Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.13.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
John
John
2
GAX
BSB
A
a
John 2
2
John
The book of signs
Guji Oromo Bible
Jesus
, person
Jerusalem
, place
Galilee
, place
Cana
, place
Capernaum
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Guyyaa sadeesso'oo qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessa fuudhaa fi heerumatti jiraayyu. Haati Yesuusiille achi jirtiiyyu.
BSB
BSB:
On the third day a wedding took place at Cana in Galilee. Jesus’ mother was there,
2
GAX
Yesuusii fi barattooti isaalle gara fuudhaa fi heeruma sanii waamamaneeran.
BSB
BSB:
and Jesus and His disciples had also been invited to the wedding.
3
GAX
Yennaa daadhiin woyni'ii dhumatte, haati Yesuusii, «Daadhii woyni'ii isaan duraa dhumatte» Yesuusiin jette.
BSB
BSB:
When the wine ran out, Jesus’ mother said to Him, “They have no more wine.”
4
GAX
Yesuus, «Aayyaa, waan huju natti himu'uuf hin malle; yennaan tiyya ammalle hin geenne» jedhee deebise.
BSB
BSB:
“Woman, what is that to you and to Me?”
Jesus replied.
“My hour has not yet come.”
5
GAX
Achiin duuba haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godha'a» jettee tajaajiltootatti hinte.
BSB
BSB:
His mother said to the servants, “Do whatever He tells you.”
6
GAX
Yihudooti aadaa dhugeeffanna'aa ka ittiin ifi qulleessanu waan qabanuuf, okkotooti gugurdoon dhakaa irraa hujante jaan achi jirtiiyyu; tokko tokkoon isaanii gara litirii saddeettamaa haga litirii dhibbaa fi diddamaa qabuu dande'an.
BSB
BSB:
Now six stone water jars had been set there for the Jewish rites of purification. Each could hold from twenty to thirty gallons.
7
GAX
Yesuus tajaajiltootaan, «Okkotoota san bisaaniin guuta'a» jedhe. Isaanille haga afaanii guutane.
BSB
BSB:
Jesus told the servants,
“Fill the jars with water.”
So they filled them to the brim.
8
GAX
Achiin duuba inni isaaniin, «Amma budduussa'aatii, itti gaafatamaa jilaatitti geessa'a» jedhe. Isaanille isaaf geessane.
BSB
BSB:
“Now draw some out,”
He said,
“and take it to the master of the banquet.”
They did so,
9
GAX
Itti gaafatamaan jilaalle bisaan daadhii woyni'ii te'e san fiixxisee ilaale. Tajaajiltooti worri bisaan budduusse beekanuu malee, inni daadhiin woyni'ii tun eessaa akka dhutte hin beenne; maarre inni waajibicha waamee,
BSB
BSB:
and the master of the banquet tasted the water that had been turned into wine. He did not know where it was from, but the servants who had drawn the water knew. Then he called the bridegroom aside
10
GAX
«Nami marti dursee daadhii dansaa namaa kennee, keessummooti untee quutteen duuba daadhii calcala namaa kenna. Ati ammoo daadhii dansittii haga ammaa tursite!» jedheen.
BSB
BSB:
and said, “Everyone serves the fine wine first, and then the cheap wine after the guests are drunk. But you have saved the fine wine until now!”
11
GAX
Yesuus qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessatti bilbaasa qaraa kana huje; achitti ulfinna ifii mudhisee, barattooti isaalle isatti dhugeeffatane.
BSB
BSB:
Jesus performed this, the first of His signs, at Cana in Galilee. He thus revealed His glory, and His disciples believed in Him.
12
GAX
Kanaan duuba, Yesuus haadha ifii, obboleeyyanii fi barattoota ifii woliin gara Qifirnaahoomii dhaqe; isaan guyyoota diqqaa achi turane.
BSB
BSB:
After this, He went down to Capernaum with His mother and brothers and His disciples, and they stayed there a few days.
13
GAX
Guyyaan Jila Irra Dabaramaa dhikaateeruun, Yesuus gara Yerusaalemii dhaqe.
