Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.2.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Luke
Luke
7
GAX
BSB
A
a
Luke 7
7
Luke
Preparation and ministry in Galilee
Guji Oromo Bible
John
, person
Jesus
, person
Simon
, person
Israel
, person
Judea
, place
Capernaum
, place
Nain
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Yesuus waan san mara kolba'aan jedheen duuba, gara Qifirnaahoomii deeme.
BSB
BSB:
When Jesus had concluded His discourse in the hearing of the people, He went to Capernaum.
2
GAX
Ajajaan dhibbaa ka worra Rooma'aa tokko achi jiraayyu; tajaajilaan inni guddoo jaalatu akka malee dhibamee du'iisaaf dhikaateeraayyu.
BSB
BSB:
There a highly valued servant of a centurion was sick and about to die.
3
GAX
Ajajaan dhibbaa gurra Yesuusii yennaa dhage'e, akka inni dhufee tajaajilaa isaa fayyisuuf maanguddooti Yihudootaa gariin akka isa gaafattu itti erge.
BSB
BSB:
When the centurion heard about Jesus, he sent some Jewish elders to ask Him to come and heal his servant.
4
GAX
Isaan gara Yesuusii dhufanee, «Nami kun dhugumaan qarqaarsa keeti dhaggachuu qaba.
BSB
BSB:
They came to Jesus and pleaded with Him earnestly, “This man is worthy to have You grant this,
5
GAX
Inni kolbaa teenna jaalata, Mana Waaqonfannaa Yihudootaalle nu'uuf ijaareera» jedhaa jabeessanee kadhatane.
BSB
BSB:
for he loves our nation and has built our synagogue.”
6
GAX
Maarre Yesuus isaan woliin dhaqee, Yennaa gara manaa dhikaate ajajaan dhibbaa jaalota ifii itti ergee, «Goottaa kiyya, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti! Ifi hin rakkisin;
BSB
BSB:
So Jesus went with them. But when He was not far from the house, the centurion sent friends with the message: “Lord, do not trouble Yourself, for I am not worthy to have You come under my roof.
7
GAX
maaf jennaan, ani nama gara keeti dhufiisaaf malee moti. Ammoo afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya.
BSB
BSB:
That is why I did not consider myself worthy to come to You. But just say the word, and my servant will be healed.
8
GAX
Anille nama baallii ol aantuu qabu jala nama jiru, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa nama tokkoon, ‹Deemi› yoo jedhe, innille hin deema; ka dhibi'iin ‹Koy› yoo jedhe, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyalle'een, ‹Kana huji› yoo jedhe hin huja» jedhe.
BSB
BSB:
For I myself am a man under authority, with soldiers under me. I tell one to go, and he goes, and another to come, and he comes. I tell my servant to do something, and he does it.”
9
GAX
Yesuus tana yennaa dhage'e baaseffatee gara worra isa hordofuu midhatee, «Ani isinitti hima, dhugeeffannaa guddoo akkasii Israa'el keessalle'etti ijjumaa hin dhaggine» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
When Jesus heard this, He marveled at the centurion. Turning to the crowd following Him, He said,
“I tell you, not even in Israel have I found such great faith.”
10
GAX
Worri ergamanelle gara mana ajajaa dhibbaa deebi'anee yennaa dhufane tajaajilaan isaa fayyeeruun dhaggane.
BSB
BSB:
And when the messengers returned to the house, they found the servant in good health.
11
GAX
Eega san adoo hin turin, Yesuus gara qachaa Naayin jedhamuu tokko dhaqe; barattooti isaatii fi gumiin guddoolle isa woliin deemane.
BSB
BSB:
Soon afterward, Jesus went to a town called Nain. His disciples went with Him, accompanied by a large crowd.
12
GAX
Yennaa Yesuus seensuma karra qacha'aa bira geye, namooti reeffa ba'ataneeranu itti dhufane. Nami du'eeru sun haadha hiyyeessaa takkaaf ilma tokkocha. Gumiin guddoon qachaa sanii isii woliin jirti.
BSB
BSB:
As He approached the town gate, He saw a dead man being carried out, the only son of his mother, and she was a widow. And a large crowd from the town was with her.
