Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v1.41.1
Skip to content
Opened
Today
Ask
Read
Journey
More
Zeph
Zephaniah
3
GAX
BSB
A
a
Zephaniah 3
3
Zephaniah
Judgment of the nations
Guji Oromo Bible
Israel
, person
Jerusalem
, place
Cush
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Qachaa Yerusaalemii cubbicha, batticha nama cunqursuuf aanne'e!
BSB
BSB:
Woe to the city of oppressors, rebellious and defiled!
2
GAX
Inni namaaf hin dhage'u; gorsa namaa hin fudhatu; Mootii Waan Maraatitti hin addatu; gara Waaqa ifiille hin dhikaatu.
BSB
BSB:
She heeded no voice; she accepted no correction. She does not trust in the LORD; she has not drawn near to her God.
3
GAX
Qondaaltoti isaa akka neenqa dhangaa dhowuu ti; abbootiin mura'aa ta isaalle akka yayyii galgalaa ta womaa boruuf hin hamburannee ti.
BSB
BSB:
Her princes are roaring lions; her judges are evening wolves, leaving nothing for the morning.
4
GAX
Raagoti isaa koorameeyyi'i; isaan worra hin addatanne; hayyooti isaa waan woyyuu te'e batteessan; seeralle hin dassan.
BSB
BSB:
Her prophets are reckless, faithless men. Her priests profane the sanctuary; they do violence to the law.
5
GAX
Mootiin Waan Maraa balchichi ammoo isa keessa jira; inni dokonkora hin qabu; inni ganama mara muraa dhuga'aa mura; guyyuma guyya'aan hin dadhabu; dabaaleyyiin ammoo qaanii hin beekanu.
BSB
BSB:
The LORD within her is righteous; He does no wrong. He applies His justice morning by morning; He does not fail at dawn, yet the unjust know no shame.
6
GAX
Mootiin Waan Maraa, «Ani gosa biyya adda addaa balleesseera; Xelleephoo isaanii diigeera; karaa isaanii akka nami tokkolle irra hin ideenne duwwaa godheera; qachooti isaaniille onee ka nami tokkolle keessa hin jirre te'aneeran.
BSB
BSB:
“I have cut off the nations; their corner towers are destroyed. I have made their streets deserted with no one to pass through. Their cities are laid waste, with no man, no inhabitant.
7
GAX
Ani, ‹Dhugumaan qachaan Yerusaalemii na hin sodaata; adabbii tiyyalle hin fudhata; worri achi keessa jiranulle ijjumaa hin badanu; adabbiin tiyya martille isaan hin dhaqqaddu› jedheeraayyu; qachaan sun ammoo ammalle hujii hantuu san hujiisaaf dharraa qaba.
BSB
BSB:
I said, ‘Surely you will fear Me and accept correction.’ Then her dwelling place would not be cut off despite all for which I punished her. But they rose early to corrupt all their deeds.
8
GAX
«Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa, ‹Guyyaa ani dhugaa baasiisaaf ka'u sanitti na eegadha'a! Ani gosa biyya lafaa wolitti qabiisaaf, mootummootalle wolitti raree, aarii tiyya ta bobeettu maraayyuu isaan irratti dhangalaasiisaaf murteeffadheera; biyyi lafaa martinuu hinaaffaa tiyya ta akka ibiddaatiin hin gubatti› jedheera.
BSB
BSB:
Therefore wait for Me,” declares the LORD, “until the day I rise to testify. For My decision is to gather nations, to assemble kingdoms, to pour out upon them My indignation—all My burning anger. For all the earth will be consumed by the fire of My jealousy.
9
GAX
«Yennaa san ani kolbaa gosa biyya adda addaa mara maqaa kiyya akka waamanu, harka wol qabatanee akka ana tajaajilanu dubbii qullittii akka dubbatanu isaan hin godha.
BSB
BSB:
For then I will restore pure lips to the peoples, that all may call upon the name of the LORD and serve Him shoulder to shoulder.
10
GAX
Kolbaan tiyya worri bittinnowe, na waaqonfatiisaaf, lagoota Itoophiya'aa gamaa, kennansa naaf hin fidan.
BSB
BSB:
From beyond the rivers of Cush My worshipers, My scattered people, will bring Me an offering.
