Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v1.35.0
Skip to content
Opened
Today
Ask
Read
Journey
More
Gen
Genesis
3
GAX
BSB
A
a
Genesis 3
3
Genesis
Creation and the fall
Guji Oromo Bible
Adam
, person
Eden
, place
Eve
, person
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Bineensa Mootiin Waan Maraa Waaqi dade mara keessaa bofi irra caalaa malte'e. Inni namitti'iin, «Dhuguma Waaqi, ‹Mukoota oorruu tana keessa jiranu mara irraa hin nyaatina'a› isiniin jedheeraa?» jedhe.
BSB
BSB:
Now the serpent was more crafty than any beast of the field that the LORD God had made. And he said to the woman, “Did God really say, ‘You must not eat from any tree in the garden?’”
2
GAX
Namittiin bofaan, «Nuuti mukoota addee oorru'uu tana keessa jiranu mara nyaatuu hin dandeenna;
BSB
BSB:
The woman answered the serpent, “We may eat the fruit of the trees of the garden,
3
GAX
ammoo muka addee oorru'uu wodhakkaa jiru qofa, Waaqi, ‹Midhaan isaa hin nyaatina'a, hin tuqinaalle'e! Kana yoo gootane hin duutan› jedheera» jette.
BSB
BSB:
but about the fruit of the tree in the middle of the garden, God has said, ‘You must not eat of it or touch it, or you will die.’”
4
GAX
Bofi deebisee, «Hin duutanu.
BSB
BSB:
“You will not surely die,” the serpent told the woman.
5
GAX
Isin midhaan muka sanii yennaa nyaattane, ilti teessan akka banantu, hantu'uu fi dansaa beekiisaan akka Waaqaa akka teetanu, Waaqi waan beekuuf» jedheen.
BSB
BSB:
“For God knows that in the day you eat of it, your eyes will be opened and you will be like God, knowing good and evil.”
6
GAX
Namittiin muki sun nyaatiisaaf dansaa, ilatti ka toluu fi ka nama qaroonsu akka te'e yennaa dhaggite, midhaan isaa fuutee nyaatte; dhirsa isi'ii ka isii woliin jirulle'eef kennite; innille nyaate.
BSB
BSB:
When the woman saw that the tree was good for food and pleasing to the eyes, and that it was desirable for obtaining wisdom, she took the fruit and ate it. She also gave some to her husband who was with her, and he ate it.
7
GAX
Achiin duuba ilti lamaaniituu banantee, akka qullaa jiranulle beekane; tanaaf baala harru'uu wolitti hodhanee ifi gollatane.
BSB
BSB:
And the eyes of both of them were opened, and they knew that they were naked; so they sewed together fig leaves and made coverings for themselves.
8
GAX
Yennaa galgalootte namichii fi namittiin Mootiin Waan Maraa Waaqi addee oorru'uu keessa ideemuun qoonqoo isaa dhage'ane; isaan Mootii Waan Maraa Waaqa duraa mukoota addee oorru'uu san odduu dhokatane.
BSB
BSB:
Then the man and his wife heard the voice of the LORD God walking in the garden in the breeze of the day, and they hid themselves from the presence of the LORD God among the trees of the garden.
9
GAX
Mootiin Waan Maraa Waaqi ammoo namicha waamee, «Eessa jirta?» jedheen.
BSB
BSB:
But the LORD God called out to the man, “Where are you?”
10
GAX
Namichille, «Ani addee oorru'uu keessatti qoonqoo teete dhage'ee, qullaa waan jiruuf, sodaadhee dhokadhe» jedheen.
BSB
BSB:
“I heard Your voice in the garden,” he replied, “and I was afraid because I was naked; so I hid myself.”
11
GAX
Waaqi, «Qullaa akka jirtu eentu sitti hime? Midhaan muka ani ‹Hin nyaatin› jedhee si ajaje san nyaattee?» jedheen.
BSB
BSB:
“Who told you that you were naked?” asked the LORD God. “Have you eaten from the tree of which I commanded you not to eat?”
12
GAX
Namichille deebisee, «Namittii akka na woliin leetuuf ati naaf kennitettuu midhaan muka sanii naaf kenne; anille nyaadhe» jedhe.
BSB
BSB:
And the man answered, “The woman whom You gave me, she gave me fruit from the tree, and I ate it.”
13
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, namitti'iin, «Wonni ati goote kun maan inni?» jedhe. Namittiin, «Bofi na sobee jennaan nyaadhe» jette.