13
GAX
Goottaan yennaa isii dhagge, nayeefii, «Hin bowin» jedheen.
BSB
BSB:
When the Lord saw her, He had compassion on her and said,
“Do not weep.”
14
GAX
Itti hiiqeelle raree reeffaan ba'ataneeranu harkaan tuqe. Worri reeffa ba'ateerulle dhaabbate; Yesuus, «Dargaggeessa! Ani si'iin jedha ka'i!» jedhe.
BSB
BSB:
Then He went up and touched the coffin, and those carrying it stood still.
“Young man,”
He said,
“I tell you, get up!”
15
GAX
Dargaggeessi du'e sun ol ka'ee tee'ee dubbatiisa jalqabe. Achiin duuba Yesuus deebisee haadhaaf isa kenne.
BSB
BSB:
And the dead man sat up and began to speak! Then Jesus gave him back to his mother.
16
GAX
Isaan martinuu sodaatanee, «Raagaan guddaan nu'uma keessaa ka'eera; Waaqi kolbaa ifii fayyisu'uuf dhufeera» jedhanee Waaqa galateeffatane.
BSB
BSB:
A sense of awe swept over all of them, and they glorified God. “A great prophet has appeared among us!” they said. “God has visited His people!”
17
GAX
Gurri Yesuusii biyya Yihuda'aa maraa fi adaala biyya sanii maratti dhage'ame.
BSB
BSB:
And the news about Jesus spread throughout Judea and all the surrounding region.
18
GAX
Barattooti Yohaannisii waan kana mara yennaa isatti himane, Yohaannis barattoota ifii keessaa lamaan waamee,
BSB
BSB:
Then John’s disciples informed him about all these things.
19
GAX
«Ka dhufu'uu male si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?» jedhee, akka Goottaa gaafatanuuf erge.
BSB
BSB:
So John called two of his disciples and sent them to ask the Lord, “Are You the One who was to come, or should we look for someone else?”
20
GAX
Worri ergamane yennaa gara Yesuusii dhufane, «Yohaannisiin cuuphaan, ‹Ka dhufu'uu male si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?› jedhee gara keeti nu ergeera» jedhaneen.
BSB
BSB:
When the men came to Jesus, they said, “John the Baptist sent us to ask, ‘Are You the One who was to come, or should we look for someone else?’”
21
GAX
Yennuma san Yesuus kolbaa hedduu dhibee irraa, dhukkuba adda addaa irraa, ayyaanota hamoota irraa fayyisee, worra ila balla'aa hedduulle ila bane.
BSB
BSB:
At that very hour Jesus healed many people of their diseases, afflictions, and evil spirits, and He gave sight to many who were blind.
22
GAX
Ergantoota Yohaannisiitille'een, «Deebi'aatii, waan dhaggitanee fi waan dhageettane Yohaannisitti hima'a! Ballaan hin dhagga, naafi hin ideema, ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru hin fayya, duudaan hin dhage'a, du'aan hin ka'a, Oduun Gammadaa hiyyeeyyi'iif hin lallabanti.
BSB
BSB:
So He replied,
“Go back and report to John what you have seen and heard: The blind receive sight, the lame walk, the lepers are cleansed, the deaf hear, the dead are raised, and the good news is preached to the poor.
23
GAX
Nami mamee anaan hin gufanne ka badhaadhe!» jedhe.
BSB
BSB:
Blessed is the one who does not fall away on account of Me.”
24
GAX
Ergantooti Yohaannisii deemaneeranuun duuba, Yesuus marroo Yohaannisii gumi'itti dubbatiisa jalqabee: «Maan ilaaliisaaf gara goomole'ee dhaxxane? Shonbooqqoo qilleensi daassuu?
BSB
BSB:
After John’s messengers had left, Jesus began to speak to the crowds about John:
“What did you go out into the wilderness to see? A reed swaying in the wind?
25
GAX
Maan ilaaliisaaf baatane? Nama uffana dansaa uffatee? Worri uffata dansaa uffatee fi qananiin mana moototaatitti dhaggaman.
BSB
BSB:
Otherwise, what did you go out to see? A man dressed in fine clothes? Look, those who wear elegant clothing and live in luxury are found in palaces.
