Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.4.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Exod
Exodus
10
GAX
BSB
A
a
Exodus 10
10
Exodus
The plagues and the Passover
Guji Oromo Bible
Moses
, person
Pharaoh
, person
Egypt
, place
Aaron
, person
Israel
, person
Red Sea
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati gara mootichaa dhaqi. Ani bilbaasota kiyya kana odduu isaaniititti tolchiisaaf, mootichaa fi qondaaltota isaa mataa jabeesseera.
BSB
BSB:
Then the LORD said to Moses, “Go to Pharaoh, for I have hardened his heart and the hearts of his officials, that I may perform these miraculous signs of Mine among them,
2
GAX
Ati ammoo waan ani worra Gibxi'ii irratti tolche, bilbaasota ani isaan oddu'utti huje kana, dabarsitee ilmaan teetii fi ilmaan ilmaan teetiititti hin hinta. Isin akka ani Mootii Waan Maraa te'e tanaan hin beettan» jedhe.
BSB
BSB:
and that you may tell your children and grandchildren how severely I dealt with the Egyptians when I performed miraculous signs among them, so that all of you may know that I am the LORD.”
3
GAX
Maarre Muuse'ee fi Aaron gara mootichaa dhaqanee, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Ibrootaa, ‹Ati haga yoomii naaf ajajamuu didda? Kolbaan tiyya deentee akka na waaqonfattuuf gad lakkisi.
BSB
BSB:
So Moses and Aaron went to Pharaoh and told him, “This is what the LORD, the God of the Hebrews, says: ‘How long will you refuse to humble yourself before Me? Let My people go, so that they may worship Me.
4
GAX
Ati kolbaa tiyya yoo gad lakkisuu didde, ani boru tuuta awwaannisaa biyya teetitti hin fida.
BSB
BSB:
But if you refuse to let My people go, I will bring locusts into your territory tomorrow.
5
GAX
Awwaannisi sun haga latti mudhatiisa dhaddutti lafa hin golla. Waan diqqoo bokkeya dhaka'aa irraa hafe, muka diida keessatti quunxiisatti jirulle mara hin nyaata.
BSB
BSB:
They will cover the face of the land so that no one can see it. They will devour whatever is left after the hail and eat every tree that grows in your fields.
6
GAX
Mana keeti keessa, mana qondaaltota teetiitii fi mana worra Gibxootaa mara keessa hin guuta. Abbootiin teetii fi abbootiin abbootii teetii, lafa tanatti haga qubataneen jalqabanee haga adhaa, waan kana ijjumaa dhagganee hin beekanu› jedha» jedhane. Achiin duuba Muuseen mooticha biraa bayee deeme.
BSB
BSB:
They will fill your houses and the houses of all your officials and every Egyptian—something neither your fathers nor your grandfathers have seen since the day they came into this land.’” Then Moses turned and left Pharaoh’s presence.
7
GAX
Qondaaltoti mootichaalle, mootichaan, «Haga yoomii namichi kun tiyyoo nu'utti te'a? Kolbaan tun deentee Mootii Waan Maraa Waaqa ifii akka waaqonfattuuf gad lakkisi; ati worri Gibxi'ii akka badane haga ammaa hin hubannee?» jedhaneen.
BSB
BSB:
Pharaoh’s officials asked him, “How long will this man be a snare to us? Let the people go, so that they may worship the LORD their God. Do you not yet realize that Egypt lies in ruins?”
8
GAX
Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron waamamanee gara mootichaa deebi'anee dhufane; inni isaaniin, «Dhaqa'aatii, Mootii Waan Maraa, Waaqa keessan waaqonfadha'a! Garuu worri dhaqu kun eennu fa'a?» jedhe.
BSB
BSB:
So Moses and Aaron were brought back to Pharaoh. “Go, worship the LORD your God,” he said. “But who exactly will be going?”
