Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.6.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Exod
Exodus
15
GAX
BSB
A
a
Exodus 15
15
Exodus
The sea crossing and the wilderness
Guji Oromo Bible
Israel
, person
Moses
, person
Pharaoh
, person
Red Sea
, place
Miriam
, person
Egypt
, place
Aaron
, person
Moab
, place
6 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Achiin duuba Muuse'ee fi Israa'elooti faaruu asii gad jirtu tana Mootii Waan Maraatiif faarfatanee, «Mootiin Waan Maraa abbootii fardaatii fi fardoo isaanii abbaaya'atti naqee, ulfinna waan dhaggateef, ani isaaf hin faarfadha.
BSB
BSB:
Then Moses and the Israelites sang this song to the LORD: “I will sing to the LORD, for He is highly exalted. The horse and rider He has thrown into the sea.
2
GAX
Mootiin Waan Maraa jabeenna naa te'ee, akka faarfadhu na tolcheera; inni fayyinna naa te'eera. Inni Waaqa kiyya; anille isa hin leellifadha; Waaqa abbaa kiyyaa, ani isa hin saadadha.
BSB
BSB:
The LORD is my strength and my song, and He has become my salvation. He is my God, and I will praise Him, my father’s God, and I will exalt Him.
3
GAX
Mootiin Waan Maraa lolticha goota; Maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti.
BSB
BSB:
The LORD is a warrior, the LORD is His name.
4
GAX
Inni garreettaa mootichaa ka fardaan harkifamuu fi loltoota isaa abbaaya'atti naqe; qondaaltoti mootichaa worri filamane abbaayaa diintuu keessatti liqinfamane.
BSB
BSB:
Pharaoh’s chariots and army He has cast into the sea; the finest of his officers are drowned in the Red Sea.
5
GAX
Bisaan qileen isaan irra garagale; akka dhaka'aa abbaaya'atti gad lixane.
BSB
BSB:
The depths have covered them; they sank there like a stone.
6
GAX
«Ee Mootii Waan Maraa, harki keeti middichi, hunnaan arnya qaba. Ee Mootii Waan Maraa, harki keeti middichi diinota butuche.
BSB
BSB:
Your right hand, O LORD, is majestic in power; Your right hand, O LORD, has shattered the enemy.
7
GAX
Guddinna arnya keetiitiin worra si mormu balleessite. Mufii teeti ta akka ibiddaa bobeettu itti ergitee, akka huuraa isaan muxuqi goote.
BSB
BSB:
You overthrew Your adversaries by Your great majesty. You unleashed Your burning wrath; it consumed them like stubble.
8
GAX
Hafuura funnaan keetiitiin, bisaan tuulame. Bisaan yaa'u akka dalleya dhaka'aa dhaabbate; bisaan qile'ee abbaayaa wodhakka'atti itite.
BSB
BSB:
At the blast of Your nostrils the waters piled up; like a wall the currents stood firm; the depths congealed in the heart of the sea.
9
GAX
«Diinni kooree, ‹Ani isaan hin ari'a; isaan hin qaba; booji'ee karra isaanii hin qoodama; waan fedhe mara irraa hin fudhadha. Shallaagaa kiyya hin buqqifadha; harki kiyyalle isaan hin balleessa› jedhe.
BSB
BSB:
The enemy declared, ‘I will pursue, I will overtake. I will divide the spoils; I will gorge myself on them. I will draw my sword; my hand will destroy them.’
10
GAX
Ati ammoo hafuura keeti itti baafannaan, abbaayaani isaan irra garagaltee, akkuma sibiilaa bisaan jabaa keessatti liqinfamane.
BSB
BSB:
But You blew with Your breath, and the sea covered them. They sank like lead in the mighty waters.
11
GAX
«Ee Mootii Waan Maraa, waaqota keessaa ka akka keetii eennu? Ka arnya woyyumma'aa qabu, ka ulfinnaan sodaatame, ka bilbaasa huju, ka akka keetii eennu?
BSB
BSB:
Who among the gods is like You, O LORD? Who is like You—majestic in holiness, revered with praises, performing wonders?
12
GAX
Ati harka keeti middicha diriirsitee, latti isaan liqinsite.
BSB
BSB:
You stretched out Your right hand, and the earth swallowed them up.
13
GAX
«Ati jaalala keeti ka bara baraatiin kolbaa wodatte hin sooressita; jabeenna keetiin gara addee woyyitti'ii isaan hin geessita.
BSB
BSB:
With loving devotion You will lead the people You have redeemed; with Your strength You will guide them to Your holy dwelling.
14
GAX
Gosi biyya adda addaa dhageettee hin hollatti; worri biyya Filisxeemotaalle hin muddaman.
BSB
BSB:
The nations will hear and tremble; anguish will grip the dwellers of Philistia.
15
GAX
Bulchitooti Edoomii hin bararaqan; Sooressitooti Mo'aabii sodaatanee hin romman; kolbaan Kana'aaniille hin sheephitti.
