Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.1.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Luke
Luke
5
GAX
BSB
A
a
Luke 5
5
Luke
Preparation and ministry in Galilee
Guji Oromo Bible
Jesus
, person
Simon
, person
Levi
, person
Jerusalem
, place
Moses
, person
John
, person
Galilee
, place
Judea
, place
4 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Gaafa tokko Yesuus qarqara abbaayaa Genesaarexii dhaabbateeruun, kolbaan dubbii Waaqaa dhage'iisaaf gara isaa wol dadarbite.
BSB
BSB:
On one occasion, while Jesus was standing by the Lake of Gennesaret with the crowd pressing in on Him to hear the word of God,
2
GAX
Inni hoboloota lamaan qarqara abbaaya'aatitti dhagge; worri qurxummii guuru hoboloota achitti lakkisee caccoota dhiqatiisatti jiraayyu.
BSB
BSB:
He saw two boats at the edge of the lake. The fishermen had left them and were washing their nets.
3
GAX
Yesuus hoboloota san keessaa gara takkatti'ii, ta Simoonii seenee, akka inni qarqara abbaayaa irraa diqqoo gara keessaa hiissu isa gaafate. Achiin duuba Yesuus hoboloo keessa tee'ee gumii barsiise.
BSB
BSB:
Jesus got into the boat belonging to Simon and asked him to put out a little from shore. And sitting down, He taught the people from the boat.
4
GAX
Yennaa dubbii ifii fixate, Simooniin, «Gara ila bisaanii hoboloo hiissiitii, qurxummii qabiisaaf caccoota teessan gad buusa'a» jedhe.
BSB
BSB:
When Jesus had finished speaking, He said to Simon,
“Put out into deep water and let down your nets for a catch.”
5
GAX
Simoonille, «Barsiisa'a, eda halkan duudii guddoo itti dadhabaa bulle, ammoo womaa hin qabanne. Amma ammoo, yoo ati jette ani caccoota hin buusa» jedheen.
BSB
BSB:
“Master,” Simon replied, “we have worked hard all night without catching anything. But because You say so, I will let down the nets.”
6
GAX
Isaan caccoota buusanee, haga caccooti isaanii tarsa'iisa geettutti qurxummii hedduu qabatane.
BSB
BSB:
When they had done so, they caught such a large number of fish that their nets began to tear.
7
GAX
Isaan lansooti isaanii ka hoboloo dhibii keessa jiranu dhufanee akka isaan gargaaranuuf haatatane. Isaanille dhufanee hobolooti lamaanuu haga gad lixiisa geettutti qurxummi'iin akka malee guutane.
BSB
BSB:
So they signaled to their partners in the other boat to come and help them, and they came and filled both boats so full that they began to sink.
8
GAX
Simoon Pheexroos waan te'e kana yennaa dhagge, fuula Yesuusii duratti jilbiiffatee, «Goottaa kiyya ani cubbichaa, natti hin dhikaatin!» jedhe.
BSB
BSB:
When Simon Peter saw this, he fell at Jesus’ knees. “Go away from me, Lord,” he said, “for I am a sinful man.”
9
GAX
Simoonii fi worri isa woliin jiranu maraa qurxummii hedduu waan guurataneef akka malee baaseffatane.
BSB
BSB:
For he and his companions were astonished at the catch of fish they had taken,
10
GAX
Akkuma worra kaanii, lansoota Simoonii ka te'ane, ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannisille baaseffatane. Yesuus Simooniin, «Hin sodaatin! Haganaa achi kolbaa guurta» jedhe.
BSB
BSB:
and so were his partners James and John, the sons of Zebedee.
“Do not be afraid,”
Jesus said to Simon.
“From now on you will catch men.”
11
GAX
Isaan hoboloota harkisanee qarqaratti baasanee, waan mara lakkisanee Yesuus hordofane.
BSB
BSB:
And when they had brought their boats ashore, they left everything and followed Him.
12
GAX
Gaafa tokko Yesuus qachaa tokko keessa adoo jiruu, namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru ka achi jiru tokko, yennaa isa dhagge, Yesuus duratti gad jigee, «Ee Goottaa, yoo fedha keeti te'e na fayyisi» jedhee kadhate.
BSB
BSB:
While Jesus was in one of the towns, a man came along who was covered with leprosy. When he saw Jesus, he fell facedown and begged Him, “Lord, if You are willing, You can make me clean.”
