Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.3.3
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Exod
Exodus
9
GAX
BSB
A
a
Exodus 9
9
Exodus
The plagues and the Passover
Guji Oromo Bible
Moses
, person
Pharaoh
, person
Egypt
, place
Israel
, person
Aaron
, person
Goshen
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Gara mootichaa dhaqiitii, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Ibrootaa: Kolbaan tiyya dhaxxee akka na waaqonfattuuf gad lakkisi.
BSB
BSB:
Then the LORD said to Moses, “Go to Pharaoh and tell him that this is what the LORD, the God of the Hebrews, says: ‘Let My people go, so that they may worship Me.
2
GAX
Ati ammalle akka isaan deemanu yoo gad lakkisuu dide,
BSB
BSB:
But if you continue to restrain them and refuse to let them go,
3
GAX
ani horii keeti ka diida tikatu fardoolee teeti, harreelee teeti, gaalota keeti, hoolota teetii fi re'oota teeti irratti dhukkuba hamaa hin buusa.
BSB
BSB:
then the hand of the LORD will bring a severe plague on your livestock in the field—on your horses, donkeys, camels, herds, and flocks.
4
GAX
Horii Israa'elootaatii fi horii worra Gibxi'ii wodhakka'atti garaagarummaa hin tolcha; horiin Israa'elootaa hin du'u jedha› jedhiin» jedhe.
BSB
BSB:
But the LORD will make a distinction between the livestock of Israel and the livestock of Egypt, so that no animal belonging to the Israelites will die.’”
5
GAX
Mootiin Waan Maraa guyyaa murteessee, «Ani waan kana boru lafa tanatti hin fida» jedhe.
BSB
BSB:
The LORD set a time, saying, “Tomorrow the LORD will do this in the land.”
6
GAX
Guyyaa itti aanu Mootiin Waan Maraa akkuma jedhe godhe; horiin worra Gibxi'ii marti dhumatee, ka Israa'eloota ammoo tokkolle hin duune.
BSB
BSB:
And the next day the LORD did just that. All the livestock of the Egyptians died, but not one animal belonging to the Israelites died.
7
GAX
Mootichi akka ilaalanu namoota ergee, horiin Israa'elootaa tokkolle akka hin du'in hubate; te'uu malee mootichi mataa jabaatee kolbaa gad lakkisuu didate.
BSB
BSB:
Pharaoh sent officials and found that none of the livestock of the Israelites had died. But Pharaoh’s heart was hardened, and he would not let the people go.
8
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, «Badaa ibiddaa irraa daadhaa ooboo takkaa fuudha'aatii, Muuseen mooticha duratti qilleensa irratti ol qolaansuu ti.
BSB
BSB:
Then the LORD said to Moses and Aaron, “Take handfuls of soot from the furnace; in the sight of Pharaoh, Moses is to toss it into the air.
9
GAX
Daadhaan sun lafa Gibxi'ii mara irratti bukuu te'ee, namaa fi horii irratti iita maloottu hin te'a» jedhe.
BSB
BSB:
It will become fine dust over all the land of Egypt, and festering boils will break out on man and beast throughout the land.”
10
GAX
Isaanille bukuu fuudhanee fuula mootichaa dura dhaabbatane; Muuseelle daadhaa san qilleensa irratti ol qolaansee, kolba'aa fi horiin marti iitowane.
BSB
BSB:
So they took soot from the furnace and stood before Pharaoh. Moses tossed it into the air, and festering boils broke out on man and beast.
11
GAX
Worri xanoo xanuu fi worri Gibxi'ii marti waan iitowaneeranuuf, worri xanoo xanu Muusee dura dhaabbatiisa hin dandeenne
BSB
BSB:
The magicians could not stand before Moses, because the boils had broken out on them and on all the Egyptians.
12
GAX
Mootiin Waan Mara ammoo mooticha mataa jabeessee, akkuma Mootiin Waan Maraa Muuse'etti dubbate, mootichi Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate.
BSB
BSB:
But the LORD hardened Pharaoh’s heart, and he would not listen to them, just as the LORD had said to Moses.
13
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Boru ganama bari'iin ka'iitii, mooticha dura dhikaadhuutii, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Ibrootaa: Kolbaan tiyya akka na waaqonfattuuf gad lakkisi.
