Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.14.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
John
John
3
GAX
BSB
A
a
John 3
3
John
The book of signs
Guji Oromo Bible
Jesus
, person
John
, person
Nicodemus
, person
Israel
, person
Moses
, person
Jordan
, place
Judea
, place
Aenon
, place
1 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Gosa Fariisaayotaa keessaa sooressi Yihudootaa, ka Niqoodemoos jedhamu tokko jiraayyu.
BSB
BSB:
Now there was a man of the Pharisees named Nicodemus, a leader of the Jews.
2
GAX
Inni halkan tokko gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisa'a, akka ati barsiisaa Waaqa biraa ergame teete beenneerra. Yoo Waaqi isa woliin jiraate malee bilbaasa ati hujattu kana eennulle dande'ee hin huju» jedheen.
BSB
BSB:
He came to Jesus at night and said, “Rabbi, we know that You are a teacher who has come from God. For no one could perform the signs You are doing if God were not with him.”
3
GAX
Yesuus, «Ani dhugaa sitti hima; eennulle yoo lammeessoo hin dhalatin mootummaa Waaqaa dhagguu hin dande'u» jedhee deebise.
BSB
BSB:
Jesus replied,
“Truly, truly, I tell you, no one can see the kingdom of God unless he is born again.”
4
GAX
Niqoodemoos, «Nami guddateen duuba attam dhalatuu dande'a? Lammeessoo gadaamessa haadha ifii seenee dhalatuu hin dande'aa?» jedhee Yesuus gaafate.
BSB
BSB:
“How can a man be born when he is old?” Nicodemus asked. “Can he enter his mother’s womb a second time to be born?”
5
GAX
Yesuus deebisee, «Ani dhugaa sitti hima, eennulle bisaanii fi Ayyaana Woyyichaan yoo hin dhalatin, mootummaa Waaqaatitti galuu hin dande'u.
BSB
BSB:
Jesus answered,
“Truly, truly, I tell you, no one can enter the kingdom of God unless he is born of water and the Spirit.
6
GAX
Nama foonii irraa ka dhalate foon; ka Ayyaana irraa dhalate ammoo Ayyaana.
BSB
BSB:
Flesh is born of flesh, but spirit is born of the Spirit.
7
GAX
Waan ani, ‹Lammeessoo dhalatuu qaddan› si'iin jedheef hin masoonfatin.
BSB
BSB:
Do not be amazed that I said, ‘You must be born again.’
8
GAX
Bubbeen gara feete bubbitti; ati bubbisiisa isi'ii hin dhageetta, ammoo eessaa akka dhuttu yookiin eessa akka deentu hin beettu. Ayyaana irraa ka dhalate maraayyuu akkasuma» jedhee deebise.
BSB
BSB:
The wind blows where it wishes. You hear its sound, but you do not know where it comes from or where it is going. So it is with everyone born of the Spirit.”
9
GAX
Niqoodemoos, «Kun attam te'uu dande'a?» jedhee Yesuus gaafate.
BSB
BSB:
“How can this be?” Nicodemus asked.
10
GAX
Yesuus, «Ati barsiisaa Israa'elii teetee waan kana hin beettuu?
BSB
BSB:
“You are Israel’s teacher,”
said Jesus,
“and you do not understand these things?
11
GAX
Ani dhugaa si'itti hima: Nuuti waan beennu dubbanna; waan dhaggine dhugaa baana; isin ammoo dhugaa bayiisa keenna hin fudhattanu.
BSB
BSB:
Truly, truly, I tell you, we speak of what we know, and we testify to what we have seen, and yet you people do not accept our testimony.
12
GAX
Yennaa ani marroo waan biyya lafa tanaa isinitti himu yoo hin dhugeeffatin, yennaa ani marroo waan ol-gubba'aa isinitti himu attamiin dhugeeffattan ree?
BSB
BSB:
If I have told you about earthly things and you do not believe, how will you believe if I tell you about heavenly things?
13
GAX
Ilma Namaa ka ol-gubba'aa gad dhufe malee, ka gara ol-gubba'aa ol baye eennulle hin jiru.
BSB
BSB:
No one has ascended into heaven except the One who descended from heaven—the Son of Man.
14
GAX
«Akkuma Muuseen lafa goomole'ee keessatti dhudhuufaa sageettu'uu dongoraa irratti ol fuudhe rarraase, akkasuma Ilmi Namaalle ol fuudhamee rarraafamuu qaba.
BSB
BSB:
Just as Moses lifted up the snake in the wilderness, so the Son of Man must be lifted up,
15
GAX
Kunille ka isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatuuf.
BSB
BSB:
that everyone who believes in Him may have eternal life.
16
GAX
Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.
BSB
BSB:
For God so loved the world that He gave His one and only Son, that everyone who believes in Him shall not perish but have eternal life.
17
GAX
Biyya lafaa karaa isaatiin akka fayyisuuf malee, akka itti muruuf Waaqi Ilma ifii gara biyya lafaa hin ergine.
BSB
BSB:
For God did not send His Son into the world to condemn the world, but to save the world through Him.
18
GAX
«Ka Ilma isaatitti dhugeeffatutti hin murantu; ka isatti hin dhugeeffanne ammoo, waan inni Ilma Waaqaa tokkochatti hin dhugeeffatiniif, ammumaayyuu itti muranteerti.
BSB
BSB:
Whoever believes in Him is not condemned, but whoever does not believe has already been condemned, because he has not believed in the name of God’s one and only Son.
