Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.16.0
Skip to content
Opened
en
Loading
Today
Ask
Read
Journey
More
Loading
Loading chapter
Loading chapter
John
John
4
GAX
BSB
A
a
John 4
4
John
The book of signs
Guji Oromo Bible
Jesus
, person
Galilee
, place
Samaria
, place
Jacob
, person
Jerusalem
, place
Judea
, place
Joseph
, person
John
, person
3 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Yesuus Yohaannis caalaa barattoota akka dabalatiisatti jiruu fi cuuphiisatti jiru worri Fariisaayotaa dhage'ane.
BSB
BSB:
When Jesus realized that the Pharisees were aware He was gaining and baptizing more disciples than John
2
GAX
Te'uu malee, ka cuuphe barattoota isaa ti malee, Yesuusii moti.
BSB
BSB:
(although it was not Jesus who baptized, but His disciples),
3
GAX
Maarre Yesuus waan jedhamiisatti jiru yennaa dhage'e, biyya Yihuda'aa lakkisee deebi'ee gara Galiila'aa dhaqe.
BSB
BSB:
He left Judea and returned to Galilee.
4
GAX
Inni Yennaa achi dhaqu Samaariyaa keessa dabaruu qabaayyu.
BSB
BSB:
Now He had to pass through Samaria.
5
GAX
Maarre Samaariyaa keessatti inni gara qachaa Siikaar jedhamuu, ka fichaa Yaaqoob ilma ifii Yoseefiif kennetti dhikaatuu tokko dhufe.
BSB
BSB:
So He came to a town of Samaria called Sychar, near the plot of ground that Jacob had given to his son Joseph.
6
GAX
Boolli bisaanii ta Yaaqoobii achi jirtiiyyu; Yesuus ideemiisaan dadhabee boolla bisaanii bira tee'e. Yennaan sun orraa gara saatii jaa ti.
BSB
BSB:
Since Jacob’s well was there, Jesus, weary from His journey, sat down by the well. It was about the sixth hour.
7
GAX
Dubartiin Samaariya'aa takka bisaan woraabbatiisaaf yennaa dhutte, Yesuus isi'iin, «Bisaan uni'ii naa kenni!» jedheen.
BSB
BSB:
When a Samaritan woman came to draw water, Jesus said to her,
“Give Me a drink.”
8
GAX
Yennaa san barattooti isaa sagalee bitiisaaf gara qacha'aa dhaqaneeran.
BSB
BSB:
(His disciples had gone into the town to buy food.)
9
GAX
Dubartiin sun, «Ati nama Yihudi'ii teetee ana dubartii samaariya'aa attam bisaan uni'ii gaafatta?» jetteen. Yihudooti muduunu'uu fi qorii samaariyooti itti sooratanutti hin sooratanu.
BSB
BSB:
“You are a Jew,” said the woman. “How can You ask for a drink from me, a Samaritan woman?” (For Jews do not associate with Samaritans.)
10
GAX
Yesuus deebisee, «Kennansa Waaqaatii fi ka bisaan uni'ii si gaafatiisatti jiru kun eennu akka te'e adoo beettee jiraattee, atinuu silaa isa gaafattee, inni bisaan jiru'uu si'iif kennaayyu» jedhe.
BSB
BSB:
Jesus answered,
“If you knew the gift of God and who is asking you for a drink, you would have asked Him, and He would have given you living water.”
11
GAX
Dubartittiin, «Goottaa kiyya, ati waan ittiin woraabbattu hin qaddu; boollille qile'e; bisaan jiru'uu san eessaa fidda ree?
BSB
BSB:
“Sir,” the woman replied, “You have nothing to draw with and the well is deep. Where then will You get this living water?
12
GAX
Ati abbaa keenna Yaaqoob ka boolla tana nu'uuf kenne, ka innii fi ijoolleen isaa, horiin isaa maraayyuu keessaa unane, hin caaltaa?» jetteen.
BSB
BSB:
Are You greater than our father Jacob, who gave us this well and drank from it himself, as did his sons and his livestock?”
13
GAX
Yesuus deebisee, «Bisaan kana ka unu marti deebi'ee hin dheebota;
BSB
BSB:
Jesus said to her,
“Everyone who drinks this water will be thirsty again.
