Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.3.3
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Luke
Luke
12
GAX
BSB
A
a
Luke 12
12
Luke
The journey to Jerusalem
Guji Oromo Bible
Solomon
, person
Peter
, person
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Yennaa san gumiin kuma heddu'utti laakkowantu haga wol irra i'ijjattutti yennaa wolitti qabante, Yesuus dursee barattoota ifiitiin, «Uukoo worra Fariisaayotaa, jechuun kijiba isaanii irraa ifi eegadha'a.
BSB
BSB:
In the meantime, a crowd of many thousands had gathered, so that they were trampling one another. Jesus began to speak first to His disciples:
“Beware of the leaven of the Pharisees, which is hypocrisy.
2
GAX
Wonni gollaa jiru maraa hin mudhata, wonni dhossaa jiru maraa hin beekkama.
BSB
BSB:
There is nothing concealed that will not be disclosed, and nothing hidden that will not be made known.
3
GAX
Tanaaf wonni isin dukkana keessatti dubbattane, ifa guyya'aatitti bayee hin dhage'ama, wonni isin diinqa cufamaa keessatti qofuu haasottane guutuu manaa irratti hin lallabama» jedhe.
BSB
BSB:
What you have spoken in the dark will be heard in the daylight, and what you have whispered in the inner rooms will be proclaimed from the housetops.
4
GAX
«Jaalota tiyya, ani isinitti hima; worra isin ijjeesee ammoo waan badduu dhibii tana caalaa hujuu hin dandeenne hin sodaatina'a.
BSB
BSB:
I tell you, My friends, do not be afraid of those who kill the body and after that can do no more.
5
GAX
Ani ka sodaatiisaa maltane isinitti mudhisa: Ka ijjeeseen duuba, ibidda bara baraatitti gatiisaaf baallii qabu, Waaqa sodaadha'a. Ee, ani isinitti hima isa callaa sodaadha'a!
BSB
BSB:
But I will show you whom you should fear: Fear the One who, after you have been killed, has authority to throw you into hell. Yes, I tell you, fear Him!
6
GAX
«Sinbirrooti didiqqoon shanan saantimii lamaanitti gurgurantii motii? Te'uu malee isaan san keessaa takkattiin Waaqa duratti dedhantee hin jirtu.
BSB
BSB:
Are not five sparrows sold for two pennies? Yet not one of them is forgotten by God.
7
GAX
Rifeensi mataa keessaniituu maraa laakkowameera. Maarre hin sodaatina'a; isin sinbirroota didiqqoo san caalaa gatii guddoo qaddan.
BSB
BSB:
And even the very hairs of your head are all numbered. So do not be afraid; you are worth more than many sparrows.
8
GAX
«Ani isinitti hima, eennulle nama dhibii duratti ka naaf dhugaa bayu, Ilmi Namaalle ergantoota Waaqaa duratti akkasuma isaaf dhugaa baya.
BSB
BSB:
I tell you, everyone who confesses Me before men, the Son of Man will also confess him before the angels of God.
9
GAX
Ammoo nama duratti ka na mormatu, ergantoota Waaqaa duratti hin mormatama.
BSB
BSB:
But whoever denies Me before men will be denied before the angels of God.
10
GAX
Eennulle Ilma Namaa mormee dubbii ka dubbatu araara hin dhaggata; ammoo eennulle Ayyaana Woyyicha mormee ka faanshessu araara hin dhaggatu.
BSB
BSB:
And everyone who speaks a word against the Son of Man will be forgiven, but whoever blasphemes against the Holy Spirit will not be forgiven.
11
GAX
«Yennaa isaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaatitti, bulchitoota fi worra baallii qabu duratti, murti'iif isin geessane, attam akka falmattanu yookiin maan akka dubbattanu hin yaadina'a.
BSB
BSB:
When you are brought before synagogues, rulers, and authorities, do not worry about how to defend yourselves or what to say.
12
GAX
Yennuma san Ayyaanni Woyyichi waan isin dubbatu'uuf maltane isin barsiisa» jedhe.
BSB
BSB:
For at that time the Holy Spirit will teach you what you should say.”
13
GAX
Gumii keessaa nami tokko, Yesuusiin, «Barsiisa'a, dhaala abbaa keennaa, akka naaf qoodu obboleessa kiyyatti himi» jedheen.
BSB
BSB:
Someone in the crowd said to Him, “Teacher, tell my brother to divide the inheritance with me.”
14
GAX
Yesuus deebisee, «Jaali, akka ani isin irratti abbaa mura'aa yookiin qoodduu dhaalaa te'u eentu na fowe?» jedhe.
BSB
BSB:
But Jesus replied,
“Man, who appointed Me judge or executor between you?”
