Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.6.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Exod
Exodus
14
GAX
BSB
A
a
Exodus 14
14
Exodus
The sea crossing and the wilderness
Guji Oromo Bible
Israel
, person
Egypt
, place
Pharaoh
, person
Moses
, person
Pi-hahiroth
, place
Baal-zephon
, place
Migdol
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
BSB
BSB:
Then the LORD said to Moses,
2
GAX
«Israa'elooti deebi'anee Phiihahiirot bira, wodhakkaa Miigdoliitii fi abbaayaa diintu'uu, fuullee Ba'aal-Zefonii qarqara abbaaya'aa akka qubatanu itti himi.
BSB
BSB:
“Tell the Israelites to turn back and encamp before Pi-hahiroth, between Migdol and the sea. You are to encamp by the sea, directly opposite Baal-zephon.
3
GAX
Mootichi Gibxi'ii, ‹Goomoleen karaa wollaalchittee, Israa'elooti joonjanee lafa keessa maran› jedhee hin herrega.
BSB
BSB:
For Pharaoh will say of the Israelites, ‘They are wandering the land in confusion; the wilderness has boxed them in.’
4
GAX
Ani mataa isaa waan jabeessuuf, inni isaan hin hordofa; ani ammoo mootichaa fi loltoota isaa mara irratti ulfinna hin dhaggadha; worri Gibxi'iille akka ani Waaqa te'e kanaan beekan» jedhe. Israa'elootille akkuma isaanitti himame godhane.
BSB
BSB:
And I will harden Pharaoh’s heart so that he will pursue them. But I will gain honor by means of Pharaoh and all his army, and the Egyptians will know that I am the LORD.” So this is what the Israelites did.
5
GAX
Kolbaan akka baqattee baate mooticha Gibxi'iititti yennaa himane, innii fi qondaaltoti isaa yaada jijjiiratanee, «Kolbaan Israa'elii nu'uuf hujiisa lakkisanee akka deemanu tolchuun keenna kun maan?» jedhane.
BSB
BSB:
When the king of Egypt was told that the people had fled, Pharaoh and his officials changed their minds about them and said, “What have we done? We have released Israel from serving us.”
6
GAX
Maarre mootichi garreettaa ifii ka fardaan harkifamuu fi loltoota ifii qopheeffate.
BSB
BSB:
So Pharaoh prepared his chariot and took his army with him.
7
GAX
Inni garreettaa fardaan harkifamu ka filame dhibba jaa, garreettaa fardaan harkifamu ka worra Gibxi'ii ka dhibiille ajajjoota isaanii woliin fudhatee ka'e.
BSB
BSB:
He took 600 of the best chariots, and all the other chariots of Egypt, with officers over all of them.
8
GAX
Mootiin Waan Maraa mooticha mataa jabeessee, Israa'eloota irree jaddu'uun bayiisatti jiranu hordofe.
BSB
BSB:
And the LORD hardened the heart of Pharaoh king of Egypt so that he pursued the Israelites, who were marching out defiantly.
9
GAX
Worri Gibxi'ii, abbootiin fardaa ta mootichaatii fi garreettaan fardaan harkifamu ka mootichaa, abbootiin fardaa ta dhibi'ii fi loltooti miilaa isaan hordofanee, fuullee Ba'aal-Zefonii abbaayaa diintuu qarqara, Phiihahiirot bira qubataneeranuun isaan dhaqqabane.
BSB
BSB:
The Egyptians—all Pharaoh’s horses and chariots, horsemen and troops—pursued the Israelites and overtook them as they camped by the sea near Pi-hahiroth, opposite Baal-zephon.
10
GAX
Mootichii fi loltooti isaa isaan hordofanee akka itti dhikaatane dhagganee, Israa'elooti guddoo sodaatanee gara Mootii Waan Maraa iyyane.
BSB
BSB:
As Pharaoh approached, the Israelites looked up and saw the Egyptians marching after them, and they were terrified and cried out to the LORD.
