Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.0.3
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Luke
Luke
4
GAX
BSB
A
a
Luke 4
4
Luke
Preparation and ministry in Galilee
Guji Oromo Bible
Jesus
, person
Galilee
, place
Israel
, person
Elias
, person
Nazareth
, place
Capernaum
, place
Jerusalem
, place
Jordan
, place
9 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Yesuus Ayyaana Woyyichaan guutamee laga Yordaanosiitii yennaa deebi'e, Ayyaanni gara goomole'ee isa geesse.
BSB
BSB:
Then Jesus, full of the Holy Spirit, returned from the Jordan and was led by the Spirit into the wilderness,
2
GAX
Achitti guyyaa afurtama Seexanaan ataabame. Guyyoota san inni womaa hin nyaanne; tanaaf dhuma guyyoota saniititti inni beelowe.
BSB
BSB:
where for forty days He was tempted by the devil. He ate nothing during those days, and when they had ended, He was hungry.
3
GAX
Seexanni isaan, «Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te'u ajaji» jedhe.
BSB
BSB:
The devil said to Him, “If You are the Son of God, tell this stone to become bread.”
4
GAX
Yesuus deebisee, «Barreeffam woyyichi, ‹Nami sagalee calla'aan hin le'u› jedha» jedhe.
BSB
BSB:
But Jesus answered,
“It is written: ‘Man shall not live on bread alone.’”
5
GAX
Achiin duuba Seexanni gara addee ol aantuu gubbaa isa geessee, yoosuma mootummaa biyya lafaa irra jirtu mara itti mudhise.
BSB
BSB:
Then the devil led Him up to a high place and showed Him in an instant all the kingdoms of the world.
6
GAX
Seexanni Yesuusiin, «Ani kana maraa irratti ulfinnaa fi baallii si'iif hin kenna. Kun maraa waan naaf kennameeruuf, ani ka jaaladheef kennuu hin dande'a.
BSB
BSB:
“I will give You authority over all these kingdoms and all their glory,” he said. “For it has been relinquished to me, and I can give it to anyone I wish.
7
GAX
Maarre yoo naaf sagadde, kun maraa keeti te'a» jedheen.
BSB
BSB:
So if You worship me, it will all be Yours.”
8
GAX
Yesuus deebisee, «Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keetiif sagadi; isa calla'aafille tajaajili!› jedha» jedheen.
BSB
BSB:
But Jesus answered,
“It is written: ‘Worship the Lord your God and serve Him only.’”
9
GAX
Achiin duuba Seexanni gara Yerusaalemii isa geessee, guutuu Galma Waaqaa gubba'atti dhaabbachiisee, «Barreeffam Woyyichi, ‹Waaqi ergantoota ifii akka si eeganuuf hin ajaja. Isaanille miila keeti dhakaan akka hin miine harka ifiitiin ol si hin qaban› waan jedhuuf, ati Ilma Waaqaa yoo teete, asi gubba'aa ifi gad darbi» isaan jedhe.
BSB
BSB:
Then the devil led Him to Jerusalem and set Him on the pinnacle of the temple. “If You are the Son of God,” he said, “throw Yourself down from here.
12
GAX
Yesuus deebisee, «Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keeti haga hin ilaalin› jedha» jedheen.
BSB
BSB:
But Jesus answered,
“It also says, ‘Do not put the Lord your God to the test.’”
13
GAX
Seexanni karaa maraan isa ataabeen duuba haga yenna'aatiif isa biraa deeme.
BSB
BSB:
When the devil had finished every temptation, he left Him until an opportune time.
14
GAX
Achiin duuba Yesuus hunna Ayyaana Woyyichaatiin gara Galiila'aa deebi'e. Gurri isaa adaala san maratti odeeffame.
BSB
BSB:
Jesus returned to Galilee in the power of the Spirit, and the news about Him spread throughout the surrounding region.
15
GAX
Inni manoota waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisee, nami marti isa galateesse.
BSB
BSB:
He taught in their synagogues and was glorified by everyone.
