Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.12.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Luke
Luke
24
GAX
BSB
A
a
Luke 24
24
Luke
Death, resurrection and ascension
Guji Oromo Bible
Jesus
, person
Jerusalem
, place
Moses
, person
Peter
, person
Israel
, person
Galilee
, place
Nazareth
, place
Magdalene
, place
7 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Guyyaa Dilbataa barii halkaniin dubartooti sun uddowaa qopheessiteertu qabattee gara boolla awwaalaa dhaxxe.
BSB
BSB:
On the first day of the week, very early in the morning, the women came to the tomb, bringing the spices they had prepared.
2
GAX
Dhakaan afaan boolla awwaalaa irraa gangalfameeruun dhaggane.
BSB
BSB:
They found the stone rolled away from the tomb,
3
GAX
Boolla awwaalaa keessa yennaa seenane ammoo, reeffa Goottaa Yesuusii hin dhaggine.
BSB
BSB:
but when they entered, they did not find the body of the Lord Jesus.
4
GAX
Isaan waan kana mamiisatti jiranuun, nami lamaan woyaa caccalaqqittu uffatee dedhuma cinaa isaanii dhaabbate.
BSB
BSB:
While they were puzzling over this, suddenly two men in radiant apparel stood beside them.
5
GAX
Dubartooti guddoo sodaatanee gad lafa ilaalane; namooti sun ammoo, «Maaf jiraataa worra du'eeru odduu barbaaddan?
BSB
BSB:
As the women bowed their faces to the ground in terror, the two men asked them, “Why do you look for the living among the dead?
6
GAX
Inni as hin jiru, ka'eera. Galiilaa adoo jiruu waan inni isinitti hime qaabadha'a!
BSB
BSB:
He is not here; He has risen! Remember how He told you while He was still in Galilee:
7
GAX
‹Ilmi namaa harka cubbaalleyyi'iititti kennamee, fannifamee, guyyaa sadeesso'ootitti du'aa ka'uu male› jedhe» jedhaneen.
BSB
BSB:
‘The Son of Man must be delivered into the hands of sinful men, and be crucified, and on the third day rise again.’”
8
GAX
Achiin duuba waan Yesuus jedhe qaabatane.
BSB
BSB:
Then they remembered His words.
9
GAX
Addee awwaalaatii yennaa deebi'ane, waan kana maraa ergantoota kudhanii tokkoo fi worra kaan maratti himane.
BSB
BSB:
And when they returned from the tomb, they reported all these things to the Eleven and to all the others.
10
GAX
Worri waan kana ergantootatti himane, Maariyaamii qachaa Magdalaa, Yo'anaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi dubartoota dhibi'i.
BSB
BSB:
It was Mary Magdalene, Joanna, Mary the mother of James, and the other women with them who told this to the apostles.
11
GAX
Ergantooti ammoo dubbii hin teene seyanee, dubbii isaanii hin dhugeeffanne.
BSB
BSB:
But their words seemed like nonsense to them, and they did not believe the women.
12
GAX
Pheexroos ammoo ka'ee gara boolla awwaalaa rukkise. Gad jedhee boolla awwaalaa keessa ilaalee, woyaa itti marane malee womaa hin dhaggine. Achiin duuba waan te'e kana baaseffataa gara manaa deebi'e.
BSB
BSB:
Peter, however, got up and ran to the tomb. And after bending down and seeing only the linen cloths, he went away, wondering to himself what had happened.
13
GAX
Gaafuma san isaan keessaa nami lamaan gara ollaa Yerusaalemii irraa kiiloo meetira kudha tokko fagaatu, ka Emahuus jedhamuu dhaqiisatti jiraniiyyu.
BSB
BSB:
That same day two of them were going to a village called Emmaus, about seven miles from Jerusalem.
14
GAX
Isaan marroo waan te'e kana maraa haasowiisatti jiraniiyyu.
BSB
BSB:
They were talking with each other about everything that had happened.
15
GAX
Adoo isaan waan kana haasowaa mari'atanuu, Yesuus ifumaafuu dhufee biraan bayee, isaan woliin ideeme.
BSB
BSB:
And as they talked and deliberated, Jesus Himself came up and walked along with them.
16
GAX
Ammoo akka isaan isa hin hubanne, ilti isaanii qabanteerti.
BSB
BSB:
But their eyes were kept from recognizing Him.
17
GAX
Yesuus isaaniin, «Wonni isin haasowaa ideentanu kun maan inni?» jedhe. Isaan fuula gaddaatiin achuma dhaabbatane.
BSB
BSB:
He asked them,
“What are you discussing so intently as you walk along?”
They stood still, with sadness on their faces.
18
GAX
Achiin duuba isaan keessaa Qileyophaa ka jedhamu tokko deebisee, «Yerusaalem keessatti nami keessummaan ka waan dhikoo tana achitti te'e hin beenne, si'uma calla'aa?» jedhe.