13
GAX
Yesuus harka ifii diriirfatee, isa qabee, «Hin fedha fayyi» jedhe. Yennuma san dhukkubi goga'aa farrisiisaan namicha lakkise.
BSB
BSB:
Jesus reached out His hand and touched the man.
“I am willing,”
He said.
“Be clean!”
And immediately the leprosy left him.
14
GAX
Yesuus namichaan, «Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!» jedhee seere.
BSB
BSB:
“Do not tell anyone,”
Jesus instructed him.
“But go, show yourself to the priest and present the offering Moses prescribed for your cleansing, as a testimony to them.”
15
GAX
Gurri Yesuusii ammoo addee maratti dhage'amee, gumiin guddoon isa dhage'iisaa fi dhukkuba ifii irralle'ee fayyiisaaf gara isaa dhutte.
BSB
BSB:
But the news about Jesus spread all the more, and great crowds came to hear Him and to be healed of their sicknesses.
16
GAX
Inni ammoo yennaa hedduu addee qoommi'ii dhaqaa daadimate.
BSB
BSB:
Yet He frequently withdrew to the wilderness to pray.
17
GAX
Gaafa tokko Yennaa Yesuus barsiisu, Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, olloota Galiila'aa fi Yihudaa keessatti dhaggamanu mara keessaa, Yerusaalemille'ee dhufaneeranu achi tetee'aneeran. Yesuus worra dhibamane akka fayyisuuf, hunni Gootta'aa isa woliin jirtiiyyu.
BSB
BSB:
One day Jesus was teaching, and the Pharisees and teachers of the law were sitting there. People had come from Jerusalem and from every village of Galilee and Judea, and the power of the Lord was present for Him to heal the sick.
18
GAX
Jarri tokko namicha laashoweeru tokko rare'een ba'atanee dhufanee, gara manaa seensisanee fuula Yesuusii dura keyiisaaf wodhaanane.
BSB
BSB:
Just then some men came carrying a paralyzed man on a mat. They tried to bring him inside to set him before Jesus,
19
GAX
Ammoo waan kolbaan heddatteef, karaa seensisanu dhabanee, mana gubbaa yaabanee, heellichoo manaa saaqanee, rare'eenuu woliin kolbaa oddu'utti, fuula Yesuusii duratti gad buusane.
BSB
BSB:
but they could not find a way through the crowd. So they went up on the roof and lowered him on his mat through the tiles into the middle of the crowd, right in front of Jesus.
20
GAX
Yesuus dhugeeffannaa isaanii yennaa dhagge, namichaan, «Abboo, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe.
BSB
BSB:
When Jesus saw their faith, He said,
“Friend, your sins are forgiven.”
21
GAX
Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti, «Namichi Waaqa faanshessu kun eennu inni? Waaqa tokkocha malee eentu cubbuu namaaf araaramiisaaf dande'a?» jedhaa yaadatane.
BSB
BSB:
But the scribes and Pharisees began thinking to themselves, “Who is this man who speaks blasphemy? Who can forgive sins but God alone?”
22
GAX
Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana gadhaa keessan keessatti yaadattan?
BSB
BSB:
Knowing what they were thinking, Jesus replied,
“Why are you thinking these things in your hearts?
23
GAX
‹Cubbuu teeti maraaf araarri kennameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii ideem› jechu'utti kaso'o?
BSB
BSB:
Which is easier: to say, ‘Your sins are forgiven,’ or to say, ‘Get up and walk’?
24
GAX
Amma ammoo ani Ilmi Namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka'i! Raree teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi!» jedhe.
BSB
BSB:
But so that you may know that the Son of Man has authority on the earth to forgive sins…”
He said to the paralytic,
“I tell you, get up, pick up your mat, and go home.”
25
GAX
Yennuma san namichi fuula isaanii duratti ol ka'ee, itillee irra irkataa ture fudhatee, Waaqa galateeffataa gara mana ifii deeme.
BSB
BSB:
And immediately the man stood up before them, took what he had been lying on, and went home glorifying God.
26
GAX
Isaan martinuu akka malee baaseffatanee, guddoo sodaatanee, «Adha baasa guddaa dhaggine!» jedhaa Waaqa galateeffatane.
