2 GAZ kunis akka warri jalqabaa kaasanii ijaan arganii fi tajaajiltoota dubbichaa turan sun nutti dabarsanii kennanitti. BSB BSB: just as they were handed down to us by the initial eyewitnesses and servants of the word.
3 GAZ Kanaafuu yaa Tewofilos kabajamaa, anis jalqabumaa kaasee waan hundumaa sirriitti ergan qoradhee booddee seenaa sana wal duraa duubaan siif barreessuun waan gaarii natti fakkaateera. BSB BSB: Therefore, having carefully investigated everything from the beginning, it seemed good also to me to write an orderly account for you, most excellent Theophilus,
4 GAZ Kunis akka wanni ati baratte sun dhugaa taʼe akka beektuuf. BSB BSB: so that you may know the certainty of the things you have been taught.
6 GAZ Lamaan isaanii iyyuu ajajaa fi seera Gooftaa hunda mudaa malee eeguudhaan fuula Waaqaa duratti qajeeltota turan. BSB BSB: Both of them were righteous in the sight of God, walking blamelessly in all the commandments and decrees of the Lord.
7 GAZ Garuu Elsaabeex waan dhabduu turteef ijoollee hin qaban ture; lamaan isaanii iyyuu dulloomanii turan. BSB BSB: But they had no children, because Elizabeth was barren, and they were both well along in years.
8 GAZ Zakkaariyaasis dabareen garee isaa geenyaan utuu fuula Waaqaa duratti tajaajila lubummaa isaa kennaa jiruu, BSB BSB: One day while Zechariah’s division was on duty and he was serving as priest before God,
9 GAZ akkuma duudhaa lubummaatti akka mana qulqullummaa Gooftaa seenee ixaana aarsuuf ixaadhaan filatame. BSB BSB: he was chosen by lot, according to the custom of the priesthood, to enter the temple of the Lord and burn incense.
10 GAZ Yeroo ixaanni aarfamuttis namoonni baayʼeen alatti kadhachaa turan. BSB BSB: And at the hour of the incense offering, the whole congregation was praying outside.
11 GAZ Ergamaan Gooftaas iddoo aarsaa ixaanaatiin mirga dhaabatee Zakkaariyaasitti mulʼate. BSB BSB: Just then an angel of the Lord appeared to Zechariah, standing at the right side of the altar of incense.
12 GAZ Zakkaariyaasis yommuu isa argetti ni rifate; sodaanis isa qabate. BSB BSB: When Zechariah saw him, he was startled and gripped with fear.
13 GAZ Ergamaan sun garuu akkana isaan jedhe; “Yaa Zakkaariyaas, hin sodaatin; kadhannaan kee dhagaʼameera. Niitiin kee Elsaabeex ilma siif deessi; atis maqaa isaa Yohannis jedhii moggaasi. BSB BSB: But the angel said to him, “Do not be afraid, Zechariah, because your prayer has been heard. Your wife Elizabeth will bear you a son, and you are to give him the name John.
14 GAZ Ati ilillee fi gammachuu ni qabaatta; namoonni baayʼeenis dhalachuu isaatti ni gammadu; BSB BSB: He will be a joy and delight to you, and many will rejoice at his birth,
15 GAZ inni fuula Gooftaa duratti guddaa taʼaatii. Daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu gonkumaa dhuguu hin qabu; utuma garaa haadha isaa keessa jiruus Hafuura Qulqulluudhaan ni guutama. BSB BSB: for he will be great in the sight of the Lord. He shall never take wine or strong drink, and he will be filled with the Holy Spirit even from his mother’s womb.
16 GAZ Saba Israaʼel keessaas namoota baayʼee gara Gooftaa, gara Waaqa isaaniitti ni deebisa. BSB BSB: Many of the sons of Israel he will turn back to the Lord their God.
18 GAZ Zakkaariyaasis, “Ani akkamittin kana beeka? Ani dulloomeera; umuriin niitii kootiis deemee jira” jedhee ergamaa sana gaafate. BSB BSB: “How can I be sure of this?” Zechariah asked the angel. “I am an old man, and my wife is well along in years.”
19 GAZ Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Ani Gabriʼeel isa fuula Waaqaa dura dhaabatuu dha; anis sitti dubbachuu fi oduu gammachiisaa kana sitti himuuf ergameera. BSB BSB: “I am Gabriel,” replied the angel. “I stand in the presence of God, and I have been sent to speak to you and to bring you this good news.
