Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.0.3
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Amos
Amos
9
GAX
BSB
A
a
Amos 9
9
Amos
Five visions and restoration
Guji Oromo Bible
Israel
, person
Egypt
, place
David
, person
Syria
, place
Edom
, place
Nile
, place
Carmel
, place
Caphtor
, place
1 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Ani Goottaan addee ciinca'aa bira dhaabbateeruun dhagge; innille, «Hundeen akka raafamu guutuu utuboota Galma Waaqaa dhowiitii mataa namootaa irratti caccassi. Worra kana irraa hafane ani shallaaga'aan hin ijjeesa; isaan keessaa eennulle dande'ee hin dheetu; ka jalaa miliqu hin jiru.
BSB
BSB:
I saw the Lord standing beside the altar, and He said: “Strike the tops of the pillars so that the thresholds shake. Topple them on the heads of all the people, and I will kill the rest with the sword. None of those who flee will get away; none of the fugitives will escape.
2
GAX
Isaan qotatanee gara qilee addee worri du'e jiruulle yoo gad bu'ane, harki kiyya achi keessaa isaan hin baasa; gara ol-gubba'aa yoo bayanelle, ani achille'ee gad isaan hin buusa.
BSB
BSB:
Though they dig down to Sheol, from there My hand will take them; and though they climb up to heaven, from there I will pull them down.
3
GAX
Gaara Qarmelosii gubba'atti yoo dhokatanelle, ani achi irra isaan barbaadee qabee gad isaan hin buusa. Abbaayaa jalatti yoo na dhokatanelle, achitti dhudhuufaan akka isaan iddu hin ajaja.
BSB
BSB:
Though they hide themselves atop Carmel, there I will track them and seize them; and though they hide from Me at the bottom of the sea, there I will command the serpent to bite them.
4
GAX
Booji'amanee diinota ifiitiin yoo deemanelle, achitti isaan qaliisaaf shallaagaa hin ajaja; dansa'aaf adoo hin te'in, ila hantu'uun isaan hin ilaala» jedha.
BSB
BSB:
Though they are driven by their enemies into captivity, there I will command the sword to slay them. I will fix My eyes upon them for harm and not for good.”
5
GAX
Goottaan Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, lafa hin tuqa; isiin hin baxxi; worri isii irra le'u marti hin bowa; latti marti akka Laga Nayilii ol hin kaati; achiin duuba akka bisaan laga Gibxi'ii gad deebiti.
BSB
BSB:
The Lord GOD of Hosts, He who touches the earth and it melts, and all its dwellers mourn—all the land rises like the Nile, then sinks like the river of Egypt—
6
GAX
Ka mana ifii ol-gubba'atti ijaare, hundee mana sanii lafa irratti ka hundeesse, ka bisaan abbaaya'aa waamee, lafatti lolaasu maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti.
BSB
BSB:
He builds His upper rooms in the heavens and founds His vault upon the earth. He summons the waters of the sea and pours them over the face of the earth. The LORD is His name.
7
GAX
Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa'elii, isin naaf akkuma kolbaa Itoophiya'aatii motii ree? Ani akkuma Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baase, worra Filisxeemotaa biyya Kaftorii keessaa, worra Sooriya'aalle biyya Qiirii keessaa ka baasee motii ree?.
BSB
BSB:
“Are you not like the Cushites to Me, O children of Israel?” declares the LORD. “Did I not bring Israel up from the land of Egypt, the Philistines from Caphtor, and the Arameans from Kir?
8
GAX
Dhugumaan ani Goottaan Mootiin Waan Maraa ilti tiyya gara mootummaa Israa'elii cubbaaletti'ii hin ilaalti; lafa irraa isii hin balleessa; te'uu malee baraaree sanyii Yaaqoobii hin balleessu» jedha.
BSB
BSB:
Surely the eyes of the Lord GOD are on the sinful kingdom, and I will destroy it from the face of the earth. Yet I will not utterly destroy the house of Jacob,” declares the LORD.
9
GAX
«Kunoo, ani ajaja hin baasa; akka midhaan meemme'een meemmessanuu, kolbaa Israa'elii gosa biyya adda addaa oddu'utti hin meemmessa; te'uu malee midhaan tokkolle meemmee keessa dabaree lafa hin bu'u.
BSB
BSB:
“For surely I will give the command, and I will shake the house of Israel among all the nations as grain is sifted in a sieve; but not a pebble will reach the ground.
10
GAX
Kolbaa tiyya keessaa worri cubbaaleyyiin, ‹Wonni hantuun nu hin dhaqqaddu yookiin nu hin geettu› jedhu marti shallaaga'aan hin du'an.
BSB
BSB:
All the sinners among My people will die by the sword—all those who say, ‘Disaster will never draw near or confront us.’”
11
GAX
«Mootummaan Daawitii akka dunkaanii jiddee ti. Ani ammoo bara san deebisee isii ol hin kaasa; addee isiin ciccitte hin erba; waan bututtelle adde'etti deebisee ijaaree, akkuma isiin dur jirtu hin godha.
BSB
BSB:
“In that day I will restore the fallen tent of David. I will repair its gaps, restore its ruins, and rebuild it as in the days of old,
12
GAX
Achiin duuba Israa'el worra biyya Edoomiititti baraaree hafanee fi gosa biyya adda addaa ka maqaa kiyyaan waamamanu mara hin qabatti» jedha Mootiin Waan Maraa ka waan kana akka isiin teetu godhu.
BSB
BSB:
that they may possess the remnant of Edom and all the nations that bear My name,” declares the LORD, who will do this.
13
GAX
Mootiin Waan Maraa, «Barri ka haamu haamee adoo hin fixin, ka qotu dhufu, nami woynii dhaabu dhaabee adoo hin fixin, ka woynii cunfu dhufu hin dhufa. Gaarota irraa daadhiin woyni'ii o'ituun hin coccoxxi; koobota mara irralle'ee hin lolaati.
BSB
BSB:
“Behold, the days are coming,” declares the LORD, “when the plowman will overtake the reaper and the treader of grapes, the sower of seed. The mountains will drip with sweet wine, with which all the hills will flow.
14
GAX
Ani kolbaa tiyya ta booji'ante Israa'el gara lafa isaaniititti hin deebisa; isaan qachaa ifii ka diigame deebisanee ijaaratanee keessa hin le'an. Muka woyni'ii dhaabbatanee, daadhii woyni'ii irraa hin unan; oorruu adda addaa dhaabbatanee midhaan irraa hin nyaatan.
BSB
BSB:
I will restore My people Israel from captivity; they will rebuild and inhabit the ruined cities. They will plant vineyards and drink their wine; they will make gardens and eat their fruit.
15
GAX
Ani kolbaa tiyya Israa'el lafa isaaniititti deebisee isaan hin dhaaba; lafa ani isaanii kenne irraa deebi'anee ijjumaa hin buqqa'anu» jedha Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan.
BSB
BSB:
I will firmly plant them in their own land, never again to be uprooted from the land that I have given them,” says the LORD your God.
Chapter complete
You’ve read Amos 9
Chapter 9 of 9 in Amos
Up next
Obadiah 1
Read Obadiah 1
Back to Amos 8
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Amos 9
Ask Study Help
Ask anything about Amos 9
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Amos 8
Amos 9
Obadiah 1