Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.3.3
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Exod
Exodus
7
GAX
BSB
A
a
Exodus 7
7
Exodus
The plagues and the Passover
Guji Oromo Bible
Pharaoh
, person
Aaron
, person
Moses
, person
Nile
, place
Egypt
, place
Israel
, person
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, ani mooticha Gibxi'ii irratti akka Waaqaa si godheera; obboleessi keeti Aaron ammoo akka raagichaa te'ee addee teeti hin dubbata.
BSB
BSB:
The LORD answered Moses, “See, I have made you like God to Pharaoh, and your brother Aaron will be your prophet.
2
GAX
Ati waan ani si ajaje mara hin dubbatta; obboleessi keeti Aaron akka Israa'elooti biyya isaa keessaa baatuuf akka inni isaan gad lakkisu mootichatti hin hima.
BSB
BSB:
You are to speak all that I command you, and your brother Aaron is to tell Pharaoh to let the Israelites go out of his land.
3
GAX
Ani ammoo mooticha Gibxi'ii mataa hin jabeessa; bilbaasaa fi baasa hedduu biyya Gibxi'iititti tolchulle inni isin hin caqasu.
BSB
BSB:
But I will harden Pharaoh’s heart, and though I will multiply My signs and wonders in the land of Egypt,
4
GAX
Achiin duuba ani adabbii jadduu Gibxi'itti fidee, muraa guddo'oon gumii tiyya kolbaa tiyya Israa'eloota lafa Gibxi'ii keessaa hin baasa.
BSB
BSB:
Pharaoh will not listen to you. Then I will lay My hand on Egypt, and by mighty acts of judgment I will bring the divisions of My people the Israelites out of the land of Egypt.
5
GAX
Ani biyya Gibxi'ii adabee Israa'eloota achi keessaa yennaa baase, worri Gibxi'ii akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan» jedhe.
BSB
BSB:
And the Egyptians will know that I am the LORD, when I stretch out My hand against Egypt and bring the Israelites out from among them.”
6
GAX
Muuse'ee fi Aaronille akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje godhane.
BSB
BSB:
So Moses and Aaron did just as the LORD had commanded them.
7
GAX
Muuse'ee fi Aaron mootichatti yennaa dubbatanu, Muuseen nama woggaa saddeettamaa, Aaron ammoo nama woggaa saddeettamii sadii ti.
BSB
BSB:
Moses was eighty years old and Aaron was eighty-three when they spoke to Pharaoh.
8
GAX
Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin,
BSB
BSB:
The LORD said to Moses and Aaron,
9
GAX
«Mootichi ‹Bilbaasa huja'a› yoo jedhe, ati Aaroniin ‹Ulee teeti fuudhiitii mooticha dura buusi› jedhi; uleen sunille bofa hin teeti» jedhe.
BSB
BSB:
“When Pharaoh tells you, ‘Perform a miracle,’ you are to say to Aaron, ‘Take your staff and throw it down before Pharaoh,’ and it will become a serpent.”
10
GAX
Maarre Muuse'ee fi Aaron gara mootichaa dhaqanee akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje godhane. Aaron ulee ifii mootichaa fi qondaaltota isaa dura buuse; ulee sunille bofa teete.
BSB
BSB:
So Moses and Aaron went to Pharaoh and did just as the LORD had commanded. Aaron threw his staff down before Pharaoh and his officials, and it became a serpent.
11
GAX
Achiin duuba mootichi worra qaroole'ee fi worra xanoo xanu waame; isaanille ogummaa ifii ta dhossa'aatiin akkuma san godhane.
BSB
BSB:
But Pharaoh called the wise men and sorcerers and magicians of Egypt, and they also did the same things by their magic arts.
12
GAX
Tokko tokkoon isaaniituu ulee ifii lafa buusane; uleen sunille bofa teete. Uleen Aaronii ammoo ulee isaanii liqinsite.
BSB
BSB:
Each one threw down his staff, and it became a serpent. But Aaron’s staff swallowed up the other staffs.
13
GAX
Te'uu malee mootichi mataa jabaatee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate.
BSB
BSB:
Still, Pharaoh’s heart was hardened, and he would not listen to them, just as the LORD had said.
14
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Mootichi mataa jabaatee, kolbaan akka deentu gad lakkisuu dide.
BSB
BSB:
Then the LORD said to Moses, “Pharaoh’s heart is unyielding; he refuses to let the people go.
