Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v1.36.0
Skip to content
Opened
Today
Ask
Read
Journey
More
Matt
Matthew
9
GAX
BSB
A
a
Matthew 9
9
Matthew
Ministry in Galilee: words and deeds
Guji Oromo Bible
Jesus
, person
Israel
, person
David
, person
John
, person
Matthew
, person
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Yesuus hoboloo yaabee abbaaya'aan gamatti bu'ee gara qachaa ifii dhufe.
BSB
BSB:
Jesus got into a boat, crossed over, and came to His own town.
2
GAX
Jarri tokko achitti namicha nafi isaa laashowee itillee irra irkateeru tokko gara isaa fidde. Yesuus yennaa dhugeeffannaa isaanii dhagge, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuu teetiif araarri kennameera» jedhe.
BSB
BSB:
Just then some men brought to Him a paralytic lying on a mat. When Jesus saw their faith, He said to the paralytic,
“Take courage, son; your sins are forgiven.”
3
GAX
Achiin duuba barsiisoti Seera Muuse'ee gariin, «Namichi kun Waaqa faanshessiisatti jira» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane.
BSB
BSB:
On seeing this, some of the scribes said to themselves, “This man is blaspheming!”
4
GAX
Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan hantuu akkasii gadhaa keessan keessatti yaadattan?
BSB
BSB:
But Jesus knew what they were thinking and said,
“Why do you harbor evil in your hearts?
5
GAX
‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii deem› jechuu irra kamittuu kaso'o?
BSB
BSB:
Which is easier: to say, ‘Your sins are forgiven,’ or to say, ‘Get up and walk’?
6
GAX
Ammoo Ilmi namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka'i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deem!» jedhe.
BSB
BSB:
But so that you may know that the Son of Man has authority on earth to forgive sins...”
Then He said to the paralytic,
“Get up, pick up your mat, and go home.”
7
GAX
Namichille ol ka'ee gara mana ifii deeme.
BSB
BSB:
And the man got up and went home.
8
GAX
Kolbaan yennaa tana dhaggite baaseffattee, Waaqa baallii akkasii kolba'aaf kenne galateeffatte.
BSB
BSB:
When the crowds saw this, they were filled with awe and glorified God, who had given such authority to men.
9
GAX
Yesuus karaa san dabaruun, namicha qaraxa guuru tokko, ka Maatewoos jedhamu, addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen. Innille ol ka'ee isa hordofe.
BSB
BSB:
As Jesus went on from there, He saw a man named Matthew sitting at the tax booth.
“Follow Me,”
He told him, and Matthew got up and followed Him.
10
GAX
Yesuus mana Maatewoosiititti nyaata irra jiruun, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun isaa fi barattoota isaa woliin nyaatiisaaf tee'ane.
BSB
BSB:
Later, as Jesus was dining at Matthew’s house, many tax collectors and sinners came and ate with Him and His disciples.
11
GAX
Fariisaayoti gariin kana dhagganee, barattoota isaatiin, «Barsiisaan keessan worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaata?» jedhane.
BSB
BSB:
When the Pharisees saw this, they asked His disciples, “Why does your Teacher eat with tax collectors and sinners?”
12
GAX
Yesuus yennaa kana dhage'e, «Worra dhibameef malee, worra fayyaaleyyi'iif cidheessa hin barbaachisu.
BSB
BSB:
On hearing this, Jesus said,
“It is not the healthy who need a doctor, but the sick.
13
GAX
Dhaqa'aatii Barreeffama, ‹Ani marartii barbaada malee ciinca'aa moti› jedhu hiikkaan maan akka te'e qorqora'aatii hubadha'a. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf dhufe malee, balchoota waamiisaaf moti» jedhe.
BSB
BSB:
But go and learn what this means: ‘I desire mercy, not sacrifice.’ For I have not come to call the righteous, but sinners.”
14
GAX
Achiin duuba barattooti Yohaannisii cuupha'aa gara Yesuusii dhufanee, «Nuutii fi Fariisaayoti yennaa mara maaf laamaa, barattooti teeti ammoo ijjumaa maaf laamuu dhaban?» jedhanee gaafatane.
BSB
BSB:
Then John’s disciples came to Jesus and asked, “Why is it that we and the Pharisees fast so often, but Your disciples do not fast?”
15
GAX
Yesuus deebisee, «Waajibichi isaan woliin adoo jiruu jaaloti hin gaddanii? Waawwo'o! Guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; achiin duuba isaan hin laaman.
BSB
BSB:
Jesus replied,
“How can the guests of the bridegroom mourn while He is with them? But the time will come when the bridegroom will be taken from them; then they will fast.
16
GAX
«Eennulle woyaa haareya woyaa dullatti'itti hin erbu; sababille woyaan haaretti shuntuurachiittee qowa duriituu ka caalu gooti.
BSB
BSB:
No one sews a patch of unshrunk cloth on an old garment. For the patch will pull away from the garment, and a worse tear will result.
17
GAX
Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin bayiin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; sababille qalqalluun hin dho'a, daadhiin hin jiddi, qalqalluulle hin bada; daadhiin hin bayin qalqalluu haareyatti naqamuu malte; daadhiille, qalqalluulle hin badanu» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
Neither do men pour new wine into old wineskins. If they do, the skins will burst, the wine will spill, and the wineskins will be ruined. Instead, they pour new wine into new wineskins, and both are preserved.”
18
GAX
Yesuus adoo tana isaanitti dubbatiisatti jiruu, bulchaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaa gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, «Intalti tiyya ammuma na duraa duute; ati ammoo koyiitii harka keeti isii irra keyi; isiille deebitee hin jiraatti» jedhe.
BSB
BSB:
While Jesus was saying these things, a synagogue leader came and knelt before Him. “My daughter has just died,” he said. “But come and place Your hand on her, and she will live.”
