Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.3.3
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Exod
Exodus
8
GAX
BSB
A
a
Exodus 8
8
Exodus
The plagues and the Passover
Guji Oromo Bible
Pharaoh
, person
Moses
, person
Egypt
, place
Aaron
, person
Nile
, place
Goshen
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Gara mootichaa dhaqiitii, ‹Mootiin Waan Maraa: Kolbaan tiyya akka na waaqonfattuuf gad lakkis!
BSB
BSB:
Then the LORD said to Moses, “Go to Pharaoh and tell him that this is what the LORD says: ‘Let My people go, so that they may worship Me.
2
GAX
Ati isaan gad lakkisuu yoo didde ammoo, ani raacha biyya teetitti buusiisaan hin adaba.
BSB
BSB:
But if you refuse to let them go, I will plague your whole country with frogs.
3
GAX
Lagi Nayilii raachaan akka malee hin guutama. Isaan achi keessaa bayanee gara mana mootumma'aa keetii, gara kolloo taqee teetii, gara taqee teetii, gara mana qondaaltota teetii, kolbaa teeti irratti, akkasuma addee ibiddaatii fi meya bukoo itti bukeessanu keeti keessalle hin guutan.
BSB
BSB:
The Nile will teem with frogs, and they will come into your palace and up to your bedroom and onto your bed, into the houses of your officials and your people, and into your ovens and kneading bowls.
4
GAX
Raachi sun utaalee si'i irra, kolbaa keetii fi qondaaltota teeti mara irra hin bu'a jedha› jedhiin» jedhe.
BSB
BSB:
The frogs will come up on you and your people and all your officials.’”
5
GAX
Achille'een duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Raachi dhufee lafa Gibxi'ii akka guutuuf, Aaron ulee ifii qabatee harka ifii laga, angure'ee fi baleessa mara irra akka diriirsu itti himi» jedhe.
BSB
BSB:
And the LORD said to Moses, “Tell Aaron, ‘Stretch out your hand with your staff over the rivers and canals and ponds, and cause the frogs to come up onto the land of Egypt.’”
6
GAX
Maarre Aaron bisaan biyya Gibxi'ii mara irratti harkaa ifii diriirse; raachille dhufee lafa san guute.
BSB
BSB:
So Aaron stretched out his hand over the waters of Egypt, and the frogs came up and covered the land of Egypt.
7
GAX
Worri xanoo xanulle ammoo ogummaa ifii ta dhossa'aatiin akkuma san godhane; isaanille raachi dhufee lafa san akka guutu godhane.
BSB
BSB:
But the magicians did the same thing by their magic arts, and they also brought frogs up onto the land of Egypt.
8
GAX
Mootichi Muuse'ee fi Aaron waamee, «Akka inni raacha kana balleessuuf, gara Mootii Waan Maraa naaf daadimadha'a; akka isaan dhaqanee, Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessanu, anille kolbaa teessan gad hin lakkisa» jedheen.
BSB
BSB:
Pharaoh summoned Moses and Aaron and said, “Pray to the LORD to take the frogs away from me and my people. Then I will let your people go, that they may sacrifice to the LORD.”
9
GAX
Muuseelle deebisee Mootichaan, «Raachi kun si'i irraa, qondaaltotaa fi kolbaa teeti irraa akka badu guyyaa ani daadimadhu ati qabadhu. Achiin duuba raachi kun si'ii fi mana keeti keessaa badee laga Nayilii keessa qofatti hin hafa» jedhe.
BSB
BSB:
Moses said to Pharaoh, “You may have the honor over me. When shall I pray for you and your officials and your people that the frogs (except for those in the Nile) may be taken away from you and your houses?”
10
GAX
Mootichille deebisee, «Boru naaf daadimadhu» jedheen. Muuseelle, «Ka akka Mootii Waan Maraa, Waaqa keennaa tokkolle akka hin jirre akka ati beettuuf, akkuma ati jette teetuu ti.
BSB
BSB:
“Tomorrow,” Pharaoh answered. “May it be as you say,” Moses replied, “so that you may know that there is no one like the LORD our God.