26
GAX
Natti hima'a, maan ilaaliisaaf baatane? Raaga'a moo? Eeti, ka Raagaa caalu dhaggitane.
BSB
BSB:
What then did you go out to see? A prophet? Yes, I tell you, and more than a prophet.
27
GAX
Barreeffam Woyyichi marroo Yohaannisiitiif, ‹Ani ergamaa kiyya ka karaa keeti qopheessu si'iin dura erga› jedheera.
BSB
BSB:
This is the one about whom it is written: ‘Behold, I will send My messenger ahead of You, who will prepare Your way before You.’
28
GAX
Ani isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannis caalu hin jiru. Ammoo mootummaa Waaqaa keessatti ka mara caalaa diqqaatu isa caala» jedhe.
BSB
BSB:
I tell you, among those born of women there is no one greater than John, yet even the least in the kingdom of God is greater than he.”
29
GAX
Kolbaan martinuu, worri qaraxa guurulle adoo hin hafin, yennaa dubbii Yesuusii dhage'ane, waan harka Yohaannisiititti cuuphamaneeranuuf, Waaqaaf dhugaa galchane.
BSB
BSB:
All the people who heard this, even the tax collectors, acknowledged God’s justice. For they had received the baptism of John.
30
GAX
Fariisaayotii fi barsiisoti Seeraa ammoo, waan Waaqi isaanii yaadate tuffatanee, harka Yohaannisii cuupha'aatitti cuuphamuu didatane.
BSB
BSB:
But the Pharisees and experts in the law rejected God’s purpose for themselves, because they had not been baptized by John.
31
GAX
Yesuus itti dabalee, «Kolbaa bara kanaa tana maaniin wol fakkeessa? Isaan maan fakkaatan?
BSB
BSB:
“To what, then, can I compare the men of this generation? What are they like?
32
GAX
Isaan akka ijoollee dikkoo keessa teteettee, ‹Suusullee isinii afuunne, isin ammoo hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine; isin ammoo hin boonne› jedhaa wolitti woccu fakkaatan.
BSB
BSB:
They are like children sitting in the marketplace and calling out to one another: ‘We played the flute for you, and you did not dance; we sang a dirge, and you did not weep.’
33
GAX
Yohaannisiin cuuphaan adoo sagalee hin nyaatin, daadhii woyni'iille hin unin dhufee jennaan, ‹Inni durriisa ifi keessaa qaba› jettane.
BSB
BSB:
For John the Baptist came neither eating bread nor drinking wine, and you say, ‘He has a demon!’
34
GAX
Ilmi Namaa ammoo, nyaataa unaa dhufee jennaan, ‹Nama kana ilaala'a! Inni gadhitoo, machowaa, jaala worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi'ii ti› jettane.
BSB
BSB:
The Son of Man came eating and drinking, and you say, ‘Look at this glutton and drunkard, a friend of tax collectors and sinners!’
35
GAX
Te'uu malee, qaruun Waaqaa worra isii fudhatu maraan dhugaa akka teete mirkanootteerti» jedhe.
BSB
BSB:
But wisdom is vindicated by all her children.”
36
GAX
Fariisaayichi tokko Yesuus akka isa woliin nyaatuuf waamee, Yesuus mana isaa dhaqee nyaatiisaaf tee'e.
BSB
BSB:
Then one of the Pharisees invited Jesus to eat with him, and He entered the Pharisee’s house and reclined at the table.
37
GAX
Qachaa san keessa dubartii cubbaalettii takkatti jira. Maarre isiin akka inni mana Fariisaayichaatitti nyaatiisatti jiru dhageettee, fiqiree duloo albaasaaxarii irraa hojjatante guutuu fiddee,
BSB
BSB:
When a sinful woman from that town learned that Jesus was dining there, she brought an alabaster jar of perfume.
38
GAX
Yesuusiin duuba miila isaa bira dhaabbattee, bowaa imimmaaniin miila isaa jiitte. Achiin duuba rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxoottee, sunqataa fiqiree issite.
BSB
BSB:
As she stood behind Him at His feet weeping, she began to wet His feet with her tears and wipe them with her hair. Then she kissed His feet and anointed them with the perfume.