20 GAZ Kunoo, ati sababii dubbii koo isa yeroo isaatti mirkanaaʼu hin amaniniif hamma gaafa wanni kun taʼuutti ni duudda; dubbachuus hin dandeessu.” BSB BSB: And now you will be silent and unable to speak until the day this comes to pass, because you did not believe my words, which will be fulfilled at their proper time.”
21 GAZ Uummannis yeroo sana sababii Zakkaariyaas yeroo akkas dheeratu mana qulqullummaa keessa tureef dinqifachaa isa eegaa ture. BSB BSB: Meanwhile, the people were waiting for Zechariah and wondering why he took so long in the temple.
22 GAZ Garuu Zakkaariyaas yommuu gad baʼetti waan isaanitti dubbachuu hin dandaʼiiniif isaan akka inni mana qulqullummaa keessatti mulʼata wayii arge hubatan; innis mallattoon isaanitti himaa ture malee dubbachuu hin dandeenye. BSB BSB: When he came out and was unable to speak to them, they realized he had seen a vision in the temple. He kept making signs to them but remained unable to speak.
23 GAZ Innis yommuu yeroon tajaajila isaa raawwatetti gara mana isaatti deebiʼe. BSB BSB: And when the days of his service were complete, he returned home.
24 GAZ Ergasii niitiin isaa Elsaabeex ulfooftee hamma jiʼa shaniitti manaa hin baane. BSB BSB: After these days, his wife Elizabeth became pregnant and for five months remained in seclusion. She declared,
25 GAZ Isheenis, “Gooftaan salphina namoota gidduutti narra ture narraa kaasuuf jedhee guyyaa arjummaan na yaadatetti waan kana naa godhe” jette. BSB BSB: “The Lord has done this for me. In these days He has shown me favor and taken away my disgrace among the people.”
27 GAZ innis gara durba namichi sanyii Daawit irraa dhalate kan maqaan isaa Yoosef jedhamu tokkoof kaadhimamtee dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Maariyaam ture. BSB BSB: to a virgin pledged in marriage to a man named Joseph, who was of the house of David. And the virgin’s name was Mary.
28 GAZ Ergamaan Waaqaa sunis gara ishee dhaqee, “Yaa ishee surraa argatte; nagaan siif haa taʼu! Gooftaan si wajjin jira” jedhe. BSB BSB: The angel appeared to her and said, “Greetings, you who are highly favored! The Lord is with you.”
29 GAZ Maariyaam garuu dubbii ergamaa sanaatiin akka malee jeeqamtee, “Kun nagaa akkamiitii?” jettee yaadde. BSB BSB: Mary was greatly troubled at his words and wondered what kind of greeting this might be.
30 GAZ Ergamichi garuu akkana isheedhaan jedhe; “Yaa Maariyaam, hin sodaatin; ati Waaqa biraa surraa argatteertaatii. BSB BSB: So the angel told her, “Do not be afraid, Mary, for you have found favor with God.
31 GAZ Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaafta. BSB BSB: Behold, you will conceive and give birth to a son, and you are to give Him the name Jesus.
32 GAZ Innis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf; BSB BSB: He will be great and will be called the Son of the Most High. The Lord God will give Him the throne of His father David,
33 GAZ inni mana Yaaqoob irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu.” BSB BSB: and He will reign over the house of Jacob forever. His kingdom will never end!”
35 GAZ Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Waaqa Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Waaqaa ni jedhama. BSB BSB: The angel replied, “The Holy Spirit will come upon you, and the power of the Most High will overshadow you. So the Holy One to be born will be called the Son of God.
36 GAZ Kunoo, firri kee Elsaabeexi iyyuu dulluma ishee keessa ilma ulfoofteerti; isheen dhabduu jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa qabatteerti. BSB BSB: Look, even Elizabeth your relative has conceived a son in her old age, and she who was called barren is in her sixth month.
37 GAZ Wanni Waaqaaf hin dandaʼamne hin jiruutii.” BSB BSB: For no word from God will ever fail.”
39 GAZ Yeroo sana Maariyaam kaatee ariitiidhaan gara magaalaa baddaa biyya Yihuudaa tokkoo dhaqxe. BSB BSB: In those days Mary got ready and hurried to a town in the hill country of Judah,
40 GAZ Isheenis mana Zakkaariyaas seentee Elsaabeexin nagaa gaafatte. BSB BSB: where she entered the home of Zechariah and greeted Elizabeth.
