Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.3.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Luke
Luke
8
GAX
BSB
A
a
Luke 8
8
Luke
Preparation and ministry in Galilee
Guji Oromo Bible
Jesus
, person
Peter
, person
Gerasa
, place
Galilee
, place
John
, person
Herod
, person
James
, person
Magdalene
, place
5 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Kanaan duuba adoo hin turin, Yesuus Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lassaa lallabaa qachootaa fi olloota keessa ideeme. Barattooti isaa kudhanii lamaanii,
BSB
BSB:
Soon afterward, Jesus traveled from one town and village to another, preaching and proclaiming the good news of the kingdom of God. The Twelve were with Him,
2
GAX
fi dubartooti gariin ta ayyaana hama'aa fi dhukkuba irraa fayyanelle isa woliin jiraniiyyu. Isaan san keessalle'ee Maariyaamii Magdalaa ta jedhantu, ta durriisoti torba keessaa baafame,
BSB
BSB:
as well as some women who had been healed of evil spirits and infirmities: Mary called Magdalene, from whom seven demons had gone out,
3
GAX
Yo'anaa niitii Kuuzaa mana Heroodisii toowatuu, Susanaa fi dubartooti hedduun dhibiin ta karra ifiitiin Yesuusii fi barattoota isaa qarqaarane.
BSB
BSB:
Joanna the wife of Herod’s household manager Chuza, Susanna, and many others. These women were ministering to them out of their own means.
4
GAX
Yennaa gumiin hedduun qachaa adda addaatii Yesuus biratti wolitti qabante, inni itti mammaakee:
BSB
BSB:
While a large crowd was gathering and people were coming to Jesus from town after town, He told them this parable:
5
GAX
«Namichi tokko sanyii facaasiisaaf baye. Adoo inni facaasuu sanyiin gariin irga kara'aa buutee, irra ijjatante; sinbirrootille qocattee nyaate.
BSB
BSB:
“A farmer went out to sow his seed. And as he was sowing, some seed fell along the path, where it was trampled, and the birds of the air devoured it.
6
GAX
Sanyiin dhibiin lafa dhakittii irra buutee, yennaa mudhiisa jalqadde, biyyeen jiidha waan hin qanneef godde.
BSB
BSB:
Some fell on rocky ground, and when it came up, the seedlings withered because they had no moisture.
7
GAX
Sanyiin dhibiin qoree keessa buutee, qoreen woliin guddattee huute.
BSB
BSB:
Other seed fell among thorns, which grew up with it and choked the seedlings.
8
GAX
Sanyiin gariin biyyee dansaa keessa buute; lattee guddattee, tokkoon tokkoon isi'ii midhaan dachaa dhibba buutte» jedhe. Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, «Gurra dhage'u ka qabu dhage'uuti!» jedhe.
BSB
BSB:
Still other seed fell on good soil, where it sprang up and produced a crop—a hundredfold.”
As Jesus said this, He called out,
“He who has ears to hear, let him hear.”
9
GAX
Barattooti Yesuusii hiikkaa mammaassa kanaa isa gaafatane.
BSB
BSB:
Then His disciples asked Him what this parable meant.
10
GAX
Inni deebisee, «Dhossaa mootummaa Waaqaa akka beettanu isiniif kennanteerti; worra kaaniif ammoo adoo ilaalanuu akka hin dhaggine, adoo dhagganuu akka hin hubanne, mammaassaan kennanti.
BSB
BSB:
He replied,
“The knowledge of the mysteries of the kingdom of God has been given to you, but to others I speak in parables, so that, ‘though seeing, they may not see; though hearing, they may not understand.’
11
GAX
«Hiikkaan mammaassaa kunoo kana: Sanyiin dubbii Waaqaa ti.
BSB
BSB:
Now this is the meaning of the parable: The seed is the word of God.
12
GAX
Sanyiin karaa irga buute, worra dubbii Waaqaa dhage'ee, durriisi ammoo dhufee akka isaan dhugeeffatanee ittiin hin fayyine, dubbii san gadhaa isaanii keessaa fudhatu.
BSB
BSB:
The seeds along the path are those who hear, but the devil comes and takes away the word from their hearts, so that they may not believe and be saved.
13
GAX
Sanyiin lafa dhakittii irra buute, worra dubbii Waaqaa dhage'ee gammadaan fudhatu. Ammoo hidda waan hin qanneef, yennaa qofaaf dhugeeffatan; yennaan haga ilaalichaa yoo dhutte ammoo hin jigan.
BSB
BSB:
The seeds on rocky ground are those who hear the word and receive it with joy, but they have no root. They believe for a season, but in the time of testing, they fall away.