15
GAX
Itti aansee inni isaan maraanuu, «Jireenni namaa baceenna karraatiinii moti; tanaaf ilaalladha'a, joljolummaa maraa irraa ifi eegadha'a» jedhe.
BSB
BSB:
And He said to them,
“Watch out! Guard yourselves against every form of greed, for one’s life does not consist in the abundance of his possessions.”
16
GAX
Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, «Namichi dureessi ka fichaa midhaan hedduu baase qabu tokko jira.
BSB
BSB:
Then He told them a parable:
“The ground of a certain rich man produced an abundance.
17
GAX
Inni ‹Addee midhaan kiyya kana mara itti galchu hin qabu. Maan godha?› jedhee yaadate.
BSB
BSB:
So he thought to himself, ‘What shall I do, since I have nowhere to store my crops?’
18
GAX
‹Akkana godha› ifiin jedhe; ‹Gootaraa kiyya maraa diigee ka dhibii gugurdaa ijaara, achitti midhaan kiyyaa fi meya kiyya ka dhibii maralle galfadha.
BSB
BSB:
Then he said, ‘This is what I will do: I will tear down my barns and will build bigger ones, and there I will store up all my grain and my goods.
19
GAX
Achiin duuba ani ifiin, Waan dansaa woggaa heddu'uuf sii barbaachisu mara hin qadda; foorfadhu, nyaadhu, uni, ifi gammachiisi!› jedha.
BSB
BSB:
Then I will say to myself, “You have plenty of good things laid up for many years. Take it easy. Eat, drink, and be merry!”’
20
GAX
Waaqi ammoo isaan, ‹Ati gowwa'a! Edanuma tana lubbuun teeti fudhatanti; waan ati ifiif kuufatteertu kana mara eentu fudhata?› jedhe.
BSB
BSB:
But God said to him, ‘You fool! This very night your life will be required of you. Then who will own what you have accumulated?’
21
GAX
«Nami lafa tana irratti ifiif karra kuufatu, Waaqa duratti ammoo ka dureessa hin te'in akkasuma te'a» jedhe.
BSB
BSB:
This is how it will be for anyone who stores up treasure for himself but is not rich toward God.”
22
GAX
Yesuus barattoota ifiitiin, «Maarre ani isinitti hima, jireenna keessaniif maan nyaanna yookiin nafa keessanitti maan uffanna jettanee hin yaadina'a.
BSB
BSB:
Then Jesus said to His disciples,
“Therefore I tell you, do not worry about your life, what you will eat, or about your body, what you will wear.
23
GAX
Jireenni nyaata caalaa, nafi woyaa caalaa guddoo barbaachisa'a.
BSB
BSB:
For life is more than food, and the body more than clothes.
24
GAX
Me harraaqessoota ilaala'a: isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee hin galchanu; addee midhaan itti galchanu yookiin gootaraa hin qabanu; Waaqi isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota caaltan!
BSB
BSB:
Consider the ravens: They do not sow or reap, they have no storehouse or barn; yet God feeds them. How much more valuable you are than the birds!
25
GAX
Isin keessaa nami tokko haga fedhe itti yaadee le'ii ifii diqqumalle ka dheereffatuu dande'u eennu?
BSB
BSB:
Who of you by worrying can add a single hour to his life?
26
GAX
Yoo waan diqqoo akkanaa kanaayyuu dandeettanee hin goone, maaf marroo waan dhibi'iitiif yaaddan ree?
BSB
BSB:
So if you cannot do such a small thing, why do you worry about the rest?
27
GAX
Daraaroti attam akka guddatanu ilaala'a: Isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu. Ammoo ani isinitti hima, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan woyaa akka daraarota sanii dansittii hin uffanne.
BSB
BSB:
Consider how the lilies grow: They do not labor or spin. Yet I tell you, not even Solomon in all his glory was adorned like one of these.
28
GAX
Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas seesee itti uffise, isin fa'a attam caalchisee uffisuu dhaba. E, isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo!
BSB
BSB:
If that is how God clothes the grass of the field, which is here today and tomorrow is thrown into the furnace, how much more will He clothe you, O you of little faith!
29
GAX
«Tanaaf ‹Maan nyaanna? Maan unna?› jedhaa yaadaan hin rakkatina'a.
BSB
BSB:
And do not be concerned about what you will eat or drink. Do not worry about it.
30
GAX
Kolbaan lafa tanaalle waan kana dhaggatiisaaf itti yaadaa rakkatti. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba'aa hin beeka.
BSB
BSB:
For the Gentiles of the world strive after all these things, and your Father knows that you need them.