16
GAX
Achiin duuba Yesuus gara lafa itti guddatee, Naaziret dhaqee, guyyaa Sanbataa akkuma aadaa ifii Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe. Yennaa inni Barreeffama Woyyicha dubbisiisaaf ka'e,
BSB
BSB:
Then Jesus came to Nazareth, where He had been brought up. As was His custom, He entered the synagogue on the Sabbath. And when He stood up to read,
17
GAX
kitaaba Isaayaasii raagichaa itti kennane. Maraa kitaaba sanii diigee,
BSB
BSB:
the scroll of the prophet Isaiah was handed to Him. Unrolling it, He found the place where it was written:
18
GAX
«Ayyaanni Gootta'aa ana irra jira, worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammadaa akka himuuf na muudeera. Worra booji'ameef bilisummaa akka lassuuf, worra ballaa akka dhaggisiisuuf, worra miicame akka baasuuf,
BSB
BSB:
“The Spirit of the Lord is on Me, because He has anointed Me to preach good news to the poor. He has sent Me to proclaim liberty to the captives and recovery of sight to the blind, to release the oppressed,
19
GAX
woggaa Goottaan kolbaa ifii fayyisulle akka lassuuf na ergeera» dubbiin jettu addee itti barreeffanteertu dhagge.
BSB
BSB:
to proclaim the year of the Lord’s favor.”
20
GAX
Yesuus kitaaba san maree, namicha eegutti kennee tee'e. Kolbaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaa san keessa jirtu marti adoo ila irraa hin caffatin isa ilaalte.
BSB
BSB:
Then He rolled up the scroll, returned it to the attendant, and sat down. The eyes of everyone in the synagogue were fixed on Him,
21
GAX
Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Akkuma dubbifamuun dhageettane, Barreeffam Woyyichi kun adha muummowe» jedhe.
BSB
BSB:
and He began by saying,
“Today this Scripture is fulfilled in your hearing.”
22
GAX
Isaan martinuu marroo isaa waan dansaa dubbatanee, dubbii maso'oo ta inni dubbate baaseffatanee, «Inni ilma Yoseefiitii motii?» jedhane.
BSB
BSB:
All spoke well of Him and marveled at the gracious words that came from His lips. “Isn’t this the son of Joseph?” they asked.
23
GAX
Yesuus isaaniin, «Isin dhugumaan mammaassa, ‹Cidheessa, dursii ifi fayyis!› jedhu natti hin mammaattan. Waan qachaa Qifirnaahoomiititti tolchitelle, ta nuuti dhageenne as qachaa keeti keessattille tolchi hin jettan» jedhe.
BSB
BSB:
Jesus said to them,
“Surely you will quote this proverb to Me: ‘Physician, heal yourself! Do here in Your hometown what we have heard that You did in Capernaum.’”
24
GAX
Itti dabaleelle, «Ani dhugumaan isinitti hima, raagaan tokko biyya ifiititti fudhatama hin qabu.
BSB
BSB:
Then He added,
“Truly I tell you, no prophet is accepted in his hometown.
25
GAX
Dhugumaan, bara Eliyaasii raagichaatitti woggaa sadii fi ji'a jaan bokkeenni dhabamee, lafa san duudii keessatti beelti hantuun yennaa galte, biyya Israa'elii keessatti haadhotiin hiyyeessaa hedduun jirti.
BSB
BSB:
But I tell you truthfully that there were many widows in Israel in the time of Elijah, when the sky was shut for three and a half years and great famine swept over all the land.
26
GAX
Eliyaas ammoo gara haadha hiyyeessaa ta biyya Sidoonii keessatti qachaa Saraaphta'aa keessa leetuu takka malee, gara dhibii gara nama tokkoolle hin erganne.
BSB
BSB:
Yet Elijah was not sent to any of them, but to the widow of Zarephath in Sidon.
27
GAX
Akkasuma bara Elsaa'ii raagichaatitti kolbaan hedduun ta dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dhibanteertu jirti; ammoo, isaan keessaa Na'amaanii namicha biyya Sooriya'aa malee, nami tokkolle hin fayyine» jedhe.
BSB
BSB:
And there were many lepers in Israel in the time of Elisha the prophet. Yet not one of them was cleansed—only Naaman the Syrian.”
28
GAX
Worri mana waaqonfannaa Yihudootaa keessa jiranu martinuu yennaa kana dhage'ane, akka malee aarane.
BSB
BSB:
On hearing this, all the people in the synagogue were enraged.
29
GAX
Isaan ol ka'anee, Yesuus qachaa keessaa harkisanee baasanee qile'etti gad qolaansiisaaf barbaadanee, gara ededa gooroo qachaan isaanii irratti ijaarameeruutitti isa geessane.
BSB
BSB:
They got up, drove Him out of the town, and led Him to the brow of the hill on which the town was built, in order to throw Him over the cliff.
30
GAX
Inni ammoo isaanuma oddu'uun dabaree kara'atti bayee deeme.
BSB
BSB:
But Jesus passed through the crowd and went on His way.
31
GAX
Achiin duuba Yesuus gara qachaa Qifirnaahoomii, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu tokko dhaqee, guyyaa Sanbataa kolbaa barsiise.
