Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.10.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Luke
Luke
23
GAX
BSB
A
a
Luke 23
23
Luke
Death, resurrection and ascension
Guji Oromo Bible
Jesus
, person
Pilate
, person
Herod
, person
Galilee
, place
Jerusalem
, place
Judea
, place
Arimathea
, place
Caesar
, person
6 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Achiin duuba worri kora murti'ii san keessa jiranu duudiin ol ka'anee, Yesuus Philaaxoos dura dhikeessane.
BSB
BSB:
Then the whole council rose and led Jesus away to Pilate.
2
GAX
Isaan, «Namichi kun kolbaa teenna jallisiisee, mootii worra Rooma'aatiif gibira gabbaruu dhooggee, ani Masiihii mooti'i ifiin jedhuun qanneerra» jedhaa isa himatiisatti ka'ane.
BSB
BSB:
And they began to accuse Him, saying, “We found this man subverting our nation, forbidding payment of taxes to Caesar, and proclaiming Himself to be Christ, a King.”
3
GAX
Philaaxoos, «Mootiin Yihudootaa si'ii?» jedhee isa gaafate. Yesuus deebisee, «Maarre atuu jette» jedhe.
BSB
BSB:
So Pilate asked Him, “Are You the King of the Jews?”
“You have said so,”
Jesus replied.
4
GAX
Achiin duuba Philaaxoos sooreyyii hayyootaatii fi gumi'iin, «Ani nama kana irratti yakkaa tokkolle hin dhaggine» jedhe.
BSB
BSB:
Then Pilate said to the chief priests and the crowds, “I find no basis for a charge against this man.”
5
GAX
Isaan ammoo, «Inni biyya Yihuda'aa mara keessatti, Galiila'aa jalqabee haga asiitittille barsiisaa kolbaa teenna raasiisatti jira» jedhanee itti jabeessane.
BSB
BSB:
But they kept insisting, “He stirs up the people all over Judea with His teaching. He began in Galilee and has come all the way here.”
6
GAX
Philaaxoos tana yennaa dhage'e, nama Galiila'aa te'uu isaa gaafate.
BSB
BSB:
When Pilate heard this, he asked if the man was a Galilean.
7
GAX
Yesuus biyya Heroodis bulchu keessaa akka te'e yennaa hubate, gara Heroodisii isa erge; yennaa san Heroodis biyya Yerusaalemii keessa jira.
BSB
BSB:
And learning that Jesus was under Herod’s jurisdiction, he sent Him to Herod, who himself was in Jerusalem at that time.
8
GAX
Heroodis yennaa hedduu dhaggiisaaf waan barbaadaa tureeruuf, yennaa Yesuus dhagge guddoo gammade. Marroo isaa waan dhage'eeruuf, bilbaasa garii inni hujuun dhaggiisaaf addateera.
BSB
BSB:
When Herod saw Jesus, he was greatly pleased. He had wanted to see Him for a long time, because he had heard about Him and was hoping to see Him perform a miracle.
9
GAX
Heroodis gaaffii hedduu isa gaafate, inni ammoo womaa hin deebinne.
BSB
BSB:
Herod questioned Jesus at great length, but He gave no answer.
10
GAX
Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee achi dhaabbatanee, jabeessanee isa himatane.
BSB
BSB:
Meanwhile, the chief priests and scribes stood there, vehemently accusing Him.
11
GAX
Heroodisii fi loltooti isaa Yesuus salphisanee itti taphatane. Achiin duuba woyaa dansaa itti uffisanee gara Philaaxoosii deebisanee ergane.
BSB
BSB:
And even Herod and his soldiers ridiculed and mocked Him. Dressing Him in a fine robe, they sent Him back to Pilate.
12
GAX
Heroodisii fi Philaaxoos ka duraan wolii diina te'anee turane, gaafuma san wolii jaalomane.
BSB
BSB:
That day Herod and Pilate became friends; before this time they had been enemies.
