Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.0.0
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Mark
Mark
14
GAX
BSB
A
a
Mark 14
14
Mark
Death and resurrection
Guji Oromo Bible
Jesus
, person
Peter
, person
Judas
, person
Galilee
, place
John
, person
Nazareth
, place
James
, person
Olives Mount
, place
3 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Amma, Jila Irra Dabaramaatii fi Jila Daabboo Uukoo Hin Qanneetiif guyyaa lamatti hafeera. Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yesuus attamiin akka qabanee ijjeesanu dhokaataan mari'atane.
BSB
BSB:
Now the Passover and the Feast of Unleavened Bread were two days away, and the chief priests and scribes were looking for a covert way to arrest Jesus and kill Him.
2
GAX
Isaan, «Kolbaan waan raafantuuf yennaa jilaa tana hin tolchinu» jedhane.
BSB
BSB:
“But not during the feast,” they said, “or there may be a riot among the people.”
3
GAX
Yesuus Bitaaniya'atti mana Simoonii dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dur qabameeruutitti adoo areerratiisatti jiruu, dubartiin takka fiqiree makaa hin qanne ta hidda muka naardoosii irraa hujante, ta gatii guddo'oo, duloo dhakaa albaasaaxarii irraa hujame guutuu fidde; duloo san cassitee fiqiree san mataa Yesuusiititti naxxe.
BSB
BSB:
While Jesus was in Bethany reclining at the table in the home of Simon the Leper, a woman came with an alabaster jar of expensive perfume, made of pure nard. She broke open the jar and poured it on Jesus’ head.
4
GAX
Nami gariin ammoo aaree, «Fiqireen tun maaf akkanaan baddi?
BSB
BSB:
Some of those present, however, expressed their indignation to one another: “Why this waste of perfume?
5
GAX
Fiqireen tun silaa mindaa woggaa tokkoo caala'atti gurgurantee, beeseen sun hiyyeeyyi'iif hin kennamaayyu» woliin jedhanee, hincinnayanee isii malchane.
BSB
BSB:
It could have been sold for over three hundred denarii and the money given to the poor.” And they scolded her.
6
GAX
Yesuus ammoo, «Isii lakkisa'a! Isin maaf isii rakkittan? Isiin waan dansaa naaf gooteerti.
BSB
BSB:
But Jesus said,
“Leave her alone; why are you bothering her? She has done a beautiful deed to Me.
7
GAX
Hiyyeeyyiin yennaa maraa isiniin woliin jiran; yennuma feetane isin isaan qarqaaruu hin dandeettan. Ani ammoo yennaa mara isin woliin hin jiraadhu.
BSB
BSB:
The poor you will always have with you, and you can help them whenever you want. But you will not always have Me.
8
GAX
Isiin waan dandeette goote; duraan dursitee nafa kiyyatti fiqiree naxxee awwaalaaf qopheessite.
BSB
BSB:
She has done what she could to anoint My body in advance of My burial.
9
GAX
Ani dhugumaan isinitti hima, biyyaa lafaa irratti Oduun Gammadaa addee lallabantu maratti wonni isiin goote kun qaabbii isi'ii te'ee himama» jedhe.
BSB
BSB:
And truly I tell you, wherever the gospel is preached in all the world, what she has done will also be told in memory of her.”
10
GAX
Achiin duuba Yihudaan nami biyya Keriyootii barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, Yesuus dabarsee kenniisaaf gara sooreyyii hayyootaa dhaqe.
BSB
BSB:
Then Judas Iscariot, one of the Twelve, went to the chief priests to betray Jesus to them.
11
GAX
Isaan waan kana yennaa dhage'ane, gammadanee, beesee isaa kenniisaaf addachiisane. Maarre Yihudaan Yesuus dabarsee kenniisaaf yennaa dagu'uu barbaadate.
BSB
BSB:
They were delighted to hear this, and they promised to give him money. So Judas began to look for an opportunity to betray Jesus.
12
GAX
Guyyaa jalqaba Jila Daabboo Uukoo Hin Qanneetitti, yennaa hooleen Jila Irra Dabaramaa qalame, barattooti, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa eessatti akka si'iif qopheessinu barbaadda?» jedhanee Yesuus gaafatane.
BSB
BSB:
On the first day of the Feast of Unleavened Bread, when the Passover lamb was to be sacrificed, Jesus’ disciples asked Him, “Where do You want us to prepare for You to eat the Passover?”