41 GAZ Elsaabeexis yommuu nagaa Maariyaam dhageessetti mucaan sun gadameessa ishee keessa uʼutaale. Elsaabeexis Hafuura Qulqulluudhaan ni guutamte. BSB BSB: When Elizabeth heard Mary’s greeting, the baby leaped in her womb, and Elizabeth was filled with the Holy Spirit.
42 GAZ Isheenis sagalee ishee ol fudhattee iyyitee akkana jette; “Ati dubartoota keessaa eebbifamtuu dha; mucaan ati deessus eebbifamaa dha. BSB BSB: In a loud voice she exclaimed, “Blessed are you among women, and blessed is the fruit of your womb!
43 GAZ Garuu akka haati Gooftaa koo gara koo dhuftuuf arjummaan akkanaa akkamitti naa godhame? BSB BSB: And why am I so honored, that the mother of my Lord should come to me?
44 GAZ Kunoo, akkuma sagaleen nagaa keetii gurra koo seeneen ulfi gadameessa koo keessa jiru gammachuun utaaleera. BSB BSB: For as soon as the sound of your greeting reached my ears, the baby in my womb leaped for joy.
45 GAZ Wanni Gooftaan isheetti dubbate akka raawwatamu kan amante isheen eebbifamtuu dha!” BSB BSB: Blessed is she who has believed that the Lord’s word to her will be fulfilled.”
47 GAZ hafuurri koos fayyisaa koo Waaqatti ni gammada; BSB BSB: and my spirit rejoices in God my Savior!
49 GAZ Inni humna qabeessi sun waan guddaa naa godheeraatii; maqaan isaa qulqulluu dha. BSB BSB: For the Mighty One has done great things for me. Holy is His name.
50 GAZ Araarri isaas warra isa sodaataniif dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa. BSB BSB: His mercy extends to those who fear Him, from generation to generation.
51 GAZ Inni irree isaatiin hojiiwwan gurguddaa hojjeteera; of tuultotas yaada garaa isaaniitiin bittinneesseera. BSB BSB: He has performed mighty deeds with His arm; He has scattered those who are proud in the thoughts of their hearts.
52 GAZ Bulchitoota teessoo isaanii irraa buuseera; gad of qabeeyyii garuu ol kaaseera. BSB BSB: He has brought down rulers from their thrones, but has exalted the humble.
53 GAZ Warra beelaʼan waan gaariidhaan quufseera; sooreyyii garuu harka duwwaa deebiseera. BSB BSB: He has filled the hungry with good things, but has sent the rich away empty.
54 GAZ Inni araara qabeessa taʼuu isaa yaadachaa garbicha isaa Israaʼelin gargaareera; BSB BSB: He has helped His servant Israel, remembering to be merciful,
55 GAZ kunis akkuma inni abbootii keenyaaf, Abrahaamii fi sanyii isaatiif bara baraan waadaa galetti.” BSB BSB: as He promised to our fathers, to Abraham and his descendants forever.”
56 GAZ Maariyaamis gara jiʼa sadii Elsaabeexi bira turtee gara mana ofii isheetti deebite. BSB BSB: Mary stayed with Elizabeth for about three months and then returned home.
57 GAZ Elsaabeexi yeroon daʼumsa ishee geenyaan ilma deesse. BSB BSB: When the time came for Elizabeth to have her child, she gave birth to a son.
58 GAZ Olloonni isheetii fi firoonni ishee akka Gooftaan araara guddaa isheef godhe dhagaʼanii ishee wajjin gammadan. BSB BSB: Her neighbors and relatives heard that the Lord had shown her great mercy, and they rejoiced with her.
59 GAZ Isaanis guyyaa saddeettaffaatti daaʼima sana dhagna qabuu dhufan; Zakkaariyaas jedhaniis maqaa abbaa isaatiin isa moggaasuu fedhan. BSB BSB: On the eighth day, when they came to circumcise the child, they were going to name him after his father Zechariah.
60 GAZ Haati isaa garuu, “Lakkii! Inni Yohannis jedhamee waamamuu qaba” jette. BSB BSB: But his mother replied, “No! He shall be called John.”
61 GAZ Isaanis, “Firoota kee keessa namni maqaa akkanaa qabu tokko iyyuu hin jiru” jedhaniin. BSB BSB: They said to her, “There is no one among your relatives who bears this name.”
