their behalf. Nevertheless, when the Son of Man comes, will He find faith on earth?”
9
GAX
Yesuus namoota garii ka balchoolee ifi seyanee, worra kaan tuffatanutti, mammaakee:
BSB
BSB:
To some who trusted in their own righteousness and viewed others with contempt, He also told this parable:
10
GAX
«Nami lamaan daadimatiisaaf gara Galma Waaqaa dhaqe: tokkochi Fariisaayicha, kuun namicha qaraxa guuru.
BSB
BSB:
“Two men went up to the temple to pray. One was a Pharisee and the other a tax collector.
11
GAX
Fariisaayichi qofuu dhaabbatee, ‹Waaqa, ani akka worra dhibi'ii: saantuu, jallaamessa, gaarayyeeffataa, yookiin keessattuu akka namicha qaraxa guuru kanaa, waan te'uu dhabeef si galateeffadha.
BSB
BSB:
The Pharisee stood by himself and prayed, ‘God, I thank You that I am not like other men—swindlers, evildoers, adulterers—or even like this tax collector.
12
GAX
Torbaan keessatti yennaa lamaan laama; waan dhaggadhu mara keessalle'ee kudhan keessaa tokko si'iif kenna› jedhee daadimate.
BSB
BSB:
I fast twice a week and pay tithes of all that I acquire.’
13
GAX
Namichi qaraxa guuru sun ammoo, fagaatee dhaabbatee, gara ol-gubba'aalle adoo hin ilaalin, qoma dhodhowataa, ‹Waaqa, na cubbicha marari!› jedhe.
BSB
BSB:
But the tax collector stood at a distance, unwilling even to lift up his eyes to heaven. Instead, he beat his breast and said, ‘God, have mercy on me, a sinner!’
14
GAX
Ani isinitti hima, Fariisaayicha saniin irra namichi qaraxa guuru kun Waaqa duratti balchoomee gara mana ifii deeme. Nami ifi guddisu hin diqqaata, nami ifi diqqeessu hin guddata» jedhe.
BSB
BSB:
I tell you, this man, rather than the Pharisee, went home justified. For everyone who exalts himself will be humbled, but the one who humbles himself will be exalted.”
15
GAX
Yesuus harka ifiitiin qaqqabee akka eebbisuuf namooti gariin daa'immaan gara isaa fidane. Barattooti isaa yennaa tana dhaggane, xixanee isaan dhooggane.
BSB
BSB:
Now people were even bringing their babies to Jesus for Him to place His hands on them. And when the disciples saw this, they rebuked those who brought them.
16
GAX
Yesuus ammoo ijoollee gara ifii waamee, «Mootummaan Waaqaa ta worra akka kanaa waan teeteef, lakkisa'a, ijoolleen gara kiyya dhuttuu ti, hin dhooggina'a.
BSB
BSB:
But Jesus called the children to Him and said,
“Let the little children come to Me, and do not hinder them! For the kingdom of God belongs to such as these.
17
GAX
Ani dhugumaan isinitti hima, eennulle ka mootummaa Waaqaa akka daa'imaa hin fudhanne, ijjumaa itti hin galu» jedhe.
BSB
BSB:
Truly I tell you, anyone who does not receive the kingdom of God like a little child will never enter it.”
18
GAX
Bulchaan Yihudootaa tokko, «Barsiisaa dansaa, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf ani maan godhuu male?» jedhee Yesuus gaafate.
BSB
BSB:
Then a certain ruler asked Him, “Good Teacher, what must I do to inherit eternal life?”
19
GAX
Yesuus deebisee, «Maaf dansaa anaan jetta? Waaqa tokkocha malee, nami dansaan tokkolle hin jiru.
BSB
BSB:
“Why do you call Me good?”
Jesus replied.
“No one is good except God alone.
20
GAX
Ati ajaja, ‹Hin gaarayyeeffatin, hin ijjeesin, hin hatin, dharaan dhugaa hin bayin, abba'aa fi haadha teetiif ulfinna kenni!› jedhu hin beetta» jedhe.
BSB
BSB:
You know the commandments: ‘Do not commit adultery, do not murder, do not steal, do not bear false witness, honor your father and mother.’”
21
GAX
Namichi deebisee, «Kana maraa ijoollumma'aan jalqabee eeggadheera» jedhe.
BSB
BSB:
“All these I have kept from my youth,” he said.
22
GAX
Yesuus yennaa kana dhage'e namichaan, «Ammalle wonni godhuu malte tokkochi hafeera. Waan qaddu duudii gurguriitii hiyyeeyyi'iif qoodi, ol-gubba'atti hin duroonta; achiin duuba koyiitii na hordof!» jedhe.
BSB
BSB:
On hearing this, Jesus told him,
“You still lack one thing: Sell everything you own and give to the poor, and you will have treasure in heaven. Then come, follow Me.”
23
GAX
Namichi ammoo yennaa tana dhage'e, guddoo dureessa waan te'eef, guddoo gadde.
BSB
BSB:
But when the ruler heard this, he became very sad, because he was extremely wealthy.
24
GAX
Yesuus akka namichi gadde dhaggee, «Worra dureeyyi'iif mootummaa Waaqaatitti galuun attam attam rakkisa'a!