BSB
BSB:
Everyone was taken with amazement and glorified God. They were filled with awe and said, “We have seen remarkable things today.”
27
GAX
Kanaan duuba, Yesuus achii deemee, namicha qaraxa guuru ka Lewwii jedhamu tokko, addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen.
BSB
BSB:
After this, Jesus went out and saw a tax collector named Levi sitting at the tax booth.
“Follow Me,”
He told him,
28
GAX
Lewwiin ol ka'ee, waan mara lakkisee, isa hordofe.
BSB
BSB:
and Levi got up, left everything, and followed Him.
29
GAX
Achiin duuba Lewwiin mana ifiititti, areertii guddoo Yesuusiif qopheesse. Worri qaraxa guuru heddu'uu fi worri dhibiille isaan woliin areeratiisaaf tetee'aneeran.
BSB
BSB:
Then Levi hosted a great banquet for Jesus at his house. A large crowd of tax collectors was there, along with others who were eating with them.
30
GAX
Fariisaayotii fi worri golii isaanii te'ane barsiisoti Seera Muuse'ee gariin, «Isin worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaattan? Maaf untan?» jedhanee barattoota Yesuusiititti gungumane.
BSB
BSB:
But the Pharisees and their scribes complained to Jesus’ disciples, “Why do you eat and drink with tax collectors and sinners?”
31
GAX
Yesuus deebisee, «Worra fayyaa hin qanneef malee, worra fayyaaleyyi'iif cidheessa hin barbaachisu.
BSB
BSB:
Jesus answered,
“It is not the healthy who need a doctor, but the sick.
32
GAX
Ani cubbaaleyyii gara cubbuu irraa deebi'iisaa waamiisaaf malee, balchootaaf hin dhunne» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
I have not come to call the righteous, but sinners, to repentance.”
33
GAX
Namooti gariin Yesuusiin, «Barattooti Yohaannisii yennaa hedduu laamaa daadimatan. Barattooti fariisaayotaalle akkasuma tolchan, barattooti teeti ammoo hin nyaatanii, hin unan» jedhane.
BSB
BSB:
Then they said to Him, “John’s disciples and those of the Pharisees frequently fast and pray, but Yours keep on eating and drinking.”
34
GAX
Yesuus deebisee, «Worri jila fuudhaa fi heerumaatii waamame adoo waajibichi isaan woliin jiruu, akka laamu isin hin tolchitanii? Hin tolchitanu!
BSB
BSB:
Jesus replied,
“Can you make the guests of the bridegroom fast while He is with them?
35
GAX
Yennaan waajibichi isaan biraa fudhatamu ammoo hin dhutti. Isaan yennaa san laaman» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
But the time will come when the bridegroom will be taken from them; then they will fast.”
36
GAX
Yesuus itti aansee, mammaassalle itti mammaakee, «Eennulle woyaa haareya tarsaasee woyaa dullatti'itti hin erbu. Yoo akkana tolche, woyaa haareya san hin tarsaasa. Erbeen woyaa haareyaa woyaa dullatti'iin wol hin fuutu.
BSB
BSB:
He also told them a parable:
“No one tears a piece of cloth from a new garment and sews it on an old one. If he does, he will tear the new garment as well, and the patch from the new will not match the old.
37
GAX
Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin bayiin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu. Yoo akkana tolche, daadhiin sun qalqalluu san hin dhoochi, daadhiin hin jiddi, qalqalluulle hin bada.
BSB
BSB:
And no one pours new wine into old wineskins. If he does, the new wine will burst the skins, the wine will spill, and the wineskins will be ruined.
38
GAX
Tanaaf daadhiin hin bayiin qalqalluu haareyatti naqamu'uu malte!
BSB
BSB:
Instead, new wine is poured into new wineskins.
39
GAX
Nami daadhii woyni'ii ta baate uneen duuba ta hin bayiin uniisaaf barbaadu hin jiru. Inni, ‹Ta baate woyya› jedha» jedhe.
BSB
BSB:
And no one after drinking old wine wants new, for he says, ‘The old is better.’”
Chapter complete
You’ve read Luke 5
Chapter 5 of 24 in Luke
Up next
Luke 6
Read Luke 6
Back to Luke 4
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Luke 5
A question this chapter raises
Isn’t belief in God just wishful thinking?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Luke 4
Luke 5
Luke 6