Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.3.3
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Luke
Luke
11
GAX
BSB
A
a
Luke 11
11
Luke
The journey to Jerusalem
Guji Oromo Bible
Jonah
, person
Solomon
, person
John
, person
Nineveh
, place
South
, place
Queen of Sheba
, person
Abel
, person
Zechariah
, person
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Gaafa tokko Yesuus addee takkatti daadimatiisatti jiraayyu; yennaa inni daadimatee ka'e, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Gootta'a, Yohaannis barattoota ifii daadimatiisa akkuma barsiise, atille daadimatiisa nu barsiisi» jedhe.
BSB
BSB:
One day in a place where Jesus had just finished praying, one of His disciples requested, “Lord, teach us to pray, just as John taught his disciples.”
2
GAX
Yesuus isaaniin, «Yennaa daadimattanu tana jedha'a: «‹Abbaa keenna,
ka ol-gubbaa jirtu
Maqaan keeti woyyoomu; Mootummaan teeti dhuttu.
Fedhiin teeti akkuma ol-gubba'atti teete, lafa irralle'etti teetuu.
BSB
BSB:
So Jesus told them,
“When you pray, say: ‘Father, hallowed be Your name. Your kingdom come.
3
GAX
Sagalee nuu barbaachittu guyyuma guyya'aan nuu kenni.
BSB
BSB:
Give us each day our daily bread.
4
GAX
Akkuma nuuti worra nu yakkuuf araarannu, cubbuu teenna nuu araarami;
hantuu irraa nu eegi malee
, ataabe'etti nu hin galchin!› jedha'a» jedhe.
BSB
BSB:
And forgive us our sins, for we also forgive everyone who sins against us. And lead us not into temptation.’”
5
GAX
Achiin duuba Yesuus ede'ee «Isin keessaa nami tokko lansa yoo qabaate, halkan wodhakkaa gara lansa ifii dhaqee ‹Lansa kiyya, daabboo xaltaa sad naa liqeessi.
BSB
BSB:
Then Jesus said to them,
“Suppose one of you goes to his friend at midnight and says, ‘Friend, lend me three loaves of bread,
6
GAX
Lansi kiyya karaa deemaa ammuma tana natti goree waan itti kennu dhabeera› yoo jedheen,
BSB
BSB:
because a friend of mine has come to me on a journey, and I have nothing to set before him.’
7
GAX
lansi isaa sun mana keessa tee'ee, isaan ‹Ana hin rakkisin! Balbalti cufantee, ijoolleen tiyyalle na woliin taqee irra ratteerti. Ani ka'ee womaa si'iif kenniisa hin dande'u› hin jedhaa?
BSB
BSB:
And suppose the one inside answers, ‘Do not bother me. My door is already shut, and my children and I are in bed. I cannot get up to give you anything.’
8
GAX
Ani isinitti hima, lansa isaa waan te'eef ka'ee womaa isaaf kennuu dhabulle, adoo hin fokkifatin itti deddeebisee waan isa kadhateef, ka'ee waan isaa barbaachisu mara hin kenna.
BSB
BSB:
I tell you, even though he will not get up to provide for him because of his friendship, yet because of the man’s persistence, he will get up and give him as much as he needs.
9
GAX
«Maarre ani isiniin jedha: gaafadha'a isiniif hin kennanti; barbaada'a hin dhaggattani; dhodhowa'a balbalti isiniif hin bananti.
BSB
BSB:
So I tell you: Ask, and it will be given to you; seek, and you will find; knock, and the door will be opened to you.
10
GAX
Ka gaafatu maraa hin fudhata; ka barbaadu maraa hin dhaggata; ka dhodhowu maraaf balbalti hin bananti.
BSB
BSB:
For everyone who asks receives; he who seeks finds; and to him who knocks, the door will be opened.
11
GAX
Isin keessaa abbaa ka te'e, ilmi isaa
daabboo yoo gaafate dhakaa ka kennuuf eennu?
Qurxummii yoo gaafate dhudhuufaa ka kennuuf eennu?
BSB
BSB:
What father among you, if his son asks for a fish, will give him a snake instead?
12
GAX
Yookiin yoo inni quuphaa gaafate qaajjibbuu hin kennaafii?
BSB
BSB:
Or if he asks for an egg, will give him a scorpion?
13
GAX
Isin adoo hamoota teetanuu, waan dansaa ijoollee teessaniif kenniisa yoo beettane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee worra isa gaafatuuf Ayyaana Woyyicha kennuu dhaba!» jedhe.