BSB
BSB:
Seeing the man’s sadness, Jesus said,
“How hard it is for the rich to enter the kingdom of God!
25
GAX
Dhugumaan, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisaan irra, gaalli qowa limmo'oo keessa hulluuqiisatti irra kaso'o» jedhe.
BSB
BSB:
Indeed, it is easier for a camel to pass through the eye of a needle than for a rich man to enter the kingdom of God.”
26
GAX
Worri kana dhage'e, «Yoona eentu fayyuu dande'a ree?» jedhee gaafate.
BSB
BSB:
Those who heard this asked, “Who then can be saved?”
27
GAX
Yesuus deebisee, «Wonni namaaf hin dande'ane Waaqaaf hin dande'anti» jedhe.
BSB
BSB:
But Jesus said,
“What is impossible with man is possible with God.”
28
GAX
Achiin duuba Pheexroos, «Kunoo, nuuti qe'ee teenna lakkinnee si hordonneerra» jedhe.
BSB
BSB:
“Look,” said Peter, “we have left all we had to follow You.”
29
GAX
Yesuus deebisee, «Ani dhugumaan isinitti hima, nami mootummaa Waaqaatiif jedhee, mana yookiin obboleeyyan yookiin haadhaa fi abbaa yookiin ijoollee ifii lakkise,
BSB
BSB:
“Truly I tell you,”
Jesus replied,
“no one who has left home or wife or brothers or parents or children for the sake of the kingdom of God
30
GAX
bara jiruu tanaatitti dachaa hedduu caalchisee hin fudhata; bara jiruu dhuttuutittille jiru bara baraa hin fudhata» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
will fail to receive many times more in this age—and in the age to come, eternal life.”
31
GAX
Yesuus barattoota kudhanii lamaan maddi'itti fuudhee, «Kunoo gara Yerusaalemii ol bayaarra, marroo Ilma Namaatiif ta raagotaan barreeffante maraa hin muummotti.
BSB
BSB:
Then Jesus took the Twelve aside and said to them,
“Look, we are going up to Jerusalem, and everything the prophets have written about the Son of Man will be fulfilled.
32
GAX
Inni harka worra Yihudoota hin te'iniititti dabarfamee hin kennama. Isaan itti hin taphatan, hin arrassan, ittille hin tufan.
BSB
BSB:
He will be delivered over to the Gentiles and will be mocked and insulted and spit upon.
33
GAX
Dhaananeen duuba hin ijjeesan, guyyaa sadiin duuba ammoo du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
They will flog Him and kill Him, and on the third day He will rise again.”
34
GAX
Barattooti ammoo waan kana keessaa womaa hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan duraa waan dhokatteertuuf waan Yesuus dubbate hubatiisaaf hin dandeenne.
BSB
BSB:
But the disciples did not understand any of these things. The meaning was hidden from them, and they did not comprehend what He was saying.
35
GAX
Yesuus Yeriko'otti yennaa dhikaate, namichi ballaan tokko karaa qarqara tee'ee kadhatiisatti jiraayyu.
BSB
BSB:
As Jesus drew near to Jericho, a blind man was sitting beside the road, begging.
36
GAX
Gumiin cinaa isaatiin dabartuun dhage'ee, waan te'iisatti jiru gaafate.
BSB
BSB:
When he heard the crowd going by, he asked what was happening.
37
GAX
Isaan, «Yesuusii nama Naaziretiititti asiin dabariisatti jira» jedhane itti himane.
BSB
BSB:
“Jesus of Nazareth is passing by,” they told him.
38
GAX
Maarre inni, «Yesuus, Ilma Daawitii na marari!» jedhee iyye.
BSB
BSB:
So he called out, “Jesus, Son of David, have mercy on me!”
39
GAX
Worri dura ideemu cadhisiisiisaaf isa xixe; inni ammoo ittuma caalchisee, «Ilma Daawitii, na marari!» jedhee iyye.
BSB
BSB:
Those who led the way admonished him to be silent, but he cried out all the louder, “Son of David, have mercy on me!”
40
GAX
Yesuus dhaabbatee, namicha ballaa san gara isaa akka fidanuuf ajaje. Yennaa inni itti dhikaate,
BSB
BSB:
Jesus stopped and directed that the man be brought to Him. When he had come near, Jesus asked him,
41
GAX
Yesuus «Maan akka ani si'iif godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Inni deebisee, «Goottaa kiyya, ani akka dhaggu barbaada» jedhe.
BSB
BSB:
“What do you want Me to do for you?”
“Lord,” he said, “let me see again.”
42
GAX
Yesuus deebisee, «Dhaggi! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen.
BSB
BSB:
“Receive your sight!”
Jesus replied.
“Your faith has healed you.”
43
GAX
Yennuma san dhaggee, Waaqa galateeffataa Yesuus hordofe. Gumiin sun martinuu yennaa tana dhaggite, Waaqa galateessite.
BSB
BSB:
Immediately he received his sight and followed Jesus, glorifying God. And all the people, when they saw it, gave praise to God.
Chapter complete
You’ve read Luke 18
Chapter 18 of 24 in Luke
Up next
Luke 19
Read Luke 19
Back to Luke 17
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Luke 18
A question this chapter raises
Why doesn’t God answer my prayers?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Luke 17
Luke 18
Luke 19