31
GAX
Addee tanaa, mootummaa Waaqaa barbaada'a, tun marti isiniif hin dabalanti.
BSB
BSB:
But seek His kingdom, and these things will be added unto you.
32
GAX
«Gumii diqqo'o, Abbaan keessan mootummaa ifii isinii kenniisaaf waan jaalateeruuf, hin sodaatina'a.
BSB
BSB:
Do not be afraid, little flock, for your Father is pleased to give you the kingdom.
33
GAX
Waan qaddanu mara gurgura'aatii beesee worra hiyyeeyyi'iif kenna'a. Subba beese'ee ka hin dulloonne qopheeffadha'aatii beesee teessan addee hattuun hin dhaqqannee fi biliin hin balleessine ol-gubba'atti maffadha'a.
BSB
BSB:
Sell your possessions and give to the poor. Provide yourselves with purses that will not wear out, an inexhaustible treasure in heaven, where no thief approaches and no moth destroys.
34
GAX
Addee beeseen teessan jirtu gadhaan keessanille hin jiraata» jedhe.
BSB
BSB:
For where your treasure is, there your heart will be also.
35
GAX
Yesuus itti aansee, «Huji'iif hidhadha'aatii qophowa'a, ifa keessanille iffadha'a!
BSB
BSB:
Be dressed for service and keep your lamps burning.
36
GAX
Tajaajiltoota goottaan isaanii jila fuudhaatii deebi'u eegatanu fakkaadha'a. Yennaa inni dhufee balbala dhodhowe, isaan yoosuma hin banan.
BSB
BSB:
Then you will be like servants waiting for their master to return from the wedding banquet, so that when he comes and knocks, they can open the door for him at once.
37
GAX
Tajaajiltooti goottaan isaanii yennaa deebi'u dammaqaneeranuun dhaggu, ka eebbifamane. Ani dhugumaan isiniin jedha, inni woyaa ifii caccaffatee, addee nyaataa isaan teessisee hin areera.
BSB
BSB:
Blessed are those servants whom the master finds on watch when he returns. Truly I tell you, he will dress himself to serve and will have them recline at the table, and he himself will come and wait on them.
38
GAX
Halkan wodhakkaa yookiin fuullee bari'ii yoo dhufelle, worri qophowaneeranuun inni dhaggu ka eebbifamane!
BSB
BSB:
Even if he comes in the second or third watch of the night and finds them alert, those servants will be blessed.
39
GAX
Ammoo tana beeka'a: abbaan manaa saatii hattuun itti dhuttu adoo beekee, hattuun mana isaa cassitee akka seentuuf hin lakkisu.
BSB
BSB:
But understand this: If the homeowner had known at what hour the thief was coming, he would not have let his house be broken into.
40
GAX
Ilmi Namaalle saatii isin isa hin eennetti waan dhufuuf, isinille qophowa'aatii eegadha'a!» jedhe.
BSB
BSB:
You also must be ready, because the Son of Man will come at an hour you do not expect.”
41
GAX
Pheexroos, «Gootta'a, mammaassa kana nu'uuf dubbatta moo yookiin nama maraafuu?» jedhee gaafate.
BSB
BSB:
“Lord,” said Peter, “are You addressing this parable to us, or to everyone else as well?”
42
GAX
Goottaan deebisee, «Tajaajilaan addatama'aa fi qaroon, ka goottaan isaa akka inni maatii isaa sirri'itti bulchuu fi tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna'aan akka kennuuf itti gaafatamummaa kennu kam ree?
BSB
BSB:
And the Lord answered,
“Who then is the faithful and wise manager, whom the master puts in charge of his servants to give them their portion at the proper time?
43
GAX
Tajaajilaan goottaan isaa yennaa deebi'ee dhufu akkanuma hojjatiisatti jiruun dhaggu sun ka eebbifame!
BSB
BSB:
Blessed is that servant whose master finds him doing so when he returns.
44
GAX
Dhugumaan isiniin jedha, goottaan tajaajilaa san karra ifii mara irratti itti gaafatamaa hin godha.
BSB
BSB:
Truly I tell you, he will put him in charge of all his possessions.
45
GAX
Ammoo tajaajilaan sun, ‹Goottaan kiyya dafee hin dhufu hin tura› jedhee yaadatee, nyaataa unaa, machowaa tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii dhaaniisatti yoo ka'e,
BSB
BSB:
But suppose that servant says in his heart, ‘My master will be a long time in coming,’ and he begins to beat the menservants and maidservants, and to eat and drink and get drunk.
46
GAX
goottaan isaa guyyaa inni hin eennee fi saatii inni hin beennetti deebi'ee hin dhufa, isa hin ciccira, qooda isaalle worra hin dhugeeffanne woliin godha.