14
GAX
bisaan ani isaaf kennu ka unu ammoo ijjumaa deebi'ee hin dheebotu. Bisaan ani isaaf kennu sun isa keessatti madda jiruu bara baraa burqu te'a» jedhe.
BSB
BSB:
But whoever drinks the water I give him will never thirst. Indeed, the water I give him will become in him a fount of water springing up to eternal life.”
15
GAX
Dubartittiin, «Goottaa kiyya, akka ani ijjumaa hin dheebonnee fi bisaan woraabiisaaf akka ani as hin deebine, bisaan kana naaf kenni» jetteen.
BSB
BSB:
The woman said to Him, “Sir, give me this water so that I will not get thirsty and have to keep coming here to draw water.”
16
GAX
Yesuus, «Dhaqiitii, abbaa manaa keeti waamii koy» jedheen.
BSB
BSB:
Jesus told her,
“Go, call your husband and come back.”
17
GAX
Dubartittiin, «Ani abbaa manaa hin qabu» jetteen. Yesuus, « ‹Abbaa manaa hin qabu› jedhiis keeti dhuga'a.
BSB
BSB:
“I have no husband,” the woman replied. Jesus said to her,
“You are correct to say that you have no husband.
18
GAX
Ati nama shan heerumteerta; namichi ati amma woliin jirtu abbaa manaa keetii moti. Wonni ati jette dhuga'a» jedheen.
BSB
BSB:
In fact, you have had five husbands, and the man you now have is not your husband. You have spoken truthfully.”
19
GAX
Dubartittiin, «Goottaa kiyya, akka ati raagaa teete dhagga.
BSB
BSB:
“Sir,” the woman said, “I see that You are a prophet.
20
GAX
Abbootiin teenna gaara kana irratti Waaqa waaqonfatane; isin ammoo Yihudooti addeen Waaqa itti waaqonfannu Yerusaalem te'uu qaba jettan» jetteen.
BSB
BSB:
Our fathers worshiped on this mountain, but you Jews say that the place where one must worship is in Jerusalem.”
21
GAX
Yesuus, «Dubartii tana, gaara kana gubba'atti yookiin Yerusaalemitti yennaan kolbaan Abbaa hin waaqonfanne akka dhufaartu na dhugeeffadhu.
BSB
BSB:
“Believe Me, woman,”
Jesus replied,
“a time is coming when you will worship the Father neither on this mountain nor in Jerusalem.
22
GAX
Isin worri Samaariya'aa waan waaqonfattanu hin beettanu; nuuti ammoo Yihudooti fayyinni Yihudoota keessaa waan dhufuuf, waan waaqonfannu beenna.
BSB
BSB:
You worship what you do not know; we worship what we do know, for salvation is from the Jews.
23
GAX
Yennaan worri dhuga'aan waaqonfatu, Ayyaanaa fi dhuga'aan Abbaa waaqonfattu ammoo hin dhutti; ammumaayyuu dhutteerti. Inni worra akkas dhuga'aan isa waaqonfatanu barbaada.
BSB
BSB:
But a time is coming and has now come when the true worshipers will worship the Father in spirit and in truth, for the Father is seeking such as these to worship Him.
24
GAX
Waaqi Ayyaana; worri isa waaqonfatulle Ayyaanaa fi dhuga'aan isa waaqonfatuu qaba» jedheen.
BSB
BSB:
God is Spirit, and His worshipers must worship Him in spirit and in truth.”
25
GAX
Dubartittiin isaan, «Masiihiin Kiristoos jedhamu akka dhufu hin beeka; inni yennaa dhufe waan mara nu'utti hima» jetteen.
BSB
BSB:
The woman said, “I know that Messiah” (called Christ) “is coming. When He comes, He will explain everything to us.”
26
GAX
Yesuus deebisee, «Ani ka si woliin dubbatiisatti jiruuyyuu isa» jedheen.
BSB
BSB:
Jesus answered,
“I who speak to you am He.”