BSB
BSB:
So if you who are evil know how to give good gifts to your children, how much more will your Father in heaven give the Holy Spirit to those who ask Him!”
14
GAX
Yesuus durriisa duudaa tokko baase. Yennaa durriisi baye, namichi dubbatiisa jalqabe; namootille baaseffatane.
BSB
BSB:
One day Jesus was driving out a demon that was mute. And when the demon was gone, the man who had been mute spoke. The crowds were amazed,
15
GAX
Namooti gariin ammoo, «Inni hunna Bi'el Zebulii mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» jedhane.
BSB
BSB:
but some of them said, “It is by Beelzebul, the prince of the demons, that He drives out demons.”
16
GAX
Worri dhibiin Yesuus haga ilaaliisaaf barbaadanee, beessisa tokko ol-gubbaa irraa akka isaanitti mudhisu gaafatan.
BSB
BSB:
And others tested Him by demanding a sign from heaven.
17
GAX
Yesuus ammoo waan isaan yaadatane beekee, isaaniin, «Mootummaan takka wol mormitee yoo gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin baddi; maatiin takka yoo gargar ifi qoodde, manni sun hin diigama.
BSB
BSB:
Knowing their thoughts, Jesus said to them,
“Every kingdom divided against itself will be laid waste, and a house divided against a house will fall.
18
GAX
Maarre Seexanni wol mormee yoo gargar ifi qoode, mootummaan isaa attamiin dhaabbatuu dandeetti? Waan isin anaan, ‹Inni hunna Bi'el Zebuliitiin durriisota baasa› jettaneef tana jedhe.
BSB
BSB:
If Satan is divided against himself, how can his kingdom stand? After all, you say that I drive out demons by Beelzebul.
19
GAX
Yoo ani hunna Bi'el Zebuliitiin isaan baase, ijoolleen teessan eennuun baasan? Tanaaf ijoolleen teessanuu isinitti murti.
BSB
BSB:
And if I drive out demons by Beelzebul, by whom do your sons drive them out? So then, they will be your judges.
20
GAX
Yoo ani hunna Waaqaatiin durriisota ka baasu te'ee, akka mootummaan Waaqaa gara keessan dhutteertu beeka'a.
BSB
BSB:
But if I drive out demons by the finger of God, then the kingdom of God has come upon you.
21
GAX
«Nami jabaan tokko, meya woraanaa mara hidhatee, mana ifii yennaa eeggatu, qabeenni isaa marti hin eegamaaf.
BSB
BSB:
When a strong man, fully armed, guards his house, his possessions are secure.
22
GAX
Ammoo ka isa caalaa jabaatu yennaa isa lolee injifate, meya lolaa ka inni addatu maraayyuu irraa fudhata, karra dannabe sanille hin qooda.
BSB
BSB:
But when someone stronger attacks and overpowers him, he takes away the armor in which the man trusted, and then he divides up his plunder.
23
GAX
Eennulle ka golii tiyya hin te'in na morma; eennulle ka na woliin wolitti hin qanne hin bittinneessa.
BSB
BSB:
He who is not with Me is against Me, and he who does not gather with Me scatters.
24
GAX
«Ayyaanni hamaan nama keessaa yennaa bawu, addee itti foorfatu barbaadatiisaaf, lafa bisaan hin jirre keessa deddeebi'a; addee barbaadatee yoo dhagguu dhabe, ‹Mana kiyya ka keessaa bayetti deebi'a› jedha.
BSB
BSB:
When an unclean spirit comes out of a man, it passes through arid places seeking rest and does not find it. Then it says, ‘I will return to the house I left.’
25
GAX
Yennaa deebi'u, manni haxowamee qulqulloweeruun dhagga.
BSB
BSB:
On its return, it finds the house swept clean and put in order.
26
GAX
Achiin duuba ayyaanota hamoota torba ka isa caalaa hamaa te'ane dhaqee fida; isaanille dhufanee achi le'an. Jireenni namichaa ka duubaa ka duraa caalaa ka hammaate te'a» jedhe.
BSB
BSB:
Then it goes and brings seven other spirits more wicked than itself, and they go in and dwell there. And the final plight of that man is worse than the first.”
27
GAX
Yesuus adoo tana dubbatiisatti jiruu, gumii keessaa dubartiin takka qoonqoo ol qabattee, «Gadaamessi si ba'atee fi harmi ati hoote ka badhaadhane» jette.
BSB
BSB:
As Jesus was saying these things, a woman in the crowd raised her voice and said, “Blessed is the womb that bore You, and blessed are the breasts that nursed You!”