BSB
BSB:
Then the LORD said to Moses, “Get up early in the morning, stand before Pharaoh, and tell him that this is what the LORD, the God of the Hebrews, says: ‘Let My people go, so that they may worship Me.
14
GAX
Yoo gad lakkisuu didde, biyya lafaa mara irra ka akka kiyyaa tokkolle akka hin jirre, akka ati beettuuf ani amma si irratti, qondaaltota teetii fi kolbaa teeti irratti balaa hamaa hin fida.
BSB
BSB:
Otherwise, I will send all My plagues against you and your officials and your people, so you may know that there is no one like Me in all the earth.
15
GAX
Ani akka harka kiyya ol fudhadhetti si'ii fi kolbaa teeti adoo dhowee jiraadhee, silaa ati lafa irraa ijjumaa baddeerta.
BSB
BSB:
For by this time I could have stretched out My hand and struck you and your people with a plague to wipe you off the earth.
16
GAX
Te'uu malee hunna tiyya si'itti mudhisiisaa fi maqaan kiyya biyya mara irratti akka beekkamuuf, ani si lakkise.
BSB
BSB:
But I have raised you up for this very purpose, that I might display My power to you, and that My name might be proclaimed in all the earth.
17
GAX
Ati ammoo haga ammaa ol ifi qaddee kolbaan tiyya akka deentu gad lakkisuu didde.
BSB
BSB:
Still, you lord it over My people and do not allow them to go.
18
GAX
Tanaaf, boru yennaa akkanaa tana bokkeya dhaka'aa hamaa ka dabarsii biyya Gibxi'ii keessatti bu'ee hin beenne, hin buusa.
BSB
BSB:
Behold, at this time tomorrow I will rain down the worst hail that has ever fallen on Egypt, from the day it was founded until now.
19
GAX
Bokkeenni dhaka'aa hori'ii fi nama gara manaa hin galin waan ala jiru mara waan ijjeesuuf, ati amma horii keetii fi waan ala jiru mara manatti akka galchanu ajaji jedha› jedhiin» jedhe.
BSB
BSB:
So give orders now to shelter your livestock and everything you have in the field. Every man or beast that remains in the field and is not brought inside will die when the hail comes down upon them.’”
20
GAX
Qondaaltoti mootichaa worri jecha Mootii Waan Maraa sodaate, garboolee ifiitii fi horii ifii manatti galfatiisaaf ariifate.
BSB
BSB:
Those among Pharaoh’s officials who feared the word of the LORD hurried to bring their servants and livestock to shelter,
21
GAX
Worri gariin ka jecha Mootii Waan Maraa tuffate, garboolee ifiitii fi horii ifii alatti lakkise.
BSB
BSB:
but those who disregarded the word of the LORD left their servants and livestock in the field.
22
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Lafa Gibxi'ii mara irratti, namaa fi horii irratti, waan lafa Gibxi'ii irratti latu mara irratti bokkeenni dhaka'aa akka bu'u harka keeti gara gubba'aa ol kaasi» jedhe.
BSB
BSB:
Then the LORD said to Moses, “Stretch out your hand toward heaven, so that hail may fall on all the land of Egypt—on man and beast and every plant of the field throughout the land of Egypt.”
23
GAX
Yennaa Muuseen ulee ifii gara gubba'aa ol kaase, Mootiin Waan Maraa mandiisu'uu fi bokkeya dhaka'aa buusee balaqqeettiille balaqqitte. Maarre Mootiin Waan Maraa bokkeya dhaka'aa lafa Gibxi'ii irratti roobisiise
BSB
BSB:
So Moses stretched out his staff toward heaven, and the LORD sent thunder and hail, and lightning struck the earth. So the LORD rained down hail upon the land of Egypt.
24
GAX
Bokkeenni dhaka'aa hamaan bu'e; balaqqeettiin balaqqitte. Haga Gibxi biyya teeteen jalqaddee bubbeen bokkeyaa ta teetee hin beenne teete.
BSB
BSB:
The hail fell and the lightning continued flashing through it. The hail was so severe that nothing like it had ever been seen in all the land of Egypt from the time it became a nation.
