Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.1.2
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Luke
Luke
6
GAX
BSB
A
a
Luke 6
6
Luke
Preparation and ministry in Galilee
Guji Oromo Bible
Jesus
, person
David
, person
Jerusalem
, place
Peter
, person
Judea
, place
Tyre
, place
John
, person
Sidon
, place
12 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabaruun, barattooti isaa mataa qamadi'ii kukkutanee, harkaan sukkuumatanee, nyaatane.
BSB
BSB:
One Sabbath Jesus was passing through the grainfields, and His disciples began to pick the heads of grain, rub them in their hands, and eat them.
2
GAX
Fariisaayoti gariin, «Isin waan Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin hin tolchina'a jedhu, maaf tolchitan?» jedhanee gaafatane.
BSB
BSB:
But some of the Pharisees asked, “Why are you doing what is unlawful on the Sabbath?”
3
GAX
Yesuus deebisee, «Daawitii fi worri isa woliin jiranu yennaa beelowane, waan inni tolche isin hin dubbinnee?
BSB
BSB:
Jesus replied,
“Have you not read what David did when he and his companions were hungry?
4
GAX
Inni gara mana Waaqaa seenee, daabboo Waaqa dura dhikaattu, ta silaa hayyoota malee nami tokkolle akka hin nyaanne Seerri dhooggu fuudhee nyaatee, worra isa woliin jiranuufille kenne» jedheen.
BSB
BSB:
He entered the house of God, took the consecrated bread and gave it to his companions, and ate what is lawful only for the priests to eat.”
5
GAX
Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Ilmi Namaa Goottaa Sanbataa ti» jedhe.
BSB
BSB:
Then Jesus declared,
“The Son of Man is Lord of the Sabbath.”
6
GAX
Guyyaa Sanbata dhibi'ii Yesuus gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqee barsiise. Namichi harka middicha laashoweeru tokko achi jira.
BSB
BSB:
On another Sabbath Jesus entered the synagogue and was teaching, and a man was there whose right hand was withered.
7
GAX
Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti gariin sababa Yesuus ittiin himatanu barbaadanee, akka inni guyyaa Sanbataatiin namicha fayyisu gaadane.
BSB
BSB:
Looking for a reason to accuse Jesus, the scribes and Pharisees were watching Him closely to see if He would heal on the Sabbath.
8
GAX
Yesuus ammoo yaada isaanii beekee namicha harka laashoweeruun, «Ol ka'i, fuula nama maraa dura dhaabbadhu!» jedhe. Jennaan namichi ol ka'ee achi dhaabbate.
BSB
BSB:
But Jesus knew their thoughts and said to the man with the withered hand,
“Get up and stand among us.”
So he got up and stood there.
9
GAX
Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Ani isin gaafadha: Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin maan akka tolchinu nu ajaja? Dansaa moo hamaa tolchuu? Lubbuu namaa fayyisuu moo balleessuu?» jedhe.
BSB
BSB:
Then Jesus said to them,
“I ask you, which is lawful on the Sabbath: to do good or to do evil, to save life or to destroy it?”
10
GAX
Yesuus adaala isaanii mara ilaaleen duuba, «Namichaan harka keeti diriirfadhu» jedhe. Jennaan, inni harka diriirfatee, harki isaa deebi'ee fayye.
BSB
BSB:
And after looking around at all of them, He said to the man,
“Stretch out your hand.”
He did so, and it was restored.
11
GAX
Isaan akka malee aaranee Yesuus maan akka tolchanu mari'atane.
BSB
BSB:
But the scribes and Pharisees were filled with rage and began to discuss with one another what they might do to Jesus.
12
GAX
Gaafa tokko Yesuus gara gaaraa ol bayee halkan san duudii Waaqa daadimataa bule.
BSB
BSB:
In those days Jesus went out to the mountain to pray, and He spent the night in prayer to God.
