Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.3.3
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Exod
Exodus
6
GAX
BSB
A
a
Exodus 6
6
Exodus
The plagues and the Passover
Guji Oromo Bible
Moses
, person
Israel
, person
Egypt
, place
Pharaoh
, person
Aaron
, person
Abraham
, person
Isaac
, person
Levi
, person
44 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Waan ani mooticha Gibxi'ii godhu ati amma hin dhaggita. Ani irree tiyya jaddu'uun akka inni kolbaan tiyya gad lakkisu hin tolcha. Dhugumaan, ani irree tiyya jaddu'uun akka inni biyya ifii keessaa isaan oofu isa hin tolcha» jedhe.
BSB
BSB:
But the LORD said to Moses, “Now you will see what I will do to Pharaoh, for because of My mighty hand he will let the people go; because of My strong hand he will drive them out of his land.”
2
GAX
Waaqi Muuse'een, «Ani Mootii Waan Maraa ti;
BSB
BSB:
God also told Moses, “I am the LORD.
3
GAX
ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u Abrahaamitti, Yisihaqii fi Yaaqoobitti mudhadheera. Ammoo maqaa kiyya ‹Mootii Waan Maraa ti› jedhee isaanitti ifi hin beessinne.
BSB
BSB:
I appeared to Abraham, to Isaac, and to Jacob as God Almighty, but by My name the LORD I did not make Myself known to them.
4
GAX
Biyya Kana'aanii, ta isaan alagaa te'anee keessa le'ane, isaanii kenniisaaf gondooroo tiyya isaan woliin godheera.
BSB
BSB:
I also established My covenant with them to give them the land of Canaan, the land where they lived as foreigners.
5
GAX
Amma aaduu Israa'elootaa ta worri Gibxi'ii waan isaan garboonfateef aadanu dhage'ee, ani gondooroo tiyya qaabadheera.
BSB
BSB:
Furthermore, I have heard the groaning of the Israelites, whom the Egyptians are enslaving, and I have remembered My covenant.
6
GAX
«Tanaaf ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani Mootii Waan Maraa ti; ani garbummaa Gibxi'ii jalaa isin baasee isin hin bilisoonsa. Irree tiyya ol kaasee, adabbii gugurdoo isaanitti fidee, isin hin woda
BSB
BSB:
Therefore tell the Israelites: ‘I am the LORD, and I will bring you out from under the yoke of the Egyptians and deliver you from their bondage. I will redeem you with an outstretched arm and with mighty acts of judgment.
7
GAX
Ani kolbaa tiyya isin tolfadhee, Waaqa keessan isiniif hin te'a. Yennaa ani garbummaa Gibxi'ii jalaa isin bilisa baase ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'e hin beettan.
BSB
BSB:
I will take you as My own people, and I will be your God. Then you will know that I am the LORD your God, who brought you out from under the yoke of the Egyptians.
8
GAX
Lafa Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kenniisaaf waadaa gale sanitti akka isin galtanu godhee, isiniif hin kenna. Ani Mootii Waan Maraa ti jedha› jedhiin» jedhe.
BSB
BSB:
And I will bring you into the land that I swore to give to Abraham, Isaac, and Jacob. I will give it to you as a possession. I am the LORD!’”
9
GAX
Muuseelle waan kana Israa'elootatti hime; garbummaan hantuun addii waan isaan kutachiitteef, isaan ammoo isa hin caqanne.
BSB
BSB:
Moses relayed this message to the Israelites, but on account of their broken spirit and cruel bondage, they did not listen to him.
10
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
BSB
BSB:
So the LORD said to Moses,
11
GAX
«Gara mooticha Gibxi'ii dhaqiitii, Israa'elooti lafa isaa keessaa akka bayanu akka inni isaan gad lakkisu itti himi» jedhe.
BSB
BSB:
“Go and tell Pharaoh king of Egypt to let the Israelites go out of his land.”
12
GAX
Muuseen ammoo deebisee, «Kunoo, Israa'elootinuu na hin dhageenne; mootichi fa'a ana nama akka dansaa dubbatiisa hin beenne attam dhage'uu dande'a ree?» jedhe.
BSB
BSB:
But in the LORD’s presence Moses replied, “If the Israelites will not listen to me, then why would Pharaoh listen to me, since I am unskilled in speech?”
13
GAX
Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaronitti dubbatee, Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baasiisaaf, dhaqanee Israa'eloota fi mooticha Gibxi'iititti akka himanu isaan ajaje.
BSB
BSB:
Then the LORD spoke to Moses and Aaron and gave them a charge concerning both the Israelites and Pharaoh king of Egypt, to bring the Israelites out of the land of Egypt.
14
GAX
Ilmi angafichi Yaaqoobii Ruuben, ilmaan afur: Heenoki, Faluu, Hezronii fi Karmii qaba. Isaan abbootii sanyii Ruubenii ti.
BSB
BSB:
These were the heads of their fathers’ houses: The sons of Reuben, the firstborn of Israel, were Hanoch and Pallu, Hezron and Carmi. These were the clans of Reuben.