15
GAX
Tanaaf, yennaa inni gara laga Nayilii gad bu'u, ganamaan gara isaa dhaqi. Ulee teeti ta bofa teete san qabadhuutii isa dhaggiisaaf, laga qarqaratti isa eegi.
BSB
BSB:
Go to Pharaoh in the morning as you see him walking out to the water. Wait on the bank of the Nile to meet him, and take in your hand the staff that was changed into a snake.
16
GAX
Achiin duuba isaan, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Ibrootaa sitti na ergee: Kolbaan tiyya dhaxxee goomolee keessatti akka na waaqonfattu gad lakkisi! Si'iin jedheera. Ati ammoo haga ammaa dhage'uu didde.
BSB
BSB:
Then say to him, ‘The LORD, the God of the Hebrews, has sent me to tell you: Let My people go, so that they may worship Me in the wilderness. But until now you have not listened.
17
GAX
Amma Mootiin Waan Maraa: Akka ani Mootii Waan Maraa te'e tanaan beetta si'iin jedheera. Kunoo ani ulee harkaa qabu tanaan bisaan Nayilii hin dhowa; bisaan sunille gara dhiigaatitti hin jijjiirama.
BSB
BSB:
This is what the LORD says: By this you will know that I am the LORD. Behold, with the staff in my hand I will strike the water of the Nile, and it will turn to blood.
18
GAX
Qurxummiin laga Nayilii keessa jirtu hin dhumatti; lagi sun hin ajowa; worri Gibxi'iille bisaan san uniisa hin dande'anu› jedhiin» jedhe.
BSB
BSB:
The fish in the Nile will die, the river will stink, and the Egyptians will be unable to drink its water.’”
19
GAX
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Dhaqii Aaroniin, ‹Ulee teeti harkatti qabadhuutii, bisaan biyya Gibxi'ii lagoota, anguree, baleessa, eela mara irratti harka keeti diriirsi. Isaan gara dhiigaa hin jijjiiraman; bisaan lafa sanii marti, ka waabaa keessa jirulle gara dhiigaa hin jijjiirama› jedhi» jedhe.
BSB
BSB:
And the LORD said to Moses, “Tell Aaron, ‘Take your staff and stretch out your hand over the waters of Egypt—over their rivers and canals and ponds and all the reservoirs—that they may become blood.’ There will be blood throughout the land of Egypt, even in the vessels of wood and stone.”
20
GAX
Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje godhane. Aaron mootichaa fi qondaaltota isaa duratti ulee ifiitiin bisaan dhowe; bisaan laga Nayilii marti gara dhiigaa jijjiirame.
BSB
BSB:
Moses and Aaron did just as the LORD had commanded; in the presence of Pharaoh and his officials, Aaron raised the staff and struck the water of the Nile, and all the water was turned to blood.
21
GAX
Qurxummiin laga Nayilii keessa jirtu marti dhumatte; lagille ajowee, worri Gibxi'ii bisaan laga sanii uniisa hin dandeenne.
BSB
BSB:
The fish in the Nile died, and the river smelled so bad that the Egyptians could not drink its water. And there was blood throughout the land of Egypt.
22
GAX
Worri Gibxi'ii ka xanoo xanu, ogummaa ifii ta dhossa'aatiin akkuma san godhane; mootichi mataa jabaatee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate.
BSB
BSB:
But the magicians of Egypt did the same things by their magic arts. So Pharaoh’s heart was hardened, and he would not listen to Moses and Aaron, just as the LORD had said.
23
GAX
Inni deebi'ee gara mana ifii deeme; waan te'e kana qalbi'itti hin qabanne.
BSB
BSB:
Instead, Pharaoh turned around, went into his palace, and did not take any of this to heart.
24
GAX
Bisaan lagaa uniisa waan dadhabaneef, worri Gibxi'ii marti bisaan uni'ii dhaggatiisaaf, laga Nayilii qarqaratti boolla bisaanii qotatane.
BSB
BSB:
So all the Egyptians dug around the Nile for water to drink, because they could not drink the water from the river.
25
GAX
Mootiin Waan Maraa bisaan laga Nayilii gara dhiigaa jijjiireen duuba guyyaan torba dabare.
BSB
BSB:
And seven full days passed after the LORD had struck the Nile.
Chapter complete
You’ve read Exodus 7
Chapter 7 of 40 in Exodus
Up next
Exodus 8
Read Exodus 8
Back to Exodus 6
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Exodus 7
Ask Study Help
Ask anything about Exodus 7
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Exodus 6
Exodus 7
Exodus 8