14
GAX
Sanyiin qoree keessa buute, worra dhage'u; akkuma bulanee oolanuun ammoo yaaddoon, karraa fi gammachuun jiruu lafa tanaa isaan huutee, midhaan isaanii ijjumaa hin sibu.
BSB
BSB:
The seeds that fell among the thorns are those who hear, but as they go on their way, they are choked by the worries, riches, and pleasures of this life, and their fruit does not mature.
15
GAX
Sanyiin biyyee dansaa keessa buute, worra dubbii dhage'ee gadhaa qajeela'aa fi dansa'aan jabeessee qabatee, ciniinnatee ossiisaan midhaan buusu.
BSB
BSB:
But the seeds on good soil are those with a noble and good heart, who hear the word, cling to it, and by persevering produce a crop.
16
GAX
«Eennulle ifa issee, gonbisaa jala yookiin taqee jala hin keyu; worri gara manaa seenu akka ifa dhagguuf waan issaan irra keyamu irra keya.
BSB
BSB:
No one lights a lamp and covers it with a jar or puts it under a bed. Instead, he sets it on a stand, so those who enter can see the light.
17
GAX
«Wonni dhokate ka hin mudhanne hin jiru, wonni buqame ka hin beekkannee fi gara ifaa hin baane hin jiru.
BSB
BSB:
For there is nothing hidden that will not be disclosed, and nothing concealed that will not be made known and brought to light.
18
GAX
Tanaaf akka itti dhageettanu ifi eeggadha'a! Ka qabuuf ede'antee kennanti, ka hin qanne ammoo wonni inni hin qaba jedhee yaadatu diqqoon sunuu irraa fudhatanti» jedhe.
BSB
BSB:
Pay attention, therefore, to how you listen. Whoever has will be given more, but whoever does not have, even what he thinks he has will be taken away from him.”
19
GAX
Haatii fi obboleeyyan Yesuusii gara isaa dhufane; ammoo sababa gumi'iitiif isa bira geyiisa hin dadeenne.
BSB
BSB:
Then Jesus’ mother and brothers came to see Him, but they were unable to reach Him because of the crowd.
20
GAX
Nami tokko Yesuusiin, «Haati teetii fi obboleeyyan teeti si dhaggiisaaf barbaadanee ala dhaabbatan» jedhe.
BSB
BSB:
He was told, “Your mother and brothers are standing outside, wanting to see You.”
21
GAX
Yesuus ammoo deebisee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra dubbii Waaqaa dhage'ee hujii irra oolchu» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
But He replied,
“My mother and brothers are those who hear the word of God and carry it out.”
22
GAX
Gaafa tokko Yesuus barattoota ifii woliin hoboloo yaabee isaaniin, «Ka'aa gara abbaaya'aan gamaa buunaa» jedhe. Maarre isaan deemiisaaf ka'ane.
BSB
BSB:
One day Jesus said to His disciples,
“Let us cross to the other side of the lake.”
So He got into a boat with them and set out.
23
GAX
Adoo isaan hobolo'oon bu'iisatti jiranuu, Yesuus rafe. Dedhuma bubbeen gara abbaaya'aa gad bubbittee, hoboloon bisaaniin guutamiisa jalqaddee jennaan, buutoo hantuu afaan bu'ane.
BSB
BSB:
As they sailed, He fell asleep, and a windstorm came down on the lake, so that the boat was being swamped, and they were in great danger.
24
GAX
Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, «Barsiisaa, barsiisaa! Kunoo dhumataarra!» jedhaneen. Inni dammaqee bubbe'ee fi danbalii xixe; bubbe'ee fi danbaliin bisaaniille cadhisanee, cadheessi guddaan te'e.
BSB
BSB:
The disciples went and woke Him, saying, “Master, Master, we are perishing!” Then Jesus got up and rebuked the wind and the raging waters, and they subsided, and all was calm.
25
GAX
Achiin duuba inni barattootaan, «Dhugeeffannaan teessan meet?» jedheen. Isaan ammoo sodaatanee baaseffatanee, wol woliin, «Nami kun eennu? Inni bubbe'ee fi danbalii hin ajaja, isaanille isaaf hin ajajaman!» jedhane.
BSB
BSB:
“Where is your faith?”
He asked. Frightened and amazed, they asked one another, “Who is this? He commands even the winds and the water, and they obey Him!”
26
GAX
Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayaa Galiila'aatiin gama, gara biyya Gergeesa'aa hobolo'oon bu'ane.
BSB
BSB:
Then they sailed to the region of the Gerasenes, across the lake from Galilee.
27
GAX
Akkuma Yesuus qarqara bisaaniititti bu'een, namichi qachaa sanii, ka durriisaan qabameeru tokko itti dhufe. Namichi kun yennaa hedduu woyaa hin uffatu, manalle hin le'u, ammoo yennaa hedduu goda awwaalaa keessa le'a.