13
GAX
Philaaxoos sooreyyii hayyootaa, sooressitootaa fi kolbaa waamee,
BSB
BSB:
Then Pilate called together the chief priests, the rulers, and the people,
14
GAX
«Namichi kun kolbaa jallisiisa jettanee, qaddanee gara kiyya fiddane; anille isinuma duratti isa qoree, waan isin isa himattane keessaa yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine.
BSB
BSB:
and said to them, “You brought me this man as one who was inciting the people to rebellion. I have examined Him here in your presence and found Him not guilty of your charges against Him.
15
GAX
Heroodisille waan yakkaa isa irraa dhabeef deebisee nutti ergeera; akkuma dhaggitanu, waan muraa du'aatiin isa gewu tokkolle hujee hin jiru.
BSB
BSB:
Neither has Herod, for he sent Him back to us. As you can see, He has done nothing deserving of death.
16
GAX
Tanaaf dhaansisee isa gad lakkisa» jedhe.
BSB
BSB:
Therefore I will punish Him and release Him.”
17
GAX
Philaaxoos wogguma wogga'aan yennaa Jila Irra Dabaramaa worra hidhamane keessaa nama tokkocha kolba'aaf hiiku'uu male.
BSB
BSB:
Not in the BSB
Not in the earliest manuscripts
18
GAX
Gumiin duudiin, «Namicha kana balleessi! Barabbaa nu'uuf hiiki!» jettee itti hogitte.
BSB
BSB:
But they all cried out in unison: “Away with this man! Release Barabbas to us!”
19
GAX
Barabbaan qachaa keessatti waan nageya booresseeruu fi nama ijjeeseeruuf mana hidha'aatitti hidhamee ture.
BSB
BSB:
(Barabbas had been imprisoned for an insurrection in the city, and for murder.)
20
GAX
Philaaxoos Yesuus hiikiisaaf fedhee, ammalle gumi'iin dubbate.
BSB
BSB:
Wanting to release Jesus, Pilate addressed them again,
21
GAX
Isaan ammoo, «Isa fannisi! Isa fannisi!» jedhanee ittuma hogisane.
BSB
BSB:
but they kept shouting, “Crucify Him! Crucify Him!”
22
GAX
Philaaxoos sadeessoo, «Maaf? Maan balleesse? Yakkaa muraa du'aatiin isa geettu isa irratti ani hin dhaggine. Tanaaf dhaansisee isa hiika» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
A third time he said to them, “What evil has this man done? I have found in Him no offense worthy of death. So after I punish Him, I will release Him.”
23
GAX
Isaan ammoo, akka inni fannifamuuf qoonqoo guddo'oon ittuma jabeessanee kadhatane; hogaan isaaniille milkowe.
BSB
BSB:
But they were insistent, demanding with loud voices for Jesus to be crucified. And their clamor prevailed.
24
GAX
Maarre gaaffii isaaniitiif deebii kenniisaaf, Philaaxoos muraa kenne.
BSB
BSB:
So Pilate sentenced that their demand be met.
25
GAX
Namicha nageya booressiisaa fi nama ijjeesiisaan hidhameeru, ka kolbaan gaafatte hiikee, akka fedha isaanii Yesuus dabarsee isaanitti kenne.
BSB
BSB:
As they had requested, he released the one imprisoned for insurrection and murder, and he handed Jesus over to their will.
26
GAX
Adoo Yesuus geessanuu, nama biyya Qareena'aa ka Simoon jedhamu tokko baadiyya'aa galuun qabanee, muka fanno'oo ba'atee Yesuus faana akka deemuuf irra keyane.
BSB
BSB:
As the soldiers led Him away, they seized Simon of Cyrene on his way in from the country, and they put the cross on him to carry behind Jesus.
27
GAX
Gumiin guddoon Yesuus hordotte; gumii san keessa dubartooti qoma dhowataa isaaf boottulle jirti.
BSB
BSB:
A great number of people followed Him, including women who kept mourning and wailing for Him.
28
GAX
Yesuus ammoo gara isaanii garagalee, «Dubartii Yerusaalemii, ifii fi ijoollee teessaniif bowa'a malee, naaf hin bowina'a!