28
GAX
Inni ammoo deebisee, «Worri jecha Waaqaa dhage'ee ajajamuuf caalaa ka badhaadhe!» jedhe.
BSB
BSB:
But He replied,
“Blessed rather are those who hear the word of God and obey it.”
29
GAX
Kolbaan hedduun gara isaa dachaateertuun, Yesuus, «Dhalooti kun dhaloota hama'a; isaan beessisa gaafatan, ammoo beessisa Yoonaasii raagichaa malee ka dhibiin tokkolle hin kennamuuf.
BSB
BSB:
As the crowds were increasing, Jesus said,
“This is a wicked generation. It demands a sign, but none will be given it except the sign of Jonah.
30
GAX
Raagichi Yoonaas kolbaa Nanawwe'eetiif beessisa akka te'e ilmi namaalle dhaloota adhaa kanaaf beessisa hin te'a.
BSB
BSB:
For as Jonah was a sign to the Ninevites, so the Son of Man will be a sign to this generation.
31
GAX
Mootittiin kibbaa guyyaa mura'aa dhaloota adhaa kana woliin kaatee, isaanitti hin murti. Isiin qaccee biyya lafaatii qaruu Solomoonii caqasiisaaf dhutte; amma kunoo ka Solomoon caalu as jira.
BSB
BSB:
The Queen of the South will rise at the judgment with the men of this generation and condemn them; for she came from the ends of the earth to hear the wisdom of Solomon, and now One greater than Solomon is here.
32
GAX
Kolbaan qachaa Nanawwe'ee guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee isinitti hin murti; kolbaan Nanawwe'ee lallaba Yoonaasii dhageettee cubbuu irraa deebiteerti. Kunoo ka Yoonaas caalu as jira.
BSB
BSB:
The men of Nineveh will stand at the judgment with this generation and condemn it; for they repented at the preaching of Jonah, and now One greater than Jonah is here.
33
GAX
«Eennulle ifa issee, addee hin mudhannetti yookiin qorii jala ka keyu hin jiru; namooti yennaa mana seenanu akka dhagganu addee mudhatu keya.
BSB
BSB:
No one lights a lamp and puts it in a cellar or under a basket. Instead, he sets it on a stand, so those who enter can see the light.
34
GAX
Ilti teeti ifa nafa keetii ti; ilti teeti fayyaa yoo teete, nafi keeti duudiin ifaa te'a; ammoo ilti teeti dhukkudduu yoo teete nafi keeti duudiin dukkanowaa te'a.
BSB
BSB:
Your eye is the lamp of your body. When your eyes are good, your whole body also is full of light. But when they are bad, your body is full of darkness.
35
GAX
Tanaaf ifi si keessa jiru akka hin dukkanoonne ifi eegadhu.
BSB
BSB:
Be careful, then, that the light within you is not darkness.
36
GAX
Nafi keeti duudiin ifa yoo qabaate, maddiin takkaalle dukkana keessa yoo hin jiraatin, akkuma yennaa ifi ifa ifii sitti issu te'u, nafi keeti duudiin ifaalessa te'a» jedhe.
BSB
BSB:
So if your whole body is full of light, with no part of it in darkness, you will be radiant, as though a lamp were shining on you.”
37
GAX
Yesuus yennaa dubbatee ka'e, Fariisaayichi tokko sagalee nyaatiisaaf gara mana ifii isa waame; maarre inni nyaatiisaaf gara mana isaa dhaqee tee'e.
BSB
BSB:
As Jesus was speaking, a Pharisee invited Him to dine with him; so He went in and reclined at the table.
38
GAX
Fariisaayichi sun Yesuus adoo harka hin dhiqatin nyaataaf akka tee'e yennaa dhagge maalalfate.
BSB
BSB:
But the Pharisee was surprised to see that Jesus did not first wash before the meal.
39
GAX
Maarre Goottaan isaan, «Isin Fariisaayoti muduunuu itti untanuu fi qorii itti nyaattanu gubbaa qulleessitan, keessi keessan ammoo joljolumma'aa fi hammeennaan guutameera.
BSB
BSB:
Then the Lord said,
“Now you Pharisees clean the outside of the cup and dish, but inside you are full of greed and wickedness.
40
GAX
Gowwoole'e! Waaqi gubbaa dade keessa hin dannee?
BSB
BSB:
You fools! Did not the One who made the outside make the inside as well?
41
GAX
Ammoo waan muduunu'uu fi qorii keessa jiru hiyyeeyyi'iif kenna'a, wonni duudiille isiniif hin qulqulloonti.
