Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.0.3
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Amos
Amos
8
GAX
BSB
A
a
Amos 8
8
Amos
Five visions and restoration
Guji Oromo Bible
Israel
, person
Egypt
, place
Samaria
, place
Dan
, place
Nile
, place
Beersheba
, place
Amos
, person
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Goottaan, Mootiin Waan Maraa, mudhii dhibii natti mudhisee kollonjoo midhaan bilchaate keessa jiru takka dhagge.
BSB
BSB:
This is what the Lord GOD showed me: I saw a basket of summer fruit.
2
GAX
Inni, «Ee Amos maan dhaggiisatti jirta?» naan jedhe; anille deebisee, «Kollonjoo midhaan bilchaate keessa jiru takka» jedheen. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Kolbaan tiyya Israa'el dhumatiisa geetteerti; haganaa achi ani adoo isaan hin adabin irra hin dabaru.
BSB
BSB:
“Amos, what do you see?” He asked. “A basket of summer fruit,” I replied. So the LORD said to me, “The end has come for My people Israel; I will no longer spare them.”
3
GAX
Faaruun Galma Waaqaa keessaa gara bowaa hin jijjiiranitti; reeffi namaa hin bacata; addee maralle'etti hin gatama. Cadhi hin jedhan» naan jedhe.
BSB
BSB:
“In that day,” declares the Lord GOD, “the songs of the temple will turn to wailing. Many will be the corpses, strewn in silence everywhere!”
4
GAX
Isin rakkataa irra worri sirbitanu, hiyyeeyyii lafa irraa worri balleessitanu, tana dhage'a'a!
BSB
BSB:
Hear this, you who trample the needy, who do away with the poor of the land,
5
GAX
Isin, «Midhaan akka gurgurannuuf, jilti baatii ji'aa yoom dabarti? Qamadii dikkoo akka geeffannuuf, waan itti safarru diqqeessinee gatii guddo'otti akka gurguranu, madaallii sobaalle'een midhaan akka gurgurannu Sanbati yoom dabara?
BSB
BSB:
asking, “When will the New Moon be over, that we may sell grain? When will the Sabbath end, that we may market wheat? Let us reduce the ephah and increase the shekel; let us cheat with dishonest scales.
6
GAX
Silaa worra hiyyeeyyii meeti'iin, worra rakkataa kophee miilaatiin hin bitannaayyu. Qamadii huura qaddulle hin gurgurannaayyu» jettan.
BSB
BSB:
Let us buy the poor with silver and the needy for a pair of sandals, selling even the chaff with the wheat!”
7
GAX
Mootiin Waan Maraa ulfinna ifii ka Yaaqoobiin jajatuun kakatee, «Ani hujii isaan hujane mara hin dedhu» jedheera.
BSB
BSB:
The LORD has sworn by the Pride of Jacob: “I will never forget any of their deeds.
8
GAX
Waan kanaan latti tachootee, worri isii keessa le'u marti hin bowanuu ree? Latti duudiin akka Laga Nayilii ol kaatee, akka bisaan laga Gibxi'ii ol faca'ee gad deebi'u hin teetuu ree?
BSB
BSB:
Will not the land quake for this, and all its dwellers mourn? All of it will swell like the Nile; it will surge and then subside like the Nile in Egypt.
9
GAX
Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa san aduun saatii jaatti akka seentu hin godha; ifa guyya'aa keessa latti akka dukkanoottu hin godha.
BSB
BSB:
And in that day, declares the Lord GOD, I will make the sun go down at noon, and I will darken the earth in the daytime.
10
GAX
Jila teessan ta wogga'aa gara gaddaatitti, faaruun teessan gara bowaatitti hin jijjiira. Ani akka isin woyaa gaddaa uffattanu, mataa keessanille akka haadattanu hin godha. Akka bowa worra ilmi tokkochi qabanu irraa du'ee, dhuma guyyaa sanii ka hadhowe hin godha» jedheera.
BSB
BSB:
I will turn your feasts into mourning and all your songs into lamentation. I will cause everyone to wear sackcloth and every head to be shaved. I will make it like a time of mourning for an only son, and its outcome like a bitter day.
11
GAX
Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kunoo barri ani lafa tana irratti beela fidu hin dhufa; beelti sun ta namooti jecha Mootii Waan Maraa dhage'iisa dhabanee beelotanu malee, beela sagale'ee yookiin dheebuu bisaaniitii moti.
BSB
BSB:
Behold, the days are coming, declares the Lord GOD, when I will send a famine on the land—not a famine of bread or a thirst for water, but a famine of hearing the words of the LORD.
12
GAX
Namooti jecha Mootii Waan Maraa barbaadatiisaaf, abbaayaa takka irraa gara abbaayaa taanii, kaaba irraa gara kibbaa hin joonjan; isaan ammoo isa hin dhagganu.
BSB
BSB:
People will stagger from sea to sea and roam from north to east, seeking the word of the LORD, but they will not find it.
13
GAX
«Bara san durri shashaggoole'ee fi dhiirti dargaggooti jajjab dheebotanee hin gaggaban.
BSB
BSB:
In that day the lovely young women—the young men as well—will faint from thirst.
14
GAX
Worri waaqa dharaa ka Samaariyaa keessaatiin kakatu, yookiin ka, ‹Ee, Daan, dhugaa waaqa jiraata keetii› jedhu yookiin ka, ‹Dhugaa waaqa Bersheeba'aa› jedhu, isaan hin jigan; deebi'aneelle hin ka'anu» jedha.
BSB
BSB:
Those who swear by the guilt of Samaria and say, ‘As surely as your god lives, O Dan,’ or, ‘As surely as the way of Beersheba lives’—they will fall, never to rise again.”
Chapter complete
You’ve read Amos 8
Chapter 8 of 9 in Amos
Up next
Amos 9
Read Amos 9
Back to Amos 7
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Amos 8
Ask Study Help
Ask anything about Amos 8
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Amos 7
Amos 8
Amos 9