Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.6.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Exod
Exodus
12
GAX
BSB
A
a
Exodus 12
12
Exodus
The plagues and the Passover
Guji Oromo Bible
Egypt
, place
Israel
, person
Moses
, person
Aaron
, person
Pharaoh
, person
Rameses
, place
Succoth
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi'ii keessatti Muuse'ee fi Aaroniin,
BSB
BSB:
Now the LORD said to Moses and Aaron in the land of Egypt,
2
GAX
«Jiin kun ji'a qaraa, ji'a jalqaba wogga'aa isiniif te'uu ti.
BSB
BSB:
“This month is the beginning of months for you; it shall be the first month of your year.
3
GAX
Ji'a kana guyyaa kudhaneesso'ootitti, nami tokko tokkooyyuu maatii ifiitiif, buruusoo korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee tokko akka qopheessu wolde'a Israa'eliititti himi.
BSB
BSB:
Tell the whole congregation of Israel that on the tenth day of this month each man must select a lamb for his family, one per household.
4
GAX
Maatiin takka buruusoo korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee san nyaatanee fixiisaaf laakkossi isaanii yoo diqqaate, nami sun ollaa ifii woliin akkuma laakkossa namoota maatii saniititti qoodamanuu ti; haga nami tokko nyaatuu dande'u shallaganee qoodamanuu ti.
BSB
BSB:
If the household is too small for a whole lamb, they are to share with the nearest neighbor based on the number of people, and apportion the lamb accordingly.
5
GAX
Buruusoon sun korbeeyyii woggaa tokkoo ta fafa hin qanne te'anuu ti; isaan kana hoolee yookiin re'ee keessaa filadha'a.
BSB
BSB:
Your lamb must be an unblemished year-old male, and you may take it from the sheep or the goats.
6
GAX
Buruusoo san ji'a san keessa haga guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti tissitanee, guyyaa kudhanii arfeesso'oo galgala dimimmisa kolbaan Israa'elii marti qalattuu ti.
BSB
BSB:
You must keep it until the fourteenth day of the month, when the whole assembly of the congregation of Israel will slaughter the animals at twilight.
7
GAX
Achiin duuba isaan dhiiga diqqaa isaa fuudhanee, mana foon itti nyaatanu san mikikkila balbalaa ka cinaa lamaaniituu, mikikkila balbalaa ka gubba'aalle dibanuu ti.
BSB
BSB:
They are to take some of the blood and put it on the sides and tops of the doorframes of the houses where they eat the lambs.
8
GAX
Halkanuma san foon san ibiddatti woddanee baala hadhowuu fi daabboo uukoo hin qanne woliin nyaatanuu ti.
BSB
BSB:
They are to eat the meat that night, roasted over the fire, along with unleavened bread and bitter herbs.
9
GAX
Foon dheedhii yookiin foon iffeelame hin nyaatina'a; mataa, manye'ee fi meya gadha'aa woliin ibiddatti wodda'aatii nyaadha'a.
BSB
BSB:
Do not eat any of the meat raw or cooked in boiling water, but only roasted over the fire—its head and legs and inner parts.
10
GAX
Foon san irraa tokkolle haga bari'iititti hin hamburina'a; yoo hafe ibiddaan guba'a.
BSB
BSB:
Do not leave any of it until morning; before the morning you must burn up any part that is left over.
11
GAX
Jila irra dabaramaa ta ana Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf jilifattanu waan teeteef, yennaa nyaattanu, akka nama karaa deemiisaaf qophowee, woyaa uffadha'aa, kophee keyadha'aa, ulee teessan harkatti qabadha'aatii ariiti'iin nyaadha'a.
BSB
BSB:
This is how you are to eat it: You must be fully dressed for travel, with your sandals on your feet and your staff in your hand. You are to eat in haste; it is the LORD’s Passover.
12
GAX
«Halkanuma san ani biyya Gibxi'ii keessa deddeemee, waan angafa te'e mara, ka namaatii fi ka hori'iille hin ijjeesa; waaqota biyya Gibxi'ii mara irratti hin mura. Ani Mootii Waan Maraa ti.
BSB
BSB:
On that night I will pass through the land of Egypt and strike down every firstborn male, both man and beast, and I will execute judgment against all the gods of Egypt. I am the LORD.
13
GAX
Mana isin keessa jirtanu irratti dhiigi beessisa isiniif hin te'a; ani yennaa dhiiga san dhagge, isin irra hin dabara; Yennaa biyyaa Gibxi'iititti balaa buusu, isin irratti balaan tokkolle hin bu'u.