39
GAX
Fariisaayichi yennaa tana dhagge, «Nami kun dhugumaan raagaa adoo te'ee, dubartiin isa qaqqaddu tun dubartii attamii akka teete hin beekaayyu; akka isiin cubbaaletti'ii hin beekaayyu» jedhee gadhaa ifiititti yaadate.
BSB
BSB:
When the Pharisee who had invited Jesus saw this, he said to himself, “If this man were a prophet, He would know who this is and what kind of woman is touching Him—for she is a sinner!”
40
GAX
Yesuus isaan, «Simoon, ani waan si'itti himu qaba» jedhee dubbate. Innille «Barsiisa'a, Maan inni? Natti himi!» jedhe.
BSB
BSB:
But Jesus answered him,
“Simon, I have something to tell you.”
“Tell me, Teacher,” he said.
41
GAX
Namicha beesee liqeessu tokko irraa namooti lamaan ka beesee liqeeffataneeranu jiran. Tokkochi mindaa gara woggaa lamaa fi wodhakka'aa dhiyaatu liqeeffatee, kuun mindaa gara ji'a sadii dhiyaatu liqeeffate.
BSB
BSB:
“Two men were debtors to a certain moneylender. One owed him five hundred denarii, and the other fifty.
42
GAX
Isaan lamaanuu waan deebisanee kaffalanu dhabanee jennaan, inni akkasumaan isaaniif lakkise. Jara lamaan tana keessaa kamitti irra isa jaalata?
BSB
BSB:
When they were unable to repay him, he forgave both of them. Which one, then, will love him more?”
43
GAX
Simoon deebisee, «Ka liqaan guddaan isaa lakkifametti irra jaalata natti fakkaata» jedhe. Yesuus, «Dhugaa jette» jedheen.
BSB
BSB:
“I suppose the one who was forgiven more,” Simon replied.
“You have judged correctly,”
Jesus said.
44
GAX
Achiin duuba gara dubartitti'ii garagalee, Simooniin, «Dubartii tana dhaggitaa? Yennaa ani mana keeti dhufe ati bisaan miilaa naaf hin kennine. Isiin ammoo imimmaan ifiitiin miila kiyya dhixxee, rifeensa mataa ifiitiin haxxe.
BSB
BSB:
And turning toward the woman, He said to Simon,
“Do you see this woman? When I entered your house, you did not give Me water for My feet, but she wet My feet with her tears and wiped them with her hair.
45
GAX
Ati sunqattee na hin fudhanne, isiin ammoo haga ani dhufee jalqaddee miila kiyya sunqatiisa hin lakkinne.
BSB
BSB:
You did not greet Me with a kiss, but she has not stopped kissing My feet since I arrived.
46
GAX
Ati mataa kiyya zayitii hin issine, isiin ammoo fiqiree gatii guddo'oo miila kiyya issite.
BSB
BSB:
You did not anoint My head with oil, but she has anointed My feet with perfume.
47
GAX
Maarre, ani si'iin jedha, jaalalli guddaan isiin mudhitte kun, cubbuu isi'ii heddu'uuf araarri akka kenname mirkaneessa. Nami araarri diqqaan kennameef ammoo, jaalala diqqaa callaa mudhisa» jedhe.
BSB
BSB:
Therefore I tell you, her many sins have been forgiven, for she has loved much. But he who has been forgiven little loves little.”
48
GAX
Achiin duuba Yesuus dubartitti'iin «Cubbuu teetiif araarri kennameera» jedhe.
BSB
BSB:
Then Jesus said to her,
“Your sins are forgiven.”
49
GAX
Worri dhibiin ka isa woliin nyaatiisatti jiranu gariin, «Ka araara cubbu'uu kennu kun, eennu inni?» wol woliin jedhane.
BSB
BSB:
But those at the table began to say to themselves, “Who is this who even forgives sins?”
50
GAX
Yesuus ammoo dubartitti'iin, «Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi» jedhe.
BSB
BSB:
And Jesus told the woman,
“Your faith has saved you; go in peace.”
Chapter complete
You’ve read Luke 7
Chapter 7 of 24 in Luke
Up next
Luke 8
Read Luke 8
Back to Luke 6
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Luke 7
Ask Study Help
Ask anything about Luke 7
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Luke 6
Luke 7
Luke 8