13
GAX
Yesuus barattoota ifii lamaaniin, «Gara qacha'aa deema'a! Nama tokko ka okkotee bisaanii kaafateeru dhaggitan. Isa faana deema'aatii,
BSB
BSB:
So He sent two of His disciples and told them,
“Go into the city, and a man carrying a jug of water will meet you. Follow him,
14
GAX
abbaa mana inni seenuutiin, ‹Kolloon keessumma'aa ta ani barattoota tiyya woliin sagalee Jila Irra Dabaramaa keessatti nyaadhu eessa jirti? Si'iin jedha barsiisaan› jedha'a.
BSB
BSB:
and whichever house he enters, say to the owner, ‘The Teacher asks: Where is My guest room, where I may eat the Passover with My disciples?’
15
GAX
Achiin duuba inni kolloo mana irraa badhoo, ta meya manaatiin guutantee afante takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu'uuf qopheessa'a» jedhee erge.
BSB
BSB:
And he will show you a large upper room, furnished and ready. Make preparations for us there.”
16
GAX
Barattooti sun ka'anee gara qachaa gudda'aa dhaqanee, waan maraa akkuma inni isaanitti hime dhaggane; sagalee Jila Irra Dabaramaalle qopheessane.
BSB
BSB:
So the disciples left and went into the city, where they found everything as Jesus had described. And they prepared the Passover.
17
GAX
Yennaa latti galgalootte Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan woliin dhufe.
BSB
BSB:
When evening came, Jesus arrived with the Twelve.
18
GAX
Adoo isaan qori'itti hiiqanee nyaatiisatti jiranuu, Yesuus, «Ani dhugumaan isinitti hima; isin keessaa nami tokko, ka na woliin nyaatiisatti jiru dabarsee ana hin kenna» jedhe.
BSB
BSB:
And while they were reclining and eating, Jesus said,
“Truly I tell you, one of you who is eating with Me will betray Me.”
19
GAX
Barattooti laaleffatanee, «Dhugumaan anaan jechuu keetii moti! Jechuu keetii?» jedhanee badoo bado'oon isa gaafatane.
BSB
BSB:
They began to be grieved and to ask Him one after another, “Surely not I?”
20
GAX
Yesuus isaaniin, «Inni isin nama kudhanii lamaan keessaa tokko, ka na woliin qorii tanatti cuuphataa nyaataaru.
BSB
BSB:
He answered,
“It is one of the Twelve—the one who is dipping his hand into the bowl with Me.
21
GAX
Ilmi namaa akkuma marroo isaatiif barreeffante hin du'a; ammoo nama Ilma Namaa dabarsee kennuuf aanne'e! Inni adoo ijjumaa dhalatiisa dhabee jiraatee isaa woyya!» jedhe.
BSB
BSB:
The Son of Man will go just as it is written about Him, but woe to that man by whom He is betrayed! It would be better for him if he had not been born.”
22
GAX
Adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus xaltaa daabbo'oo fuudhee, eebbisee, caccassee, barattoota ifiitiif kennee, «Fudhadha'a; kun foon kiyya!» jedhe.
BSB
BSB:
While they were eating, Jesus took bread, spoke a blessing and broke it, and gave it to the disciples, saying,
“Take it; this is My body.”
23
GAX
Achiin duuba Inni muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, isaaniif kenne; isaan maraa muduunuu keessaa unane.
BSB
BSB:
Then He took the cup, gave thanks, and gave it to them, and they all drank from it.
24
GAX
Yesuus «Kun dhiiga kiyya, ka kolbaa heddu'uuf dhangala'e, ka Waaqi ittiin gondoore.
BSB
BSB:
He said to them,
“This is My blood of the covenant, which is poured out for many.
25
GAX
Ani dhugumaan isinitti hima; mootummaa Waaqaa keessaatitti haga guyyaa daadhii Woyni'ii haareya unutti ijjumaa deebi'ee daadhii Woyni'ii hin unu» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
Truly I tell you, I will no longer drink of the fruit of the vine until that day when I drink it anew in the kingdom of God.”
26
GAX
Achiin duuba isaan faaruu faarsanee, gara gaara ejersaa ol bayane.
BSB
BSB:
And when they had sung a hymn, they went out to the Mount of Olives.
27
GAX
Yesuus isaaniin, «Barreeffam Woyyichi, ‹Ani tissee hin dhowa; hoolotille hin xexeeraman›, waan jedhuuf isin martinuu na lakkittanee hin baqattan.