BSB
BSB:
One of them, named Cleopas, asked Him, “Are You the only visitor to Jerusalem who does not know the things that have happened there in recent days?”
19
GAX
Inni, «Maan inni?» jedhee gaafate. Isaan deebisanee, «Marroo Yesuusii nama Naaziretii, ka waan godhee fi waan dubbateen Waaqaa fi kolbaa mara duratti raagaa jabaa,
BSB
BSB:
“What things?”
He asked. “The events involving Jesus of Nazareth,” they answered. “This man was a prophet, powerful in speech and action before God and all the people.
20
GAX
ka sooreyyiin hayyootaatii fi bulchitooti teenna akka du'uu fi fannifamu itti muranee dabarsanee kennane.
BSB
BSB:
Our chief priests and rulers delivered Him up to the sentence of death, and they crucified Him.
21
GAX
Nuuti ammoo ka Israa'el wodu isa jennee addii itti godhanneerra. Kana maraa irratti, wonni kun mara haga teeteen adhi guyyaa sadeesso'oo ti.
BSB
BSB:
But we were hoping He was the One who would redeem Israel. And besides all this, it is the third day since these things took place.
22
GAX
Dabalamaan, dubartooti golii teennaa nu maalalchaneeran; isaan adha barii halkaniin gara boolla awwaalaa dhaqaneeran;
BSB
BSB:
Furthermore, some of our women astounded us. They were at the tomb early this morning,
23
GAX
ammoo reeffa isaa hin dhaggine. Achii deebi'anee, ergantoota Waaqaa ta, ‹Inni hin jira› isaaniin jette akka mudhi'iin dhaggane nutti himane.
BSB
BSB:
but they did not find His body. They came and told us they had seen a vision of angels, who said that Jesus was alive.
24
GAX
«Worra nu woliin jiranu keessaa gariin gara boolla awwaalaa dhaqanee, akkuma dubartooti sun jedhane teeteertuun dhaggane; isa ammoo hin dhaggine» jedhanee itti himane.
BSB
BSB:
Then some of our companions went to the tomb and found it just as the women had described. But Him they did not see.”
25
GAX
Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Isin attam attam gowwoole'e, waan raagoti jedhane maraa dhugeeffatiisaafille yaadi gadhaa keessanii attam attam hancaara'a!
BSB
BSB:
Then Jesus said to them,
“O foolish ones, and slow of heart to believe all that the prophets have spoken!
26
GAX
Masiihiin rakkinna kana maraa fudhatee ulfinna ifiititti galiisi, barbaachisa'aa motii ree?» jedhe.
BSB
BSB:
Was it not necessary for the Christ to suffer these things and then to enter His glory?”
27
GAX
Yesuus achiin duuba kitaaba Muuse'eetii jalqabee kitaabota raagotaa mara keessatti, marroo isaatiif waan Barreeffam Woyyichi dubbatu maraa isaaniif hiike.
BSB
BSB:
And beginning with Moses and all the Prophets, He explained to them what was written in all the Scriptures about Himself.
28
GAX
Gara ollaa itti dhaqiisatti jiranuu yennaa dhikaatane, Yesuus akka waan dabaree ideemuu te'e.
BSB
BSB:
As they approached the village where they were headed, He seemed to be going farther.
29
GAX
Isaan ammoo, «Latti galgaloottee, waan dhiyiisatti jirtuuf, nu woliin buli!» jedhanee jabeessanee isa kadhatane. Maarre inni isaan woliin buliisaaf gara manaa seene.
BSB
BSB:
But they pleaded with Him, “Stay with us, for it is nearly evening and the day is almost over.” So He went in to stay with them.
30
GAX
Isaan woliin qori'itti hiiqee yennaa tee'e, daabboo fuudhee eebbisee, cassee isaaniif kenne.
BSB
BSB:
While He was reclining at the table with them, He took bread, spoke a blessing and broke it, and gave it to them.
31
GAX
Achiin duuba ilti isaanii banantee, isa hubatane; inni ammoo ila isaanii duraa miliqe.
BSB
BSB:
Then their eyes were opened and they recognized Jesus—and He disappeared from their sight.
32
GAX
Isaan wol woliin, «Yennaa inni kara'atti nu woliin haasowee fi Barreeffama Woyyicha nu'uuf hiike, gadhaan keenna hin gubannee?» jedhane.
BSB
BSB:
They asked each other, “Were not our hearts burning within us as He spoke with us on the road and opened the Scriptures to us?”
33
GAX
Isaan yennuma san ka'anee gara Yerusaalemii deebi'ane. Achitti barattoota kudhanii tokkoo fi worra isaan woliin jiranu wolitti qabamaneeranuun dhagganee,
BSB
BSB:
And they got up that very hour and returned to Jerusalem. There they found the Eleven and those with them, gathered together
34
GAX
«Goottaan dhugumaan du'aa ka'eera, Simoonille'etti mudhateera!» jedhane.
BSB
BSB:
and saying, “The Lord has indeed risen and has appeared to Simon!”
