Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.6.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Hos
Hosea
9
GAX
BSB
A
a
Hosea 9
9
Hosea
God's case against Israel
Guji Oromo Bible
Ephraim
, person
Israel
, person
Egypt
, place
Assyria
, place
Tyre
, place
Gibeah
, place
Gilgal
, place
Memphis
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Ee Israa'el, ati Waaqa keeti irratti akka sagaagaltu'uu teeteerta; addee eeddumme'ee maratti gatii sagaagaltootaa waan jaalatteef, hin firinxiixin; akka gosi biyya adda addaa ilillittu hin ilillisin.
BSB
BSB:
Do not rejoice, O Israel, with exultation like the nations, for you have played the harlot against your God; you have made love for hire on every threshing floor.
2
GAX
Eeddummee keessatti midhaan, addee woynii itti cunfanu keessalle'etti woyniin hin dhaggantu; daadhiin woyni'ii haarettille hin jiraattu.
BSB
BSB:
The threshing floor and winepress will not feed them, and the new wine will fail them.
3
GAX
Isaan lafa Mootii Waan Maraa keessa hin turanu; kolbaan Efreemii gara biyya Gibxi'ii hin deebiti; biyya Asoorii keessalle'etti sagalee aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'in hin nyaatti.
BSB
BSB:
They will not remain in the land of the LORD; Ephraim will return to Egypt and eat unclean food in Assyria.
4
GAX
Isaan dhibaayyuu daadhii woyni'ii Mootii Waan Maraatiif hin dhibaasanu; ciincaan isaanii isa hin gammachiittu; ciincaan akkasii sun isaaniif akka sagalee haqaqo'oo ti; ka sagalee san nyaatu marti batticha hin te'a; sagaleen tun isaanuma qofaaf hin teeti; Galma Waaqaa keessatti ciincaa te'iisa hin dandeettu.
BSB
BSB:
They will not pour out wine offerings to the LORD, and their sacrifices will not please Him, but will be to them like the bread of mourners; all who eat will be defiled. For their bread will be for themselves; it will not enter the house of the LORD.
5
GAX
Guyyaa jila teessan ta beekkantee irratti, guyyaa jila Mootii Waan Maraa irratti, maan godhu'uu jirtan ree?
BSB
BSB:
What will you do on the appointed day, on the day of the LORD’s feast?
6
GAX
Isaan badii jalaa bayanelle, Gibxi isaan wolitti hin qaddi; qachaa Memfiisiititti hin awwaalaman. Qabeenna isaanii ka meeti'ii raaqi irra hin dacha'a; dunkaanii isaaniille qoreettiin irra hin yaati.
BSB
BSB:
For even if they flee destruction, Egypt will gather them and Memphis will bury them. Their precious silver will be taken over by thistles, and thorns will overrun their tents.
7
GAX
Guyyaan adabbi'ii dhufeera; guyyaan mura'aa dhikaateera; Israa'el tana beettuu ti. Cubbuun teessan bacaa, yakkaan teessanille guddoo waan teeteef, raagichi akka gowwa'aa, nami ayyaana Waaqaatiin guutame akka maraata'aa laakkowameera.
BSB
BSB:
The days of punishment have come; the days of retribution have arrived—let Israel know it. The prophet is called a fool, and the inspired man insane, because of the greatness of your iniquity and hostility.
8
GAX
Raagichi, Waaqa kiyya woliin nama kolbaa Efreemii eegu; te'uu malee karaa isaa mara irratti tiyyoon, mana Waaqa isaa keessalle'etti diinummaan isa eeddi.
BSB
BSB:
The prophet is Ephraim’s watchman, along with my God, yet the snare of the fowler lies on all his paths. Hostility is in the house of his God!
9
GAX
Akkuma bara qachaa Giibe'aatitti te'e, isaan battummaa keessa lixane; Waaqi hammeenna isaanii hin qaabata; cubbuu isaaniitiif isaan hin adaba.
BSB
BSB:
They have deeply corrupted themselves as in the days of Gibeah; He will remember their guilt; He will punish their sins.
10
GAX
Mootiin Waan Maraa, «Ani yennaa Israa'el dhagge, akka nama goomolee keessatti unkuruura woyni'ii dhaggee ti; ani yennaa abbootii teessan dhagge, akka nama midhaan qaraa muka harru'uu irratti dhaggee ti. Isaan ammoo yennaa gara Ba'aal Phe'orii dhufane, waaqa dharaa fokkisiisaa saniif adda ifi baasane; akkuma waaqa dharaa ka jaalatanuu san battoolee te'ane.
BSB
BSB:
I found Israel like grapes in the wilderness. I saw your fathers as the firstfruits of the fig tree in its first season. But they went to Baal-peor, and consecrated themselves to Shame; so they became as detestable as the thing they loved.
11
GAX
Ulfinni Efreemii akka sinbirre'ee ka'ee hin bada; deyiis, ulfoyiis, gadha'atti hafiis hin jiraattu.
BSB
BSB:
Ephraim’s glory will fly away like a bird, with no birth, no pregnancy, and no conception.
12
GAX
Isaan yoo ijoollee guddifatanelle, ijoolleen isaanii tokkolle adoo hin hafin hin dhumatan. Yennaa ani isaan biraa deeme isaaniif aanne'e!
BSB
BSB:
Even if they raise their children, I will bereave them of each one. Yes, woe be to them when I turn away from them!
13
GAX
Ani kolbaa Efreemii akka qachaa Xiiroosii addee dansaa jiranuun dhagge. Amma ammoo kolbaan Efreemii ijoollee ifii worra qaluuf dhikeessite» jedha.
BSB
BSB:
I have seen Ephraim, like Tyre, planted in a meadow. But Ephraim will bring out his children for slaughter.
14
GAX
Ee Mootii Waan Maraa, isaaniif kenni! Ati maan isaaniif kennita? Gadaamessa ulfi irraa bayuu fi harma gogaa isaaniif kenni.
BSB
BSB:
Give them, O LORD—what will You give? Give them wombs that miscarry and breasts that dry up!
15
GAX
Mootiin Waan Maraa, «Sababa hammeenna isaanii ka Giilgal keessaatiif, ani achitti isaan jibbe; sababa hujii cubbittii isaaniitiif, ani mana kiyya keessaa oofee isaan hin baasa. Ani haganaa achi isaan hin jaaladhu; sooressitooti isaanii marti finqiltoota.
BSB
BSB:
All their evil appears at Gilgal, for there I hated them. I will drive them from My house for the wickedness of their deeds. I will no longer love them; all their leaders are rebellious.
16
GAX
Kolbaan Efreemii dhowante; hiddi isaanii goge; isaan midhaanille hin buusanu. Isaan yoo ijoollee uumatanelle, ani ijoollee isaan jaalatanu isaan duraa hin ijjeesa» jedha.
BSB
BSB:
Ephraim is struck down; their root is withered; they cannot bear fruit. Even if they bear children, I will slay the darlings of their wombs.
17
GAX
Waan isaan isaaf hin ajajaminiif, Waaqi kiyya isaan hin gata. Isaan gosa biyya adda addaa odduu worra daaqu hin te'an.
BSB
BSB:
My God will reject them because they have not obeyed Him; and they shall be wanderers among the nations.
Chapter complete
You’ve read Hosea 9
Chapter 9 of 14 in Hosea
Up next
Hosea 10
Read Hosea 10
Back to Hosea 8
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Hosea 9
A question this chapter raises
Why did Jesus curse a fig tree?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Hosea 8
Hosea 9
Hosea 10