62 GAZ Namoonni sunis akka Zakkaariyaas eenyu jedhee daaʼima sana waamuu barbaadu beekuuf jedhanii mallattoon isa gaafatan. BSB BSB: So they made signs to his father to find out what he wanted to name the child.
63 GAZ Innis gabatee irratti barreessu kadhatee, “Maqaan isaa Yohannis” jedhee barreesse; hundi isaaniis ni dinqifatan. BSB BSB: Zechariah asked for a tablet and wrote, “His name is John.” And they were all amazed.
64 GAZ Yommusuma afaan isaa banamee arrabni isaa hiikame; innis Waaqa galateeffachuudhaan dubbachuu jalqabe. BSB BSB: Immediately Zechariah’s mouth was opened and his tongue was released, and he began to speak, praising God.
65 GAZ Olloonni isaanii hundinuu sodaadhaan guutaman; wanni kunis baddaa biyya Yihuudaa hunda keessatti odeeffame. BSB BSB: All their neighbors were filled with awe, and people throughout the hill country of Judea were talking about these events.
66 GAZ Warri kana dhagaʼan hundinuus, “Yoos daaʼimni kun nama akkamii taʼinna laata?” jedhanii garaa isaaniitti dinqifatan. Harki Gooftaa isa wajjin tureetii. BSB BSB: And all who heard this wondered in their hearts and asked, “What then will this child become?” For the Lord’s hand was with him.
67 GAZ Zakkaariyaas abbaan Yohannis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana jedhees raajii dubbate: BSB BSB: Then his father Zechariah was filled with the Holy Spirit and prophesied:
68 GAZ “Sababii dhufee saba isaa fureef Gooftaan, Waaqni Israaʼel haa eebbifamu. BSB BSB: “Blessed be the Lord, the God of Israel, because He has visited and redeemed His people.
69 GAZ Inni mana garbicha isaa mana Daawit keessatti gaanfa fayyinaa nuuf kaaseera; BSB BSB: He has raised up a horn of salvation for us in the house of His servant David,
70 GAZ akkuma afaan raajota isaa qulqulloota duriitiin dubbatetti BSB BSB: as He spoke through His holy prophets, those of ages past,
71 GAZ diinota keenya jalaa, harka warra nu jibban hundumaa keessaas nu baasuuf jedhee BSB BSB: salvation from our enemies and from the hand of all who hate us,
72 GAZ araara abbootii keenyaaf waadaa gale sana raawwachuudhaaf, kakuu isaa qulqulluu, BSB BSB: to show mercy to our fathers and to remember His holy covenant,
73 GAZ inni abbaa keenya Abrahaamiif kakate yaadachuudhaaf, BSB BSB: the oath He swore to our father Abraham, to grant us
74 GAZ harka diinota keenyaa keessaa nu baasuudhaaf, akka nu sodaa malee isa tajaajillu nu dandeessisuudhaaf, BSB BSB: deliverance from hostile hands, that we may serve Him without fear,
75 GAZ akka nu bara jireenya keenyaa guutuu qulqullinaa fi qajeelinaan, fuula isaa duratti tajaajilluuf waan kana godhe. BSB BSB: in holiness and righteousness before Him all the days of our lives.
76 GAZ “Yaa mucaa ko, ati raajii Waaqa Waan Hundaa Olii ni jedhamta; ati karaa isaa qopheessuuf fuula Gooftaa dura ni deemtaatii; BSB BSB: And you, child, will be called a prophet of the Most High; for you will go on before the Lord to prepare the way for Him,
77 GAZ kunis akka ati dhiifama cubbuu argachuu isaaniitiin beekumsa fayyinaa saba isaatiif kennituuf; BSB BSB: to give to His people the knowledge of salvation through the forgiveness of their sins,
78 GAZ sababii araara Waaqa keenyaa kan gara laafinaan guutame kan bariin fayyinaa samii irraa ittiin nuu bariʼuu, BSB BSB: because of the tender mercy of our God, by which the Dawn will visit us from on high,
79 GAZ warra dukkana keessa, gaaddidduu duʼaa jala jiraniif akka ifa kennuuf; miilla keenyas karaa nagaa irra deemsisuuf.” BSB BSB: to shine on those who live in darkness and in the shadow of death, to guide our feet into the path of peace.”
80 GAZ Mucichis guddatee hafuuraan jabaachaa deeme; hamma guyyaa saba Israaʼelitti mulʼateettis gammoojjii keessa jiraate. BSB BSB: And the child grew and became strong in spirit; and he lived in the wilderness until the time of his public appearance to Israel.