BSB
BSB:
When Jesus stepped ashore, He was met by a demon-possessed man from the town. For a long time this man had not worn clothing or lived in a house, but he stayed in the tombs.
28
GAX
Inni yennaa Yesuus dhagge, miila isaa duratti jigee, guddisee iyyee, «Ee Yesuus, Ilma Waaqa Ol Aana'aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, na hin rakkisin!» jedhe.
BSB
BSB:
When the man saw Jesus, he cried out and fell down before Him, shouting in a loud voice, “What do You want with me, Jesus, Son of the Most High God? I beg You not to torture me!”
29
GAX
Waan Yesuus akka ayyaanni hamaan namicha keessaa bayu ajajeeruuf, inni akkana jedhe. Yennaa hedduu ayyaanni hamaan waan itti ka'uuf, wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa eegamulle, hidhaa san kukkutaa, hunna ayyaana hama'aatiin gara goomole'ee oofamaa ture.
BSB
BSB:
For Jesus had commanded the unclean spirit to come out of the man. Many times it had seized him, and though he was bound with chains and shackles, he had broken the chains and been driven by the demon into solitary places.
30
GAX
Yesuus, «Maqaan keeti eennu?» jedhee isa gaafannaan, durriisoti bacaan waan itti galaneeranuuf, inni deebisee, «Maqaan kiyya duula» jedhe.
BSB
BSB:
“What is your name?”
Jesus asked. “Legion,” he replied, because many demons had gone into him.
31
GAX
Durriisoti gara bowwaa qile'ee akka isaan hin ergine Yesuus kadhatane.
BSB
BSB:
And the demons kept begging Jesus not to order them to go into the Abyss.
32
GAX
Roga gooroo sanii gubbaa, booyyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. Maarre durriisoti gara booyyotaa akka galanuuf, Yesuus akka eeyyamu kadhatane; innille isaaniif eeyyame.
BSB
BSB:
There on the hillside a large herd of pigs was feeding. So the demons begged Jesus to let them enter the pigs, and He gave them permission.
33
GAX
Durriisoti namicha keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante.
BSB
BSB:
Then the demons came out of the man and went into the pigs, and the herd rushed down the steep bank into the lake and was drowned.
34
GAX
Worri booyyee tissanu yennaa waan te'e kana dhaggane, baqatanee worra qacha'aatii fi biyya saniititti odeessane.
BSB
BSB:
When those tending the pigs saw what had happened, they ran off and reported this in the town and countryside.
35
GAX
Kolbaan waan te'e san dhaggiisaaf, yennaa gara Yesuusii dhutte, namichi durriisi keessaa baye woyaa uffatee qalbiin itti deebitee, miila Yesuusii bira tee'eeruun dhaggite martinuu sodaatte.
BSB
BSB:
So the people went out to see what had happened. They came to Jesus and found the man whom the demons had left, sitting at Jesus’ feet, clothed and in his right mind; and they were afraid.
36
GAX
Namichi attam akka itti fayye worri dhaggane kolba'atti himane.
BSB
BSB:
Meanwhile, those who had seen it reported how the demon-possessed man had been healed.
37
GAX
Achiin duuba kolbaan biyya Gergeesa'aa martinuu akka malee waan sodaatteef, Yesuus akka isaan lakkisee deemuuf gaafatte. Maarre Yesuus hoboloo yaabee achii deeme.
BSB
BSB:
Then all the people of the region of the Gerasenes asked Jesus to depart from them, because great fear had taken hold of them. So He got into the boat and started back.
38
GAX
Namichi durriisoti keessaa bayane, «Si woliin deemuu?» jedhee Yesuus kadhate. Yesuus ammoo,
BSB
BSB:
The man whom the demons had left begged to go with Jesus. But He sent him away, saying,
39
GAX
«Gara mana keetii deebi'ii, waan Waaqi si'iif godhe himi» jedhee isa erge. Namichi waan guddoo Yesuus isaaf godhe himaa, qachaa keessa deeme.
BSB
BSB:
“Return home and describe how much God has done for you.”
So the man went away and proclaimed all over the town how much Jesus had done for him.
40
GAX
Yennaa Yesuus gara abbaaya'aan gamaa deebi'e, isaan martinuu waan isa eegiisatti jiranuuf, kolbaan isa fudhatte.
BSB
BSB:
When Jesus returned, the crowd welcomed Him, for they had all been waiting for Him.
41
GAX
Achiin duuba namichi Yaayiroos jedhamu, bulchaan mana Waaqonfannaa Yihudoota tokko dhufee, miila Yesuusii jalatti jigee akka inni gara mana isaa dhaquuf kadhate.