BSB
BSB:
The blood on the houses where you are staying will be a sign; when I see the blood, I will pass over you. No plague will fall on you to destroy you when I strike the land of Egypt.
14
GAX
«Guyyaan kun guyyaa yaadanno'oo isiniif te'uu ti. Dhaloota dhufuufille seerata bara baraa te'ee, ana Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf jilifattan.
BSB
BSB:
And this day will be a memorial for you, and you are to celebrate it as a feast to the LORD, as a permanent statute for the generations to come.
15
GAX
«Guyyaa jila tanaa guyyaa torba daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a; guyyaa jalqabaatii haga guyyaa torbeesso'oo nami daabboo uukoo qaddu nyaate Israa'el keessaa waan bawuuf, guyyaa tokkeesso'oo daabboo uukoo qaddu mana keessan keessaa balleessa'a.
BSB
BSB:
For seven days you must eat unleavened bread. On the first day you are to remove the leaven from your houses. Whoever eats anything leavened from the first day through the seventh must be cut off from Israel.
16
GAX
Guyyaa tokkeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a. Guyyoota kana nami marti waan nyaatu qopheeffatuutii malee, hujii tokkolle hin hujina'a.
BSB
BSB:
On the first day you are to hold a sacred assembly, and another on the seventh day. You must not do any work on those days, except to prepare the meals—that is all you may do.
17
GAX
«Ani guyyaa kanatti kolbaa tiyya biyya Gibxi'ii keessaa waan baaseef, jila daabboo uukoo hin qannee jilifadha'a; guyyaa kana dhaloota dhufuufille seerata bara baraa godhadha'aatii eegadha'a.
BSB
BSB:
So you are to keep the Feast of Unleavened Bread, for on this very day I brought your divisions out of the land of Egypt. You must keep this day as a permanent statute for the generations to come.
18
GAX
Ji'a jalqabaa, guyyaa kudhanii arfeesso'oo galgala irraa jalqaddanee haga guyyaa diddamii tokkeesso'oo galgalaatitti daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a.
BSB
BSB:
In the first month you are to eat unleavened bread, from the evening of the fourteenth day until the evening of the twenty-first day.
19
GAX
Haga guyyaa torbaa uukoon ijjumaa mana keessan keessatti hin dhaggamin; alagaa yookiin dhalataa biyyaalle yoo te'e, nami waan uukoo qabu nyaate kolbaa Israa'elii keessaa bayuu qaba.
BSB
BSB:
For seven days there must be no leaven found in your houses. If anyone eats something leavened, that person, whether a foreigner or native of the land, must be cut off from the congregation of Israel.
20
GAX
Addee jirtanu maratti daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a malee, waan uukoo qabu hin nyaatina'a» jedhe.
BSB
BSB:
You are not to eat anything leavened; eat unleavened bread in all your homes.”
21
GAX
Achiin duuba Muuseen jaarsolee Israa'elootaa mara waamee, «Ariifadha'aa dhaqa'aatii akka maatii maatii keessaniititti buruusoo korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee filadha'aatii, Jila Irra Dabaramaatiif qaladha'a.
BSB
BSB:
Then Moses summoned all the elders of Israel and told them, “Go at once and select for yourselves a lamb for each family, and slaughter the Passover lamb.
22
GAX
Baala muka hisoophii qabaa tokko fuudha'aatii, dhiiga qorii keessaatitti cuupha'aatii, mikikkila balbalaa ka cinaa lamaaniituu, mikikkila balbalaa ka gubba'aalle diba'a; haga ganamaatitti nami tokkolle mana ifiitii gad hin bayin.
BSB
BSB:
Take a cluster of hyssop, dip it into the blood in the basin, and brush the blood on the top and sides of the doorframe. None of you shall go out the door of his house until morning.
23
GAX
Mootiin Waan Maraa balaa buusiisaaf, biyya Gibxi'ii keessa yennaa deddeemu, mikikkila balbalaa ka cinaa lamaaniituu irratti, mikikkila balbalaa ka gubba'aa irralle'etti dhiiga dhaggee, balbala san irra hin dabara. Ka balleessu sun mana keessan seenee akka isin ijjeesu itti hin lakkisu.
BSB
BSB:
When the LORD passes through to strike down the Egyptians, He will see the blood on the top and sides of the doorframe and will pass over that doorway; so He will not allow the destroyer to enter your houses and strike you down.
24
GAX
Isinii fi sanyiin teessan seerata haga bara baraa ka isiniif kenname kanaaf ajajamuu qaddan.
BSB
BSB:
And you are to keep this command as a permanent statute for you and your descendants.