27
GAX
Yennuma san barattooti Yesuusii deebi'anee dhufane; Yesuus dubartii woliin dubbatiisatti jiruun dhagganee masoonfatane; ammoo isaan keessaa nami tokkolle, «Maan barbaadde?» yookiin, «Maaf isii woliin dubbatta?» ka jedhe hin jiru.
BSB
BSB:
Just then His disciples returned and were surprised that He was speaking with a woman. But no one asked Him, “What do You want from her?” or “Why are You talking with her?”
28
GAX
Achiin duuba dubartittiin okkotee ifii ta bisaanii achitti lakkittee, gara qacha'aa deebitee dhaxxee, kolba'aan,
BSB
BSB:
Then the woman left her water jar, went back into the town, and said to the people,
29
GAX
«Namicha waan ani godhe mara natti hime kowa'aatii ilaala'a. Inni Masiihii te'innaa?» jette.
BSB
BSB:
“Come, see a man who told me everything I ever did. Could this be the Christ?”
30
GAX
Maarre isaan qachaa keessaa bayanee gara Yesuusii yaa'ane.
BSB
BSB:
So they left the town and made their way toward Jesus.
31
GAX
Yennuma san keessatti barattooti, «Barsiisa'a, woy nyaadhu!» jedhanee isa kadhatane.
BSB
BSB:
Meanwhile the disciples urged Him, “Rabbi, eat something.”
32
GAX
Inni ammoo, «Ani sagalee nyaadhu ta isin hin beenne qaba» jedhe.
BSB
BSB:
But He told them,
“I have food to eat that you know nothing about.”
33
GAX
Maarre barattooti, «Nami woyii sagalee isaa fidee jiraatinaa?» jedhanee wol gagaafatane.
BSB
BSB:
So the disciples asked one another, “Could someone have brought Him food?”
34
GAX
Yesuus isaaniin, «Sagaleen tiyya, fedhii ka na ergee godhu'uu fi hujii isaa muummessu'u.
BSB
BSB:
Jesus explained,
“My food is to do the will of Him who sent Me and to finish His work.
35
GAX
Isin, ‹Ji'a afuritti hafeera; achiin duuba haammaan hin geetti› jettanii motii? Ani ammoo isinitti hima; me fichaa keessan miidhassa'aa ilaala'a; ammumaayyuu midhaan bilchaatee haamma'aaf geyeera!
BSB
BSB:
Do you not say, ‘There are still four months until the harvest’? I tell you, lift up your eyes and look at the fields, for they are ripe for harvest.
36
GAX
Worri haamu ammumaayyuu gatii fudhatiisatti jira; midhaalle jiruu bara baraatiif wolitti qabiisatti jira; kunille ka facaasuu fi ka haamu akka woliin gammaduuf te'a.
BSB
BSB:
Already the reaper draws his wages and gathers a crop for eternal life, so that the sower and the reaper may rejoice together.
37
GAX
Maarre mammaassi, ‹Tokko hin facaasa, kuun hin haama› jedhu dhuga'a.
BSB
BSB:
For in this case the saying ‘One sows and another reaps’ is true.
38
GAX
Ani waan hin elowin akka haammattanu isin erge; worri dhibiin elowee, isin eloo isaanii irraa bu'aa dhaggattane» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
I sent you to reap what you have not worked for; others have done the hard work, and now you have taken up their labor.”
39
GAX
Dubartittiin, «Waan ani godhe mara natti hime» jettee waan dhugaa baateef worri Samaariya'aa ka qachaa san keessaa hedduun isatti dhugeeffatane.
BSB
BSB:
Many of the Samaritans from that town believed in Jesus because of the woman’s testimony, “He told me everything I ever did.”
40
GAX
Maarre worri samaariya'aa yennaa gara isaa dhufane, isaan woliin akka turuuf isa gaafatanee, Yesuus guyyaa lamaan isaan woliin achi ture.
BSB
BSB:
So when the Samaritans came to Him, they asked Him to stay with them, and He stayed two days.
41
GAX
Sababa dubbii isaatiif namooti hedduun dhibiille dhugeeffatane;
BSB
BSB:
And many more believed because of His message.