BSB
BSB:
But Jesus turned to them and said,
“Daughters of Jerusalem, do not weep for Me, but weep for yourselves and for your children.
29
GAX
Sababille guyyooti isaan, ‹Maseenni, gadaamessi ijjumaa hin deyinii fi harmi hin hoosisin ka badhaadhane› jedhanu hin dhufan.
BSB
BSB:
Look, the days are coming when people will say, ‘Blessed are the barren women, the wombs that never bore, and breasts that never nursed!’
30
GAX
Yennaa san isaan gaarotaan, ‹Nu irratti jiga'a!› koobotalle'een, ‹Nu dhossa'a!› hin jedhan.
BSB
BSB:
At that time ‘they will say to the mountains, “Fall on us!” and to the hills, “Cover us!”’
31
GAX
Adoo muki bisile'eetuu yoo akkasi godhane, yennaa muki goge attam godhan ree?» jedhe.
BSB
BSB:
For if men do these things while the tree is green, what will happen when it is dry?”
32
GAX
Namoota yakkaameyyii lamaan dhibiille, ijjeesiisaaf Yesuus woliin geessane.
BSB
BSB:
Two others, who were criminals, were also led away to be executed with Jesus.
33
GAX
Addee «Buqqii Mata'aa» jedhantu yennaa geyane, achitti Yesuus fannisane; yakkaameyyiille tokkocha midda isaatitti, kaan bitaa isaatitti fannisane.
BSB
BSB:
When they came to the place called The Skull, they crucified Him there, along with the criminals, one on His right and the other on His left.
“Father, forgive them”
34
GAX
Yesuus ammoo, «Abba'a, isaan waan godhiisatti jiranu waan hin beenneef, isaaniif araarami!» jedhe. Isaan carraa buufatiisaan woyaa isaa qoodamane.
BSB
BSB:
Then Jesus said,
“Father, forgive them, for they do not know what they are doing.”
And they divided up His garments by casting lots.
35
GAX
Kolbaan achi dhaabbattee ilaaliisatti jirtiiyyu; bulchitootille itti taphatanee, «Inni worra dhibii fayyiseera; Masiihii Waaqi filate yoo te'e ifi fayyisuu ti!» jedhane.
BSB
BSB:
The people stood watching, and the rulers sneered at Him, saying, “He saved others; let Him save Himself if He is the Christ of God, the Chosen One.”
36
GAX
Loltootille itti taphatanee, daadhii woyni'ii dhangaggoottuu isaaf kennanee,
BSB
BSB:
The soldiers also mocked Him and came up to offer Him sour wine.
37
GAX
«Ati mootii Yihudootaa yoo teete, ifi fayyisi!» jedhane.
BSB
BSB:
“If You are the King of the Jews,” they said, “save Yourself!”
38
GAX
Barreeffam, «Kun Mootii Yihudootaa ti» jedhu mataa isaatiin gubbaa jiraayyu.
BSB
BSB:
Above Him was posted an inscription: THIS IS THE KING OF THE JEWS.
39
GAX
Yakkaameyyii achitti fannifamane keessaa tokkochi, «Ati Masiihii motii? Ifi fayyisi, nulle fayyisi!» jedhee isa arrasse.
BSB
BSB:
One of the criminals who hung there heaped abuse on Him. “Are You not the Christ?” he said. “Save Yourself and us!”
40
GAX
Yakkaamessi kuun ammoo, «Atille akkuma namicha kanaa muraa fudhatteerta, Waaqumalle hin sodaattuu ree?» jedhee isa xixe.
BSB
BSB:
But the other one rebuked him, saying, “Do you not even fear God, since you are under the same judgment?
41
GAX
Achiin duuba, «Nuuti waan hunyeef waan dhaggatiisaaf malle waan dhaggataarruuf, dhuguma nutti murame; inni ammoo womaa hin yakkine!» jedheen.
BSB
BSB:
We are punished justly, for we are receiving what our actions deserve. But this man has done nothing wrong.”
42
GAX
Achiin duuba Yesuusiin, «Yesuus, mootummaa teetiin yennaa dhuttu na qaabadhu!» jedhe.
