Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.2.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Exod
Exodus
3
GAX
BSB
A
a
Exodus 3
3
Exodus
Slavery and Moses' call
Guji Oromo Bible
Israel
, person
Egypt
, place
Moses
, person
Abraham
, person
Isaac
, person
Pharaoh
, person
Midian
, place
Horeb
, place
1 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Gaafa tokko Muuseen hoole'ee fi re'ee soddaa ifii ta Yetroo hayyicha Miidiyaanii adoo tissuu, gaafa tokko hoole'ee fi re'ee san goomolee keessa oofee gara gaara Horeebii ka, «Gaara Woyyicha» jedhamuu dhufe.
BSB
BSB:
Meanwhile, Moses was shepherding the flock of his father-in-law Jethro, the priest of Midian. He led the flock to the far side of the wilderness and came to Horeb, the mountain of God.
2
GAX
Achitti ergamaan Waaqaa bobe'a ibiddaa ka tusee keessaa bobe'u keessaa itti mudhatte. Muuseen tuseen sun ibidda irra jiraattulle akka hin gubanne dhagge.
BSB
BSB:
There the angel of the LORD appeared to him in a blazing fire from within a bush. Moses saw the bush ablaze with fire, but it was not consumed.
3
GAX
Maarre Muuseen, «Tuseen tun maaf hin gubanne? Dhaqee baasa guddaa kana ilaala» jedhee herrege.
BSB
BSB:
So Moses thought, “I must go over and see this marvelous sight. Why is the bush not burning up?”
4
GAX
Mootiin Waan Maraa Waaqi akka Muuseen ilaaliisaaf dhaqe yennaa dhagge, tusee keessaa, «Muuse'e! Muuse'e!» jedhee waame. Muuseelle, «Ani kunoo as jira!» jedheen.
BSB
BSB:
When the LORD saw that he had gone over to look, God called out to him from within the bush, “Moses, Moses!” “Here I am,” he answered.
5
GAX
Waaqille, «As hin dhikaatin! Addeen ati irra dhaabbatteertu lafa woyyittii waan teeteef, kophee teeti baafadhu» jedheen.
BSB
BSB:
“Do not come any closer,” God said. “Take off your sandals, for the place where you are standing is holy ground.”
6
GAX
Achiin duuba, «Ani Waaqa abbootii teetii, Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqii, Waaqa Yaaqoobii ti» jedhe. Maarre Muuseen Waaqa ilaaluu waan sodaateef, fuula ifii gollate.
BSB
BSB:
Then He said, “I am the God of your father, the God of Abraham, the God of Isaac, and the God of Jacob.” At this, Moses hid his face, for he was afraid to look at God.
7
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Ani dhugumaan rakkinna kolbaa tiyya ta biyya Gibxi'ii keessaa dhaggeera; iyya isaan worra isaan garboonfatu jalaa bayiisaaf iyyanulle dhage'eera; farra isaaniille beekeera.
BSB
BSB:
The LORD said, “I have indeed seen the affliction of My people in Egypt. I have heard them crying out because of their oppressors, and I am aware of their sufferings.
8
GAX
Ani harka worra Gibxi'ii keessaa isaan baasee, gara lafa dansaa aananii fi dammaa gara lafa Kana'aanotaa, gara lafa Heetotaa, gara lafa Amoorotaa, gara lafa Pheriizotaa, gara lafa Hiiwotaatii fi Yibusootaa ol isaan fidiisaaf gad bu'eera.
BSB
BSB:
I have come down to rescue them from the hand of the Egyptians and to bring them up out of that land to a good and spacious land, a land flowing with milk and honey—the home of the Canaanites, Hittites, Amorites, Perizzites, Hivites, and Jebusites.
9
GAX
Amma kunoo, iyyi Israa'elootaa na bira geetteerti; worri Gibxi'ii akka isaan cunqursaarulle dhaggeera.
BSB
BSB:
And now the cry of the Israelites has reached Me, and I have seen how severely the Egyptians are oppressing them.
10
GAX
Maarre amma deemi. Akka ati kolbaa tiyya Israa'el biyya Gibxi'ii keessaa baattuuf gara mooticha Gibxi'ii si erga» jedheen.
BSB
BSB:
Therefore, go! I am sending you to Pharaoh to bring My people the Israelites out of Egypt.”
11
GAX
Muuseen ammoo Waaqaan, «Gara mootii Gibxi'ii dhaqee, kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'iitii ka baasu ani eennu?» jedhe.
BSB
BSB:
But Moses asked God, “Who am I, that I should go to Pharaoh and bring the Israelites out of Egypt?”
12
GAX
Waaqille deebisee, «Ani si woliin hin jiraadha. Kolbaa tiyya biyya Gibxi'iitii baattee yennaa fidde gaara kana irratti na hin waaqonfatta; kunille akka ani si erge beessisa si'iif hin te'a» jedheen.
BSB
BSB:
“I will surely be with you,” God said, “and this will be the sign to you that I have sent you: When you have brought the people out of Egypt, all of you will worship God on this mountain.”
