Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v1.41.7
Skip to content
Opened
Today
Ask
Read
Journey
More
Matt
Matthew
28
GAX
BSB
A
a
Matthew 28
28
Matthew
Death and resurrection
Guji Oromo Bible
Jesus
, person
Galilee
, place
Magdalene
, place
Mary Magdalene
, person
Mary
, person
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Sanbati dabareen duuba, Dilbata barii halkaniin, Maariyaamiin qachaa magdala'aatii fi Maariyaamiin tuun boolla awwaalaa ilaaliisaaf dhaqane.
BSB
BSB:
After the Sabbath, at dawn on the first day of the week, Mary Magdalene and the other Mary went to see the tomb.
2
GAX
Ergamaan Gootta'aa ol-gubbaa irraa gad bu'ee, dhufee dhakaa boolla awwaalaa irraa gangalchee waan irra tee'eef, dedhuma tacho'i lafaa guddaan te'e.
BSB
BSB:
Suddenly there was a great earthquake, for an angel of the Lord descended from heaven, rolled away the stone, and sat on it.
3
GAX
Bifi isaa akka balaqqeetti'ii, woyaan isaa adii akka dhakaa roobaa ti.
BSB
BSB:
His appearance was like lightning, and his clothes were white as snow.
4
GAX
Worri eegu ergamaa Gootta'aa waan sodaateef hollatanee akka nama du'ee te'ane.
BSB
BSB:
The guards trembled in fear of him and became like dead men.
5
GAX
Ergamaan Gootta'aa ammoo dubartootaan, «Hin sodaatina'a; isin ka fannifame Yesuus akka barbaaddanu ani hin beeka.
BSB
BSB:
But the angel said to the women, “Do not be afraid, for I know that you are looking for Jesus, who was crucified.
6
GAX
Inni as hin jiru; akkuma duraan dubbate du'aa ka'eera. Addee reeffi isaa keyame kowa'aa ilaala'a.
BSB
BSB:
He is not here; He has risen, just as He said! Come, see the place where He lay.
7
GAX
Amma ariifadha'aatii deema'aatii, ‹Inni du'aa ka'eera, amma isiniin dura gara Galiila'aa dhaqa; isin achitti isa hin dhaggitan› jedha'aatii barattoota isaatitti hima'a. Kunoo, ani isinitti himeera» jedhe.
BSB
BSB:
Then go quickly and tell His disciples, ‘He has risen from the dead and is going ahead of you into Galilee. There you will see Him.’ See, I have told you.”
8
GAX
Maarre dubartooti soda'aa fi gammada gudda'aan ariifatanee boolla awwaalaa keessaa bayanee, barattoota isaatitti himiisaaf rukkisane.
BSB
BSB:
So they hurried away from the tomb in fear and great joy, and ran to tell His disciples.
9
GAX
Dedhuma Yesuus isaaniin wolde'ee, «Nageenni isiniif te'u!» isaaniin jedhe. Isaanille itti hiiqanee, miila isaa qabatanee, isaaf sagadane.
BSB
BSB:
Suddenly Jesus met them and said,
“Greetings!”
They came to Him, grasped His feet, and worshiped Him.
10
GAX
Achiin duuba Yesuus, «Hin sodaatina'a; gara Galiila'aa akka dhaqanu obboleeyyan tiyyatti dhaqa'aa hima'a; isaan achitti na dhaggan» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
“Do not be afraid,”
said Jesus.
“Go and tell My brothers to go to Galilee. There they will see Me.”
11
GAX
Dubartooti adoo karaa irra jiranuu, worra boolla awwaalaa eegu keessaa gariin gara qacha'aa dhaqanee waan te'e mara sooreyyii hayyootaatitti himane.
BSB
BSB:
While the women were on their way, some of the guards went into the city and reported to the chief priests all that had happened.
12
GAX
Sooreyyiin hayyootaa jaarsolee kolba'aa woliin wolitti dacha'anee mari'atanee, beesee guddoo loltootaaf kennanee,
BSB
BSB:
And after the chief priests had met with the elders and formed a plan, they gave the soldiers a large sum of money
13
GAX
«Isin, ‹Barattooti isaa adoo nuuti rafiisatti jirruu halkan dhufanee reeffa isaa hatanee deemane› jedha'aa kolba'atti hima'a.
BSB
BSB:
and instructed them: “You are to say, ‘His disciples came by night and stole Him away while we were asleep.’
14
GAX
Bulchaan biyyaa yoo dubbii tana dhage'e, nuuti itti hinnee dubbii nyaachinnee, akka isin hin rakkannelle goona» jedhaneen.
BSB
BSB:
If this report reaches the governor, we will satisfy him and keep you out of trouble.”
15
GAX
Maarre isaan beesee fudhatanee akkuma isaan jedhane godhane. Dubbiin tun haga guyyaa adhaatitti Yihudoota oddu'utti odeeffanti.
BSB
BSB:
So the guards took the money and did as they were instructed. And this account has been circulated among the Jews to this very day.
16
GAX
Barattooti kudhanii tokko gara gaara Yesuus isaanitti akeekee, ka Galiilaa keessa jiruu dhaqane.
BSB
BSB:
Meanwhile, the eleven disciples went to Galilee, to the mountain Jesus had designated.
17
GAX
Isaan yennaa isa dhaggane, isaaf sagadane; worri gariin mamane.
BSB
BSB:
When they saw Him, they worshiped Him, but some doubted.
18
GAX
Yesuus gara isaanii dhufee, «Baalliin duudiin ol-gubba'aa fi lafa irratti naaf kennanteerti.
BSB
BSB:
Then Jesus came to them and said,
“All authority in heaven and on earth has been given to Me.
19
GAX
Tanaaf gara gosa biyya adda addaa deema'aatii maqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyichaatiin isaan cuuphaa, barattoota tiyya godha'a.
BSB
BSB:
Therefore go and make disciples of all nations, baptizing them in the name of the Father and of the Son and of the Holy Spirit,
20
GAX
Waan ani isin ajaje maralle akka eegatanu barsiisa'a. Anille yennaa mara haga muummee biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
and teaching them to obey all that I have commanded you. And surely I am with you always, even to the end of the age.”
Chapter complete
You’ve read Matthew 28
Chapter 28 of 28 in Matthew
Up next
Mark 1
Read Mark 1
Listen
Back to Matthew 27
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Matthew 28
A question this chapter raises
Isn’t the Bible full of contradictions?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Matthew 27
Matthew 28
Mark 1