9
GAX
Muuseelle deebisee, «Tun jila Mootii Waan Maraatiif jilifannu waan teeteef, nuuti ijoolle'ee fi jaarsolee teenna, ilmaanii fi ijoollee durraa teenna, hoole'ee fi re'ee teenna, loon keennalle fudhannee hin deenna» jedhe.
BSB
BSB:
“We will go with our young and old,” Moses replied. “We will go with our sons and daughters, and with our flocks and herds, for we must hold a feast to the LORD.”
10
GAX
Mootichille, «Isin dubartootaa fi ijoollee teessan fudhattanee akka deentanu, ani yoo gad isin lakkise, Mootiin Waan Maraa isin woliin jiraatuu ti; isin garuu waan hantuu yaadattaneertan.
BSB
BSB:
Then Pharaoh told them, “May the LORD be with you if I ever let you go with your little ones. Clearly you are bent on evil.
11
GAX
Waawwo'o! Ka isin gaafattane kanuma waan te'eef, worri dhiiraa callaan deemee Mootii Waan Maraa waaqonfatuu ti» jedhe. Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron mooticha biraa ari'amane.
BSB
BSB:
No, only the men may go and worship the LORD, since that is what you have been requesting.” And Moses and Aaron were driven from Pharaoh’s presence.
12
GAX
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Awwaannisi biyya Gibxi'ii irratti dhufee, waan bokkeya dhaka'aa irraa hafe maraa fi waan diida keessatti quunxiisatti jiru mara akka nyaatu harka keeti biyya Gibxi'ii irratti ol diriirsi!» jedhe.
BSB
BSB:
Then the LORD said to Moses, “Stretch out your hand over the land of Egypt, so that the locusts may swarm over it and devour every plant in the land—everything that the hail has left behind.”
13
GAX
Maarre Muuseen ulee ifii biyya Gibxi'ii irratti ol kaasee, guyya'aa fi halkan san Mootiin Waan Maraa qilleensi gara aduun baatuu lafa san irratti akka dhufu godhe; boruyyaa ganama qilleensi awwaannisa fide.
BSB
BSB:
So Moses stretched out his staff over the land of Egypt, and throughout that day and night the LORD sent an east wind across the land. By morning the east wind had brought the locusts.
14
GAX
Awwaannisi sun bacatee dhufee, lafa Gibxi'ii maratti tuute. Balaan awwaannisaa ka akkasii tanaan qara ijjumaa mudhatee hin beeku; gara duraalle hin jiraatu.
BSB
BSB:
The locusts swarmed across the land and settled over the entire territory of Egypt. Never before had there been so many locusts, and never again will there be.
15
GAX
Haga gurraachottutti awwaannisi sun lafa gollee, waan bokkeya dhaka'aa irraa hafe mara, waan diida keessatti quunxiisatti jiru maraa fi midhaan muka irraa mara nyaate. Lafa Gibxi'ii mara irratti wonni magariis tokkolle hin hanne.
BSB
BSB:
They covered the face of all the land until it was black, and they consumed all the plants on the ground and all the fruit on the trees that the hail had left behind. Nothing green was left on any tree or plant in all the land of Egypt.
16
GAX
Mootichille Muuse'ee fi Aaron ariiti'iin waansisee, isaaniin, «Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii fi isin irralle'etti cubbuu hujeera.
BSB
BSB:
Pharaoh quickly summoned Moses and Aaron and said, “I have sinned against the LORD your God and against you.
17
GAX
Amma yennaa tokko qofa cubbuu tiyya naaf araarama'a; balaa hamaa kana akka na irraa balleessuuf, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii naa daadimadha'a» jedhe.
BSB
BSB:
Now please forgive my sin once more and appeal to the LORD your God, that He may remove this death from me.”
18
GAX
Muuse'ee fi Aaronille mooticha biraa deemanee gara Mootii Waan Maraa daadimatane.
BSB
BSB:
So Moses left Pharaoh’s presence and appealed to the LORD.