19
GAX
Yesuus ka'ee barattoota ifii woliin isa faana dhaqe.
BSB
BSB:
So Jesus got up and went with him, along with His disciples.
20
GAX
Dubartiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi isi'ii dhaabbatuu didee rakkataa turte takka isa duubaan dhuttee handaara woyaa Yesuusii tuxxe.
BSB
BSB:
Suddenly a woman who had suffered from bleeding for twelve years came up behind Him and touched the fringe of His cloak.
21
GAX
Isiin gadhaa ifiititti, «Yoo woyaa isaa callaa tuqe, ani hin fayya» jettee yaadatte.
BSB
BSB:
She said to herself, “If only I touch His cloak, I will be healed.”
22
GAX
Yesuus garagalee isii dhaggee, «Intala tiyya, jabaadhu! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen; dubartittiille yoosuma fayyite.
BSB
BSB:
Jesus turned and saw her.
“Take courage, daughter,”
He said,
“your faith has healed you.”
And the woman was healed from that very hour.
23
GAX
Achiin Yesuus gara mana bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa yennaa dhaqe, worra suusullee gaddaa afuufuu fi gumii caakkittee boottu dhaggee,
BSB
BSB:
When Jesus entered the house of the synagogue leader, He saw the flute players and the noisy crowd.
24
GAX
«Asii gad baya'a! Intalti rafiisatti jirti malee hin duune» jedhe. Isaan ammoo itti kollane.
BSB
BSB:
“Go away,”
He told them.
“The girl is not dead, but asleep.”
And they laughed at Him.
25
GAX
Gumiin gad baateen duuba, Yesuus gara addee intalti jirtuu seenee harka isi'ii qabe; intaltille ol kaate.
BSB
BSB:
After the crowd had been put outside, Jesus went in and took the girl by the hand, and she got up.
26
GAX
Oduun marroo waan kanaa adaala san mara geette.
BSB
BSB:
And the news about this spread throughout that region.
27
GAX
Yesuus achii ka'ee adoo dabariisatti jiruu, namooti ballaan lamaan isa hordofanee, «Ilma Daawitii, nu marari!» jedhaa iyyane.
BSB
BSB:
As Jesus went on from there, two blind men followed Him, crying out, “Have mercy on us, Son of David!”
28
GAX
Inni yennaa mana seene, namooti ballooti sun gara isaa dhikaatane; Yesuusille, «Akka ani kana godhuu dande'u hin dhugeeffattanii?» jedhee isaan gaafate. Isaanille, «Ee, Gootta'a!» jedhaneen.
BSB
BSB:
After Jesus had entered the house, the blind men came to Him.
“Do you believe that I am able to do this?”
He asked. “Yes, Lord,” they answered.
29
GAX
Achiin duuba Yesuus ila isaanii qaqqabee, «Akkuma dhugeeffannaa teessanii isinii teetuu ti!» jedhe;
BSB
BSB:
Then He touched their eyes and said,
“According to your faith will it be done to you.”
30
GAX
ilti isaaniille banante. Achiin duuba Yesuus, «Beekkadha'a, waan kana nama tokkolle'etti hin himina'a» jedhee jabeessee isaan ajaje.
BSB
BSB:
And their eyes were opened. Jesus warned them sternly,
“See that no one finds out about this!”
31
GAX
Isaan ammoo achii bayanee oduu marroo Yesuusii adaala lafa sanii maraan geyane.
BSB
BSB:
But they went out and spread the news about Him throughout the land.
32
GAX
Namooti ilti babbananteef akkuma achii bayaneen, jarri takka namicha afaan duudeeru ka durriisi qabeeru tokko gara Yesuusii fadane.
BSB
BSB:
As they were leaving, a demon-possessed man who was mute was brought to Jesus.
33
GAX
Durriisi yennaa keessaa baafame, namichi afaan duudee ture dubbate; kolbaalle baaseffattee, «Waan akkasii kana Israa'el keessatti nuuti ijjumaa dhagginee hin beennu!» jette.
BSB
BSB:
And when the demon had been driven out, the man began to speak. The crowds were amazed and said, “Nothing like this has ever been seen in Israel!”
34
GAX
Fariisaayoti ammoo, «Inni hunna mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» jedhane.
BSB
BSB:
But the Pharisees said, “It is by the prince of demons that He drives out demons.”
35
GAX
Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisaa, Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lallabaa, kolbaa dhukkubaa fi dhibee mara irraa fayyisaa qachootaa fi olloota mara keessa deddeeme.
BSB
BSB:
Jesus went through all the towns and villages, teaching in their synagogues, preaching the gospel of the kingdom, and healing every disease and sickness.
36
GAX
Inni akka hoolota tissee hin qannee kolbaa rakkattee fi qarqaarsa hin qanne yennaa dhagge nayeef.
BSB
BSB:
When He saw the crowds, He was moved with compassion for them, because they were harassed and helpless, like sheep without a shepherd.
37
GAX
Yennaa san inni barattoota ifiitiin, «Midhaan haamamu gudda'a; worri haamu ammoo diqqa'a.
BSB
BSB:
Then He said to His disciples,
“The harvest is plentiful, but the workers are few.
38
GAX
Tanaaf abbaan midhaanii worra miidaan haamu gara midhaan haamamuu akka ergu daadimadha'a» jedhe.
BSB
BSB:
Ask the Lord of the harvest, therefore, to send out workers into His harvest.”
Chapter complete
You’ve read Matthew 9
Chapter 9 of 28 in Matthew
Up next
Matthew 10
Read Matthew 10
Listen
Back to Matthew 8
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Matthew 9
Ask Opened AI
Ask anything about Matthew 9
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Matthew 8
Matthew 9
Matthew 10