Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.3.2
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Exod
Exodus
5
GAX
BSB
A
a
Exodus 5
5
Exodus
The plagues and the Passover
Guji Oromo Bible
Pharaoh
, person
Israel
, person
Moses
, person
Aaron
, person
Egypt
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron gara mootii Gibxi'ii dhaqanee, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii, ‹Kolbaa tiyya goomolee keessatti jila akka naaf jilisanu gad isaan lakkisi› jedheera» jedhaneen.
BSB
BSB:
After that, Moses and Aaron went to Pharaoh and said, “This is what the LORD, the God of Israel, says: ‘Let My people go, so that they may hold a feast to Me in the wilderness.’”
2
GAX
Mootichi Gibxi'ii deebisee, «Mootiin Waan Maraa ka ani isaaf ajajamee, Israa'eloota akka deemanu gad lakkisu kun eennu inni? Ani Mootii Waan Maraa san hin beeku; Israa'elootalle akka deemanu gad hin lakkisu» jedhe.
BSB
BSB:
But Pharaoh replied, “Who is the LORD that I should obey His voice and let Israel go? I do not know the LORD, and I will not let Israel go.”
3
GAX
Muuse'ee fi Aaronille deebisanee, «Waaqi Ibrootaa nu'utti mudhateera; karaa guyyaa sadii goomolee keessa ideennee, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf ciincaa akka dhikeessinu nu'uuf eeyyami. Nuuti yoo kana hin tolchin inni balaa yookiin woraana nu'utti hin fida» jedhaneen.
BSB
BSB:
“The God of the Hebrews has met with us,” they answered. “Please let us go on a three-day journey into the wilderness to sacrifice to the LORD our God, or He may strike us with plagues or with the sword.”
4
GAX
Mootichi Gibxi'ii ammoo, «Muuse'ee fi Aaroniin! Isin maaf kolbaa hujii dhooggitan? Gara hujii teessanii deebi'a'a!
BSB
BSB:
But the king of Egypt said to them, “Moses and Aaron, why do you draw the people away from their work? Get back to your labor!”
5
GAX
Kunoo, kolbaan lafa tanaa bacatteerti; isin akka isaan hujii lakkisanu godhiisatti jirtan» jedhe.
BSB
BSB:
Pharaoh also said, “Look, the people of the land are now numerous, and you would be stopping them from their labor.”
6
GAX
Guyyuma san Mootichi Gibxi'ii worra hunnaan isaan hojjachiisuu fi worra Israa'eloota hojjatoota toowatanu ajajee,
BSB
BSB:
That same day Pharaoh commanded the taskmasters of the people and their foremen:
7
GAX
«Akka qara tolchaa turtane, hicaacee dhoqqe'een loobanu haganaa achi kolba'aaf hin dhikeessina'a! Isaanuu ifumaaf barbaadanee fidatanuu ti!
BSB
BSB:
“You shall no longer supply the people with straw for making bricks. They must go and gather their own straw.
8
GAX
Laakkossa loobaa faara ijaarsaalle haga qara hujjanu hin dhidhisina'a; haguma qara itti murteeffame san akka fidanu godha'a. Isaan booseya; tanaaf, ‹Dhandhee ciincaa Waaqa keennaaf dhikeessina› jedhaa natti iyyan.
BSB
BSB:
But require of them the same quota of bricks as before; do not reduce it. For they are lazy; that is why they are crying out, ‘Let us go and sacrifice to our God.’
9
GAX
Isaan oduu dharaa akka hin caqanne, huji'iin akka qabamanuuf, hujii ulfaattuu akka isaan hujanu tolcha'a» jedhe.
BSB
BSB:
Make the work harder on the men so they will be occupied and pay no attention to these lies.”
10
GAX
Worri hunnaan isaan hojjachiisuu fi worri Israa'eloota hojjattoota toowatanu dhaqanee kolbaa Israa'eliitiin, «Mootichi, ‹Ani haganaa achi hicaacee isiniif hin kennu.
BSB
BSB:
So the taskmasters and foremen of the people went out and said to them, “This is what Pharaoh says: ‘I am no longer giving you straw.
11
GAX
Isinuu ifumaaf addee itti dhaggitanee barbaadadha'aatii fudhadha'a; hujiin teessan ammoo haga qaraa irraa hin dhidhatin› jedheera» jedhane.
BSB
BSB:
Go and get your own straw wherever you can find it; but your workload will in no way be reduced.’”
12
GAX
Maarre kolbaan hicaacee barbaadiisaaf lafa Gibxi'ii mara keessa bittinnootte.
BSB
BSB:
So the people scattered all over the land of Egypt to gather stubble for straw.