15
GAX
Shimi'oon ilmaan jaa: Yimu'el, Yaamiin, Ohad, Yaakiin, Zohaar, Shaawul ta dubartiin Kana'aanotaa deette qaba. Isaan abbootii sanyii Shimi'oonii ti.
BSB
BSB:
The sons of Simeon were Jemuel, Jamin, Ohad, Jachin, Zohar, and Shaul, the son of a Canaanite woman. These were the clans of Simeon.
16
GAX
Lewwiin ilmaan sad: Gershoon, Qehaatii fi Meraari qaba. Isaan abbootii sanyii Lewwootaa ti. Lewwiin woggaa dhibbaa fi soddomii torba le'e.
BSB
BSB:
These were the names of the sons of Levi according to their records: Gershon, Kohath, and Merari. Levi lived 137 years.
17
GAX
Gershoon ilmaa lama: Liibnii fi Shime'i qaba.
BSB
BSB:
The sons of Gershon were Libni and Shimei, by their clans.
18
GAX
Qehaat ilmaan afur: Amraam, Yizhaar, Hebroon fi Uzii'el qaba. Qehaat woggaa dhibbaa fi soddomii sad le'e.
BSB
BSB:
The sons of Kohath were Amram, Izhar, Hebron, and Uzziel. Kohath lived 133 years.
19
GAX
Meraar ilmaa lama: Maahilii fi Mushi qaba. Isaan abbootii sanyii fira Lewwi'ii ti.
BSB
BSB:
The sons of Merari were Mahli and Mushi. These were the clans of the Levites according to their records.
20
GAX
Amraam obboleettii abbaa ifii Yokebeed fuudhe. Isiin Aaron fi Muusee isaaf deette. Amraam woggaa dhibbaa fi soddomii torba le'e.
BSB
BSB:
And Amram married his father’s sister Jochebed, and she bore him Aaron and Moses. Amram lived 137 years.
21
GAX
Yizhaar ilmaa sad: Qoraahi, Nefegii fi Ziikri qaba.
BSB
BSB:
The sons of Izhar were Korah, Nepheg, and Zichri.
22
GAX
Uzii'el ilmaa sad: Miishaa'el, Elzaafaanii fi Siitri qaba.
BSB
BSB:
The sons of Uzziel were Mishael, Elzaphan, and Sithri.
23
GAX
Aaron intala Aminaadaabii, obboleettii Nahasoonii Elishebaa fuudhe. Isiille Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar deetteef.
BSB
BSB:
And Aaron married Elisheba, the daughter of Amminadab and sister of Nahshon, and she bore him Nadab and Abihu, Eleazar and Ithamar.
24
GAX
Qoraahi ilmaan sad: Asiir, Elqaana'aa fi Abii'aasaaf qaba. Isaan abbootii sanyii Qoraahii ti.
BSB
BSB:
The sons of Korah were Assir, Elkanah, and Abiasaph. These were the clans of the Korahites.
25
GAX
Ilmi Aaronii Ele'azaar, durra Futii'elii keessaa takkattii fuudhe; isiin Fiinehaas isaaf deette. Isaan kun sooreyyii abbootii sanyii Lewwi'ii ti.
BSB
BSB:
Aaron’s son Eleazar married one of the daughters of Putiel, and she bore him Phinehas. These were the heads of the Levite families by their clans.
26
GAX
Muuse'ee fi Aaron worra Mootiin Waan Maraa, «Gosa Israa'elii akka fira fira isaaniititti biyya Gibxi'ii keessaa baasa'a!» jedhee itti dubbate.
BSB
BSB:
It was this Aaron and Moses to whom the LORD said, “Bring the Israelites out of the land of Egypt by their divisions.”
27
GAX
Akka inni Israa'eloota gad lakkisuuf mooticha Gibxi'iititti worri dubbate isaanuma kana.
BSB
BSB:
Moses and Aaron were the ones who spoke to Pharaoh king of Egypt in order to bring the Israelites out of Egypt.
28
GAX
Mootiin Waan Maraa lafa Gibxi'ii keessatti Muuse'etti yennaa dubbate,
BSB
BSB:
Now on the day that the LORD spoke to Moses in Egypt,
29
GAX
«Ani Mootii Waan Maraa ti. Waan ani si'itti hime mara mooticha Gibxi'iititti himi» jedhe.
BSB
BSB:
He said to him, “I am the LORD; tell Pharaoh king of Egypt everything I say to you.”
30
GAX
Muuseen ammoo deebisee «Ani nama akka dansaa dubbatiisa hin dandeenne akka te'e atinuu hin beetta; mootichi attamiin dubbii tiyya dhage'uu dande'a ree?» jedhe.
BSB
BSB:
But in the LORD’s presence Moses replied, “Since I am unskilled in speech, why would Pharaoh listen to me?”
Chapter complete
You’ve read Exodus 6
Chapter 6 of 40 in Exodus
Up next
Exodus 7
Read Exodus 7
Back to Exodus 5
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Exodus 6
Ask Study Help
Ask anything about Exodus 6
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Exodus 5
Exodus 6
Exodus 7