Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.2.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Exod
Exodus
2
GAX
BSB
A
a
Exodus 2
2
Exodus
Slavery and Moses' call
Guji Oromo Bible
Moses
, person
Pharaoh
, person
Israel
, person
Midian
, place
Nile
, place
Egypt
, place
Abraham
, person
Isaac
, person
5 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Bara san namichi sanyii Lewwi'ii tokko dubartii sanyii Lewwi'ii fuudhe;
BSB
BSB:
Now a man of the house of Levi married a Levite woman,
2
GAX
isiille ulfoottee ilma isaaf deette. Ilmi dhalate sun miidhagaa akka te'e yennaa dhaggite haga ji'a sadii isa dhossite.
BSB
BSB:
and she conceived and gave birth to a son. When she saw that he was a beautiful child, she hid him for three months.
3
GAX
Haga san caalaa dhossuu yennaa dadhadde ammoo, saaxaraa allaaduu irraa hujame tokko fuutee, akka bisaan keessa hin seenne leyyaa lafa keessaa dhaggamuun duuchite; achiin duuba annuu san keessa irkittee allaaduu qarqara laga Nayilii odduu keette.
BSB
BSB:
But when she could no longer hide him, she got him a papyrus basket and coated it with tar and pitch. Then she placed the child in the basket and set it among the reeds along the bank of the Nile.
4
GAX
Obboleettiin annuu sanii ammoo waan inni te'u ilaaliisaaf irraa fagaattee dhaabbatteertiiyyu.
BSB
BSB:
And his sister stood at a distance to see what would happen to him.
5
GAX
Achiin duuba intalti mooticha biyya Gibxi'ii dhiqatiisaaf gara laga Nayilii dhutte; yennaa san dubartooti isii tajaajiltu laga san qarqara deddeemiisatti jiraniiyyu. Isiille saaxaraa allaaduu odduu jiru dhaggitee, tajaajiltittii ifii ergitee akka saaxaraa san fiddu goote.
BSB
BSB:
Soon the daughter of Pharaoh went down to bathe in the Nile, and her attendants were walking along the riverbank. And when she saw the basket among the reeds, she sent her maidservant to retrieve it.
6
GAX
Isiin yennaa saaxaraa san bante annuu keessatti dhaggite. Annuun waan bowiisatti jiruuf, isaaf gadditee, «Kun annuu Ibrootaa ti» jette.
BSB
BSB:
When she opened it, she saw the child, and behold, the little boy was crying. So she had compassion on him and said, “This is one of the Hebrew children.”
7
GAX
Achiin duuba obboleettiin isaa intala Mootichaatiin, «Annuu kana akka hoosittee si'iif guddittu dubartoota Ibrootaa keessaa takkattii dhaqee si'iif waamuu?» jette.
BSB
BSB:
Then his sister said to Pharaoh’s daughter, “Shall I go and call one of the Hebrew women to nurse the child for you?”
8
GAX
Isiille, «Ee! Dhaqii waami!» jetteen. Maarre intaltille dhaxxee haadhuma annu'uu fidde.
BSB
BSB:
“Go ahead,” Pharaoh’s daughter told her. And the girl went and called the boy’s mother.
9
GAX
Intalti mootichaalle isi'iin, «Annuu kana fuudhiitii hoosisii naaf guddisi; anille si'iif hin kaffala» jette. Maarre isiille annuu san fuutee hoosittee gudditte.
BSB
BSB:
Pharaoh’s daughter said to her, “Take this child and nurse him for me, and I will pay your wages.” So the woman took the boy and nursed him.
10
GAX
Mucaan sun yennaa guddate, isiin gara intala mootichaa isa geessite; innille isi'iif ilma te'e. Isiille bisaan keessaa waan isa baacheef, maqaa isaa «Muusee» jette.
BSB
BSB:
When the child had grown older, she brought him to Pharaoh’s daughter, and he became her son. She named him Moses and explained, “I drew him out of the water.”
11
GAX
Muuseen guddateen duuba guyyaa tokko addee kolbaan isaa jirtu dhaqee hujii hunnaa jajjadduu hujanuun dhagge. Nami Gibxi'ii tokko kolbaa Muuse'ee keessaa Ibraawicha tokko dhaanuun dhagge.
BSB
BSB:
One day, after Moses had grown up, he went out to his own people and observed their hard labor. He saw an Egyptian beating a Hebrew, one of his own people.
12
GAX
Inni asii fi achi ilaalee nami isa dhaggu tokkolle akka hin jirre hubateen duuba, nama Gibxi'ii san ijjeesee reeffa isaa maansa jala dhosse.
BSB
BSB:
After looking this way and that and seeing no one, he struck down the Egyptian and hid his body in the sand.