13
GAX
Yennaa latti bariite barattoota ifii gara ifii waamee, isaan keessaa worra kudhanii lamaan filatee, «Ergantoota» jedhee moggaase.
BSB
BSB:
When daylight came, He called His disciples to Him and chose twelve of them, whom He also designated as apostles:
14
GAX
Isaanille, Simoon ka inni Pheexroos jedhee moggaase, Indiryaasii obboleessa Pheexroosii, Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos, Bartolomewoos,
BSB
BSB:
Simon, whom He named Peter, and his brother Andrew; James and John; Philip and Bartholomew;
15
GAX
Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoon ka, «Hinaatticha» jedhamee beekkame,
BSB
BSB:
Matthew and Thomas; James son of Alphaeus and Simon called the Zealot;
16
GAX
Yihudaa ilma Yaaqoobiitii fi Yihudaa nama biyya keriyootii, ka Yesuus dabarsee kenne fa'a.
BSB
BSB:
Judas son of James, and Judas Iscariot, who became a traitor.
17
GAX
Yesuus ergantoota woliin gaara irraa yennaa gad bu'e, barattoota ifii worra laakkossaan heddu'uu tokko woliin addee dirree takka dhaabbate. Gumiin hedduun ta Yihudaa keessaa mara, Yerusaalem keessaa, qachoota cinaa abbaayaa Xiiroosiitii fi Sidoon keessalle'ee achi jirti;
BSB
BSB:
Then Jesus came down with them and stood on a level place. A large crowd of His disciples was there, along with a great number of people from all over Judea, Jerusalem, and the seacoast of Tyre and Sidon.
18
GAX
isaan isa dhage'iisaa fi dhukkuba ifiille fayyiisaaf dhufane. Worri ayyaana hama'aan rakkatanelle fayyane.
BSB
BSB:
They had come to hear Him and to be healed of their diseases, and those troubled by unclean spirits were healed.
19
GAX
Hunni fayyittu isa irraa bayaa isaan mara waan fayyisiisatti jirtuuf, kolbaan marti harka ifiitiin isa tuqiisaaf wodhaante.
BSB
BSB:
The entire crowd was trying to touch Him, because power was coming from Him and healing them all.
20
GAX
Ahiin duuba Yesuus barattoota ifii ilaalee, «Isin worri amma hiyyeeyyiin gammada'a; mootummaan Waaqaa teessan!
BSB
BSB:
Looking up at His disciples, Jesus said:
“Blessed are you who are poor, for yours is the kingdom of God.
21
GAX
Isin worri amma beelottanu gammada'a; hin quuttan! Isin worri amma boottanu gammada'a; hin kollitan!
BSB
BSB:
Blessed are you who hunger now, for you will be filled. Blessed are you who weep now, for you will laugh.
22
GAX
«Sababa Ilma Namaatiif, yennaa kolbaan isin jibbitee, isin fojjee, isin arrassitee gurra isin balleessite, gammada'a!
BSB
BSB:
Blessed are you when people hate you, and when they exclude you and insult you and reject your name as evil because of the Son of Man.
23
GAX
Gatii guddoo ol-gubba'atti waan qaddanuuf yennaa wonni kun teete gammadaan burraaqa'a. Abbootiin isaaniille raagota akkasuma tolchite.
BSB
BSB:
Rejoice in that day and leap for joy, because great is your reward in heaven. For their fathers treated the prophets in the same way.
24
GAX
«Isin worra amma dureeyyi'iif aanne'e; ka isin gewu fudhattaneertan!
BSB
BSB:
But woe to you who are rich, for you have already received your comfort.
25
GAX
Isin worra amma quuttaneef aanne'e; hin beelottan! Isin worra amma kolluuf aanne'e; gadditanee hin boottan!
BSB
BSB:
Woe to you who are well fed now, for you will hunger. Woe to you who laugh now, for you will mourn and weep.
26
GAX
«Yennaa kolbaan marti isin saadde isiniif aanne'e; abbootiin isaaniille raagota dharaa akkasuma tolchite.