BSB
BSB:
Then the LORD God said to the woman, “What is this you have done?” “The serpent deceived me,” she replied, “and I ate.”
14
GAX
Mootiin Waan Maraa Waaqi bofaan, «Kana waan gooteef, ati horii maraa fi bineensota mara keessaa ka abaarante hin teeta. Gadhaa keetiin lafa irra hin loota; bara jiruu teetii mara biyyee hin nyaatta.
BSB
BSB:
So the LORD God said to the serpent: “Because you have done this, cursed are you above all livestock and every beast of the field! On your belly will you go, and dust you will eat, all the days of your life.
15
GAX
Ani si'ii fi namittii tana oddu'utti, sanyii isi'iitii fi sanyii teeti oddu'utti diinummaa hin buusa. Sanyiin isi'ii sun mataa keeti hin butucha; atille jimuu isaa hin iddita» jedhe.
BSB
BSB:
And I will put enmity between you and the woman, and between your seed and her seed. He will crush your head, and you will strike his heel.”
16
GAX
Namittiille'een, «Yennaa ulfoottutti gaargala sitti hin fakkansa; ciniinsu'uun ijoollee hin deetta. Tanuma keessa fedhii dhirsa keetii hin qabaatta; inni si irratti bulchaa hin te'a» jedhe.
BSB
BSB:
To the woman He said: “I will sharply increase your pain in childbirth; in pain you will bring forth children. Your desire will be for your husband, and he will rule over you.”
17
GAX
Namichalle'een, «Ati dubbii niitii teetii waan dhageetteef, midhaan muka ani, ‹Hin nyaatin› jedhee si ajajelle waan nyaatteef, «Latti sababa keetiif ta abaarante hin teeti; atille bara jiruu teetii mara eloo guddo'oon irraa hin nyaatta.
BSB
BSB:
And to Adam He said: “Because you have listened to the voice of your wife and have eaten from the tree of which I commanded you not to eat, cursed is the ground because of you; through toil you will eat of it all the days of your life.
18
GAX
Latti qore'ee fi qumi'uuduu si'iif hin baachi; atille biqiltuu badda'aa nyaatta.
BSB
BSB:
Both thorns and thistles it will yield for you, and you will eat the plants of the field.
19
GAX
Ati biyye'e, deebitee biyyee hin teeta. Biyyee irraa waan dadanteef, gara isi'ii haga deebitutti, danfitee eloottee sagalee teeti hin nyaatta» jedhe.
BSB
BSB:
By the sweat of your brow you will eat your bread, until you return to the ground—because out of it were you taken. For dust you are, and to dust you shall return.”
20
GAX
Namichi niitiin isaa haadha worra jiraata'aa waan teeteef, maqaa isi'ii «Heewwan» jedhee baase;
BSB
BSB:
And Adam named his wife Eve, because she would be the mother of all the living.
21
GAX
Mootiin Waan Maraa Waaqi Addaamii fi niitii isaatiif gogaa irraa woyaa hujee itti uffise.
BSB
BSB:
And the LORD God made garments of skin for Adam and his wife, and He clothed them.
22
GAX
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Kunoo, nami hantu'uu fi dansaa beekiisaan nu keessaa akka tokkoo te'eera. Ammalle harka ifiitiin hiixatee midhaan muka jiru'uu fuudhee nyaatiisaan, haga bara baraa le'uu hin qabu!» jedhe.
BSB
BSB:
Then the LORD God said, “Behold, the man has become like one of Us, knowing good and evil. And now, lest he reach out his hand and take also from the tree of life, and eat, and live forever...”
23
GAX
Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi addee oorruu Edenii keessaa isa baasee, lafa irraa dadame akka qotu godhe.
BSB
BSB:
Therefore the LORD God banished him from the Garden of Eden to work the ground from which he had been taken.
24
GAX
Waaqi nama baaseen duuba, eennulle gara muka jiru'uu akka hin dhikaanneef, addee oorruu Edenii maddii aduun baatuun ergantoota ifii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu fi shallaagaa akka ibiddaa bobe'u ka gara mara garagaggalu keye.
BSB
BSB:
So He drove out the man and stationed cherubim on the east side of the Garden of Eden, along with a whirling sword of flame to guard the way to the tree of life.
Chapter complete
You’ve read Genesis 3
Chapter 3 of 50 in Genesis
Up next
Genesis 4
Read Genesis 4
Listen
Back to Genesis 2
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Genesis 3
A question this chapter raises
Is it fair that we inherit Adam’s sin?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Genesis 2
Genesis 3
Genesis 4