13
GAX
Guyyaa itti aanulle bayee Ibrooti lama wol loltuun dhagge. Nama balleessaa qabuun «Ati maaf nama Ibraawicha gosa keetii dhaanta?» jedhee gaafate.
BSB
BSB:
The next day Moses went out and saw two Hebrews fighting. He asked the one in the wrong, “Why are you attacking your companion?”
14
GAX
Namichille deebisee «Nu irratti bulcha'aa fi abbaa mura'aa ka si godhe eennu? Akkuma nama Gibxi'ii san ijjeette analle ijjeesiisaaf yaaddee ree?» jedhe. Achiin duuba Muuseen sodaatee «Wonni ani tolche beekkameera» jedhee yaade.
BSB
BSB:
But the man replied, “Who made you ruler and judge over us? Are you planning to kill me as you killed the Egyptian?” Then Moses was afraid and thought, “This thing I have done has surely become known.”
15
GAX
Mootichi yennaa waan kana dhage'e, Muusee ijjeesiisaaf barbaade; Muuseen ammoo isa duraa baqatee gara lafa Miidiya'aa deemee boolla bisaanii takka bira le'e.
BSB
BSB:
When Pharaoh heard about this matter, he sought to kill Moses. But Moses fled from Pharaoh and settled in the land of Midian, where he sat down beside a well.
16
GAX
Hayyichi Miidiyaanii tokko ijoollee durraa torba qabaayyu; isaan gara boolla bisaanii san dhufanee hoolee abbaa ifii bisaan obaasiisaaf bisaan woraabanee goongaa guutane.
BSB
BSB:
Now the priest of Midian had seven daughters, and they came to draw water and fill the troughs to water their father’s flock.
17
GAX
Tissitooti dhibiin dhufanee isaan ari'ane; Muuseen ammoo ka'ee durra saniif rogee hoolee isaanii bisaan obaase.
BSB
BSB:
And when some shepherds came along and drove them away, Moses rose up to help them and watered their flock.
18
GAX
Isaan yennaa gara abbaa ifii Rewu'elii deebi'ane, inni, «Isin adha maaf haganattuu ariifattanee deebitane?» jedhee gaafate.
BSB
BSB:
When the daughters returned to their father Reuel, he asked them, “Why have you returned so early today?”
19
GAX
Isaanille deebisanee, «Nami Gibxi'ii tokko tissitooti nu ariinaan nu'uuf rogee, bisaanille nuu woraabee hoolee teenna nu'uuf obaase» jedhane.
BSB
BSB:
“An Egyptian rescued us from the shepherds,” they replied. “He even drew water for us and watered the flock.”
20
GAX
Innille durra ifiitiin «Meet inni? Isin maaf isa lakkittanee dhuttane? Akka inni nu woliin sagalee nyaatu, dhaqa'aatii waama'a!» jedhe.
BSB
BSB:
“So where is he?” their father asked. “Why did you leave the man behind? Invite him to have something to eat.”
21
GAX
Maarre Muuseen namicha san woliin le'iisaaf jaalate; namichi sunille intala ifii Siiforaa akka niitii isaaf teetu Muuse'eef kenne.
BSB
BSB:
Moses agreed to stay with the man, and he gave his daughter Zipporah to Moses in marriage.
22
GAX
Isiin ilma isaaf deette; Muuseelle, «Ani lafa ormaatitti galeera» jedhee, maqaa isaa Gershoom baase. Gershoom jechuun «Galtuu» jechu'u.
BSB
BSB:
And she gave birth to a son, and Moses named him Gershom, saying, “I have become a foreigner in a foreign land.”
23
GAX
Bara heddu'uun duuba mootichi biyya Gibxi'ii du'e; Israa'elooti garbooma keessatti qarqaarsa dhaggatiisaaf iyyatane; iyyi isaan garbummaa jalaa bayiisaaf iyyane gara Waaqaa ol dhaxxe.
BSB
BSB:
After a long time, the king of Egypt died. The Israelites groaned and cried out under their burden of slavery, and their cry for deliverance from bondage ascended to God.
24
GAX
Waaqille iyya isaanii dhage'ee, gondooroo ifii ta Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob woliin gondoore qaabate.
BSB
BSB:
So God heard their groaning, and He remembered His covenant with Abraham, Isaac, and Jacob.
25
GAX
Maarre Waaqi akka Israa'elooti garbummaa keessa jiranu dhaggee, isaaniif yaadate.
BSB
BSB:
God saw the Israelites and took notice.
Chapter complete
You’ve read Exodus 2
Chapter 2 of 40 in Exodus
Up next
Exodus 3
Read Exodus 3
Back to Exodus 1
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Exodus 2
Ask Study Help
Ask anything about Exodus 2
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Exodus 1
Exodus 2
Exodus 3