Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v1.35.0
Skip to content
Opened
Today
Ask
Read
Journey
More
Gen
Genesis
2
GAX
BSB
A
a
Genesis 2
2
Genesis
Creation and the fall
Guji Oromo Bible
Adam
, person
Eden
, place
Assyria
, place
Euphrates
, place
Cush
, place
Gihon
, place
Tigris
, place
Havilah
, place
1 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Maarre ol-gubba'aa fi latti, wonni isaan keessa jiranu martille akka kanaan dadamanee muummeffamane.
BSB
BSB:
Thus the heavens and the earth were completed in all their vast array.
2
GAX
Waaqi hujii huje mara hobbaasee, guyyaa torbeesso'oo foorfate.
BSB
BSB:
And by the seventh day God had finished the work He had been doing; so on that day He rested from all His work.
3
GAX
Waaqi waan dade mara hobbaasee, guyyaa torbeesso'ootitti waan foorfateef, guyyaa torbeesso'oo san eebbise; woyyoonselle'e.
BSB
BSB:
Then God blessed the seventh day and sanctified it, because on that day He rested from all the work of creation that He had accomplished.
4
GAX
Kun dabarsii dadama ol-gubba'aa fi lafaa ti. Yennaa Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubba'aa fi lafa dade,
BSB
BSB:
This is the account of the heavens and the earth when they were created, in the day that the LORD God made them.
5
GAX
inni lafa irratti bokkeya waan roobisiisee hin jirreef, nami lafa hujulle waan hin jirreef, biqiltuun lafa irra hin jirtuuyyu; wonni tokkolle lattee hin jirtu.
BSB
BSB:
Now no shrub of the field had yet appeared on the earth, nor had any plant of the field sprouted, for the LORD God had not yet sent rain upon the earth, and there was no man to cultivate the ground.
6
GAX
Teetuu malee, maddi lafa keessaa ol bayee lafa duudii obaasaa ture.
BSB
BSB:
But springs welled up from the earth and watered the whole surface of the ground.
7
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi biyyee lafa irraa fuudhee, nama tolchee, hafuura jiru'uu funnaan isaatitti baafate; namille dada lubbuu qabaatee jiraatu te'e.
BSB
BSB:
Then the LORD God formed man from the dust of the ground and breathed the breath of life into his nostrils, and the man became a living being.
8
GAX
Mootiin Waan Maraa Waaqi karaa aduun baatu Edenitti oorruu dhaabe; nama dade sanille achi keessa keye.
BSB
BSB:
And the LORD God planted a garden in Eden, in the east, where He placed the man He had formed.
9
GAX
Mootiin Waan Maraa Waaqi muka ilti namaa halchitu ka adda addaa, ka midhaan isaalle nyaatiisaaf dansaa te'e lafa keessaa lachisiise; muki midhaan isaa nyaatanee jiruu namaa kennu, muki dhibiin ka hantu'uu fi dansaa ittiin beekanulle addee oorru'uu san wodhakkaa jiraayyu.
BSB
BSB:
Out of the ground the LORD God gave growth to every tree that is pleasing to the eye and good for food. And in the middle of the garden were the tree of life and the tree of the knowledge of good and evil.
10
GAX
Addee oorru'uu san obaasiisaaf Eden keessaa maddi burqe; maddi achii bayee, gargar qoodamee laga afur te'e.
BSB
BSB:
Now a river flowed out of Eden to water the garden, and from there it branched into four headwaters:
11
GAX
Maqaan laga qaraa Phiishon; inni lafa Hawiila'aa duudii lafa worqiin jirtutti marsee yaa'a.
BSB
BSB:
The name of the first river is the Pishon; it winds through the whole land of Havilah, where there is gold.
12
GAX
Worqiin lafa sanii dansa'a; uddowa'aa fi dhakaan gatii guddo'oolle achi jiran.
BSB
BSB:
And the gold of that land is pure, and bdellium and onyx are found there.
13
GAX
Maqaan laga lammeesso'oo Giihon; inni lafa Itoophiya'aa marsee yaa'a.
BSB
BSB:
The name of the second river is the Gihon; it winds through the whole land of Cush.