25
GAX
Lafa Mootiin Waan Maraa isinii kenniisaaf waadaa gale sanitti yennaa galtane seerata kana eegadha'a.
BSB
BSB:
When you enter the land that the LORD will give you as He promised, you are to keep this service.
26
GAX
Ijoolleen teessan, ‹Jilti tun ta maanii ti inni?› jettee yennaa isin gaafattu,
BSB
BSB:
When your children ask you, ‘What does this service mean to you?’
27
GAX
isin ammoo, ‹Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi'ii irratti balaa yennaa buuse, biyya Gibxi'ii keessatti mana Israa'elootaa irra dabaree, qe'ee teenna waan hambureef, ciincaa Jila Irra Dabaramaa ta Mootii Waan Maraa ti› jedha'aan» jedhe. Achiin duuba kolbaan gad jettee sagadde.
BSB
BSB:
you are to reply, ‘It is the Passover sacrifice to the LORD, who passed over the houses of the Israelites in Egypt when He struck down the Egyptians and spared our homes.’” Then the people bowed down and worshiped.
28
GAX
Israa'elootille waan Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaron ajaje mara goote.
BSB
BSB:
And the Israelites went and did just what the LORD had commanded Moses and Aaron.
29
GAX
Halkan wodhakkaa Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi'ii keessatti angafa te'anee ka dhalatane mara, ilma angaficha mooticha barcumaa mootummaa irra tee'uutii jalqabee, haga angafoota worra mana hidha'aa ka boollaa keessa jiruutii fi angafoota hori'ii mara ijjeese.
BSB
BSB:
Now at midnight the LORD struck down every firstborn male in the land of Egypt, from the firstborn of Pharaoh, who sat on his throne, to the firstborn of the prisoner in the dungeon, as well as all the firstborn among the livestock.
30
GAX
Halkan san mootichi, qondaaltoti isaatii fi worri biyya Gibxi'ii marti hirriibaa ka'ane; manni nami keessaa hin du'in tokkolle waan hin jirreef, biyya Gibxi'ii keessatti iyyi wiiccifataa te'e
BSB
BSB:
During the night Pharaoh got up—he and all his officials and all the Egyptians—and there was loud wailing in Egypt; for there was no house without someone dead.
31
GAX
Halkanuma san mootichi Muuse'ee fi Aaron waansisee, «Ka'a'a! Isinii fi Israa'elooti kolbaa tiyya keessaa baya'a! Akkuma jettane dhaqa'aatii Mootii Waan Maraa keessan waaqonfadha'a.
BSB
BSB:
Then Pharaoh summoned Moses and Aaron by night and said, “Get up, leave my people, both you and the Israelites! Go, worship the LORD as you have requested.
32
GAX
Akkuma jettane hoolee, re'e'ee fi loon keessan fudhadha'aatii deema'a. Analle eebbisa'a» jedhe.
BSB
BSB:
Take your flocks and herds as well, just as you have said, and depart! And bless me also.”
33
GAX
Worri Gibxi'ii, «Nuuti martinuu hin dhumanna» waan jedhaneef, akka Israa'elooti biyya isaanii keessaa ariifatanee bayanu muddane.
BSB
BSB:
And in order to send them out of the land quickly, the Egyptians urged the people on. “For otherwise,” they said, “we are all going to die!”
34
GAX
Tanaaf Israa'elooti bukoo ifii uukoo adoo itti hin naqin meya bukoo itti bukeessanutti naqanee, woya'aan maranee, fuudhanee gurmu'utti kaafatane.
BSB
BSB:
So the people took their dough before it was leavened, carrying it on their shoulders in kneading bowls wrapped in clothing.
35
GAX
Israa'elooti akkuma Muuseen isaanitti hime, meya meeti'ii, meya worqi'iitii fi woyaa akka isaanii kennanu, worra Gibxi'ii gaafatane.
BSB
BSB:
Furthermore, the Israelites acted on Moses’ word and asked the Egyptians for articles of silver and gold, and for clothing.
36
GAX
Mootiin Waan Maraalle worri Gibxi'ii Israa'eloota akka ulfeessanu waan godheef, waan isaan gaafatane mara isaaniif kennane; tanaaf Israa'elooti worra Gibxi'ii irraa qabeenna isaanii guuratanee bayane.
BSB
BSB:
And the LORD gave the people such favor in the sight of the Egyptians that they granted their request. In this way they plundered the Egyptians.
37
GAX
Israa'elooti Raamsesii ka'anee haga Suukootii deemane; isaan dubartootaa fi ijoollee maleenama kuma dhibba jaa.