BSB
BSB:
Woe to you when all men speak well of you, for their fathers treated the false prophets in the same way.
27
GAX
«Ani ammoo isin worra na dhageettanuuf hima: Diina keessan jaaladha'a, worra isin jibbuuf waan dansaa godha'a.
BSB
BSB:
But to those of you who will listen, I say: Love your enemies, do good to those who hate you,
28
GAX
Worra isin abaaru eebbisa'a, worra isin yakkulle'eef daadimadha'a!
BSB
BSB:
bless those who curse you, pray for those who mistreat you.
29
GAX
Yoo nami boqoo takkaa si dhabanaase, taanille itti garagalchi; yoo nami kootii teeti fudhate, shaamisiille hin dhooggatin!
BSB
BSB:
If someone strikes you on one cheek, turn to him the other also. And if someone takes your cloak, do not withhold your tunic as well.
30
GAX
Nama si kadhatu maraaf kenni, nami tokko yoo waan keeti fudhate, akka inni si'iif deebisu hin gaafatin.
BSB
BSB:
Give to everyone who asks you, and if anyone takes what is yours, do not demand it back.
31
GAX
Waan namooti dhibiin akka isinii godhanuuf barbaaddanu isinille isaaniif godha'a.
BSB
BSB:
Do to others as you would have them do to you.
32
GAX
«Worra isin jaalatu callaa yoo jaalattane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu worruma isaan jaalatu jaalatan.
BSB
BSB:
If you love those who love you, what credit is that to you? Even sinners love those who love them.
33
GAX
Worra waan dansaa isinii godhu calla'aaf yoo dansaa gootane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu akkuma san godhan.
BSB
BSB:
If you do good to those who do good to you, what credit is that to you? Even sinners do the same.
34
GAX
Worra akka isinii deebisu addattanu calla'aaf yoo liqeessitane, eebba maan dhaggatan ree? Waan liqeessane san deebi'anee fudhatiisaaf, cubbaaleyyiinuu cubbaaleyyi'iif hin liqeessan.
BSB
BSB:
And if you lend to those from whom you expect repayment, what credit is that to you? Even sinners lend to sinners, expecting to be repaid in full.
35
GAX
Isin ammoo diinota keessan jaaladha'a, waan dansaalle isaaniif godha'a. Nu'uuf deebisan jettanee adoo hin yaadin liqeessa'a. Tana yoo gootane gatii guddoo hin dhaggattan, ijoollee Waaqa Ol Aana'aalle hin teetan. Inni worra galata hin qannee fi dabaaleyyi'iifille arja'a.
BSB
BSB:
But love your enemies, do good to them, and lend to them, expecting nothing in return. Then your reward will be great, and you will be sons of the Most High; for He is kind to the ungrateful and wicked.
36
GAX
Abbaan keessan ka ol-gubba'aa ka namaaf mararu akka te'e, isinille namaaf marara'a.
BSB
BSB:
Be merciful, just as your Father is merciful.
37
GAX
«Namatti hin murina'a, Waaqille isinitti hin muru; yakkaa namatti hin murina'a, Waaqille yakkaa isinitti hin muru; namaaf araarama'a, Waaqille isiniif hin araarama.
BSB
BSB:
Do not judge, and you will not be judged. Do not condemn, and you will not be condemned. Forgive, and you will be forgiven.
38
GAX
Namaaf kenna'a, Waaqille isiniif hin kenna. Safaraa dansa'aan, gad miicamee, gingilfamee, irraan danbalaafamee isinii hin kennama. Safaraa isin worra dhibi'iif itti safartanetti Waaqille isiniif safara» jedhe.
BSB
BSB:
Give, and it will be given to you. A good measure, pressed down, shaken together, and running over will be poured into your lap. For with the measure you use, it will be measured back to you.”
