Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v1.35.0
Skip to content
Opened
Today
Ask
Read
Journey
More
Matt
Matthew
2
GAX
BSB
A
a
Matthew 2
2
Matthew
Birth and preparation of the King
Guji Oromo Bible
Herod
, person
Bethlehem
, place
Egypt
, place
Israel
, person
Judea
, place
Christ
, person
Jerusalem
, place
Joseph
, person
8 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Bara Heroodis mooticha te'eeru, qachaa Beeteelemii, ka Yihudaa keessaatitti Yesuus dhalate. Achiin duuba adoo hin turin beekkoleen urjii qorqortu karaa baya adu'uutii gara Yerusaalemii dhufanee,
BSB
BSB:
After Jesus was born in Bethlehem in Judea, during the time of King Herod, Magi from the east arrived in Jerusalem,
2
GAX
«Mucaan mootii Yihudootaa te'iisaaf dhalate, eessa jira? Nuuti urjii isaa karaa aduun baatutti dhagginee, isatti sagadiisaaf dhunneerra» jedhanee iyyaafatane.
BSB
BSB:
asking, “Where is the One who has been born King of the Jews? We saw His star in the east and have come to worship Him.”
3
GAX
Mootichi Heroodis yennaa waan kana dhage'e rifate; worri Yerusaalemii martille isa woliin rifate.
BSB
BSB:
When King Herod heard this, he was disturbed, and all Jerusalem with him.
4
GAX
Inni sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seeraa wolitti qabee, «Masiihiin eessatti dhalata?» jedhee isaan gaafate.
BSB
BSB:
And when he had assembled all the chief priests and scribes of the people, he asked them where the Christ was to be born.
5
GAX
Isaan, «Beeteelemii Yihudaa keessaatitti dhalata; raagichi:
BSB
BSB:
“In Bethlehem in Judea,” they replied, “for this is what the prophet has written:
6
GAX
«‹Ati Beeteelemiin Yihudaa keessaa! Qachoota gugurdaa Yihudaa keessaa mara caalaa ijjumaayyuu hin diqqaattu; sababille ka kolbaa tiyya Israa'el bulchu bulchaan si keessaa baya› jedhee barreesseera» jedhaneen.
BSB
BSB:
‘But you, Bethlehem, in the land of Judah, are by no means least among the rulers of Judah, for out of you will come a ruler who will be the shepherd of My people Israel.’”
7
GAX
Heroodis dhossa'aan worra urjii qorqoru san waamee yennaa urjiin itti mudhatte isaan irraa gaafatee hubate.
BSB
BSB:
Then Herod called the Magi secretly and learned from them the exact time the star had appeared.
8
GAX
Achiin duuba, «Dhaqa'aatii, marroo muca'aa miidhassa'aa qorqora'a; yennaa isa dhaggitane, anille dhaqee akka sagaduuf natti hima'a» jedhee, gara Beeteelemii isaan erge.
BSB
BSB:
And sending them to Bethlehem, he said: “Go and search carefully for the Child, and when you find Him, report to me, so that I too may go and worship Him.”
9
GAX
Isaan yennaa waan mootichi jedhe dhage'ane, ka'anee yaa'ane; karaa irralle'etti urjiin isaan karaa aduun baatutti dhaggane tuun, addee mucaan jiru san gubba'atti haga dhaabbattutti isaaniin dura ideente.
BSB
BSB:
After they had heard the king, they went on their way, and the star they had seen in the east went ahead of them until it stood over the place where the Child was.
10
GAX
Isaan yennaa urjii dhaggane, akka malee gammadane.
BSB
BSB:
When they saw the star, they rejoiced with great delight.
11
GAX
Mana seenanee, mucaa haadha isaa Maariyaam woliin dhagganee, gad jiganee isaaf sagadane. Achiin duuba subba ifii bananee worqii, hixaanaa fi qumbii isaaf kennane.
BSB
BSB:
On coming to the house, they saw the Child with His mother Mary, and they fell down and worshiped Him. Then they opened their treasures and presented Him with gifts of gold and frankincense and myrrh.
12
GAX
Achiin duuba isaan gara Heroodisii akka hin deebineef, Waaqi oojju'uun waan isaan if eeggachiiseef, karaa dhibi'iin gara biyya ifii deebi'ane.
BSB
BSB:
And having been warned in a dream not to return to Herod, they withdrew to their country by another route.