19
GAX
Mootiin Waan Maraa qilleensa gara qilleensa jabaa gara aduun seentuutitti jijjiiree, qilleensi sun Awwaannisa san oofee abbaayaa diintu'utti naqe. Biyya Gibxi'ii keessatti awwaannisi tokkolle hin hanne.
BSB
BSB:
And the LORD changed the wind to a very strong west wind that carried off the locusts and blew them into the Red Sea. Not a single locust remained anywhere in Egypt.
20
GAX
Mootiin Waan Maraa ammoo mooticha mataa jabeessee, mootichi akka deemanuuf Israa'eloota gad lakkisuu didate.
BSB
BSB:
But the LORD hardened Pharaoh’s heart, and he would not let the Israelites go.
21
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Dukkanti dimmi biyya Gibxi'iititti akka buutu, harka keeti gara gubba'aa ol kaasi» jedhe.
BSB
BSB:
Then the LORD said to Moses, “Stretch out your hand toward heaven, so that darkness may spread over the land of Egypt—a palpable darkness.”
22
GAX
Maarre Muuseen harka ifii gara gubba'aa ol kaasee, haga guyyaa sadii dukkanti dimmi biyya Gibxi'ii irratti buute.
BSB
BSB:
So Moses stretched out his hand toward heaven, and total darkness covered all the land of Egypt for three days.
23
GAX
Haga guyyaa sadii san nami tokkolle wol dhagguu hin dandeenne yookiin addee jiranu sanii hin kaane. Te'uu malee, latti Israa'elooti leetu marti ifa qaddiiyyu.
BSB
BSB:
No one could see anyone else, and for three days no one left his place. Yet all the Israelites had light in their dwellings.
24
GAX
Achiin duuba Mootichi Muusee waamee, «Dhaqa'aatii Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a; dubartooti teessanii fi ijoolleen teessanille isin woliin dhaqanuu ti; hooleen, re'e'ee fi horiin keessan ammoo asitti hafanuu ti» jedhe.
BSB
BSB:
Then Pharaoh summoned Moses and said, “Go, worship the LORD. Even your little ones may go with you; only your flocks and herds must stay behind.”
25
GAX
Muuseen ammoo deebisee, «Ciinca'aa fi kennansa gubamu ka Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf dhikeessinu ati nu'uuf kenni ree.
BSB
BSB:
But Moses replied, “You must also provide us with sacrifices and burnt offerings to present to the LORD our God.
26
GAX
Horiin keenna marti nu woliin dhaquu qaba; qenci tokkolle asitti hin hafu. Mootii Waan Maraa Waaqa kennaaf ka dhikeessinu isaan keessaa filanna; haga achi geennutti Mootii Waan Maraatiif ka dhikeessinu hin beennu» jedhe.
BSB
BSB:
Even our livestock must go with us; not a hoof will be left behind, for we will need some of them to worship the LORD our God, and we will not know how we are to worship the LORD until we arrive.”
27
GAX
Mootiin Waan Maraa mooticha mataa jabeessee, mootichi akka isaan deemanu hin feene.
BSB
BSB:
But the LORD hardened Pharaoh’s heart, and he was unwilling to let them go.
28
GAX
Mootichi Muuse'een, «Fuula kiyya duraa bayi! Deebitee fuula kiyya duratti akka hin mudhanne beekkadhu! Guyyaa fuula kiyya dhaggite, ati hin duuta!» jedhe.
BSB
BSB:
“Depart from me!” Pharaoh said to Moses. “Make sure you never see my face again, for on the day you see my face, you will die.”
29
GAX
Muuseelle deebisee, «Akkuma ati jette, ani deebi'ee fuula keeti duratti hin mudhadhu!» jedheen.
BSB
BSB:
“As you say,” Moses replied, “I will never see your face again.”
Chapter complete
You’ve read Exodus 10
Chapter 10 of 40 in Exodus
Up next
Exodus 11
Read Exodus 11
Back to Exodus 9
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Exodus 10
Ask Study Help
Ask anything about Exodus 10
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Exodus 9
Exodus 10
Exodus 11