BSB
BSB:
The Israelites journeyed from Rameses to Succoth with about 600,000 men on foot, besides women and children.
38
GAX
Worri Israa'eloota hin te'in kolbaan hedduun, hooleen, re'e'ee fi loon baca'atti isaan woliin baye.
BSB
BSB:
And a mixed multitude also went up with them, along with great droves of livestock, both flocks and herds.
39
GAX
Isaan bukoo biyya Gibxi'iitii fudhatanee bayane saniin daabboo uukoo hin qanne bilcheeffatane; yennaa Gibxi keessaa bayanu ariiti'iin waan bayaneef, bukoo isaanii keessa uukoon hin jirtu; ideensa kara'aatiif galaa qopheeffatiisaafille yennaa dhabane.
BSB
BSB:
Since their dough had no leaven, the people baked what they had brought out of Egypt into unleavened loaves. For when they had been driven out of Egypt, they could not delay and had not prepared any provisions for themselves.
40
GAX
Israa'elooti woggaa dhibba afurii fi soddoma biyya Gibxi'ii keessa le'ane.
BSB
BSB:
Now the duration of the Israelites’ stay in Egypt was 430 years.
41
GAX
Dhuma woggaa dhibba afurii fi soddomaa sanitti, kolbaan Mootii Waan Maraa marti biyya Gibxi'ii keessaa baate.
BSB
BSB:
At the end of the 430 years, to the very day, all the LORD’s divisions went out of the land of Egypt.
42
GAX
Mootiin Waan Maraa halkan biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase san waan isaan eegeef, halkan sun dhaloota Israa'elootaa mara keessatti ulfinna Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf, Israa'elooti marti eeddoo irra buluu qaban.
BSB
BSB:
Because the LORD kept a vigil that night to bring them out of the land of Egypt, this same night is to be a vigil to the LORD, to be observed by all the Israelites for the generations to come.
43
GAX
Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, «Kun seerata Jila Irra Dabaramaa ti; nami ormaa sagalee Jila Irra Dabaramaa hin nyaatin;
BSB
BSB:
And the LORD said to Moses and Aaron, “This is the statute of the Passover: No foreigner is to eat of it.
44
GAX
garbichi bitattane garuu haqanqabaa isa qaddaneen duuba nyaatuu dande'a.
BSB
BSB:
But any slave who has been purchased may eat of it, after you have circumcised him.
45
GAX
Nami keessumma'aa yookiin tajaajilaan qaxarame ammoo nyaatuu hin dande'u.
BSB
BSB:
A temporary resident or hired hand shall not eat the Passover.
46
GAX
«Sagalee san mana tokko keessatti nyaadha'a malee, foon san irraa tokkolle mana keessaa gad hin bayin; lafee foon sanii hin cassina'a.
BSB
BSB:
It must be eaten inside one house. You are not to take any of the meat outside the house, and you may not break any of the bones.
47
GAX
«Kolbaan Israa'elii marti jila tana jilifatuu qaban;
BSB
BSB:
The whole congregation of Israel must celebrate it.
48
GAX
Alagaan isin woliin le'u, jila Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf jilifattanu tana ka jilifatiisaaf barbaade, ilmaan isaa marti haqanqabaa qabatuu qaban; achiin duuba akka dhalataa biyyaa te'ee jila tanatti hirmaatuu ti. Nami haqanqabaa hin qabatin ammoo sagalee jila sanii hin nyaatin.
BSB
BSB:
If a foreigner resides with you and wants to celebrate the LORD’s Passover, all the males in the household must be circumcised; then he may come near to celebrate it, and he shall be like a native of the land. But no uncircumcised man may eat of it.
49
GAX
Seerri kun isinii fi alagaa isin woliin le'uufille tokkochuma te'uu ti» jedhe.
BSB
BSB:
The same law shall apply to both the native and the foreigner who resides among you.”
50
GAX
Israa'elooti marti waan Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaron ajaje mara godhane.
BSB
BSB:
Then all the Israelites did this—they did just as the LORD had commanded Moses and Aaron.
51
GAX
Mootiin Waan Maraa guyyuma san gumii kolbaa Israa'elii mara biyya Gibxi'ii keessaa baase.
BSB
BSB:
And on that very day the LORD brought the Israelites out of the land of Egypt by their divisions.
Chapter complete
You’ve read Exodus 12
Chapter 12 of 40 in Exodus
Up next
Exodus 13
Read Exodus 13
Back to Exodus 11
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Exodus 12
A question this chapter raises
Did the exodus really happen?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Exodus 11
Exodus 12
Exodus 13