11
GAX
Isaan Muuse'een, «Biyya Gibxi'ii keessa addeen awwaalaa waan hin jirreef goomolee keessatti akka dhumannuuf as nu fiddee? Biyyaa Gibxi'ii keessaa nu baattee wonni ati nu tolchite kun maan?
BSB
BSB:
They said to Moses, “Was it because there were no graves in Egypt that you brought us into the wilderness to die? What have you done to us by bringing us out of Egypt?
12
GAX
Nuuti biyya Gibxi'ii keessatti, ‹Goomolee keessatti du'iisaa manna, worra Gibxi'iitiif garboota teenee akka tajaajillu, nu lakkisi› ta si'iin jenne tanaafii motii?» jedhane.
BSB
BSB:
Did we not say to you in Egypt, ‘Leave us alone so that we may serve the Egyptians’? For it would have been better for us to serve the Egyptians than to die in the wilderness.”
13
GAX
Muuseelle deebisee, «Worra Gibxi'ii ka adha dhaggitanu kana deebitanee lammeessoo waan hin dhaggineef, hin sodaatina'a; jabaadha'aatii dhaabbadha'a; adha Mootiin Waan Maraa isin baasiisaaf, waan inni tolchu ilaala'a.
BSB
BSB:
But Moses told the people, “Do not be afraid. Stand firm and you will see the LORD’s salvation, which He will accomplish for you today; for the Egyptians you see today, you will never see again.
14
GAX
Mootiin Waan Maraa isiniif waan loluuf itita'a» jedhe.
BSB
BSB:
The LORD will fight for you; you need only to be still.”
15
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Isin maaf gara kiyya iyyitan? Isaan gara duraa akka deemanu Israa'elootatti himi.
BSB
BSB:
Then the LORD said to Moses, “Why are you crying out to Me? Tell the Israelites to go forward.
16
GAX
Ati ammoo ulee teeti fudhadhuutii, harka keeti abbaayaa irra diriirsi; akka Israa'elooti abbaayaa keessa lafa godduu irra gamatti bu'anu, bisaan gargar kuti.
BSB
BSB:
And as for you, lift up your staff and stretch out your hand over the sea and divide it, so that the Israelites can go through the sea on dry ground.
17
GAX
Gibxooti akka Israa'eloota gula seenanu ani gadhaa isaanii hin jabeessa. Ani mootichaa fi loltoota isaa mara irratti, garreettaa fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ta isaa irratti ulfinna hin dhaggadha.
BSB
BSB:
And I will harden the hearts of the Egyptians so that they will go in after them. Then I will gain honor by means of Pharaoh and all his army and chariots and horsemen.
18
GAX
Yennaa ani mooticha irratti, garreettaa isaa ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ta isaa irratti ulfinna dhaggadhe, worri Gibxi'ii akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan» jedhe.
BSB
BSB:
The Egyptians will know that I am the LORD when I am honored through Pharaoh, his chariots, and his horsemen.”
19
GAX
Ergamaan waaqaa ka Israa'elootaan dura deemaa ture, duubatti dabaree isaaniin duuba deeme; utubaan duumensaalle duubatti dabaree dhaabbatee,
BSB
BSB:
And the angel of God, who had gone before the camp of Israel, withdrew and went behind them. The pillar of cloud also moved from before them and stood behind them,
20
GAX
worra Gibxi'iitii fi Israa'eloota odduu seenee, halkan san duudii mogguu Israa'elootaatitti ifa kennee, mogguu Gibxootaa ammoo dukkaneesse.
BSB
BSB:
so that it came between the camps of Egypt and Israel. The cloud was there in the darkness, but it lit up the night. So all night long neither camp went near the other.
21
GAX
Muuseelle harka ifii abbaayaa irra diriirse; Mootiin Waan Maraa ammoo halkan guutuu qilleensa jabaa gara aduun baatuu kaasee abbaayaa gara duubaa deebisee, bisaan gargar kutee, lafa godduu tolche.
BSB
BSB:
Then Moses stretched out his hand over the sea, and all that night the LORD drove back the sea with a strong east wind that turned it into dry land. So the waters were divided,
22
GAX
Israa'elootille bisaan middaa fi bitaa isaaniititti akka dalleya dhaka'aa te'ee dhaabbateeruun lafa godduu irra abbaayaa keessa qaxxaamurane.