11
GAX
Guyyaa sanitti ani worra koora ifiititti gammadu odduu teessanii waan baasuuf, isin waan na yakkitane san maraaf hin qaanottanu; gaara kiyya woyyicha irrattille haganaa achi ifi hin saaddanu.
BSB
BSB:
On that day you will not be put to shame for any of the deeds by which you have transgressed against Me. For then I will remove from among you those who rejoice in their pride, and you will never again be haughty on My holy mountain.
12
GAX
Kolbaa gad ifi qadduu fi ta hin koorre, ta ana Mootii Waan Maraatitti addattu ammoo isin oddu'utti hin hambura;
BSB
BSB:
But I will leave within you a meek and humble people, and they will trust in the name of the LORD.
13
GAX
Israa'elooti worri hafane haganaa achi hin yakkanu; dharalle hin dubbatanu; namalle hin sobanu; isaan nyaatanee hin irkatan; ka isaan sodaachisulle hin jiru» jedhe.
BSB
BSB:
The remnant of Israel will no longer do wrong or speak lies, nor will a deceitful tongue be found in their mouths. But they will feed and lie down, with no one to make them tremble.”
14
GAX
Ee gumii Xiyoonii, faarfadha'a; ee kolbaa Israa'elii iyya'a! Ee kolbaa Yerusaalemii, gadhaa tokkochaan gammadaan ilillisa'a!
BSB
BSB:
Sing for joy, O Daughter of Zion; shout aloud, O Israel! Be glad and rejoice with all your heart, O Daughter of Jerusalem!
15
GAX
Muraa isinitti murate san Mootiin Waan Maraa isin irraa kaaseera; diinota keessanille si irraa deebiseera; Mootiin Waan Maraa mootiin Israa'elii isin woliin waan jiruuf, haganaa achi miidhaa tokkolle hin sodaattanu.
BSB
BSB:
The LORD has taken away your punishment; He has turned back your enemy. Israel’s King, the LORD, is among you; no longer will you fear any harm.
16
GAX
Guyyaa sanitti namooti Yerusaalemiin, «Ee Xiyoon hin sodaatin! Harki keeti hin laashowin!
BSB
BSB:
On that day they will say to Jerusalem: “Do not fear, O Zion; do not let your hands fall limp.
17
GAX
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jira; hunni isaa injifannoo sii kenniti; inni guddoo sitti hin gammada; jaalala ifiitiin jiruu teeti hin haaressa; inni faaru'uun si'itti hin gammada» hin jedhan.
BSB
BSB:
The LORD your God is among you; He is mighty to save. He will rejoice over you with gladness; He will quiet you with His love; He will rejoice over you with singing.”
18
GAX
Mootiin Waan Maraa ammalle, «Akka kolbaa guyyaa jilaa gammadduu, si gammachiisa. Ani muraa isin irratti ba'aa teete isin irraa hin kaasa.
BSB
BSB:
“I will gather those among you who grieve over the appointed feasts, so that you will no longer suffer reproach.
19
GAX
Ani yennaa sanitti worra isin cunqursu maraayyuu hin adaba; worra naafa hin fayyisa; worra bittinnowelle wolitti hin qaba. Qaanii isaanii gara ulfinnaa jijjiiree, biyyi lafaa duudiin isaan hin leellitti.
BSB
BSB:
Behold, at that time, I will deal with all who afflict you. I will save the lame and gather the scattered; and I will appoint praise and fame for the disgraced throughout the earth.
20
GAX
Yennaa sanitti ani wolitti isin qabee, biyya teessanitti isin hin galcha; boojuu teessan, adoo isin ilaaltanuu isiniif hin deebisa. Ani kolbaa gosa adda addaa ta lafa irraa mara oddu'utti, ulfinnaa fi leellisa akka dhaggattanu isin hin godha» jedha.
BSB
BSB:
At that time I will bring you in; yes, at that time I will gather you. For I will give you fame and praise among all the peoples of the earth when I restore your captives before your very eyes,” says the LORD.
Chapter complete
You’ve read Zephaniah 3
Chapter 3 of 3 in Zephaniah
Up next
Haggai 1
Read Haggai 1
Listen
Back to Zephaniah 2
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Zephaniah 3
Ask Study Help
Ask anything about Zephaniah 3
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Zephaniah 2
Zephaniah 3
Haggai 1