BSB
BSB:
Then Jesus said to them,
“You will all fall away, for it is written: ‘I will strike the Shepherd, and the sheep will be scattered.’
28
GAX
Ani ammoo du'aa ka'een duuba isiniin dura gara Galiila'aa dhaqa» jedhe.
BSB
BSB:
But after I have risen, I will go ahead of you into Galilee.”
29
GAX
Pheexroos Yesuusiin, «Isaan martinuu si lakkisanee yoo baqatanelle ani ijjumaa si lakkisee hin baqadhu!» jedhe.
BSB
BSB:
Peter declared, “Even if all fall away, I never will.”
30
GAX
Yesuus Pheexroosiin, «Ani dhugumaan si'iin jedha; halkanuma kana adoo lukkuun yennaa lamaan hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» jedhe.
BSB
BSB:
“Truly I tell you,”
Jesus replied,
“this very night, before the rooster crows twice, you will deny Me three times.”
31
GAX
Pheexroos ammoo afaan guutatee «Ani si woliin du'uuf yoo barbaachiselle, ijjumaa si hin mormadhu» jedhe. Isaan martinuu akkasuma jedhane.
BSB
BSB:
But Peter kept insisting, “Even if I have to die with You, I will never deny You.” And all the others said the same thing.
32
GAX
Yesuusii fi barattooti isaa addee Getesemaanee jedhantu takka dhaqanee, inni isaaniin «Haga Ani daadimadhu asi tee'a'a» jedhe.
BSB
BSB:
Then they came to a place called Gethsemane, and Jesus told His disciples,
“Sit here while I pray.”
33
GAX
Inni Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis ifi biratti fuudhee, gaddee laaleffatee,
BSB
BSB:
He took with Him Peter, James, and John, and began to be deeply troubled and distressed.
34
GAX
isaaniin, «Ani qixxee du'aatitti guddoo gadde. Isin as tura'a; dammaqa'a» jedhe.
BSB
BSB:
Then He said to them,
“My soul is consumed with sorrow to the point of death. Stay here and keep watch.”
35
GAX
Yesuus haga diqqoo irraa hiiqee lafatti jigee, yoo dande'ame yennaan rakkinnaa sun akka isa irra dabartu, «Abbaa kiyya wonni mara si'iif hin dande'ama; muduunuu rakkinnaa kana na irraa dabarsi! Ammoo akka fedha keetii teetuu malee, akka fedha kiyyaa hin te'in» jedhee daadimate.
BSB
BSB:
Going a little farther, He fell to the ground and prayed that, if it were possible, the hour would pass from Him.
37
GAX
Achiin duuba inni deebi'ee dhufee, barattooti sadiin sun rafaneeranuun dhaggee, Pheexroosiin, «Simoon rateertaa? Saatuma takkaalle dammaxxee tee'iisaaf hin dandeennee?
BSB
BSB:
Then Jesus returned and found them sleeping.
“Simon, are you asleep?”
He asked.
“Were you not able to keep watch for one hour?
38
GAX
Akka hin ataabanne, dammaqa'aatii daadimadha'a! Ayyaanni namaa hin halcha; foon ammoo dadhaba'a» jedhe.
BSB
BSB:
Watch and pray so that you will not enter into temptation. For the spirit is willing, but the body is weak.”
39
GAX
Inni ammalle achi dhaqee, akkuma angafa jedhe jedhaa daadimate.
BSB
BSB:
Again He went away and prayed, saying the same thing.
40
GAX
Yesuus gara barattootaa yennaa deebi'ee dhufe, ilti isaanii waan dunquuqotteertuuf rafaneeranuun dhagge; isaan waan deeffatanulle wollaalane.
BSB
BSB:
And again Jesus returned and found them sleeping, for their eyes were heavy. And they did not know what to answer Him.
41
GAX
Inni sadeessoo, yennaa deebi'ee gara isaanii dhufe, «Isin ammalle rattanee foorfatiisatti jirtanii? Yoona geette! Saatiin geetteerti! Kunoo, Ilmi namaa harka cubbaaleyyi'iititti dabarfamee kennamaara.
BSB
BSB:
When Jesus returned the third time, He said,
“Are you still sleeping and resting? That is enough! The hour has come. Look, the Son of Man is betrayed into the hands of sinners.
42
GAX
Ka'aa, deemnaa! Kunoo ka ana dabarsee kennu dhikaateera» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
Rise, let us go. See, My betrayer is approaching!”