42
GAX
isaan dubartitti'iin, «Yoona nuuti wonni dhugeeffannuuf, waan ati jette calla'aaf adoo hin te'in, nuutinuu isa dhageenneerra; inni dhugumaan fayyisaa biyya lafaa akka te'e beenneerra» jedhane.
BSB
BSB:
They said to the woman, “We now believe not only because of your words; we have heard for ourselves, and we know that this man truly is the Savior of the world.”
43
GAX
Guyyaa lamaan duuba, Yesuus ka'ee gara Galiila'aa dhaqe.
BSB
BSB:
After two days, Jesus left for Galilee.
44
GAX
Inninuu, «Raagaan tokko biyya ifiititti hin ulfaatu» jedheera.
BSB
BSB:
Now He Himself had testified that a prophet has no honor in his own hometown.
45
GAX
Worri Galiila'aa Jila Irra Dabaramaatiif gara Yerusaalemii dhaqaneeranuun, yennaa jilaa sanitti waan inni godhe mara waan dhagganeeranuuf, yennaa inni Galiilaa geye isa fudhatane.
BSB
BSB:
Yet when He arrived, the Galileans welcomed Him. They had seen all the great things He had done in Jerusalem at the feast, for they had gone there as well.
46
GAX
Achiin duuba Yesuus, addee bisaan gara daadhii woyni'ii itti jijjiire, gara qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessaa, deebi'ee dhaqe. Qondaalli mootumma'aa ka Qifirnaahoomitti ilmi isaa dhibameeru tokko achi jiraayyu.
BSB
BSB:
So once again He came to Cana in Galilee, where He had turned the water into wine. And there was a royal official whose son lay sick at Capernaum.
47
GAX
Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila'aa akka dhufeeru yennaa dhage'e, gara isaa dhaqee akka inni Qifirnaahoom deemee, ilma isaa ka dhibamee du'iisa geyeeru fayyisuuf isa gaafate.
BSB
BSB:
When he heard that Jesus had come from Judea to Galilee, he went and begged Him to come down and heal his son, who was about to die.
48
GAX
Yesuus isaan, «Isin bilbaasaa fi baasa dhaggittanu malee ijjumaa hin dhugeeffattanu» jedheen.
BSB
BSB:
Jesus said to him,
“Unless you people see signs and wonders, you will never believe.”
49
GAX
Qondaaltichi mootumma'aalle, «Goottaa kiyya, ilmi kiyya adoo hin du'in maganne'ee koy!» jedheen.
BSB
BSB:
“Sir,” the official said, “come down before my child dies.”
50
GAX
Yesuus isaan, «Gali; ilmi keeti hin jiraata!» jedheen. Namichille dubbii Yesuus dubbate dhugeeffatee deeme.
BSB
BSB:
“Go,”
said Jesus.
“Your son will live.”
The man took Jesus at His word and departed.
51
GAX
Adoo inni galiisatti jiruu, tajaajiltooti isaa karaa irratti dhagganee, ilmi isaa akka jiru itti himane.
BSB
BSB:
And while he was still on the way, his servants met him with the news that his boy was alive.
52
GAX
Inni saatii mucaan isaa itti goome isaan gaafatee jennaan, isaan, «Kalee saatii torbatti dhibeen nafa o'ittu sun isa lakkitte» jedhanee deebisane.
BSB
BSB:
So he inquired as to the hour when his son had recovered, and they told him, “The fever left him yesterday at the seventh hour.”
53
GAX
Achiin duuba abbaan muca'aa saatii Yesuus, «Ilmi keeti hin jiraata» jedhetti akka teete hubate. Tanaaf innii fi maatiin isaa maraa dhugeeffatane.
BSB
BSB:
Then the father realized that this was the very hour in which Jesus had told him,
“Your son will live.”
And he and all his household believed.
54
GAX
Bilbaasi kun ka Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila'aa deebi'ee dhufee, lammeessoo huje.
BSB
BSB:
This was now the second sign that Jesus performed after coming from Judea into Galilee.
Chapter complete
You’ve read John 4
Chapter 4 of 21 in John
Up next
John 5
Read John 5
Back to John 3
Go Deeper
Commentary
What the commentators say on John 4
A question this chapter raises
Isn’t the New Testament antisemitic?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
John 3
John 4
John 5