BSB
BSB:
and the Israelites went through the sea on dry ground, with walls of water on their right and on their left.
23
GAX
Worri Gibxi'iille fardoolee mootichaatiin, garreettaa isaa ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa maraan isaan ari'anee, isaan gula abbaayaa odduu seenane.
BSB
BSB:
And the Egyptians chased after them—all Pharaoh’s horses, chariots, and horsemen—and followed them into the sea.
24
GAX
Yennaa latti bariite Mootiin Waan Maraa utubaa ibiddaatii fi duumensa keessaa loltoota worra Gibxi'ii gad ilaalee, akka isaan gara itti goranu wollaalanu godhe.
BSB
BSB:
At morning watch, however, the LORD looked down on the army of the Egyptians from the pillar of fire and cloud, and He threw their camp into confusion.
25
GAX
Korboo garreettaa fardaan harkifamu ka isaanii akka dhaabbattu godhe. Worri Gibxi'iille, «Mootiin Waan Maraa isaaniif jedhee, nu worra Gibxi'ii loliisatti waan jiruuf, kowa'a Israa'eloota duraa baqanna» jedhane.
BSB
BSB:
He caused their chariot wheels to wobble, so that they had difficulty driving. “Let us flee from the Israelites,” said the Egyptians, “for the LORD is fighting for them against Egypt!”
26
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Bisaan worra Gibxi'ii irra, garreettaa isaanii ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ta isaanii irra akka garagaluuf, harka keeti abbaayaarra diriirsi» jedhe.
BSB
BSB:
Then the LORD said to Moses, “Stretch out your hand over the sea, so that the waters may flow back over the Egyptians and their chariots and horsemen.”
27
GAX
Muuseelle harka ifii abbaayaarra diriirse; abbaayaalle ganama addee ifiititti deebite. Worri Gibxi'ii isii duraa gara duubaa baqate. Mootiin Waan Maraa akka isaan abbaayaa keessatti hafanu godhe.
BSB
BSB:
So Moses stretched out his hand over the sea, and at daybreak the sea returned to its normal state. As the Egyptians were retreating, the LORD swept them into the sea.
28
GAX
Bisaan sun adde'etti deebi'ee garreettaa fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa, loltoota mootichaa mara worra Israa'eloota gula gara abbaaya'aa seenane mara liqinse; isaan keessaa nami tokkolle hin hanne.
BSB
BSB:
The waters flowed back and covered the chariots and horsemen—the entire army of Pharaoh that had chased the Israelites into the sea. Not one of them survived.
29
GAX
Israa'elooti ammoo bisaan middaa fi bitaa isaaniititti akka dalleya dhaka'aa te'ee dhaabbateeruun lafa godduu irra abbaayaa keessa qaxxaamurane.
BSB
BSB:
But the Israelites had walked through the sea on dry ground, with walls of water on their right and on their left.
30
GAX
Guyyaa san Mootiin Waan Maraa Israa'eloota harka worra Gibxi'ii jalaa baase; Israa'elootille reeffa worra Gibxi'ii ka abbaayaa qarqara ciisu dhaggane.
BSB
BSB:
That day the LORD saved Israel from the hand of the Egyptians, and Israel saw the Egyptians dead on the shore.
31
GAX
Mootiin Waan Maraa irree jadduu ifiitiin worra Gibxi'ii irratti waan huje yennaa dhaggane, Israa'elooti Mootii Waan Maraa sodaatanee, isaa fi Muusee tajaajilaa isaatitti addatane.
BSB
BSB:
When Israel saw the great power that the LORD had exercised over the Egyptians, the people feared the LORD and believed in Him and in His servant Moses.
Chapter complete
You’ve read Exodus 14
Chapter 14 of 40 in Exodus
Up next
Exodus 15
Read Exodus 15
Back to Exodus 13
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Exodus 14
Ask Study Help
Ask anything about Exodus 14
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Exodus 13
Exodus 14
Exodus 15