BSB
BSB:
The master of that servant will come on a day he does not expect and at an hour he does not anticipate. Then he will cut him to pieces and assign him a place with the unbelievers.
47
GAX
«Fedhii goottaa ifii adoo beekuu tajaajilaan hin qopheeffanne, yookiin ajaja goottaa ifii hin muummessine akka malee hin dhaanama.
BSB
BSB:
That servant who knows his master’s will but does not get ready or follow his instructions will be beaten with many blows.
48
GAX
Ammoo tajaajilaan fedhii goottaa ifii beekuu dhabiisaan, waan isa dhaansisu yoo huje, diqquma dhaanama. Nama wonni guddoon itti kennante irraa waan guddo'otti barbaadama; nama maganneen guddoon itti kennante irraa ka caalu hin barbaadama» jedhe.
BSB
BSB:
But the one who unknowingly does things worthy of punishment will be beaten with few blows. From everyone who has been given much, much will be required; and from him who has been entrusted with much, even more will be demanded.
49
GAX
«Ani ibidda lafatti buusiisaaf dhufe, adoo duruu bobeeffamee jiraate ani attam halchaayyu!
BSB
BSB:
I have come to ignite a fire on the earth, and how I wish it were already kindled!
50
GAX
Ani cuuphama cuuphamaaru tokko qaba, haga inni muummowutti ani attam rakkadha!
BSB
BSB:
But I have a baptism to undergo, and how distressed I am until it is accomplished!
51
GAX
Biyya lafaatiif nageya buusiisaaf waan dhufe na seetanii? Waawwoo, gargar bayiisa malee nageyaa moti.
BSB
BSB:
Do you think that I have come to bring peace to the earth? No, I tell you, but division.
52
GAX
Ammaa jalqabanee maatiin mana tokkoo shanan, sadiin lamaaniin wol mormanee lamaan sadiiniin wol mormanee gargar hin bayan.
BSB
BSB:
From now on, five in one household will be divided, three against two and two against three.
53
GAX
Abbootiin ijoollee ifii, ijoolleen abbootii ifii, haati intala ifii, intaltille haadha ifii, haati sodda'aa niitii ilma isi'ii, niitiin ilma isi'ii haadha sodda'aa woliin mormanee gargar bayan» jedhe.
BSB
BSB:
They will be divided, father against son and son against father, mother against daughter and daughter against mother, mother-in-law against daughter-in-law and daughter-in-law against mother-in-law.”
54
GAX
Yesuus kolba'aan, «Isin yennaa duumensi karaa aduun seentuun dhufe, yennuma san bokkeenni roobaara jettan; hin rooballe'e.
BSB
BSB:
Then Jesus said to the crowds,
“As soon as you see a cloud rising in the west, you say, ‘A shower is coming,’ and that is what happens.
55
GAX
Yennaa qilleensi gara gadii dhowu dhaggitanu, o'i dhufaara jettan; akkasuma te'a.
BSB
BSB:
And when the south wind blows, you say, ‘It will be hot,’ and it is.
56
GAX
Isin kijiboole'e! Waan lafaatii fi duumensaa ilaaltanee himuu hin dandeettan; maaf waan bara kanaa hin beekin ree?
BSB
BSB:
You hypocrites! You know how to interpret the appearance of the earth and sky. Why don’t you know how to interpret the present time?
57
GAX
«Isin waan dhugaa te'e ifumaa maaf hin murre?
BSB
BSB:
And why don’t you judge for yourselves what is right?
58
GAX
Nami tokko si himatee gara abbaa seeraa si geessiisaaf yoo ka'e, adoo abbaa seeraa dura hin geyin kara'attuu isa woliin wolii galiisaaf wodhaan. Yoo hin wodhaanin gara abbaa seeraa harkisee si geessa, abbaan seeraalle bulchaa mana hidha'aatitti dabarsee si hin kenna, innille gara mana hidha'aa si galcha.
BSB
BSB:
Make every effort to reconcile with your adversary while you are on your way to the magistrate. Otherwise, he may drag you off to the judge, and the judge may hand you over to the officer, and the officer may throw you into prison.
59
GAX
Ani sitti hima, saantimiin cadduulle adoo hin hafin haga kaffaltutti ijjumaa hin baatu» jedhe.
BSB
BSB:
I tell you, you will not get out until you have paid the very last penny.”
Chapter complete
You’ve read Luke 12
Chapter 12 of 24 in Luke
Up next
Luke 13
Read Luke 13
Back to Luke 11
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Luke 12
A question this chapter raises
Did Jesus come to bring a sword, not peace?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Luke 11
Luke 12
Luke 13