BSB
BSB:
When the Jewish Passover was near, Jesus went up to Jerusalem.
14
GAX
Achitti inni Galma Waaqaa keessatti kolbaa loon, hoole'ee fi saphaliisa gurgurattu, worra beesee jijjiiratulle xarapheessaa isaanii bira tee'iisatti jiranuun dhagge.
BSB
BSB:
In the temple courts He found men selling cattle, sheep, and doves, and money changers seated at their tables.
15
GAX
Maarre inni lichee wodaro'oo dhowatee, isaan maraa, hoole'ee fi loon, horii maraayyuu Galma Waaqaa keessaa gad oofe; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuu garaggaggalchee beesee isaaniille bittinneesse.
BSB
BSB:
So He made a whip out of cords and drove all from the temple courts, both sheep and cattle. He poured out the coins of the money changers and overturned their tables.
16
GAX
Worra saphaliisa gurguratu saniin, «Waan kana as keessaa gad baasa'a! Mana Abbaa kiyyaa addee dikko'oo hin godhina'a!» jedhee ajaje.
BSB
BSB:
To those selling doves He said,
“Get these out of here! How dare you turn My Father’s house into a marketplace!”
17
GAX
Barattooti isaa, «Hinaaffaan mana keetii, akka ibiddaa na guddi» jedhantee ta barreeffante san qaabatane.
BSB
BSB:
His disciples remembered that it is written: “Zeal for Your house will consume Me.”
18
GAX
Yihudooti baallii qabanu, «Ati waan kana godhiisaaf baallii akka qaddu nu'utti mudhisiisaaf bilbaasa maan godhuu dandeetta?» jedhanee isa gaafatane.
BSB
BSB:
On account of this, the Jews demanded, “What sign can You show us to prove Your authority to do these things?”
19
GAX
Yesuus, «Galma Waaqaa kana diiga'a! Ani guyyaa sad keessatti deebisee hin ijaaraa» jedhee deebise.
BSB
BSB:
Jesus answered,
“Destroy this temple, and in three days I will raise it up again.”
20
GAX
Yihudooti baallii qabanu, «Galma kana ijaariisaaf woggaa afurtamii jaa fixeera, ati guyyaa sad keessatti deebittee ijaartaa?» jedhanee isa gaafatane.
BSB
BSB:
“This temple took forty-six years to build,” the Jews replied, “and You are going to raise it up in three days?”
21
GAX
Galmi Waaqaa ka Yesuus dubbate sun nafuma Yesuusii ti.
BSB
BSB:
But Jesus was speaking about the temple of His body.
22
GAX
Maarre inni du'aa ka'een duuba, barattooti isaa akka inni tana dubbate qaabatanee, Barreeffama Woyyichaa fi waan Yesuus dubbate dhugeeffatane.
BSB
BSB:
After He was raised from the dead, His disciples remembered that He had said this. Then they believed the Scripture and the word that Jesus had spoken.
23
GAX
Yennaa Jila Irra Dabaramaa Yesuus Yerusaalem keessa jiruun, namooti hedduun bilbaasa inni godhe dhagganee isatti dhugeeffatane.
BSB
BSB:
While He was in Jerusalem at the Passover Feast, many people saw the signs He was doing and believed in His name.
24
GAX
Yesuus ammoo namoota maraa waan beekuuf, isaan hin addanne.
BSB
BSB:
But Jesus did not entrust Himself to them, for He knew them all.
25
GAX
Inni ifiifuu waan gadhaa namaa keessa jiru waan beekuuf, marroo namootaa akka isatti himu nami tokkolle hin barbaachinne.
BSB
BSB:
He did not need any testimony about man, for He knew what was in a man.
Chapter complete
You’ve read John 2
Chapter 2 of 21 in John
Up next
John 3
Read John 3
Back to John 1
Go Deeper
Commentary
What the commentators say on John 2
A question this chapter raises
Do Christians worship Mary as part of the Trinity?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
John 1
John 2
John 3