BSB
BSB:
But give as alms the things that are within you, and behold, everything will be clean for you.
42
GAX
«Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin ashuuda'aa fi sugattee irraa, akkasuma waan ficha'atti dhaabattane duudii irraa kudhan keessaa tokko Waaqaaf kennitan, dhuga'aa fi jaalala waaqaa ammoo hin lakkittan. San adoo gootanuu tanalle worra dhibi'iif godhiisa lakkisuu hin malle.
BSB
BSB:
Woe to you Pharisees! For you pay tithes of mint, rue, and every herb, but you disregard justice and the love of God. You should have practiced the latter without neglecting the former.
43
GAX
Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa ulfinnaa, addee dikko'ootille'etti nageya ulfinnaa akka isin fuudhanu jaalattan.
BSB
BSB:
Woe to you Pharisees! For you love the chief seats in the synagogues and the greetings in the marketplaces.
44
GAX
Isin irreensa beessisa hin qanne ka namooti adoo hin beekin irra deemanu waan fakkaattanuuf isiniif aanne'e!» jedhe.
BSB
BSB:
Woe to you! For you are like unmarked graves, which men walk over without even noticing.”
45
GAX
Beekaan Seera Muuse'ee tokko, «Barsiisaa, ati yennaa tana dubbattu be nu'ulle arrassaarta» jedheen.
BSB
BSB:
One of the experts in the law told Him, “Teacher, when You say these things, You insult us as well.”
46
GAX
Yesuus deebisee, «Isin beekkolee Seera Muuse'eetiif aanne'e! Isin ba'aa ulfaattuu dudda kolba'aatitti feetan, ifii ammoo quballe'een hin tuxxanu.
BSB
BSB:
“Woe to you as well, experts in the law!”
He replied.
“For you weigh men down with heavy burdens, but you yourselves will not lift a finger to lighten their load.
47
GAX
Isin raagota abbootiin teessan ijjeetteef irreensa waan ijaartanuuf, isiniif aanne'e!
BSB
BSB:
Woe to you! For you build tombs for the prophets, but it was your fathers who killed them.
48
GAX
Isin waan abbootiin teessan hujjetti wolii galtane; isaan raagota ijjeesanee, isin irreensa isaanii ijaartanee mirkaneessitane.
BSB
BSB:
So you are witnesses consenting to the deeds of your fathers: They killed the prophets, and you build their tombs.
49
GAX
Marroo tanaaf beekkumsi Waaqaa, ‹Ani raagotaa fi ergantoota isaanitti erga; isaan garii hin ijjeesan kaan hin ari'an› jedha.
BSB
BSB:
Because of this, the wisdom of God said, ‘I will send them prophets and apostles; some of them they will kill and others they will persecute.’
50
GAX
Maarre haga latti dadanteen jalqabee dhiiga raagota maraa ka jigeef dhalooti kun hin gaafatama.
BSB
BSB:
As a result, this generation will be charged with the blood of all the prophets that has been shed since the foundation of the world,
51
GAX
Dhiiga Abeeliitiin jalqabee haga dhiiga Zakaariyaasii wodhakkaa addee ciinca'aatii fi Galma Waaqaatitti ijjeesanee, ani dhugumaan isinitti hima, dhiiga isaan maraatiif dhalooti kun hin gaafatama.
BSB
BSB:
from the blood of Abel to the blood of Zechariah, who was killed between the altar and the sanctuary. Yes, I tell you, all of it will be charged to this generation.
52
GAX
Isin beekkoleen Seera Muuse'ee, furtuu balbala beekkumsaa kolbaa duraa waan fuutaneertanuuf, isiniif aanne'e! Isin ifiif hin seenne, worra seeniisaaf barbaadulle hin dhooggitan» jedhe.
BSB
BSB:
Woe to you experts in the law! For you have taken away the key to knowledge. You yourselves have not entered, and you have hindered those who were entering.”
53
GAX
Yesuus yennaa achii deeme, barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti guddoo moromanee, gaaffii marroo waan heddu'uu isa gaafatanee,
BSB
BSB:
As Jesus went on from there, the scribes and Pharisees began to oppose Him bitterly and to ply Him with questions about many things,
54
GAX
dubbii inni dubbatuun isa qabiisaaf gaadane.
BSB
BSB:
waiting to catch Him in something He might say.
Chapter complete
You’ve read Luke 11
Chapter 11 of 24 in Luke
Up next
Luke 12
Read Luke 12
Back to Luke 10
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Luke 11
A question this chapter raises
Did Jesus really do miracles?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Luke 10
Luke 11
Luke 12