43
GAX
Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, barattoota isaa kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e Yihudaan dhufee biraan baye. Gumiin shallaaga'aa fi ulee-jirma qabatteertu, sooreyyii hayyootaa, barsiisota Seera Muuse'eetii fi maanguddootaan ta ergante isa woliin dhutte.
BSB
BSB:
While Jesus was still speaking, Judas, one of the Twelve, arrived, accompanied by a crowd armed with swords and clubs, sent from the chief priests, scribes, and elders.
44
GAX
Yihudaan, «Nami ani sunqadhu ka isin barbaaddanu. Isa qaba'aatii eegaa fuudha'aa deema'a» jedhee isaaniif beessisa kenneera.
BSB
BSB:
Now the betrayer had arranged a signal with them: “The One I kiss is the man; arrest Him and lead Him away securely.”
45
GAX
Yihudaan akkuma achi geyeen, gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisa'a!» jedhee isa sunqate.
BSB
BSB:
Going directly to Jesus, he said, “Rabbi!” and kissed Him.
46
GAX
Maarre isaan Yesuus qabanee hidhane.
BSB
BSB:
Then the men seized Jesus and arrested Him.
47
GAX
Worra achi dhaabbataneeranu keessaa tokkochi shallaagaa buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra irraa kute.
BSB
BSB:
And one of the bystanders drew his sword and struck the servant of the high priest, cutting off his ear.
48
GAX
Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Akka ani yakkaamessaa shallaaga'aa fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee?
BSB
BSB:
Jesus asked the crowd,
“Have you come out with swords and clubs to arrest Me as you would an outlaw?
49
GAX
Guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessatti barsiisaa isinuma woliin ture; isin na hin qanne. Ammoo Barreeffam Woyyichi wonni jedhu mummowiisaa malte» jedhe.
BSB
BSB:
Every day I was with you, teaching in the temple courts, and you did not arrest Me. But this has happened that the Scriptures would be fulfilled.”
50
GAX
Achiin duuba barattooti martinuu Yesuus lakkisanee baqatane.
BSB
BSB:
Then everyone deserted Him and fled.
51
GAX
Dargaggeessi tokko, ka woyaa qoola quncee talba'aa irraa hujante callaa uffateeru isa hordofe. Yennaa isaan isa qabane,
BSB
BSB:
One young man who had been following Jesus was wearing a linen cloth around his body. They caught hold of him,
52
GAX
inni woyaa itti mulqatee, muxuqatee qullaa dheete.
BSB
BSB:
but he pulled free of the linen cloth and ran away naked.
53
GAX
Achiin duuba gara mana hayyicha gudda'aa, addee sooreyyiin hayyootaa, maanguddootii fi barsiisoti Seera Muuse'ee wolitti qabamanu Yesuus geessane.
BSB
BSB:
They led Jesus away to the high priest, and all the chief priests, elders, and scribes assembled.
54
GAX
Pheexroos Yesuus irraa fagaatee, haga badhinna dalleya hayyicha gudda'aa seenutti hordofee, gula deeme. Achitti inni eeddota woliin tee'ee, ibidda qanqaammate.
BSB
BSB:
Peter followed Him at a distance, right into the courtyard of the high priest. And he sat with the officers and warmed himself by the fire.
55
GAX
Sooreyyiin hayyootaatii fi korri murti'ii duudiinuu, Yesuus ijjeesisiisaaf, nama yakkaa isaa himatu barbaadane. Ammoo nama isa himatu tokkolle hin dhaggine.
BSB
BSB:
Now the chief priests and the whole Sanhedrin were seeking testimony against Jesus to put Him to death, but they did not find any.
56
GAX
Nami hedduun dharaan Yesuus himate; ammoo afaan isaanii tokko hin teene.
BSB
BSB:
For many bore false witness against Jesus, but their testimony was inconsistent.
57
GAX
Achiin duuba nami gariin ol ka'anee, « ‹Ani Galma Waaqaa ka harka namaatiin ijaarame kana diigee, guyyaa saditti ka dhibii ka harka namaatiin hin ijaaranne ijaara›, jedhuun dhageenneerra» jedhanee dharaan itti dhugaa bayane.
BSB
BSB:
Then some men stood up and testified falsely against Him:
59
GAX
Ammoo teetuu malee wonni isaan jedhane afaan tokko hin teene.
BSB
BSB:
But even their testimony was inconsistent.
60
GAX
Hayyichi guddaan kora murti'ii duratti ol ka'ee, Yesuusiin, «Waan isaan si himatane kanaaf ati deebii hin qadduu?» jedhee gaafate.