BSB
BSB:
Then the chiefs of Edom will be dismayed; trembling will seize the leaders of Moab; those who dwell in Canaan will melt away,
16
GAX
Ee Mootii Waan Maraa, kolbaa teetiif haga dabartutti kolbaan ati wodatte haga dabartutti hunna irree teetiitiin isaan akka dhaka'aa hin cadhisan; bararaqii fi naasuun isaanitti hin buuti.
BSB
BSB:
and terror and dread will fall on them. By the power of Your arm they will be as still as a stone until Your people pass by, O LORD, until the people You have bought pass by.
17
GAX
Ee Mootii Waan Maraa, addee woyyittii teetitti Ee Gootta'a, addee harki keeti ijaare sanitti isaan galchitee, lafa teeti kooba gubbaa irratti isaan hin qubachiitta.
BSB
BSB:
You will bring them in and plant them on the mountain of Your inheritance—the place, O LORD, You have prepared for Your dwelling, the sanctuary, O Lord, Your hands have established.
18
GAX
Mootiin Waan Maraa haga bara baraa hin bulcha» jedhane.
BSB
BSB:
The LORD will reign forever and ever!”
19
GAX
Fardoon, garreettaan fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ta mootichaa abbaayaa keessa yennaa timane, Mootiin Waan Maraa bisaan abbaaya'aa isaan irra garagalchee, Israa'elooti ammoo abbaayaa keessa lafa godduu irra ideemanee qaxxaamurane.
BSB
BSB:
For when Pharaoh’s horses, chariots, and horsemen went into the sea, the LORD brought the waters of the sea back over them. But the Israelites walked through the sea on dry ground.
20
GAX
Achiin duuba Miiriyamiin raagittiin, obboleettiin Aaronii, dibbee fudhattee baatee, dubartooti martinuu dibbee dhowaa, sirbaa isii gula yaa'ane.
BSB
BSB:
Then Miriam the prophetess, Aaron’s sister, took a tambourine in her hand, and all the women followed her with tambourines and dancing.
21
GAX
Miiriyamille, faarfattee, isaaniin «Inni akka malee waan saadameef, Mootii Waan Maraatiif faarfadha'a. Inni fardo'oo fi abbootii fardo'oo abbaaya'atti naqeera» jette.
BSB
BSB:
And Miriam sang back to them: “Sing to the LORD, for He is highly exalted; the horse and rider He has thrown into the sea.”
22
GAX
Achiin duuba Muuseen kolbaa Israa'elii abbaayaa diintu'uu kaasee, gara lafa goomole'ee Shuur geesse. Isaan guyyaa sad bisaan adoo hin dhaggatin goomolee keessa deemane.
BSB
BSB:
Then Moses led Israel from the Red Sea, and they went out into the Desert of Shur. For three days they walked in the desert without finding water.
23
GAX
Isaan yennaa gara Maaraa dhufane, bisaan Maaraa sun waan hadhowuuf, uniisa hin dandeenne. Tanaaf maqaan addee sanii, «Maaraa» jedhame.
BSB
BSB:
And when they came to Marah, they could not drink the water there because it was bitter. (That is why it was named Marah.)
24
GAX
Maarre kolbaan, «Maan unna?» jettee Muuse'etti gungunte.
BSB
BSB:
So the people grumbled against Moses, saying, “What are we to drink?”
25
GAX
Achiin duuba Muuseen gara Mootii Waan Maraa iyyee, Mootiin Waan Maraa muka tokko itti mudhise; innille muka san bisaanitti qolaansee, bisaan sun tole. Achitti Mootiin Waan Maraa seerataa fi seera isaaniif kennee, achumatti haga isaan ilaale.
BSB
BSB:
And Moses cried out to the LORD, and the LORD showed him a log. And when he cast it into the waters, they were sweetened. There the LORD made for them a statute and an ordinance, and there He tested them,
26
GAX
Inni, isaaniin, «Isin qoonqoo ana Mootii Waan Maraa ta Waaqa keessanii miidhassitanee yoo caqattane, fuula kiyya duratti waan sirrii te'e yoo tolchitane, ajaja kiyya yoo qalbeeffattane, seerata kiyya maralle yoo eegattane, dhukkuba worra Gibxi'iititti fide mara tokkolle isinitti hin fidu; ani Mootii Waan Maraa ka isin fayyisu» jedhe.
BSB
BSB:
saying, “If you will listen carefully to the voice of the LORD your God, and do what is right in His eyes, and pay attention to His commands, and keep all His statutes, then I will not bring on you any of the diseases I inflicted on the Egyptians. For I am the LORD who heals you.”
27
GAX
Achiin duuba isaan Eliim addee maddi kudhanii lamaa fi muki meexxi'ii torbaatam jiru dhufanee, achi bisaan bira qubatane.
BSB
BSB:
Then they came to Elim, where there were twelve springs of water and seventy palm trees, and they camped there by the waters.
Chapter complete
You’ve read Exodus 15
Chapter 15 of 40 in Exodus
Up next
Exodus 16
Read Exodus 16
Back to Exodus 14
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Exodus 15
A question this chapter raises
Did the exodus really happen?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Exodus 14
Exodus 15
Exodus 16