13
GAX
Muuseelle Waaqaan, «Ani gara Israa'elootaa dhaqee, ‹Waaqi abbootii teessanii gara keessan na ergeera› isaaniin yoo jedhe, isaan ammoo, ‹Maqaan isaa eennu?› jedhanee yoo na gaafatane, ani maan isaanitti hima?» jedhe.
BSB
BSB:
Then Moses asked God, “Suppose I go to the Israelites and say to them, ‘The God of your fathers has sent me to you,’ and they ask me, ‘What is His name?’ What should I tell them?”
14
GAX
Waaqi Muuse'een, «Ani Waaqa jiraata'a; ati kolbaa Israa'eliitiin ‹Waaqi jiraataan gara keessan na ergeera› jetta» jedhe.
BSB
BSB:
God said to Moses, “I AM WHO I AM. This is what you are to say to the Israelites: ‘I AM has sent me to you.’”
15
GAX
Waaqi ammalle Muuse'een, «Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa, Waaqi abbootii teessanii, Waaqi Abrahaamii, Waaqi Yisihaqii, Waaqi Yaaqoobii gara keessan na ergeera› jedhi; kun maqaa kiyya ka bara baraa ti; dhalooti martinuu kanumaan na qaabatan.
BSB
BSB:
God also told Moses, “Say to the Israelites, ‘The LORD, the God of your fathers—the God of Abraham, the God of Isaac, and the God of Jacob—has sent me to you.’ This is My name forever, and this is how I am to be remembered in every generation.
16
GAX
Dhaqii, jaarsolee Israa'elii wolitti qabiitii, ‹Mootiin Waan Maraa, Waaqi abbootii teessanii, Waaqi Abrahaamii, Waaqi Yisihaqii, Waaqi Yaaqoobii natti mudhatee: Ani biyya Gibxi'ii keessatti isin ilaalee waan isin godhane dhaggeera.
BSB
BSB:
Go, assemble the elders of Israel and say to them, ‘The LORD, the God of your fathers—the God of Abraham, Isaac, and Jacob—has appeared to me and said: I have surely attended to you and have seen what has been done to you in Egypt.
17
GAX
Rakkinna keessan ka biyya Gibxi'ii jalaa isin baasee, gara lafa aananii fi dammaa, gara lafa Kana'aanotaa, gara lafa Heetotaa, gara lafa Amoorotaa, gara lafa Pheriizotaa, gara lafa Hiiwotaa, gara lafa Yibusootaa ol isin baasiisaaf waadaa isiniif galeera anaan jedhe› jedhii itti himi;
BSB
BSB:
And I have promised to bring you up out of your affliction in Egypt, into the land of the Canaanites, Hittites, Amorites, Perizzites, Hivites, and Jebusites—a land flowing with milk and honey.’
18
GAX
«Jaarsoleen kolbaa Israa'eliille dubbii teeti hin dhage'an. Achiin duuba atii fi jaarsoleen sun gara mooticha Gibxi'ii dhaqa'aatii, ‹Mootiin Waan Maraa, Waaqi Ibrootaa, nu'utti mudhateera. Goomolee keessa karaa guyyaa sadii ideennee, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf ciincaa akka dhikeessinu nu'uuf eeyyam› jedha'aan;
BSB
BSB:
The elders of Israel will listen to what you say, and you must go with them to the king of Egypt and tell him, ‘The LORD, the God of the Hebrews, has met with us. Now please let us take a three-day journey into the wilderness, so that we may sacrifice to the LORD our God.’
19
GAX
Mootichi Gibxi'ii irree jaddu'uun malee akka inni gad isin hin lakkinne ani ammoo hin beeka.
BSB
BSB:
But I know that the king of Egypt will not allow you to go unless a mighty hand compels him.
20
GAX
Maarre ani harka kiyya diriirsee bilbaasa odduu isaaniititti tolchu maraan, worra Gibxi'ii hin dhowa; achiin duuba inni akka isin ideentanu hin lakkisa.
BSB
BSB:
So I will stretch out My hand and strike the Egyptians with all the wonders I will perform among them. And after that, he will release you.
21
GAX
«Ani worri Gibxi'ii akka isin ulfeessanu waan godhuuf, yennaa achii baatanu harka duwwaa hin ideentanu.
BSB
BSB:
And I will grant this people such favor in the sight of the Egyptians that when you leave, you will not go away empty-handed.
22
GAX
Dubartiin Israa'elootaa tokko tokkooyyuu ollaa ifiitii fi dubartii worra Gibxi'ii ta mana isi'ii leetu seesa meeti'iitii fi worqi'ii akkasuma woyaa akka kennituuf gaafattuu ti. Seesa kana ilmaanii fi durra teessanitti naxxanee, woyaalle itti hin uffittan; akka kanaan qabeenna worra Gibxi'ii guurattan» jedhe.
BSB
BSB:
Every woman shall ask her neighbor and any woman staying in her house for silver and gold jewelry and clothing, and you will put them on your sons and daughters. So you will plunder the Egyptians.”
Chapter complete
You’ve read Exodus 3
Chapter 3 of 40 in Exodus
Up next
Exodus 4
Read Exodus 4
Back to Exodus 2
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Exodus 3
A question this chapter raises
Did Jesus ever claim to be God?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Exodus 2
Exodus 3
Exodus 4