BSB
BSB:
Then he said, “Jesus, remember me when You come into Your kingdom!”
43
GAX
Yesuus deebisee, «Dhugumaan ani sitti hima, adhuma na woliin addee gammadaa keessa hin jiraatta» jedheen.
BSB
BSB:
And Jesus said to him,
“Truly I tell you, today you will be with Me in Paradise.”
44
GAX
Orraa gara saatii jaatitti aduun ifa waan dhaddeef, latti duudiin dukkanoottee, haga saatii sagalii turte. Gollaan Galma Waaqaalle addee lamatti tarsa'e.
BSB
BSB:
It was now about the sixth hour, and darkness came over all the land until the ninth hour.
46
GAX
Yesuus qoonqoo guddo'oon, «Abbaa kiyya, ani ayyaana kiyya harka keetitti kennadha!» jedhe. Inni kana jedhee du'e.
BSB
BSB:
Then Jesus called out in a loud voice,
“Father, into Your hands I commit My Spirit.”
And when He had said this, He breathed His last.
47
GAX
Ajajaan dhibbaa waan te'e kana yennaa dhagge, «Namichi kun dhugumaan nama balcha'a» jedhee Waaqa galateeffate.
BSB
BSB:
When the centurion saw what had happened, he gave glory to God, saying, “Surely this was a righteous man.”
48
GAX
Gumiin ilaaliisaaf achitti wolitti qabanteertu maraa waan te'e yennaa dhaggite, gaddaan qoma ifii dhodhowataa gara mana ifii galte.
BSB
BSB:
And when all the people who had gathered for this spectacle saw what had happened, they returned home beating their breasts.
49
GAX
Worri isa beekanu maraa fi dubartooti Galiilaa irraa isa hordofane ammoo fagoo dhaabbatanee, waan kana ilaaliisatti jiraniiyyu.
BSB
BSB:
But all those who knew Jesus, including the women who had followed Him from Galilee, stood at a distance watching these things.
50
GAX
Namichi dansa'aa fi balchaan, ka mootummaa Waaqaa eeggatiisatti jiru, ka biyya Yihudootaa qachaa Armaatiya'aa keessaa dhufe, ka Yoseef jedhamu tokko jira. Inni miseensa kora murti'ii te'ulle mura'aa fi hujii isaaniititti wolii hin galin ture.
BSB
BSB:
Now there was a Council member named Joseph, a good and righteous man,
52
GAX
Inni gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii gaafate.
BSB
BSB:
He went to Pilate to ask for the body of Jesus.
53
GAX
Achiin duuba reeffa gad buusee woyaa qoolaan maree, boolla awwaalaa ka dhakaa keessatti bocamee qophoweeru, ka nami ijjumaa itti hin awwaalamin keessatti awwaale.
BSB
BSB:
Then he took it down, wrapped it in a linen cloth, and placed it in a tomb cut into the rock, where no one had yet been laid.
54
GAX
Guyyaan sun guyyaa Qophi'ii ti, Sanbatille seeniisaaf dhikaateera.
BSB
BSB:
It was Preparation Day, and the Sabbath was beginning.
55
GAX
Dubartooti Galiilaa irraa Yesuus woliin dhufane, Yoseef faana deemanee addee awwaalaatii fi akka reeffi Yesuusii itti awwaalame dhaggane.
BSB
BSB:
The women who had come with Jesus from Galilee followed, and they saw the tomb and how His body was placed.
56
GAX
Achiin duuba gara manaa deebi'anee uddowa'aa fi fiqiree qopheessane. Guyyaa Sanbataa akka Seerri ajajutti foorfatane.
BSB
BSB:
Then they returned to prepare spices and perfumes. And they rested on the Sabbath, according to the commandment.
Chapter complete
You’ve read Luke 23
Chapter 23 of 24 in Luke
Up next
Luke 24
Read Luke 24
Back to Luke 22
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Luke 23
A question this chapter raises
Isn’t the New Testament antisemitic?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Luke 22
Luke 23
Luke 24