Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v1.42.2
Skip to content
Opened
Today
Ask
Read
Journey
More
Mic
Micah
4
GAX
BSB
A
a
Micah 4
4
Micah
Hope: the coming kingdom
Guji Oromo Bible
Zion
, place
Jacob
, person
Babylon
, place
Tower of Eder
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Bara muumme'ee gaarri Galmi Mootii Waan Maraa irra jiru gaara mara ka caalu hin te'a; kooba mara caalee hin mudhata; gosi biyya adda addaa hedduun gara gaara sanii hin yaati.
BSB
BSB:
In the last days the mountain of the house of the LORD will be established as the chief of the mountains; it will be raised above the hills, and the peoples will stream to it.
2
GAX
Gosi biyya adda addaa hedduun dhuttee, «Kowa'a, gara gaara Mootii Waan Maraa, gara Galma Waaqa Yaaqoobii ol baana. Akka nuuti daandii isaa irra ideennuuf, inni karaa ifii nu hin barsiisa» hin jetti. Seerri Xiyoon irraa, jechi Mootii Waan Maraa Yerusaalem irraa hin baya.
BSB
BSB:
And many nations will come and say: “Come, let us go up to the mountain of the LORD, to the house of the God of Jacob. He will teach us His ways, so that we may walk in His paths.” For the law will go forth from Zion and the word of the LORD from Jerusalem.
3
GAX
Inni wodhakkaa kolbaa heddu'uutitti hin mura; wol dhaba gosa biyya adda addaa jajjabbaan odduu jirtu hin sirreessa; isaan shallaagaa ifii qottoo, eboo ifiille haantuu hin tumatan. Gosi biyya tokkoo, gosa biyya takkaa irratti lola hin kaachu; leenjiin woraanaalle hin jiraattu.
BSB
BSB:
Then He will judge between many peoples and arbitrate for strong nations far and wide. Then they will beat their swords into plowshares and their spears into pruning hooks. Nation will no longer take up the sword against nation, nor will they train anymore for war.
4
GAX
Nami martinuu muka woynii ifiitii fi muka harru'uu ifii jala hin tee'a; ka isaan sodaachisu hin jiru; Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade tana dubbateera.
BSB
BSB:
And each man will sit under his own vine and under his own fig tree, with no one to frighten him. For the mouth of the LORD of Hosts has spoken.
5
GAX
Gosi biyya adda addaa marti maqaa waaqota ifiitiin hin ideeman; nuuti ammoo bara baraa haga bara baraa maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatiin hin ideenna.
BSB
BSB:
Though all the nations may walk in the name of their gods, yet we will walk in the name of the LORD our God forever and ever.
6
GAX
Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa san ani worra naafolee, worra booji'amee fi worra akka gaddanu godhe wolitti hin qaba.
BSB
BSB:
“On that day,” declares the LORD, “I will gather the lame; I will assemble the outcast, even those whom I have afflicted.
7
GAX
Worra naafolee baraaree hin hambura; worra booji'ame gosa biyya jaddu'uu hin godha; ani Mootiin Waan Maraa guyyaa sanii jalqabee gaara Xiyoonii irratti bulchaa isaanii hin te'a.
BSB
BSB:
And I will make the lame into a remnant, the outcast into a strong nation. Then the LORD will rule over them in Mount Zion from that day and forever.
8
GAX
Ee xelleephoo eeddoo gaara Xiyoonii, addee Waaqi akka tisse'ee irra tee'ee kolbaa ifii eegu, qachaan guddichi keeti ka durii adde'etti hin deebi'a. Mootummaan qachaa Yerusaalemii hin deebiti» jedha.
BSB
BSB:
And you, O watchtower of the flock, O stronghold of the Daughter of Zion—the former dominion will be restored to you; sovereignty will come to the Daughter of Jerusalem.”
9
GAX
Ati amma maaf qoonqoo ol qabaattee iyyita? Ati mootii hin qadduu? Akka dubartii ciniinsifattuu ka rakkattu, ka si gorsu dhabamee tii?
BSB
BSB:
Why do you now cry aloud? Is there no king among you? Has your counselor perished so that anguish grips you like a woman in labor?
10
GAX
Isin kolbaa Xiyoonii, akka dubartii ciniinsifattuu, aadaa rakkadha'a; qachaa keessaa baya'aatii, diida keessa qubadha'a. Gara Baabilonii hin ideentan; achitti Mootiin Waan Maraa harka diina keessanii jalaa isin baasee, isin hin woda.
BSB
BSB:
Writhe in agony, O Daughter of Zion, like a woman in labor. For now you will leave the city and camp in the open fields. You will go to Babylon; there you will be rescued; there the LORD will redeem you from the hand of your enemies!
11
GAX
Amma ammoo gosi biyya adda addaa hedduun si loliisaaf wolitti qabantee, «Yerusaalem battoottuu ti; ilti teenna Xiyoon ceeggattuu ti» jetti.
BSB
BSB:
But now many nations have assembled against you, saying, “Let her be defiled, and let us feast our eyes on Zion.”
12
GAX
Isaan ammoo yaada Mootii Waan Maraa hin beekanu; akka laddee eeddumme'etti wolitti qabanuu, karoora ka isaan wolitti qabuu sanii hin hubanne.
BSB
BSB:
But they do not know the thoughts of the LORD or understand His plan, for He has gathered them like sheaves to the threshing floor.
13
GAX
Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Xiyoonii, ka'a'a! Diina keessan akka midhaanii dhowa'a! Ani gaafa sibiilaa isiniif hin kenna; kottee sageettu'uu isiniif hin kenna; isinille gosa biyya adda addaa hedduu hin butuchitan. «Bu'aa isaan hunnaan dhaggatane ana Mootii Waan Maraatiif, karra isaanii Goottaa lafa duudi'iitiif hin dhikeessitan» jedha.
BSB
BSB:
Rise and thresh, O Daughter of Zion, for I will give you horns of iron and hooves of bronze to break to pieces many peoples. Then you will devote their gain to the LORD, their wealth to the Lord of all the earth.
Chapter complete
You’ve read Micah 4
Chapter 4 of 7 in Micah
Up next
Micah 5
Read Micah 5
Listen
Back to Micah 3
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Micah 4
A question this chapter raises
If Jesus is the Messiah, why isn’t there world peace?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Micah 3
Micah 4
Micah 5