BSB
BSB:
Then He went down to Capernaum, a town in Galilee, and on the Sabbath He began to teach the people.
32
GAX
Waan inni baalli'iin barsiiseef, isaan martinuu barsiisiisa isaa baaseffatane.
BSB
BSB:
They were astonished at His teaching, because His message had authority.
33
GAX
Namichi Ayyaana hama'aan qabameeru tokko mana waaqonfannaa Yihudoota keessa jiraayyu. Inni qoonqoo guddo'oon,
BSB
BSB:
In the synagogue there was a man possessed by the spirit of an unclean demon. He cried out in a loud voice,
34
GAX
«Eeyyaa! Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaf dhuttee? Ani ebeluu keeti hin beeka! Ati Woyyicha Waaqaa ti» jedhee iyye.
BSB
BSB:
“Ha! What do You want with us, Jesus of Nazareth? Have You come to destroy us? I know who You are—the Holy One of God!”
35
GAX
Yesuus ayyaana hama'aan, «Cadhisi! Keessalle'ee bayi!» jedhee xixe. Ayyaanni hamaan sun fuula isaanii duratti namicha gad jissee, womaa adoo isa hin miidhin keessaa baye.
BSB
BSB:
But Jesus rebuked the demon.
“Be silent!”
He said.
“Come out of him!”
At this, the demon threw the man down before them all and came out without harming him.
36
GAX
Kolbaan martinuu baaseffatee, «Dubbiin akkasii tun maan? Ayyaanota hamootalle baalli'ii fi hunnaan xixa; isaanille isaaf hin ajajaman» wol woliin jette.
BSB
BSB:
All the people were overcome with amazement and asked one another, “What is this message? With authority and power He commands the unclean spirits, and they come out!”
37
GAX
Gurri Yesuusii adaala biyya sanii maratti dhage'ame.
BSB
BSB:
And the news about Jesus spread throughout the surrounding region.
38
GAX
Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii bayee gara mana Simoonii dhaqe. Haati sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isu jaba'aan dhibanteertiiyyu; isaanille akka inni isii gargaaruuf itti himane.
BSB
BSB:
After Jesus had left the synagogue, He went to the home of Simon, whose mother-in-law was suffering from a high fever. So they appealed to Jesus on her behalf,
39
GAX
Maarre Yesuus itti dhikaatee cinaa isi'ii dhaabbatee, dhukkuba nafa o'isu san xixee, dhibeen isii lakkitte. Yennuma san ol kaatee isaanii areerte.
BSB
BSB:
and He stood over her and rebuked the fever, and it left her. And she got up at once and began to serve them.
40
GAX
Yennaa aduun seente, worra dhukkuba adda addaatiin dhibamane maraa gara Yesuusii fidane. Inni isaan mara irra harka ifii keyee fayyise.
BSB
BSB:
At sunset, all who were ill with various diseases were brought to Jesus, and laying His hands on each one, He healed them.
41
GAX
Durriisotille Yesuusiin, «Ati Ilma Waaqaa ti» jedhaa kolbaa hedduu keessaa iyyaa bayane. Ammoo waan isaan akka inni Kiristoos te'e beekaneef, xixee dubbatiisa isaan dhoogge.
BSB
BSB:
Demons also came out of many people, shouting, “You are the Son of God!” But He rebuked the demons and would not allow them to speak, because they knew He was the Christ.
42
GAX
Yennaa latti bariite Yesuus achii bayee, gara addee qoommi'ii dhaqe. Kolbaan isa barbaadiisa kaatee, yennaa dhaggite, akka inni isaan lakkisee hin deemne dhooggiisaaf wodhaante.
BSB
BSB:
At daybreak, Jesus went out to a solitary place, and the crowds were looking for Him. They came to Him and tried to keep Him from leaving.
43
GAX
Inni ammoo isaaniin, «Ani Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa qachoota dhibiille'etti lallabu'uu male; ani akka tana hujuuf ergame» jedhe.
BSB
BSB:
But Jesus told them,
“I must preach the good news of the kingdom of God to the other towns as well, because that is why I was sent.”
44
GAX
Maarre inni manoota waaqonfannaa Yihudootaa ka biyya Yihuda'aa keessatti dhaggamuu keessatti lallabiisa itti fufe.
BSB
BSB:
And He continued to preach in the synagogues of Judea.
Chapter complete
You’ve read Luke 4
Chapter 4 of 24 in Luke
Up next
Luke 5
Read Luke 5
Back to Luke 3
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Luke 4
A question this chapter raises
Did Jesus travel to India in his “lost years”?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Luke 3
Luke 4
Luke 5