25
GAX
Bokkeenni dhaka'aa kun biyya Gibxii keessatti namaa fi horii alatti hafane mara dhowe. Waan diida keessatti lateeru mara dhowee, mukoota mara caccasse.
BSB
BSB:
Throughout the land of Egypt, the hail struck down everything in the field, both man and beast; it beat down every plant of the field and stripped every tree.
26
GAX
Addee worri Israa'elootaa le'anu lafa Gooshenii qofatti, bokkeenni dhaka'aa hin buune.
BSB
BSB:
The only place where it did not hail was in the land of Goshen, where the Israelites lived.
27
GAX
Achiin duuba Mootichi Muuse'ee fi Aaron waamee, «Ani amma yakkeera. Mootiin Waan Maraa balcha'a. Ani fi kolbaa tiyya ammoo yakkineerra.
BSB
BSB:
Then Pharaoh summoned Moses and Aaron. “This time I have sinned,” he said. “The LORD is righteous, and I and my people are wicked.
28
GAX
Bokkeenni dhaka'aatii fi mandiisuun waan nutti bacatteef, Mootii Waan Maraa nu'uuf daadimadha'a. Anille gad isin hin lakkisa. Haganaa achi as hin turtanu» jedhe.
BSB
BSB:
Pray to the LORD, for there has been enough of God’s thunder and hail. I will let you go; you do not need to stay any longer.”
29
GAX
Muuseen deebisee, «Ani qachaa keessaa yennaa baye, harka kiyya gara Mootii Waan Maraa ol kaasee hin daadimadha. Latti tun ta Mootii Waan Maraa akka teete akka ati beettuuf, mandiisuun hin dhaabbatti. Bokkeenni dhaka'aalle haganaa achi hin jiraatu.
BSB
BSB:
Moses said to him, “When I have left the city, I will spread out my hands to the LORD. The thunder will cease, and there will be no more hail, so that you may know that the earth is the LORD’s.
30
GAX
Garuu ati fi qondaaltoti teeti Mootii Waan Maraa Waaqa akka hin sodaanne ani hin beeka» jedhe.
BSB
BSB:
But as for you and your officials, I know that you still do not fear the LORD our God.”
31
GAX
Yennaa san talbaan daraaree garbuun ammoo shawwee waan te'eef, talba'aa fi garbuulle bokkeya dhaka'aatiin badane.
BSB
BSB:
(Now the flax and barley were destroyed, since the barley was ripe and the flax was in bloom;
32
GAX
Qamadi'ii fi ajjaan ammoo duuba irra waan bilchaatanuuf hin banne.
BSB
BSB:
but the wheat and spelt were not destroyed, because they are late crops.)
33
GAX
Achiin duuba Muuseen mooticha biraa deemee, qachaa keessaa bayee, daadimatiisaaf, harka ifii gara Mootii Waan Maraa ol kaase. Mandiisu'uu fi bokkeenni dhaka'aa dhaabbatee, bokkeennille roobiisaa lakkise.
BSB
BSB:
Then Moses departed from Pharaoh, went out of the city, and spread out his hands to the LORD. The thunder and hail ceased, and the rain no longer poured down on the land.
34
GAX
Mootichi mandiisuun, bokkeenni dhaka'aatii fi bokkeenni akka dhaabbate yennaa dhagge, ammalle yakkaa huje. Innii fi qondaaltoti isaa mataa jabaatane.
BSB
BSB:
When Pharaoh saw that the rain and hail and thunder had ceased, he sinned again and hardened his heart—he and his officials.
35
GAX
Akkuma Mootiin Waan Maraa Muuse'etti dubbate, mootichi mataa jabaatee, Israa'elooti akka deemanu gad lakkisuu didate.
BSB
BSB:
So Pharaoh’s heart was hardened, and he would not let the Israelites go, just as the LORD had said through Moses.
Chapter complete
You’ve read Exodus 9
Chapter 9 of 40 in Exodus
Up next
Exodus 10
Read Exodus 10
Back to Exodus 8
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Exodus 9
Ask Study Help
Ask anything about Exodus 9
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Exodus 8
Exodus 9
Exodus 10