BSB
BSB:
So the high priest stood up before them and questioned Jesus, “Have You no answer? What are these men testifying against You?”
61
GAX
Inni cadhise malee womaa hin dubbanne. Ammalle hayyichi guddaan isaan, «Masiihiin, Ilmi Waaqa ulfaata'aa si'ii?» jedhee gaafate.
BSB
BSB:
But Jesus remained silent and made no reply. Again the high priest questioned Him, “Are You the Christ, the Son of the Blessed One?”
62
GAX
Yesuus, «Ee ana; Ilmi namaa midda Waaqaa waan mara godhuu dande'u tee'ee ol-gubba'aa duumensaan dhufuun hin dhaggitan» jedhe.
BSB
BSB:
“I am,”
said Jesus,
“and you will see the Son of Man sitting at the right hand of Power and coming with the clouds of heaven.”
63
GAX
Hayyichi guddaan woyaa ifii tarsaasee, «Dhugaa dhibii maaf barbaanna?
BSB
BSB:
At this, the high priest tore his clothes and declared, “Why do we need any more witnesses?
64
GAX
Inni Waaqa faanshessuun isinuu dhageettane. Murtiin teessan maan ree?» jedhe. Isaan martinuu afaan tokko te'anee, ijjeefamu'uu male jedhanee itti murane.
BSB
BSB:
You have heard the blasphemy. What is your verdict?” And they all condemned Him as deserving of death.
65
GAX
Namooti gariin Yesuusitti tufanee, ila isaalle hidhanee, «Eentu si dhowe? Me raagii himi» jedhaa tuntummu'uun isa dhowane. Worri eegulle fuudhee isa kakkabale.
BSB
BSB:
Then some of them began to spit on Him. They blindfolded Him, struck Him with their fists, and said to Him, “Prophesy!” And the officers received Him with slaps in His face.
66
GAX
Pheexroos ammalle badhinna dalleyaa keessa adoo jiruu, durroota hayyicha gudda'aaf tajaajiltu keessaa takkaan dhuttee biraan baate.
BSB
BSB:
While Peter was in the courtyard below, one of the servant girls of the high priest came down
67
GAX
Isiin Pheexroos ibidda qanqaammatuun yennaa dhaggite, isa hubattee ilaaltee, «Atille Yesuusii biyya Naaziretii woliin jirtaayyu» jetteen.
BSB
BSB:
and saw him warming himself there. She looked at Peter and said, “You also were with Jesus the Nazarene.”
68
GAX
Inni ammoo, «Waawwo'o! Wonni ati dubbatiisatti jirtu kun naaf hin galu» jedhee mormate. Achiin duuba akkuma inni gara hulaa karraa bayeen lukkuun iyyite.
BSB
BSB:
But he denied it. “I do not know or even understand what you are talking about,” he said. Then he went out to the gateway, and the rooster crowed.
69
GAX
Ammalle durrittiin tajaajiltittiin tuun isa dhaggitee worra achi dhaabbateeruun, «Namichi kun nama isaanii ti!» jette.
BSB
BSB:
There the servant girl saw him and again said to those standing nearby, “This man is one of them.”
70
GAX
Pheexroos ammoo ammalle mormate. Yennaa diqqo'oon duuba worri achi dhaabbateeru Pheexroosiin, «Ati nama Galiila'aa waan teeteef, dhugumaan ati nama isaanii ti» jedhane.
BSB
BSB:
But he denied it again. After a little while, those standing nearby said once more to Peter, “Surely you are one of them, for you too are a Galilean.”
71
GAX
Inni ammoo, «Namicha isin jettanu kana ani hin beeku» jedhee ifi abaaraa kakatiisatti ka'e.
BSB
BSB:
But he began to curse and swear, “I do not know this man of whom you speak!”
72
GAX
Yennuma san lukkuun lammeessoo iyyite. Achiin duuba Pheexroos dubbii Yesuus, «Adoo lukkuun yennaa lamaan hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» isaan jedhe qaabatee, laallefatee bowe.
BSB
BSB:
And immediately the rooster crowed a second time. Then Peter remembered the word that Jesus had spoken to him:
“Before the rooster crows twice, you will deny Me three times.”
And he broke down and wept.
Chapter complete
You’ve read Mark 14
Chapter 14 of 16 in Mark
Up next
Mark 15
Read Mark 15
Listen
Back to Mark 13
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Mark 14
A question this chapter raises
Was Jesus a Muslim?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Mark 13
Mark 14
Mark 15