BSB
BSB:
Just then a synagogue leader named Jairus came and fell at Jesus’ feet. He begged Him to come to his house,
42
GAX
Sababille intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudhanii lamaa, du'iisa geetteertiiyyu. Adoo Yesuus dhaqiisaaf karaa irra jiruu, kolbaan gara maraan isa dhiphitte.
BSB
BSB:
because his only daughter, who was about twelve, was dying. As Jesus went with him, the crowds pressed around Him,
43
GAX
Dubartittiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi dhaabbatuu didee rakkataa turte takka achi jirti; waan qaddu maraa cidheeyyi'itti fixxe; eennulle ammoo isii fayyisu'uuf hin dandeenne.
BSB
BSB:
including a woman who had suffered from bleeding for twelve years. She had spent all her money on physicians, but no one was able to heal her.
44
GAX
Isiin duuba Yesuusiitiin dhuttee handaara woyaa isaa tuxxee, dhiigi isi'ii ka jigu yoosuma dhaabbate.
BSB
BSB:
She came up behind Jesus and touched the fringe of His cloak, and immediately her bleeding stopped.
45
GAX
Yesuus, «Ka ana tuqe eennu?» jedhee gaafate. Nami martinuu mormannaan, Pheexroos, «Barsiisa'a, kolbaan marti si dhiphittee, si dhiibiisatti jirti» jedhe.
BSB
BSB:
“Who touched Me?”
Jesus asked. But they all denied it. “Master,” said Peter, “the people are crowding and pressing against You.”
46
GAX
Yesuus ammoo, «Hunni fayyittu na keessaa akka baate ani waan beekuuf, nami tokko na tuqeera» jedhe.
BSB
BSB:
But Jesus declared,
“Someone touched Me, for I know that power has gone out from Me.”
47
GAX
Dubartittiin akka dhokattee hafaa hin jirre dhaggitee, rorommaa dhuttee miila Yesuusiititti jidde. Achiin duuba maaf akka isa tuxxee fi yoosuma attam akka fayyite kolbaa duratti itti hinte.
BSB
BSB:
Then the woman, seeing that she could not escape notice, came trembling and fell down before Him. In the presence of all the people, she explained why she had touched Him and how she had immediately been healed.
48
GAX
Yesuus isi'iin, «Intala tiyya dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi» jedhe.
BSB
BSB:
“Daughter,”
said Jesus,
“your faith has healed you. Go in peace.”
49
GAX
Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, nami tokko mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii dhufee, «Intalti teeti duuteerti. Yoona barsiisaa hin rakkisin» jedhe.
BSB
BSB:
While He was still speaking, someone arrived from the house of the synagogue leader. “Your daughter is dead,” he told Jairus. “Do not bother the Teacher anymore.”
50
GAX
Yesuus ammoo yennaa waan kana dhage'e Yaayiroosiin, «Hin sodaatin; dhugeeffadhu malee, intalti teeti hin fayyiti» jedhe.
BSB
BSB:
But Jesus overheard them and said to Jairus,
“Do not be afraid; just believe, and she will be healed.”
51
GAX
Yesuus mana Yaayiroosii bira yennaa geye, Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, abba'aa fi haadha intalaa malee eennulle isa woliin akka seenuuf hin eeyyanne.
BSB
BSB:
When He entered the house, He did not allow anyone to go in with Him except Peter, John, James, and the child’s father and mother.
52
GAX
Namooti achi jiranu martinuu intalaaf bowanee wiiccifatane. Yesuus ammoo, «Hin bowina'a; intalti rafiisatti jirti malee, hin duune» jedhe.
BSB
BSB:
Meanwhile, everyone was weeping and mourning for her. But Jesus said,
“Stop weeping; she is not dead but asleep.”
53
GAX
Isaan akka intalti duuteertu waan beekanuuf, marti isaaniituu itti kollane.
BSB
BSB:
And they laughed at Him, knowing that she was dead.
54
GAX
Yesuus ammoo harka isi'ii qabee, «Intala, ka'i!» jedhee waame.
BSB
BSB:
But Jesus took her by the hand and called out,
“Child, get up!”
55
GAX
Lubbuun isi'ii itti deebitee, yoosuma ol kaate; Yesuus ammoo waan nyaattu akka isi'iif kennanu isaan ajaje.
BSB
BSB:
Her spirit returned, and at once she got up. And He directed that she be given something to eat.
56
GAX
Worri isi'ii maalalfatane; Yesuus ammoo waan te'e kana eennulle'etti akka hin hinne isaan ajaje.
BSB
BSB:
Her parents were astounded, but Jesus ordered them not to tell anyone what had happened.
Chapter complete
You’ve read Luke 8
Chapter 8 of 24 in Luke
Up next
Luke 9
Read Luke 9
Back to Luke 7
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Luke 8
A question this chapter raises
Was Jesus married?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Luke 7
Luke 8
Luke 9