11
GAX
Raachi si'i irraa, qondaaltota teetii fi kolbaa teeti irraa badee, laga Nayilii keessa qofatti hin hafa» jedheen.
BSB
BSB:
The frogs will depart from you and your houses and your officials and your people; they will remain only in the Nile.”
12
GAX
Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron mooticha biraa gad bayanee, Mootiin Waan Maraa raacha mootichatti fide san akka balleessuuf, Muuseen gara Mootii Waan Maraa daadimate.
BSB
BSB:
After Moses and Aaron had left Pharaoh, Moses cried out to the LORD for help with the frogs that He had brought against Pharaoh.
13
GAX
Mootiin Waan Maraa waan Muuseen daadimate san tolche; raachi sun manoota keessatti, badhinna dalleya keessaatii fi diida keessatti dhumate.
BSB
BSB:
And the LORD did as Moses requested, and the frogs in the houses, the courtyards, and the fields died.
14
GAX
Worri Gibxi'ii raacha san wolitti qabanee tuulane; tanaaf latti ajootte.
BSB
BSB:
They were piled into countless heaps, and there was a terrible stench in the land.
15
GAX
Mootichi raachi akka irraa goome yennaa dhagge, mataa jabaatee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate.
BSB
BSB:
When Pharaoh saw that there was relief, however, he hardened his heart and would not listen to Moses and Aaron, just as the LORD had said.
16
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Bukuun biyya Gibxi'ii marti bookee akka teetuuf, ati Aaroniin, ‹Ulee teeti fuudhiitii, bukuu lafa irraa dhowi› jedhiin» jedhe.
BSB
BSB:
Then the LORD said to Moses, “Tell Aaron, ‘Stretch out your staff and strike the dust of the earth, that it may turn into swarms of gnats throughout the land of Egypt.’”
17
GAX
Isaanille akkasuma godhane; Aaron harka ifii diriirsee ulee ifiitiin bukuu lafa irraa yennaa dhowe, namaa fi horii irratti bookeen buute; bukuun biyya Gibxi'ii marti gara booke'ee jijjiirante.
BSB
BSB:
This they did, and when Aaron stretched out his hand with his staff and struck the dust of the earth, gnats came upon man and beast. All the dust of the earth turned into gnats throughout the land of Egypt.
18
GAX
Bookeen namaa fi hori'itti duudde. Worri xanoo xanu ogummaa ifii ta dhossa'aatiin bookee buusiisaaf yennaa wodhaanane ammoo, hin dandeenne.
BSB
BSB:
The magicians tried to produce gnats using their magic arts, but they could not. And the gnats remained on man and beast.
19
GAX
Worri xanoo xanu, mootichaan, «Kun hujii Waaqa ti!» jedhane. Mootichi ammoo mataa jabaatee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate.
BSB
BSB:
“This is the finger of God,” the magicians said to Pharaoh. But Pharaoh’s heart was hardened, and he would not listen to them, just as the LORD had said.
20
GAX
Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, «Boru ganama bari'iin ka'iitii, yennaa mootichi laga deemu, isa dura dhaabbadhuutii, ‹Mootiin Waan Maraa: Kolbaan tiyya akka na waaqonfattuuf, gad lakkisi!
BSB
BSB:
Then the LORD said to Moses, “Get up early in the morning, and when Pharaoh goes out to the water, stand before him and tell him that this is what the LORD says: ‘Let My people go, so that they may worship Me.
21
GAX
Ati kolbaa tiyya gad lakkisuu yoo didde ammoo, ani tuuta faachaa si'itti, qondaaltota teetii fi kolbaa teetitti hin buusa. Manni worra Gibxi'ii marti, addeen isaan jiranu marti faachaan hin guutaman.
BSB
BSB:
But if you will not let My people go, I will send swarms of flies upon you and your officials and your people and your houses. The houses of the Egyptians and even the ground where they stand will be full of flies.
22
GAX
« ‹Guyyaa san ammoo, akka ani, Mootiin Waan Maraa lafa tana keessa jiru akka ati beettuuf, lafa kolbaan tiyya keessa leetu Gooshen, akka faachi achi hin jiraanne hin tolcha.