19
GAX
Muraalleen kunoo tana: Ifi gara biyya lafaa dhufe, namooti ammoo hujiin isaanii hantuu waan teeteef, ifa caalaa dukkana jaalatane.
BSB
BSB:
And this is the verdict: The Light has come into the world, but men loved the darkness rather than the Light because their deeds were evil.
20
GAX
Ka waan hantuu godhu marti ifa jibba; hujiin isaa hantuun akka hin mudhanneef gara ifaa hin dhufu.
BSB
BSB:
Everyone who does evil hates the Light, and does not come into the Light for fear that his deeds will be exposed.
21
GAX
Ka waan dhuga'aa godhu marti ammoo hujiin inni Waaqaaf ajajamiisaan huje san akka ifi mudhisuuf gara ifaa dhufa» jedheen.
BSB
BSB:
But whoever practices the truth comes into the Light, so that it may be seen clearly that what he has done has been accomplished in God.”
22
GAX
Kanaan duuba Yesuusii fi barattooti isaa gara lafa Yihuda'aa dhaqane; inni isaan woliin diqqoo achi bubbulee, kolbaalle cuuphe.
BSB
BSB:
After this, Jesus and His disciples went into the Judean countryside, where He spent some time with them and baptized.
23
GAX
Addee Enon jedhantu ta Saalemitti dhiko'oo, bisaan guddaan waan jiruuf Yohaannis achille'etti cuuphe. Kolbaalle gara isaa dhaqaa cuuphamaa turte.
BSB
BSB:
Now John was also baptizing at Aenon near Salim, because the water was plentiful there, and people kept coming to be baptized.
24
GAX
Yennaa san Yohaannis hidhamee hin jiru.
BSB
BSB:
(For John had not yet been thrown into prison.)
25
GAX
Barattooti Yohaannisii gariin marroo aadaa qulqulloomiisaa Yihudicha tokko woliin wol mormiisatti ka'ane.
BSB
BSB:
Then a dispute arose between John’s disciples and a certain Jew over the issue of ceremonial washing.
26
GAX
Maarre isaan gara Yohaannisii dhaqanee, «Barsiisa'a, namichi Yordaanosiin gamatti si woliin jiru, ka ati marroo isaa dhugaa baate, kunoo amma cuuphiisatti jira; nami marti gara isaa dhaqiisatti jira!» jedhanee itti himane.
BSB
BSB:
So John’s disciples came to him and said, “Look, Rabbi, the One who was with you beyond the Jordan, the One you testified about—He is baptizing, and everyone is going to Him.”
27
GAX
Yohaannis deebisee, «Waaqi yoo kenneef malee, eennulle waan tokkolle hin qabaatu.
BSB
BSB:
John replied, “A man can receive only what is given him from heaven.
28
GAX
‹Ani Kiristoosii moti; ammoo isaan dura ergameeraa› akka ani jedhe isinuu dhugaa tiyya.
BSB
BSB:
You yourselves can testify that I said, ‘I am not the Christ, but am sent ahead of Him.’
29
GAX
Ka waajibittii qabu waajibicha; jaalli waajibichaa, ka isa bira dhaabbatee qoonqoo isaa caqasu ammoo, yennaa qoonqoo waajibichaa dhage'u hin gammada. Gammadi sun kiyya; inni amma muummowe.
BSB
BSB:
The bride belongs to the bridegroom. The friend of the bridegroom stands and listens for him, and is overjoyed to hear the bridegroom’s voice. That joy is mine, and it is now complete.
30
GAX
Inni guddaa te'ee, ani diqqaa te'uu qaba.
BSB
BSB:
He must increase; I must decrease.
31
GAX
«Ka ol-gubba'aa dhufu mara caala. Ka lafa tanaa kama lafa tanaa ti; waan lafaalle dubbata; ka ol-gubba'aa dhufu ammoo mara caala.
BSB
BSB:
The One who comes from above is above all. The one who is from the earth belongs to the earth and speaks as one from the earth. The One who comes from heaven is above all.
32
GAX
Inni waan dhaggee fi waan dhage'e dhugaa baya; ammoo dhugaa baya isaa ka fudhatu hin jiru.
BSB
BSB:
He testifies to what He has seen and heard, yet no one accepts His testimony.
33
GAX
Nami dhugaa baya isaa fudhate ammoo, Waaqi dhugaammessa akka te'e kanaan mirkaneesse.
BSB
BSB:
Whoever accepts His testimony has certified that God is truthful.
34
GAX
Waaqi Ayyaana ifii safara male waan kennuuf, ka Waaqi erge dubbii Waaqaa dubbata.
BSB
BSB:
For the One whom God has sent speaks the words of God, for God gives the Spirit without limit.
35
GAX
Abbaan Ilma jaalata; waan maralle harka isaatitti kenneera.
BSB
BSB:
The Father loves the Son and has placed all things in His hands.
36
GAX
Ka Ilmatti dhugeeffatu mara jiruu bara baraa qaba; ka Ilma Waaqaatiif hin ajajanne ammoo mufii Waaqaa jala jiraata malee, jiruu hin qabaatu» jedhe.
BSB
BSB:
Whoever believes in the Son has eternal life. Whoever rejects the Son will not see life. Instead, the wrath of God remains on him.”
Chapter complete
You’ve read John 3
Chapter 3 of 21 in John
Up next
John 4
Read John 4
Back to John 2
Go Deeper
Commentary
What the commentators say on John 3
A question this chapter raises
How can a loving God send people to hell?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
John 2
John 3
John 4