39
GAX
Yesuus ittille mammaakee, «Ballaan ballaa sooressiisaaf hin dande'a? Yoo sooresse, isaan lamaanuu bowwaa bu'an.
BSB
BSB:
Jesus also told them a parable:
“Can a blind man lead a blind man? Will they not both fall into a pit?
40
GAX
Barataan tokko barsiisaa hin caalu; ammoo nami leenjii guutuu fudhate maraa, akka barsiisaa ifii hin te'a.
BSB
BSB:
A disciple is not above his teacher, but everyone who is fully trained will be like his teacher.
41
GAX
«Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta? Jigeessa ila teeti keessa jiru ammoo maaf hin hubanne?
BSB
BSB:
Why do you look at the speck in your brother’s eye but fail to notice the beam in your own eye?
42
GAX
Jigeessa ila teeti keessa jiruu adoo hin dhaggin, attamiin obboleessa keetiin, ‹Obboleessa kiyya, huura ila teeti keessa jiru san sii fuudha› jedhuu dandeetta? Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keessa jiru fudhadhu, achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta» jedhe.
BSB
BSB:
How can you say, ‘Brother, let me take the speck out of your eye,’ while you yourself fail to see the beam in your own eye? You hypocrite! First take the beam out of your own eye, and then you will see clearly to remove the speck from your brother’s eye.
43
GAX
«Muki dansaan midhaan hamaa hin buusu, muki hamaalle midhaan dansaa hin buusu.
BSB
BSB:
No good tree bears bad fruit, nor does a bad tree bear good fruit.
44
GAX
Muki martinuu midhaan buusuun beekkama; midhaan harru'uu waaccuu irraa yookiin midhaan woyni'ii kom'olcha irraa hin guuranu.
BSB
BSB:
For each tree is known by its own fruit. Indeed, figs are not gathered from thornbushes, nor grapes from brambles.
45
GAX
Nami dansaan dansummaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle hammeenna gadhaa ifii keessaa waan hamaa baasa. Waan gadhaa guute afaan dubbata.
BSB
BSB:
The good man brings good things out of the good treasure of his heart, and the evil man brings evil things out of the evil treasure of his heart. For out of the overflow of the heart the mouth speaks.
46
GAX
«Waan Ani isinitti himu adoo hin tolchin, maaf, ‹Goottaa, Goottaa› jedhaa na waantan.
BSB
BSB:
Why do you call Me ‘Lord, Lord,’ but do not do what I say?
47
GAX
Nami gara kiyya dhufu, ka dubbii tiyyalle dhage'ee hujii irra oolchu, eennu akka fakkaatu Ani isinitti mudhisa.
BSB
BSB:
I will show you what he is like who comes to Me and hears My words and acts on them:
48
GAX
Inni nama mana ifii rassaa irratti gad fageessee qotee ijaarrate tokko fakkaata. Yennaa lolaan itti lola'ee mana san darbe ammoo rassaa irratti waan ijaarameeruuf, tachoosuu hin dandeenne.
BSB
BSB:
He is like a man building a house, who dug down deep and laid his foundation on the rock. When the flood came, the torrent crashed against that house but could not shake it, because it was well built.
49
GAX
Nami dubbii tiyya dhage'ee hujii irra hin oolchine ammoo, nama hundee mana ifii adoo gad fageessee hin dhaabin ijaarrate fakkaata. Lolaan dhufee mana san yennaa darbe, takkumaan jigee, akka malee butute» jedhe.
BSB
BSB:
But the one who hears My words and does not act on them is like a man who built his house on ground without a foundation. The torrent crashed against that house, and immediately it fell—and great was its destruction!”
Chapter complete
You’ve read Luke 6
Chapter 6 of 24 in Luke
Up next
Luke 7
Read Luke 7
Back to Luke 5
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Luke 6
A question this chapter raises
Was Jesus wrong about Abiathar (Mark 2:26)?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Luke 5
Luke 6
Luke 7