13
GAX
Eega beekkoleen sun gara biyya ifii deebi'ane, ergamaan Gootta'aa oojju'uun Yoseefitti mudhatee, «Heroodis mucaa ijjeesiisaaf waan barbaaduuf, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuu gara biyya Gibxi'ii baqadhu; haga ani sitti himutti achi turi» jedheen.
BSB
BSB:
When the Magi had gone, an angel of the Lord appeared to Joseph in a dream. “Get up!” he said. “Take the Child and His mother and flee to Egypt. Stay there until I tell you, for Herod is going to search for the Child to kill Him.”
14
GAX
Maarre Yoseef ka'ee, muca'aa fi haadhaa muca'aa fuudhee, gara biyya Gibxi'ii halkanuma san deeme.
BSB
BSB:
So he got up, took the Child and His mother by night, and withdrew to Egypt,
15
GAX
Haga Heroodis du'u achi ture; Goottaan afaan raaga'aatiin, «Ani biyya Gibxi'iitii mucaa kiyya waame» jedhee wonni dubbateeru akka muummottuuf tun teete.
BSB
BSB:
where he stayed until the death of Herod. This fulfilled what the Lord had spoken through the prophet: “Out of Egypt I called My Son.”
16
GAX
Worri urjii qorqoru akka isa sobe yennaa hubate, Heroodis akka malee aare. Yennaa urjiin itti mudhatte worra urjii qorqoru irraa akka gaafatee hubatetti, ijoollee Beeteelem keessaatii fi adaala isi'ii maraa, ta woggaa lamaa yookiin achii gadii loltoota ifii ergee ijjeesisiise.
BSB
BSB:
When Herod saw that he had been outwitted by the Magi, he was filled with rage. Sending orders, he put to death all the boys in Bethlehem and its vicinity who were two years old and under, according to the time he had learned from the Magi.
17
GAX
Akka kanaan wonni raagichi Ermiyaas jedhe muummotte;
BSB
BSB:
Then what was spoken through the prophet Jeremiah was fulfilled:
18
GAX
wonni inni raagelle: «Qoonqoon Raama'atti dhage'ante, qoonqoo wiiccifataa fi bowaa ti. Raahel ijoollee ifiitiif bootte; ijoolleen isi'ii waan dhumatteef, jajjabaachuu didde» ka jedhu.
BSB
BSB:
“A voice is heard in Ramah, weeping and great mourning, Rachel weeping for her children and refusing to be comforted, because they are no more.”
19
GAX
Heroodis du'een duuba, ergamaan Gootta'aa biyya Gibxi'ii keessatti oojju'uun Yoseefitti mudhatee,
BSB
BSB:
After Herod died, an angel of the Lord appeared in a dream to Joseph in Egypt.
20
GAX
«Worri mucaa ijjeesiisaaf barbaadu waan du'eef, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuutii, gara biyya Israa'elii deebi'i» jedheen.
BSB
BSB:
“Get up!” he said. “Take the Child and His mother and go to the land of Israel, for those seeking the Child’s life are now dead.”
21
GAX
Maarre Yoseef ka'ee, muca'aa fi haadha muca'aa fudhatee, gara biyya Israa'elii deebi'e.
BSB
BSB:
So Joseph got up, took the Child and His mother, and went to the land of Israel.
22
GAX
Arkelaawoos addee abbaa ifii Heroodisii biyya Yihuda'aa akka bulchiisatti jiru yennaa dhage'e ammoo, Yoseef achi deemiisa sodaate. Oojju'uun gorfamee, gara lafa Galiila'aa dhaqee,
BSB
BSB:
But when he learned that Archelaus was reigning in Judea in place of his father Herod, he was afraid to go there. And having been warned in a dream, he withdrew to the district of Galilee,
23
GAX
raagoti marroo Yesuusiitiif, «Inni Naazireticha hin jedhama» wonni jette akka muummottu qachaa Naaziret jedhamu dhaqee le'e.
BSB
BSB:
and he went and lived in a town called Nazareth. So was fulfilled what was spoken through the prophets: “He will be called a Nazarene.”
Chapter complete
You’ve read Matthew 2
Chapter 2 of 28 in Matthew
Up next
Matthew 3
Read Matthew 3
Listen
Back to Matthew 1
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Matthew 2
A question this chapter raises
Did Jesus fulfil the Old Testament prophecies of the Messiah?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Matthew 1
Matthew 2
Matthew 3