BSB
BSB:
But on that day I will give special treatment to the land of Goshen, where My people live; no swarms of flies will be found there. In this way you will know that I, the LORD, am in the land.
23
GAX
Ani kolbaa tiyyaa fi kolbaa teeti oddu'utti garaagarummaa hin tolcha; bilbaasi kunille boru hin te'a jedha› jedhiin» jedhe.
BSB
BSB:
I will make a distinction between My people and your people. This sign will take place tomorrow.’”
24
GAX
Mootiin Waan Maraa akkuma dubbate tolche. Tuuti faachaa Mana mootichaatii fi mana qondaaltota isaatitti bu'e; latti Gibxi'ii marti faachaan guutantee badde.
BSB
BSB:
And the LORD did so. Thick swarms of flies poured into Pharaoh’s palace and into the houses of his officials. Throughout Egypt the land was ruined by swarms of flies.
25
GAX
Achiin duuba mootichi Muuse'ee fi Aaron waamee, «Dhaqa'aatii biyyuma tana keessatti Waaqa keessaniif ciincaa dhikeessa'a» jedhe.
BSB
BSB:
Then Pharaoh summoned Moses and Aaron and said, “Go, sacrifice to your God within this land.”
26
GAX
Muuseen ammoo deebisee «Ciincaan nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf dhikeessinu, worra Gibxi'ii biratti diqatamaa waan te'uuf, tana godhuun sirri'ii moti. Ciincaa isaan duratti diqatamaa te'e, yoo dhikeessine dhaka'aan nu hin tumanuu?
BSB
BSB:
But Moses replied, “It would not be right to do that, because the sacrifices we offer to the LORD our God would be detestable to the Egyptians. If we offer sacrifices that are detestable before the Egyptians, will they not stone us?
27
GAX
Akkuma inni nu ajaje guyyaa sad goomolee keessa deennee, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf ciincaa dhikeessuu qanna» jedhe.
BSB
BSB:
We must make a three-day journey into the wilderness and sacrifice to the LORD our God as He commands us.”
28
GAX
Mootichille, «Akka Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif goomolee keessatti ciincaa dhikeessitanu, ani gad isin hin lakkisa; garuu fagaattanee hin deemina'a. Anaafille daadimadha'a» jedhe.
BSB
BSB:
Pharaoh answered, “I will let you go and sacrifice to the LORD your God in the wilderness, but you must not go very far. Now pray for me.”
29
GAX
Muuseelle deebisee, «Akkuma si biraa deemeen, Mootii Waan Maraa hin daadimadha. Faachi si'i, qondaaltota teetii fi kolbaa teeti irraa hin ka'a. Ati ammoo kolbaan dhaxxee, Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisa dhooggitee ammalle nu hin sobin» jedhe.
BSB
BSB:
“As soon as I leave you,” Moses said, “I will pray to the LORD, so that tomorrow the swarms of flies will depart from Pharaoh and his officials and his people. But Pharaoh must not act deceitfully again by refusing to let the people go and sacrifice to the LORD.”
30
GAX
Achiin duuba Muuseen mooticha biraa deemee, Mootii Waan Maraa daadimate.
BSB
BSB:
Then Moses left Pharaoh and prayed to the LORD,
31
GAX
Mootiin Waan Maraalle waan Muuseen daadimate tolche. Faachi tokkolle adoo hin hafin mooticha, qondaaltota isaatii fi kolbaa isaa irraa bade.
BSB
BSB:
and the LORD did as Moses requested. He removed the swarms of flies from Pharaoh and his officials and his people; not one fly remained.
32
GAX
Mootichi ammoo yennaa tanalle mataa jabaatee, kolbaa gad lakkisuu didate.
BSB
BSB:
But Pharaoh hardened his heart this time as well, and he would not let the people go.
Chapter complete
You’ve read Exodus 8
Chapter 8 of 40 in Exodus
Up next
Exodus 9
Read Exodus 9
Back to Exodus 7
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Exodus 8
Ask Study Help
Ask anything about Exodus 8
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Exodus 7
Exodus 8
Exodus 9