13
GAX
Worri hunnaan isaan hojjachiisanu ammoo, «Akkuma qara yennaa hicaaceen isiniif kennamu hojjattanu, hujii guyyuma guyya'aan akka hujjanu murteeffame san hobbaasa'a» jedhaa dhiibbaa itti jabeessane.
BSB
BSB:
The taskmasters kept pressing them, saying, “Fulfill your quota each day, just as you did when straw was provided.”
14
GAX
Worri hunnaan isaan hojjachiisanu, toowattoota hojjatoota Israa'eliitiin, «Laakkossa loobaa faara ijaarsaa ka kale'eetii fi ka adhaa akkuma qara akka hujanuuf murteeffame maaf hujuu dhaddane?» jedhaa dikaa gaafatane.
BSB
BSB:
Then the Israelite foremen, whom Pharaoh’s taskmasters had set over the people, were beaten and asked, “Why have you not fulfilled your quota of bricks yesterday or today, as you did before?”
15
GAX
Achiin duuba toowattooti hojjattoota Israa'elii gara mooticha Gibxi'ii dhaqanee, «Ati maaf nu worra tajaajiltoota teetii akkana goota?
BSB
BSB:
So the Israelite foremen went and appealed to Pharaoh: “Why are you treating your servants this way?
16
GAX
Nu worra tajaajiltoota teetiitiif hicaaceen hin kennanne, te'uu malee ‹Loobaa faara ijaarsaa huja'a› nu'uun jedhan; nuuti tajaajiltooti teeti dikamiisatti jirra; balleessaan ammoo ta kolbaa teetii ti» jedhanee iyyatane.
BSB
BSB:
No straw has been given to your servants, yet we are told, ‘Make bricks!’ Look, your servants are being beaten, but the fault is with your own people.”
17
GAX
Mootichi Gibxi'iille deebisee, «Isin booseya; hujii hujiisa hin jaalattanu! Tanaaf, ‹Dhandhee ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessina› jettan;
BSB
BSB:
“You are slackers!” Pharaoh replied. “Slackers! That is why you keep saying, ‘Let us go and sacrifice to the LORD.’
18
GAX
amma huji'itti deebi'a'a! Hicaaceen tokkolle isiniif hin kennamu; te'uu malee laakkossa loobaa faara ijaarsaa akkuma qara akka hujanuuf murteeffame san guutuu huja'a» jedheen.
BSB
BSB:
Now get to work. You will be given no straw, yet you must deliver the full quota of bricks.”
19
GAX
Toowattooti hojjatoota Israa'elii, laakkossi loobaa faara ijaarsaa akka isaan guyyuma guyya'aan hujanuuf murteeffame akka hin dhidhanne yennaa itti himame rakkoon guddoon akka isaa dhaqqadde beekane.
BSB
BSB:
The Israelite foremen realized they were in trouble when they were told, “You must not reduce your daily quota of bricks.”
20
GAX
Isaan mooticha biraa yennaa bayane, worra isaan eegaa ture Muuse'ee fi Aaron dhaggane.
BSB
BSB:
When they left Pharaoh, they confronted Moses and Aaron, who stood waiting to meet them.
21
GAX
Isaan Muuse'ee fi Aaroniin, «Mootichi fi qondaaltoti isaa akka nu xireeffatanu gootanee, shallaagaa ittiin nu ijjeesanu harka isaanii keessa waan keettaneef, Mootiin Waan Maraa ilaalee, isinitti muruu ti!» jedhane.
BSB
BSB:
“May the LORD look upon you and judge you,” the foremen said, “for you have made us a stench before Pharaoh and his officials; you have placed in their hand a sword to kill us!”
22
GAX
Muuseen gara Mootii Waan Maraa deebi'ee, «Ee Mootii Waan Maraa kolbaa tana irratti rakkoo tana maaf fidde? Tanaaf as na ergitee?
BSB
BSB:
So Moses returned to the LORD and asked, “Lord, why have You brought trouble upon this people? Is this why You sent me?
23
GAX
Haga ani maqaa keetiin dubbatiisaaf mooticha bira dhaqeen jalqabee, inni kolbaa tana rakkisiisatti jira; ati ammoo kolbaa teeti qarqaariisaaf waan tokkolle hin goone!» jedhe.
BSB
BSB:
Ever since I went to Pharaoh to speak in Your name, he has brought trouble on this people, and You have not delivered Your people in any way.”
Chapter complete
You’ve read Exodus 5
Chapter 5 of 40 in Exodus
Up next
Exodus 6
Read Exodus 6
Back to Exodus 4
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Exodus 5
Ask Study Help
Ask anything about Exodus 5
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Exodus 4
Exodus 5
Exodus 6