35
GAX
Achiin duuba jarri lamaan waan kara'atti te'e maraa fi yennaa Goottaan daabboo casse attam akka isa beekane himane.
BSB
BSB:
Then the two told what had happened on the road, and how they had recognized Jesus in the breaking of the bread.
36
GAX
Adoo jarri lamaan sun waan kana himiisatti jiranuu, Yesuus ifumaafuu isaan odduu dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u!» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
While they were describing these events, Jesus Himself stood among them and said,
“Peace be with you.”
37
GAX
Isaan waan ekeraa dhaggane seyanee, sodaatanee bararaqane.
BSB
BSB:
But they were startled and frightened, thinking they had seen a spirit.
38
GAX
Yesuus ammoo, «Maaf sodaattan? Gadhaa keessan keessatti maaf mantan?
BSB
BSB:
“Why are you troubled,”
Jesus asked,
“and why do doubts arise in your hearts?
39
GAX
Harka kiyyaa fi miila kiyya ilaala'a, anumaayyuu dhagga'a. Qaqqaba'aatii na ilaala'a; ekeraan foonii fi lafee hin qaddu, akkuma dhaggitanu ani hin qaba» jedhe.
BSB
BSB:
Look at My hands and My feet. It is I Myself. Touch Me and see—for a spirit does not have flesh and bones, as you see I have.”
40
GAX
Yesuus tana jedhee harkaa fi miila ifii isaanitti mudhise.
BSB
BSB:
And when He had said this, He showed them His hands and feet.
41
GAX
Isaan gammadaa fi baaseffataan waan guutamaneeranuuf ammalle dhugeeffatiisa dhabanee jennaan, «Waan nyaataa asii qaddanii?» jedhee isaan gaafate.
BSB
BSB:
While they were still in disbelief because of their joy and amazement, He asked them,
“Do you have anything here to eat?”
42
GAX
Isaan qurxummii woddante diqqoo takka itti kennane;
BSB
BSB:
So they gave Him a piece of broiled fish,
43
GAX
innille fuudhee fuula isaanii duratti nyaate.
BSB
BSB:
and He took it and ate it in front of them.
44
GAX
Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Yennaa isin woliin jiru, Seera Muuse'ee, Kitaaba Raagotaatii fi Kitaaba Faaru'uu keessatti marroo tiyyaaf ta barreeffante maraa muummowu'uu malte, jedhee ta ani isinitti hime tana» jedhe.
BSB
BSB:
Jesus said to them,
“These are the words I spoke to you while I was still with you: Everything must be fulfilled that is written about Me in the Law of Moses, the Prophets, and the Psalms.”
45
GAX
Achiin duuba inni Barreeffama Woyyicha akka hubatanuuf qalbii isaanii bane.
BSB
BSB:
Then He opened their minds to understand the Scriptures.
46
GAX
Inni isaaniin, «Masiihiin akka rakkatuu fi guyyaa sadeesso'oo du'aa akka ka'u,
BSB
BSB:
And He told them,
“This is what is written: The Christ will suffer and rise from the dead on the third day,
47
GAX
cubbuu irraa deebi'iisaa fi araarri cubbu'uu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee gosa maraaf akka lallabamu barreeffameera.
BSB
BSB:
and in His name repentance and forgiveness of sins will be proclaimed to all nations, beginning in Jerusalem.
48
GAX
Isin waan kanaaf dhugaa-baatota.
BSB
BSB:
You are witnesses of these things.
49
GAX
Kunoo, waan Abbaan kiyya addii isinii kenne ani isiniif hin erga; ammoo haga hunna gubbaa irraa dhaggattanutti qachaa Yerusaalemii keessa tura'a» jedhe.
BSB
BSB:
And behold, I am sending the promise of My Father upon you. But remain in the city until you have been clothed with power from on high.”
50
GAX
Achiin duuba Yesuus qachaa keessaa baasee, haga Bitaaniya'aa isaan geesse; achitti harka ifii lamaanuu ol kaasee isaan eebbise.
BSB
BSB:
When Jesus had led them out as far as Bethany, He lifted up His hands and blessed them.
51
GAX
Adoo isaan eebbisiisatti jiruu, isaan irraa gargar bayee gara ol-gubba'aa fudhatame.
BSB
BSB:
While He was blessing them, He left them and was carried up into heaven.
52
GAX
Isaan isaaf sagadanee, gammachuu gudda'aan gara Yerusaalemii deebi'anee,
BSB
BSB:
And they worshiped Him and returned to Jerusalem with great joy,
53
GAX
yennaa mara Galma Waaqaa keessatti Waaqa galateeffataa turane.
BSB
BSB:
praising God continually in the temple.
Chapter complete
You’ve read Luke 24
Chapter 24 of 24 in Luke
Up next
John 1
Read John 1
Back to Luke 23
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Luke 24
A question this chapter raises
Did Jesus really rise from the dead?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Luke 23
Luke 24
John 1