14
GAX
Maqaan laga sadeesso'oo Xeegros; innille qachaa Asoorii gara baya adu'uutiin yaa'a. Lagi arfeesso'oolle Efraaxiis jedhama.
BSB
BSB:
The name of the third river is the Tigris; it runs along the east side of Assyria. And the fourth river is the Euphrates.
15
GAX
Mootiin Waan Maraa Waaqi namicha fuudhee addee oorruu Edenii san akka hujuu fi akka eegu achi keessa keye.
BSB
BSB:
Then the LORD God took the man and placed him in the Garden of Eden to cultivate and keep it.
16
GAX
Mootiin Waan Maraa Waaqi namicha ajajee, «Midhaan muka addee oorruu Edenii kana keessa jiranu mara irraa hin nyaatta;
BSB
BSB:
And the LORD God commanded him, “You may eat freely from every tree of the garden,
17
GAX
midhaan muka nyaatanee hantu'uu fi dansaa ittiin beekanu san irraa ammoo hin nyaatin. Gaafa isa irraa nyaatte ammoo dhuguma hin duuta» jedhe.
BSB
BSB:
but you must not eat from the tree of the knowledge of good and evil; for in the day that you eat of it, you will surely die.”
18
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Namichi qofii ifii te'uun dansa'aa moti; ani waa'ela qarqaartuu isaa, isaaf hin dada» jedhe.
BSB
BSB:
The LORD God also said, “It is not good for the man to be alone. I will make for him a suitable helper.”
19
GAX
Mootiin Waan Maraa Waaqi biyyee irraa bineensotaa fi sinbirroota dadee, maan jedhee akka inni waamu ilaaliisaaf gara namichaa fide; wonni namichi dada lubbuu qabeeyyii ittiin waame duudiin maqaa te'eef.
BSB
BSB:
And out of the ground the LORD God formed every beast of the field and every bird of the air, and He brought them to the man to see what he would name each one. And whatever the man called each living creature, that was its name.
20
GAX
Maarre namichi horii maraaf, sinbirroota maraaf, bineensota maraafille maqaa baase; namichaaf ammoo waa'elli qarqaaraan hin dhagganne.
BSB
BSB:
The man gave names to all the livestock, to the birds of the air, and to every beast of the field. But for Adam no suitable helper was found.
21
GAX
Maarre Mootiin Waan Maraa Waaqi namichatti hirriiba hamaa buusee, adoo inni rafuu, cinaacha isaa keessaa tokkocha fuudhee, addee cinaachaa san fooniin cufe.
BSB
BSB:
So the LORD God caused the man to fall into a deep sleep, and while he slept, He took one of the man’s ribs and closed up the area with flesh.
22
GAX
Mootiin Waan Maraa Waaqi cinaacha namicha keessaa fuudhe san irraa, namittii dadee, gara namichaa fide.
BSB
BSB:
And from the rib that the LORD God had taken from the man, He made a woman and brought her to him.
23
GAX
Achiin duuba namichi, «Amma reefuu, lafeen isi'ii lafee tiyya irraa, foon isi'ii foon kiyya irraa dhaggame; isiin namicha irraa waan dhagganteef, ‹Namittii› jedhantee waamantuu ti» jedhe.
BSB
BSB:
And the man said: “This is now bone of my bones and flesh of my flesh; she shall be called ‘woman,’ for out of man she was taken.”
24
GAX
Tanaaf nami abba'aa fi haadha ifii hin lakkisa niitii ifii woliin hin tokkooma; isaanille foon tokko hin te'an.
BSB
BSB:
For this reason a man will leave his father and mother and be united to his wife, and they will become one flesh.
25
GAX
Namichaa fi niitiin isaa lamaanuu qullaa jiraniiyyu, te'uu malee wol hin fokkifatanuuyyu.
BSB
BSB:
And the man and his wife were both naked, and they were not ashamed.
Chapter complete
You’ve read Genesis 2
Chapter 2 of 50 in Genesis
Up next
Genesis 3
Read Genesis 3
Listen
Back to Genesis 1
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Genesis 2
A question this chapter raises
Can a Christian accept evolution?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Genesis 1
Genesis 2
Genesis 3